< Ermiyaas 5 >

1 “Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa; asii fi achi ilaalaatii qalbeeffadhaa; oobdiiwwan ishee sakattaʼaa. Isin yoo nama waan qajeelaa hojjetu, kan dhugaa barbaadu tokko illee argattan ani magaalaa kanaaf dhiifama nan godha.
“Go up and down the streets of Jerusalem. Look now and take note; search her squares. If you can find a single person, anyone who acts justly, anyone who seeks the truth, then I will forgive the city.
2 Isaan utuma ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jedhanuu amma iyyuu sobaan kakatu.”
Although they say, ‘As surely as the LORD lives,’ they are swearing falsely.”
3 Yaa Waaqayyo, iji kee dhugaa hin barbaaduu? Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne; ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan. Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii qalbii jijjiirrachuu didan.
O LORD, do not Your eyes look for truth? You struck them, but they felt no pain. You finished them off, but they refused to accept discipline. They have made their faces harder than stone and refused to repent.
4 Anis akkana jedheen yaade; “Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota; isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanii hin beekaniitii.
Then I said, “They are only the poor; they have played the fool, for they do not know the way of the LORD, the justice of their God.
5 Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha; dhugumaan isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanis ni beeku.” Isaanis akkasuma waanjoo of irraa caccabsanii hidhaas of irraa kukkutaniiru.
I will go to the powerful and speak to them. Surely they know the way of the LORD, the justice of their God.” But they too, with one accord, had broken the yoke and torn off the chains.
6 Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata; yeeyyiin gammoojjiis dhufee isaan balleessa; qeerransi warra gad baʼan ciccirachuuf magaalaawwan isaanii biratti riphee eeggata; fincilli isaanii akka malee guddate; duubatti deebiʼuun isaaniis baayʼateeraatii.
Therefore a lion from the forest will strike them down, a wolf from the desert will ravage them. A leopard will lie in wait near their cities, and everyone who ventures out will be torn to pieces. For their rebellious acts are many, and their unfaithful deeds are numerous.
7 “Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa? Ijoolleen kee na dhiisanii waaqota waaqota hin taʼiniin kakataniiru. Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture; isaan garuu ni ejjan; gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan.
“Why should I forgive you? Your children have forsaken Me and sworn by gods that are not gods. I satisfied their needs, yet they committed adultery and assembled at the houses of prostitutes.
8 Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha; tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu.
They are well-fed, lusty stallions, each neighing after his neighbor’s wife.
9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa haaloo hin baʼuu?
Should I not punish them for these things?” declares the LORD. “Should I not avenge Myself on such a nation as this?
10 “Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa; garuu guutumaan guutuutti miti. Dameewwan ishee irraa ciraa; sabni kun saba Waaqayyoo miti.
Go up through her vineyards and ravage them, but do not finish them off. Strip off her branches, for they do not belong to the LORD.
11 Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa, guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne” jedha Waaqayyo.
For the house of Israel and the house of Judah have been utterly unfaithful to Me,”
12 Isaan waaʼee Waaqayyoo soba dubbatan; akkanas jedhan; “Inni homaa hin godhu! Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu; goraadee yookaan beela hin arginu.
They have lied about the LORD and said: “He will not do anything; harm will not come to us; we will not see sword or famine.
13 Raajonni bubbee malee homaa miti; dubbiin isaan keessa hin jiru; wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu.”
The prophets are but wind, for the word is not in them. So let their own predictions befall them.”
14 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun waan dubbii kana dubbateef, ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda, saba kana immoo qoraan ibiddi gubu nan godha.
Therefore this is what the LORD God of Hosts says: “Because you have spoken this word, I will make My words a fire in your mouth and this people the wood it consumes.
15 Yaa mana Israaʼel,” jedha Waaqayyo; “Ani saba duriitii fi jabaa, saba ati afaan isaa hin beekne, kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko biyya fagoodhaa sitti nan fida.
Behold, I am bringing a distant nation against you, O house of Israel,” declares the LORD. “It is an established nation, an ancient nation, a nation whose language you do not know and whose speech you do not understand.
