< Ermiyaas 51 >

1 Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatutti bubbee waa balleessu nan kaasa.
This is what the LORD says: “Behold, I will stir up against Babylon and against the people of Leb-kamai the spirit of a destroyer.
2 Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniif ormoota Baabilonitti nan erga; isaan gaafa badiisa ishee, karaa hundaanuu isheen mormu.
I will send strangers to Babylon to winnow her and empty her land; for they will come against her from every side in her day of disaster.
3 Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin, yookaan miʼa lolaa hin hidhatin. Dargaggoota ishee hin baasinaa; loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa.
Do not let the archer bend his bow or put on his armor. Do not spare her young men; devote all her army to destruction!
4 Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu; daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu.
And they will fall slain in the land of the Chaldeans, and pierced through in her streets.
5 Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel duratti yakkaan guutamtee jiraatte iyyuu Waaqni isaanii, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼelii fi Yihuudaa hin ganne.
For Israel and Judah have not been abandoned by their God, the LORD of Hosts, though their land is full of guilt before the Holy One of Israel.”
6 “Baabilon keessaa baqadhaa! Lubbuu keessan oolfadhaa! Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa. Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Waaqayyoo ti; innis gatii isheef malu ni kennaaf.
Flee from Babylon! Escape with your lives! Do not be destroyed in her punishment. For this is the time of the LORD’s vengeance; He will pay her what she deserves.
7 Baabilon harka Waaqayyoo keessatti xoofoo warqee turte; isheen guutummaa lafaa ni macheessite. Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan; kanaafuu amma maraataniiru.
Babylon was a gold cup in the hand of the LORD, making the whole earth drunk. The nations drank her wine; therefore the nations have gone mad.
8 Baabilon akkuma tasaa kuftee caccabdi; isheef booʼaa! Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii; tarii isheen ni fayyiti taʼaatii.
Suddenly Babylon has fallen and been shattered. Wail for her; get her balm for her pain; perhaps she can be healed.
9 “‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra; isheen garuu fayyuu hin dandeessu; kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifnee gara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu; murtiin ishee hamma samiitti ol baʼee, hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’
“We tried to heal Babylon, but she could not be healed. Abandon her! Let each of us go to his own land, for her judgment extends to the sky and reaches to the clouds.”
10 “‘Waaqayyo qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera; kottaa, waan Waaqayyo Waaqni keenya hojjete Xiyoon keessatti haa odeessinu.’
“The LORD has brought forth our vindication; come, let us tell in Zion what the LORD our God has accomplished.”
11 “Xiyya qaradhaa; gaachana illee fudhadhaa! Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeef Waaqayyo mootota Meedee kakaaseera. Waaqayyo haaloo ni baʼa; mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa.
Sharpen the arrows! Fill the quivers! The LORD has aroused the spirit of the kings of the Medes, because His plan is aimed at Babylon to destroy her, for it is the vengeance of the LORD— vengeance for His temple.
12 Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa! Eegumsa jajjabeessaa; eegduu dhaabaa; warra riphee eeggatu qopheessaa! Waaqayyo kaayyoo isaa waan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata.
Raise a banner against the walls of Babylon; post the guard; station the watchmen; prepare the ambush. For the LORD has both devised and accomplished what He spoke against the people of Babylon.
13 Ati kan bishaan baayʼee qabdu, kan qabeenyaanis badhaate, dhumni kee dhufeera; yeroon ati itti baddu gaʼeera.
You who dwell by many waters, rich in treasures, your end has come; the thread of your life is cut.
14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera: Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa sitti gad dhiisa; isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu.
The LORD of Hosts has sworn by Himself: “Surely I will fill you up with men as with locusts, and they will shout in triumph over you.”
15 “Inni humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
The LORD made the earth by His power; He established the world by His wisdom and stretched out the heavens by His understanding.
16 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
When He thunders, the waters in the heavens roar; He causes the clouds to rise from the ends of the earth. He generates the lightning with the rain and brings forth the wind from His storehouses.
17 “Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
Every man is senseless and devoid of knowledge; every goldsmith is put to shame by his idols. For his molten images are a fraud, and there is no breath in them.
18 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti; yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
They are worthless, a work to be mocked. In the time of their punishment they will perish.
19 Inni qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni uumaa waan hundumaa ti; Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
The Portion of Jacob is not like these, for He is the Maker of all things, and of the tribe of His inheritance— the LORD of Hosts is His name.
20 “Ati bokkuu koo kan duulaa miʼa lolaa kootii ti; ani siin saboota nan caccabsa; siin mootummoota nan barbadeessa;
“You are My war club, My weapon for battle. With you I shatter nations; with you I bring kingdoms to ruin.
21 Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa; siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa;
With you I shatter the horse and rider; with you I shatter the chariot and driver.
22 ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa; siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa; siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa;
With you I shatter man and woman; with you I shatter the old man and the youth; with you I shatter the young man and the maiden.
23 ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa; siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa; siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa.
