< Ermiyaas 49 >

1 Waaʼee Amoonotaa: Waaqayyo akkana jedha: “Israaʼel ilmaan hin qabuu? Inni nama isa dhaalu hin qabuu? Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree? Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu?
Juu ya watu wa Amoni, Yahwe asema hivi, “Je Israeli hana watoto? Je hakuna mtu wa kurithi chochote katika Israeli? Kwa nini Moleki aikalie Gadi, na watu wake kukaa katika miji yake?
2 Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaatti sagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo. “Isheen tuullaa badiisaa ni taati; gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu. Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sana ariitee biyyaa ni baafti,” jedha Waaqayyo.
Hivyo angalia, siku zinakuja - asema Yahwe - nitakapo sikizisha ishara ya vita juu ya Raba miongoni mwa watu wa Amoni, hivyo itakuwa rundo lililoachwa na binti zake watawasha moto. Maana Israeli atawamiliki wanaommiliki,” asema Yahwe.
3 “Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii! Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa! Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; dallaa keessa asii fi achi fiigaa; Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatamaatii.
Piga kelele kwa maombolezo, Heshboni, maana Ai utaangamizwa! Piga kelele, Binti za Raba! Vaeni nguo za magunia. Ombolezeni na kukimbia kwa kuchanganyikiwa, maana Moleki anakwenda matekani, pamoja na makuhani na viongozi wake.
4 Ati maaliif sulula keetiin boonta? Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta? Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee, ‘Eenyutu na tuqa?’ jetta.
Kwa nini mnajivunia nguvu zenu? Nguvu zenu zitakwisha, binti wasioamini, ninyi mnaotumaini utajiri wenu. Mwasema, “Nani atakayekuja kinyume changu?'
5 Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa sodaa sitti nan fida” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu; namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru.
Tazama, nitaleta kitisho juu yenu - hili ni tamko la Yahwe, Bwana wa majeshi - kitisho hiki kitatoka kwao wote wanaowazunguka. Kila mmoja wenu atatawanyika mbele yake. Hakutakuwa na wa kuwakusanya wanaotawanyika.
6 “Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
Lakini baada ya haya nitarejesha mema ya watu wa Amoni - hili ni tamko la Yahwe.”
7 Waaʼee Edoom: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu? Hubattoota duraa gorsi badeeraa? Ogummaan isaanii sameeraa?
Juu ya Edomu, Yahwe wa majeshi asema hivi, Je hakuna tena hekima katika Temani? Je ushauri mwema umepotea kutoka kwa wenye ufahamu? Je hekima yao imeharibika?
8 Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa, baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa; ani yeroo Esaawun adabutti badiisa isatti nan fidaatii.
Kimbieni! Rudini nyuma! Bakini katika mashimo katika ardhi, wenyeji wa Dedani. Maana naleta maafa ya Esau juu yake wakati ninaomwadhibu.
9 Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaa qarmii wayii hin hambisanii? Hattuun yoo halkan dhufte, Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?
Ikiwa wavunaji wa zabibu walikuja kwako, je wasinge acha kidogo? Ikiwa wezi walikuja usiku, je wasingeiba kiasi walichotaka?
10 Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa; akka inni itti hin daʼanneef ani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa. Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu; innis siʼachi hin jiraatu.
Lakini nimempiga Esau kwa ukiwa. Nimefunua maficho yao. Hivyo hataweza kujificha mwenyewe. Watoto wake, ndugu zake, na jirani zake wameharibiwa, wamepotea.
11 ‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi; anatu isaan jiraachisaatii. Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’”
Acha nyuma yatima wako. Nitachukua uhai wao, na wajane wako wanaweza kuniamini.”
12 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu.
Maana Yahwe asema hivi, “Tazama, wasiostahili ni lazima wanywe sehemu ya kikombe. Je mnadhani mtaachwa bila kuhadhibiwa? Hapana, maana hakika mtakunywa.
13 Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha Waaqayyo. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.”
Maana nimekwisha apa kwangu mimi mwenyewe - asema Yahwe - Hiyo Bozra itakuwa hofu, aibu, magofu, na kitu cha laana. Miji yake yote itakuwa magofu daima.
