< Ermiyaas 49 >

1 Waaʼee Amoonotaa: Waaqayyo akkana jedha: “Israaʼel ilmaan hin qabuu? Inni nama isa dhaalu hin qabuu? Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree? Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu?
לבני עמון כה אמר יהוה הבנים אין לישראל אם יורש אין לו--מדוע ירש מלכם את גד ועמו בעריו ישב
2 Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaatti sagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo. “Isheen tuullaa badiisaa ni taati; gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu. Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sana ariitee biyyaa ni baafti,” jedha Waaqayyo.
לכן הנה ימים באים נאם יהוה והשמעתי אל רבת בני עמון תרועת מלחמה והיתה לתל שממה ובנתיה באש תצתנה וירש ישראל את ירשיו אמר יהוה
3 “Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii! Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa! Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; dallaa keessa asii fi achi fiigaa; Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatamaatii.
הילילי חשבון כי שדדה עי צעקנה בנות רבה--חגרנה שקים ספדנה והתשוטטנה בגדרות כי מלכם בגולה ילך כהניו ושריו יחדיו
4 Ati maaliif sulula keetiin boonta? Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta? Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee, ‘Eenyutu na tuqa?’ jetta.
מה תתהללי בעמקים--זב עמקך הבת השובבה הבטחה באצרתיה מי יבוא אלי
5 Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa sodaa sitti nan fida” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu; namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru.
הנני מביא עליך פחד נאם אדני יהוה צבאות--מכל סביביך ונדחתם איש לפניו ואין מקבץ לנדד
6 “Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
ואחרי כן אשיב את שבות בני עמון--נאם יהוה
7 Waaʼee Edoom: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu? Hubattoota duraa gorsi badeeraa? Ogummaan isaanii sameeraa?
לאדום כה אמר יהוה צבאות האין עוד חכמה בתימן אבדה עצה מבנים נסרחה חכמתם
8 Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa, baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa; ani yeroo Esaawun adabutti badiisa isatti nan fidaatii.
נסו הפנו העמיקו לשבת ישבי דדן כי איד עשו הבאתי עליו עת פקדתיו
9 Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaa qarmii wayii hin hambisanii? Hattuun yoo halkan dhufte, Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?
אם בצרים באו לך לא ישארו עוללות אם גנבים בלילה השחיתו דים
10 Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa; akka inni itti hin daʼanneef ani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa. Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu; innis siʼachi hin jiraatu.
כי אני חשפתי את עשו גליתי את מסתריו ונחבה לא יוכל שדד זרעו ואחיו ושכניו ואיננו
11 ‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi; anatu isaan jiraachisaatii. Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’”
עזבה יתמיך אני אחיה ואלמנותיך עלי תבטחו
12 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu.
כי כה אמר יהוה הנה אשר אין משפטם לשתות הכוס שתו ישתו ואתה הוא נקה תנקה לא תנקה כי שתה תשתה
13 Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha Waaqayyo. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.”
כי בי נשבעתי נאם יהוה כי לשמה לחרפה לחרב ולקללה תהיה בצרה וכל עריה תהיינה לחרבות עולם
14 Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera: Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame; “Ishee loluuf walitti qabamaa! Waraanaafis baʼaa!”
שמועה שמעתי מאת יהוה וציר בגוים שלוח התקבצו ובאו עליה וקומו למלחמה
15 “Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa; namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.
כי הנה קטן נתתיך בגוים--בזוי באדם
16 Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee fiixee tulluu qabattee jirtu, sodaan ati odeessituu fi of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera. Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
תפלצתך השיא אתך זדון לבך שכני בחגוי הסלע תפשי מרום גבעה כי תגביה כנשר קנך משם אורידך נאם יהוה
17 “Edoom waan sodaa taati; namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
והיתה אדום לשמה כל עבר עליה ישם וישרק על כל מכותה
18 Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraan magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati” jedha Waaqayyo, “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu, sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
כמהפכת סדם ועמרה ושכניה--אמר יהוה לא ישב שם איש ולא יגור בה בן אדם
19 “Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
הנה כאריה יעלה מגאון הירדן אל נוה איתן--כי ארגיעה אריצנו מעליה ומי בחור אליה אפקד כי מי כמוני ומי יעידני ומי זה רעה אשר יעמד לפני
20 Kanaafuu waan Waaqayyo Edoomitti karoorfate, waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa. Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa.
לכן שמעו עצת יהוה אשר יעץ אל אדום ומחשבותיו אשר חשב אל ישבי תימן אם לוא יסחבום צעירי הצאן אם לא ישים עליהם נוהם
21 Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti; iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama.