With you I shatter the shepherd and his flock; with you I shatter the farmer and his oxen; with you I shatter the governors and officials.
24 “Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna” jedha Waaqayyo.
Before your very eyes I will repay Babylon and all the dwellers of Chaldea for all the evil they have done in Zion,”
25 “Yaa tulluu barbadeessaa, ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti nan kaafadha; ededa irraa gad gangalchee tulluu gubamaa sin godha” jedha Waaqayyo.
“Behold, I am against you, O destroying mountain, you who devastate the whole earth, declares the LORD. I will stretch out My hand against you; I will roll you over the cliffs and turn you into a charred mountain.
26 “Waan ati bara baraan ontuuf, kattaan dhagaa golee taʼu, yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu” jedha Waaqayyo.
No one shall retrieve from you a cornerstone or a foundation stone, because you will become desolate forever,”
27 “Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa! Saboota gidduuttis malakata afuufaa! Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa; mootummoota Araaraat, kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa. Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa; fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa.
“Raise a banner in the land! Blow the ram’s horn among the nations! Prepare the nations against her. Summon the kingdoms against her— Ararat, Minni, and Ashkenaz. Appoint a captain against her; bring up horses like swarming locusts.
28 Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis, mootota Meedee bulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda, biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa.
Prepare the nations for battle against her— the kings of the Medes, their governors and all their officials, and all the lands they rule.
29 Sababii wanni Waaqayyo akka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneef biyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sun jabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis.
The earth quakes and writhes because the LORD’s intentions against Babylon stand: to make the land of Babylon a desolation, without inhabitant.
30 Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru; isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru. Jabinni isaanii dhumeera; isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru. Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera; danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru.
The warriors of Babylon have stopped fighting; they sit in their strongholds. Their strength is exhausted; they have become like women. Babylon’s homes have been set ablaze, the bars of her gates are broken.
31 Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamte mootii Baabilonitti himuuf, fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf, ergamaan tokkos ergamaa kaan qaqqabuuf fiiga;
One courier races to meet another, and messenger follows messenger, to announce to the king of Babylon that his city has been captured from end to end.
32 kunis akka malkaan qabame, akka daʼannoowwan ishee gubamanii fi akka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf.”
The fords have been seized, the marshes set on fire, and the soldiers are terrified.”
33 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Intalli Baabilon akkuma oobdii ti; yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti; yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa.”
For this is what the LORD of Hosts, the God of Israel, says: “The Daughter of Babylon is like a threshing floor at the time it is trampled. In just a little while her harvest time will come.”
34 “Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera; inni barbadeesseera; akkuma okkotee duwwaa na godhe. Inni akkuma jawwee na liqimse; qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate; ergasii immoo na tufe.”
“Nebuchadnezzar king of Babylon has devoured me; he has crushed me. He has set me aside like an empty vessel; he has swallowed me like a monster; he filled his belly with my delicacies and vomited me out.
35 Jiraattonni Xiyoon, “Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu” jedhan. Yerusaalemis, “Dhiigni keenya warra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu” jetti.
May the violence done to me and to my flesh be upon Babylon,” says the dweller of Zion. “May my blood be on the dwellers of Chaldea,” says Jerusalem.
36 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, ani dubbii kee siif falmee haaloo siifin baʼa; ani galaana ishee nan gogsa; burqaa ishee illee nan kuta.
Therefore this is what the LORD says: “Behold, I will plead your case and take vengeance on your behalf; I will dry up her sea and make her springs run dry.
37 Baabilon tuullaa diigame, iddoo waangoonni keessa burraaqan, waan naasuutii fi qoosaa, lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati.
Babylon will become a heap of rubble, a haunt for jackals, an object of horror and scorn, without inhabitant.
38 Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada; isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu.
They will roar together like young lions; they will growl like lion cubs.
39 Yommuu dhagni isaanii hoʼutti, ani akka isaan kolfaa gammadanii bara baraan rafanii hin dammaqneef cidha isaaniif qopheessee akka isaan machaaʼan nan godha” jedha Waaqayyo.
While they are flushed with heat, I will serve them a feast, and I will make them drunk so that they may revel; then they will fall asleep forever and never wake up, declares the LORD.
40 “Ani akka ilmoolee hoolaa, akkuma korbeeyyii hoolaatii fi reʼee gara qalmaatti gad isaan buusa.
I will bring them down like lambs to the slaughter, like rams with male goats.
41 “Sheeshaak akkamitti boojiʼamti! Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame! Baabilon saba gidduutti akkam waan sodaa taati!
How Sheshach has been captured! The praise of all the earth has been seized. What a horror Babylon has become among the nations!
42 Baabilon irra galaanni garagala; dambaliin galaanaas ishee haguuga.
The sea has come up over Babylon; she is covered in turbulent waves.
43 Magaalaawwan ishee onanii biyya gogaa fi gammoojjii, biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kan namni keessa hin dabarre ni taʼu.
Her cities have become a desolation, a dry and arid land, a land where no one lives, where no son of man passes through.