14 Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera: Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame; “Ishee loluuf walitti qabamaa! Waraanaafis baʼaa!”
Nimesikia habari kutoka kwa Yahwe, na mjumbe ametumwa katika mataifa, 'Kusanyikeni na kumpiga. Jiandaeni kwa vita.'
15 “Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa; namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.
“Maana tazama, nimekufanya kuwa mdogo kulinganisha na mataifa mengine, yenye kudharauliwa na watu.
16 Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee fiixee tulluu qabattee jirtu, sodaan ati odeessituu fi of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera. Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
Na kwa hofu yenu, kiburi cha moyo wako kimekudanganya, wakaaji wa maeneo ya mwinuko, ninyi mliomiliki vilele vya vilima ili mfanye viota vyenu kama tai. Nitawashusha kutoka huko - asema Yahwe.
17 “Edoom waan sodaa taati; namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
Edomu atakuwa kitisho kwa kila aipitaye. Kila mtu atatetemeka na kutoa sauti kwa sababu ya maafa yake.
18 Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraan magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati” jedha Waaqayyo, “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu, sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
Kama maangamizi ya Sodoma na Gomora na jirani zake,” asema Yahwe, “hakuna atakayeishi pale; hakuna mtu atakayekaa huko.
19 “Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
Tazama, nitapanda kama simba kutoka katika misitu ya Yordani hata eneo la malisho mabichi. Maana nitaharakisha kumfanya Edomu kumkimbia, nami nitamweka mwingine atakayekuwa amechaguliwa kwa usimamizi huo. Maana ni nani aliyekama mimi, ni nani atakayeniagiza kuja? Mchungaji gani awezaye kunizuia?
20 Kanaafuu waan Waaqayyo Edoomitti karoorfate, waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa. Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa.
Hivyo sikiliza mipango ambayo Yahwe ameamua dhidi ya Edom, mipango aliyoifanya kinyume cha wakaao Temani. Bila shaka wataondolewa, hata kundi dogo kuliko yote. Nchi yao yenye malisho yao mabichi itageuzwa kuwa sehemu zenye magofu.
21 Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti; iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama.
Kwa kishindo cha kuanguka kwao nchi hutikisika. Sauti ya milio ya kukata tamaa inasikika katika Bahari ya Shamu.
22 Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira. Bara sana keessa garaan loltota Edoom akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
Tazama, mtu fulani atapiga kama tai, na kushuka chini kwa kasi na kueneza mabawa yake juu ya Bozra. Kisha katika siku hiyo, mioyo ya askari wa Edomu itakuwa kama moyo wa mwanamke katika kuzaa.”
23 Waaʼee Damaasqoo: “Hamaatii fi Arfaad ni raafamu; isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii. Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaa hin qabne tokkoo jeeqamaniiru.
Juu ya Dameski: “Hamathi na Arpadi zitaaibika, maana wamesikia habari ya madhara. Wanayeyuka! Wamesumbuka kama bahari, isiyotulia.
24 Damaasqoon dadhabdeerti; isheen baqachuuf gara galteerti; sodaan guddaan ishee qabateera; akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu, rakkinaa fi miixuun isa qabeera.
Dameski umekuwa dhaifu sana. Unageuka kukimbia; hofu imeushika, Maangaiko na maumivu yameupata, kama uchungu wa mwanamke ajifunguaye.
25 Magaalaan beekamaan, magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti!
Watu wake wanasema, “Umekuwaje mji maarufu, mji ambao nimeufurahia, kabla haujaachwa?
26 Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu” jedha Waaqayyo.
Kwa hiyo vijana wake wataanguka katika mitaa yake na askari wake wote watateketea siku hiyo - hili ni tamko la Yahwe wa majeshi.”
27 “Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.”
“Maana nitawasha moto katika kuta za Dameski, nami nitazivunja ngome za Beni Hadadi.”
28 Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa: Waaqayyo akkana jedha: “Kaʼaa, Qeedaarin lolaatii saba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa.