מקול נפלם רעשה הארץ צעקה בים סוף נשמע קולה
22 Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira. Bara sana keessa garaan loltota Edoom akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
הנה כנשר יעלה וידאה ויפרש כנפיו על בצרה והיה לב גבורי אדום ביום ההוא כלב אשה מצרה
23 Waaʼee Damaasqoo: “Hamaatii fi Arfaad ni raafamu; isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii. Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaa hin qabne tokkoo jeeqamaniiru.
לדמשק בושה חמת וארפד--כי שמעה רעה שמעו נמגו בים דאגה השקט לא יוכל
24 Damaasqoon dadhabdeerti; isheen baqachuuf gara galteerti; sodaan guddaan ishee qabateera; akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu, rakkinaa fi miixuun isa qabeera.
רפתה דמשק הפנתה לנוס ורטט החזיקה צרה וחבלים אחזתה כיולדה
25 Magaalaan beekamaan, magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti!
איך לא עזבה עיר תהלה (תהלת)--קרית משושי
26 Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu” jedha Waaqayyo.
לכן יפלו בחוריה ברחבתיה וכל אנשי המלחמה ידמו ביום ההוא נאם יהוה צבאות
27 “Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.”
והצתי אש בחומת דמשק ואכלה ארמנות בן הדד
28 Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa: Waaqayyo akkana jedha: “Kaʼaa, Qeedaarin lolaatii saba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa.
לקדר ולממלכות חצור אשר הכה נבוכדראצור (נבוכדראצר) מלך בבל--כה אמר יהוה קומו עלו אל קדר ושדדו את בני קדם
29 Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu; golgaawwan isaanii miʼaa fi gaalawwan isaanii wajjin fudhatamu. Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’ jedhanii iyyu.
אהליהם וצאנם יקחו יריעותיהם וכל כליהם וגמליהם ישאו להם וקראו עליהם מגור מסביב
30 “Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa! Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa” jedha Waaqayyo. “Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera; inni daba isinitti yaadeera.
נסו נדו מאד העמיקו לשבת ישבי חצור--נאם יהוה כי יעץ עליכם נבוכדראצר מלך בבל עצה וחשב עליהם (עליכם) מחשבה
31 “Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatu saba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa; uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata” jedha Waaqayyo.
קומו עלו אל גוי שליו יושב לבטח--נאם יהוה לא דלתים ולא בריח לו בדד ישכנו
32 “Gaalawwan isaanii ni hatamu, horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama. Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneessee gama hundaan balaa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
והיו גמליהם לבז והמון מקניהם לשלל וזרתים לכל רוח קצוצי פאה ומכל עבריו אביא את אידם נאם יהוה
33 “Haazoor iddoo jireenyaa waangoo, lafa bara baraan onte taati. Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.”
והיתה חצור למעון תנים שממה--עד עולם לא ישב שם איש ולא יגור בה בן אדם
34 Jalqaba bara mootummaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa dubbiin Waaqayyoo waaʼee Eelaam akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
אשר היה דבר יהוה אל ירמיהו הנביא אל עילם בראשית מלכות צדקיה מלך יהודה--לאמר
35 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo ani madda jabina isaanii, iddaa Eelaam nan cabsa.
כה אמר יהוה צבאות הנני שבר את קשת עילם ראשית גבורתם
36 Ani kutaalee samiiwwanii afran irraa bubbee afran Eelaamittan fida; ani bubbee afranitti isaan nan bittinneessa; sabni baqattoonni Eelaam itti hin galle tokko iyyuu hin jiraatu.
והבאתי אל עילם ארבע רוחות מארבע קצות השמים וזרתים לכל הרחות האלה ולא יהיה הגוי אשר לא יבוא שם נדחי עולם (עילם)
37 Ani fuula diinota isaanii, fuula warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanii duratti Eelaamin nan barbadeessa; ani balaa isaanittan fida; dheekkamsa koo sodaachisaa sanas isaanittan fida; ani hamma isaan fixutti goraadeedhaan isaan ariʼa” jedha Waaqayyo.
והחתתי את עילם לפני איביהם ולפני מבקשי נפשם והבאתי עליהם רעה את חרון אפי--נאם יהוה ושלחתי אחריהם את החרב עד כלותי אותם
38 “Ani teessoo koo Eelaam keessa dhaabbadhee mootii fi qondaaltota ishee nan barbadeessa” jedha Waaqayyo.
ושמתי כסאי בעילם והאבדתי משם מלך ושרים נאם יהוה
39 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Eelaam deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
והיה באחרית הימים אשוב (אשיב) את שבית (שבות) עילם--נאם יהוה

< Ermiyaas 49 >