44 Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba; waan inni liqimse illee nan tufsiisa. Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan; dallaan Baabilonis ni jiga.
I will punish Bel in Babylon. I will make him spew out what he swallowed. The nations will no longer stream to him; even the wall of Babylon will fall.
45 “Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa! Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa! Dheekkamsa Waaqayyoo sodaachisaa sana jalaa baqadhaa.
Come out of her, My people! Save your lives, each of you, from the fierce anger of the LORD.
46 Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamutti garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin; akka gooliin biyya keessa jiru, akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu, oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama.
Do not let your heart grow faint, and do not be afraid when the rumor is heard in the land; for a rumor will come one year— and then another the next year— of violence in the land and of ruler against ruler.
47 Yeroon ani itti waaqota Baabilon tolfamoo adabu dhugumaan ni dhufaatii; biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti; qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu.
Therefore, behold, the days are coming when I will punish the idols of Babylon. Her entire land will suffer shame, and all her slain will lie fallen within her.
48 Ergasii samii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis, gammadanii Baabilonitti ililchu; barbadeessitoonni kaabaa baʼanii ishee waraanuutii” jedha Waaqayyo.
Then heaven and earth and all that is in them will shout for joy over Babylon because the destroyers from the north will come against her,”
49 “Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundi sababii Baabiloniif harcaʼan sana Baabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi.
“Babylon must fall on account of the slain of Israel, just as the slain of all the earth have fallen because of Babylon.
50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan, deemaa; lafa irra hin harkifatinaa! Biyya fagootti illee Waaqayyoon yaadadhaa; waaʼee Yerusaalemis yaadaa.”
You who have escaped the sword, depart and do not linger! Remember the LORD from far away, and let Jerusalem come to mind.”
51 “Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaa mana Waaqayyootti qalaniif, nu salphifamneerra; waan arrabsamneefis qaaniidhaan fuula keenya haguugganne.”
“We are ashamed because we have heard reproach; disgrace has covered our faces, because foreigners have entered the holy places of the LORD’s house.”
52 “Garuu barri ani itti, waaqota ishee tolfamoo adabuu fi yeroon guutummaa lafa ishee irratti warri madaaʼan aadan dhufaa jira” jedha Waaqayyo.
“Therefore, behold, the days are coming,” declares the LORD, “when I will punish her idols, and throughout her land the wounded will groan.
53 “Yoo Baabilon samiitti ol baatee daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu, ani warra ishee barbadeessan itti nan erga” jedha Waaqayyo.
Even if Babylon ascends to the heavens and fortifies her lofty stronghold, the destroyers I send will come against her,” declares the LORD.
54 “Baabilonii iyyi, lafa Baabilonotaatii immoo sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama.
“The sound of a cry comes from Babylon, the sound of great destruction from the land of the Chaldeans!
55 Waaqayyos Baabilonin ni barbadeessa; inni waca ishee ni calʼisiisa, dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa; sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama.
For the LORD will destroy Babylon; He will silence her mighty voice. The waves will roar like great waters; the tumult of their voices will resound.
56 Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa; gootonni ishee ni qabamu; futtaaftuun isaaniis ni caccaba; Waaqayyo, Waaqa haaloo baʼuudhaatii; inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf.
For a destroyer is coming against her— against Babylon. Her warriors will be captured, and their bows will be broken, for the LORD is a God of retribution; He will repay in full.
57 Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee, akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi gootota ishee nan macheessa; isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,” jedha mootichi maqaan isaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, jedhamu sun.
I will make her princes and wise men drunk, along with her governors, officials, and warriors. Then they will fall asleep forever and not wake up,” declares the King, whose name is the LORD of Hosts.
58 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga; karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu; namoonni akkasumaan of dadhabsiisu; dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.”
This is what the LORD of Hosts says: “Babylon’s thick walls will be leveled, and her high gates consumed by fire. So the labor of the people will be for nothing; the nations will exhaust themselves to fuel the flames.”
59 Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Raajichi isaaf kenne kanaa dha.
This is the message that Jeremiah the prophet gave to the quartermaster Seraiah son of Neriah, the son of Mahseiah, when he went to Babylon with King Zedekiah of Judah in the fourth year of Zedekiah’s reign.
60 Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture.
Jeremiah had written on a single scroll about all the disaster that would come upon Babylon—all these words that had been written concerning Babylon.
61 Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; “Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin.
And Jeremiah said to Seraiah, “When you get to Babylon, see that you read all these words aloud,
62 Akkanas jedhi: ‘Yaa Waaqayyo, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’
and say, ‘O LORD, You have promised to cut off this place so that no one will remain—neither man nor beast. Indeed, it will be desolate forever.’
63 Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu.
When you finish reading this scroll, tie a stone to it and cast it into the Euphrates.
64 Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’” Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama.
Then you are to say, ‘In the same way Babylon will sink and never rise again, because of the disaster I will bring upon her. And her people will grow weary.’” Here end the words of Jeremiah.

< Ermiyaas 51 >