Juu ya Kedari na falme za Hazori, Yahwe amwambia hivi Nebukadneza (Basi Nebukadneza mfalme wa Babeli alikuwa akienda kuyashambulia maeneo haya): “Inuka na uipige Kedari na kuwaharibu wale watu wa mashariki.
29 Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu; golgaawwan isaanii miʼaa fi gaalawwan isaanii wajjin fudhatamu. Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’ jedhanii iyyu.
Jeshi lake litachukua hema zao na makundi yao, nguzo za hema yao, na vitu vyao vyote. Watachukua ngamia wao kutoka kwa watu wa Kedari na kuwambia, 'Hofu ipo pande zote!”
30 “Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa! Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa” jedha Waaqayyo. “Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera; inni daba isinitti yaadeera.
Kimbia, Tangatanga mbali! Kaa katika maandaki ardhini, mkaao Hazori - asema Yahwe - maana Nebukadneza mfalme wa Babeli amepanga mpango kinyume chenu. Kimbieni! Geukeni!
31 “Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatu saba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa; uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata” jedha Waaqayyo.
Simama! lishambulie taifa lililokatika amani, waishio salama,” asema Yahwe. Hawana malango wala nguzo ndani yao, na watu wake wanakaa wenyewe.
32 “Gaalawwan isaanii ni hatamu, horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama. Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneessee gama hundaan balaa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
Maana farasi wao watakuwa mateka, na wingi wa mali zao utakuwa mateka wa vita. Kisha nitawatawanya katika kila upepo wanaonyoa pembe za nywele zao, nami nitaleta madhara juu yao kutoka kila upande - hili ni tamko ya Yahwe.
33 “Haazoor iddoo jireenyaa waangoo, lafa bara baraan onte taati. Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.”
Hazori utakuwa makao ya mbwea, nchi isiyofaa daima. Hakuna atakayeishi huko; hakuna mwanadamu atakayekaa huko.”
34 Jalqaba bara mootummaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa dubbiin Waaqayyoo waaʼee Eelaam akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
Hili ni neno la Yahwe lililomwijia Yeremia nabii kuhusu Elamu. Ilikuwa wakati wa mwanzo wa kutawala kwake Sedekia mfalme wa Yuda, naye akasema,
35 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo ani madda jabina isaanii, iddaa Eelaam nan cabsa.
“Yahwe wa majeshi asema hivi: Tazama, ninakaribia kumvunja mpiga upinde wa Elamu, sehemu kuu ya nguvu zao.
36 Ani kutaalee samiiwwanii afran irraa bubbee afran Eelaamittan fida; ani bubbee afranitti isaan nan bittinneessa; sabni baqattoonni Eelaam itti hin galle tokko iyyuu hin jiraatu.
Maana nitaleta pepo nne kutoka katika pande nne za mbingu, nami nitawatawanya watu wa Elamu katika pepo hizo zote. Hakuta kuwa na taifa ambalo kwalo waliotawanywa kutoka Elamu hawatakwenda.
37 Ani fuula diinota isaanii, fuula warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanii duratti Eelaamin nan barbadeessa; ani balaa isaanittan fida; dheekkamsa koo sodaachisaa sanas isaanittan fida; ani hamma isaan fixutti goraadeedhaan isaan ariʼa” jedha Waaqayyo.
Hivyo nitawavunjavunja Elamu mbele ya adui zao na mbele ya watafutao uhai wao. Maana nitaleta maangamizo dhidi yao, hasira ya gadhabu yangu - hili ni tamko la Yahwe - nami nitapeleka upanga nyuma yao hata nitakapowafuta wote.
38 “Ani teessoo koo Eelaam keessa dhaabbadhee mootii fi qondaaltota ishee nan barbadeessa” jedha Waaqayyo.
Kisha nitaweka kiti changu cha enzi huko Elamu na kumwangamiza mfalme na viongozi wao kutoka huko - asema Yahwe -
39 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Eelaam deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
na itakuwa siku zijazo kwamba nitarejesha mema ya Elamu - asema Yahwe.”

< Ermiyaas 49 >