16 Manʼeen xiyya isaanii akkuma awwaala banamaa ti; hundi isaaniis loltoota jajjaboo dha.
Their quivers are like open graves; they are all mighty men.
17 Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu; ilmaan keetii fi intallan kee ni ajjeesu; bushaayee fi loon kee ni nyaatu; wayinii keetii fi mukkeen harbuu keetii ni nyaatu. Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneen ati amanatte sana goraadeedhaan barbadeessu.
They will devour your harvest and food; they will consume your sons and daughters; they will eat up your flocks and herds; they will feed on your vines and fig trees. With the sword they will destroy the fortified cities in which you trust.”
18 “Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu” jedha Waaqayyo.
“Yet even in those days,” declares the LORD, “I will not make a full end of you.
19 “Yommuu namoonni, ‘Waaqayyo Waaqni keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta.
And when the people ask, ‘For what offense has the LORD our God done all these things to us?’ You are to tell them, ‘Just as you have forsaken Me and served foreign gods in your land, so will you serve foreigners in a land that is not your own.’”
20 “Waan kana mana Yaaqoobitti himaa; Yihuudaa keessattis labsaa:
Declare this in the house of Jacob and proclaim it in Judah:
21 Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne, warri utuu ija qabdanuu hin argine kanneen utuu gurra qabdanuu hin dhageenye waan kana dhagaʼa.
“Hear this, O foolish and senseless people, who have eyes but do not see, who have ears but do not hear.
22 Isin na hin sodaattanii?” jedha Waaqayyo. “Fuula koo duratti hin hollattanii? Ani galaanaaf cirracha daarii dallaa bara baraa kan inni qaxxaamuruu hin dandeenye godhee tolcheera. Dhaʼaan galaanaa yoo itti buʼe iyyuu isa diiguu hin dandaʼu; galaanichi yoo huurse iyyuu, isa cabsee darbuu hin dandaʼu.
Do you not fear Me?” declares the LORD. “Do you not tremble before Me, the One who set the sand as the boundary for the sea, an enduring barrier it cannot cross? The waves surge, but they cannot prevail. They roar but cannot cross it.
23 Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha; innis karaa irraa jalʼatee badeera.
But these people have stubborn and rebellious hearts. They have turned aside and gone away.
24 Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan; ‘Kottaa Waaqayyo Waaqa keenya isa bokkaa arfaasaatii fi bokkaa birraa waqtiidhaan kennu, isa torbanoota itti midhaan walitti qabannu yeroo isaaniitti nuu kennu sana haa sodaannu.’
They have not said in their hearts, ‘Let us fear the LORD our God, who gives the rains, both autumn and spring, in season, who keeps for us the appointed weeks of harvest.’
25 Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera; cubbuun keessan waan gaarii isin dhabsiiseera.
Your iniquities have diverted these from you; your sins have deprived you of My bounty.
26 “Saba koo gidduu namoota hamoo akka warra nama qabuuf kiyyoo kaaʼaniitti, akkuma nama kiyyoon simbirroo qabuutti riphanii eeggatantu jira.
For among My people are wicked men; they watch like fowlers lying in wait; they set a trap to catch men.
27 Akkuma manʼeen simbiraan guutamu, manneen isaanii sobaan guutamu; isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii,
Like cages full of birds, so their houses are full of deceit. Therefore they have become powerful and rich.
28 gabbatanii bareedaniiru; hamminni isaanii dhuma hin qabu; isaan murtii qajeelaa hin barbaadan. Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman; mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan.
They have grown fat and sleek, and have excelled in the deeds of the wicked. They have not taken up the cause of the fatherless, that they might prosper; nor have they defended the rights of the needy.
29 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?” jedha Waaqayyo. “Ani saba akkasii haaloo hin baafadhuu?
Should I not punish them for these things?” declares the LORD. “Should I not avenge Myself on such a nation as this?
30 “Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko biyyattii keessatti taʼeera:
A horrible and shocking thing has happened in the land.
31 Raajonni raajii sobaa dubbatu; luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu; sabni koos waan akkasii jaallata; isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu?
The prophets prophesy falsely, and the priests rule by their own authority. My people love it so, but what will you do in the end?

< Ermiyaas 5 >