< Ermiyaas 48 >

1 Waaʼee Moʼaab: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii. Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti; daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus.
Juu ya Moabu, Yahwe wa majeshi, Mungu wa Israeli, asema hivi, “Ole kwa Nebo, kwani umekuwa ukiwa. Kiriathaimu umetekwa na kuaibishwa. Ngome zake zimeangushwa na kuaibishwa.
2 Moʼaab siʼachi hin jajamtu; namoonni Heshboon keessatti, ‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’ jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu. Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista; goraadeen si ariʼaatii.
Heshima ya Moabu haipo tena. Adui zake katika Heshboni walipanga njama za kumwangamiza. Walisema, 'Njoni tumwangamize kama taifa. Madmena pia itaangamizwa - upanga utakutangulia.'
3 Iyya Hooronaayimii dhufu, iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa!
Sikilizeni! Sauti ya mvumo inakuja kutoka Horonaimu.
4 Moʼaab ni cabdi; ijoolleen ishees ni booʼu.
Moabu ameangamizwa. Vilio vya watoto wake vinasikika.
5 Isaan akka malee booʼaa, Luuhiitiitti ol baʼu; karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irratti iyya badiisaa dhagaʼu.
Wanapanda kilima cha Luhithi wakilia, njia yote kuelekea Horonaimu, vilio vinasikika kutokana na maangamizi.
6 Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa; akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.
Kimbieni! okeeni maisha yenu kama kichaka cha mreteni katika nyika.
7 Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif, boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu; Kemooshis luboota isaatii fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama.
Maana kwa sababu ya tumaini lenu katika matendo na utajiri wenu, ninyi pia mtatekwa. Kisha Kemoshi atachukuliwa matekani, pamoja na makuhani na viongozi wake.
8 Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa; magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu. Sababii Waaqayyo dubbateef sululli ni bada; dirreenis ni barbadeeffama.
Maana mwaribu atafika kila mji; hakuna mji utakaookoka. Hivyo bonde litaangamia na tambarare itateketezwa, kama alivyosema Yahwe.
9 Moʼaabitti soogidda firfirsi; isheen ni baddiitii; magaalaawwan ishees nama isaan keessa jiraatu dhabanii onu.
Mpeni Moabu mabawa, maana ni lazima aruke mbali bila shaka. Miji yake itakuwa magofu, pasipo na mtu wa kuishi humo.
10 “Namni garaa hirʼuudhaan hojii Waaqayyoo hojjetu abaaramaa haa taʼu! Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu!
Na alaaniwe kila aliye mvivu katika kufanya kazi ya Yahwe! Na alaaniwe kila auzuiaye upanga wake usimwage damu!
11 “Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafe kan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminii ijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte; boojiʼamtees hin fudhatamne. Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti; urgaan ishees hin geeddaramne.
Moabu amekuwa akijisikia salama tangu alipokuwa kijana. Yeye ni kama mvinyo wake ambao haujamiminwa kutoka mtungi kwenda mtungi mwingine. Hajaenda matekani. Hivyo radha yake ni njema kama mwanzo; radha yake haibadiliki.
12 Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasan ergu tokko ni dhufa. Isaanis gad ishee naqu; okkotee ishee duwwaa hambisanii gaanii ishee cabsu” jedha Waaqayyo.
Hivyo tazama, siku zinakuja - asema Yahwe - nitakapompelekea watakao mchovya na kumwaga mitungi yake yote na kupasua mitungi yake.
13 “Yoos akkuma manni Israaʼel yeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sana Moʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa.
Kisha Moabu atamwaibikia Kemoshi kama ambavyo nyumba ya Israeli ilivyoiabikia Betheli, tumaini lao.
14 “Isin akkamiin ‘Nu gootota; nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?
Utawezaje kusema, 'Tu askari, wapiganaji wenye nguvu'?
15 Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu; dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu” jedha Mootichi maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun.
Moabu itaangamizwa na miji yake kushambuliwa. Kwa maana vijana wake wazuri wameshuka katika eneo la machinjo. Hili ni tamko la mfalme! Yahwe wa majeshi ndilo jina lake.
16 “Kufaatiin Moʼaab gaʼeera; badiisni ishees dafee ni dhufa.
Maangazizo ya Moabu yanakaribia; maafa yanaharakisha.
17 Warri naannoo ishee jiraatan hundi, warri maqaa ishee beektan hundi ‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe! Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii.
Ninyi nyote mlio karibu na Moabu, ombolezeni. Nanyi mjuao fahari yake, pigeni kelele hivi, 'Ole, fimbo yenye nguvu, fimbo yenye heshima, imevunjwa.'
18 “Yaa jiraattuu Diiboon, ulfina kee irraa gad buʼiitii lafa goggogaa irra taaʼi! Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufee magaalaawwan kee kanneen dallaa jabaan marfaman ni diigaatii.
Shukeni kutoka mahali penu pa heshima na kuketi katika nchi kavu, ewe binti uishie Diboni. Maana aiangamizaye Moabu anakushambulia, atakayeziharibu ngome zako.
19 Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu, karaa cina dhaabadhuutii ilaali. Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu; ‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu.
Simameni njiani na kuangalia, enyi mwishio katika Aroeri. Waulizeni wanaokimbia na kutoroka. Sema, 'Nini kimetokea?'
20 Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti. Wawwaadhuu booʼi! Arnoon biratti akka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.
Moabu ameaibika, maana amevujwa. Lieni kwa sauti na uchungu; pigeni yowe kuomba msaada. Wambieni watu waliokando ya Mto Arinoni kwamba Moabu ameangamizwa.
21 Murtiin dirree ol kaʼaatti: Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti,
Basi maangamizi yamefika katika nchi ya kilima, huko Holoni, Yakza, na Mefathi,
22 Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti,
huko Diboni, Nebo, na Bethi Diblathaimu,
23 Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti,
huko Kiriatahaimu, Beth Gamul, na Bethi Meoni,
24 Keriiyoottii fi Bozraatti, magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fi dhiʼoo jiran hundatti dhufeera.
huko Keriothi na Bozra, na katika miji yote iliyomo katika nchi ya Moabu - miji iliyoko mbali na karibu.
25 Gaanfi Moʼaab irraa murameera; irreen ishees caccabeera” jedha Waaqayyo.
Nguvu za Moabu zimekwisha; mkono wake umevunjwa - asema Yahwe.
26 “Waan isheen Waaqayyotti koorteef dhugaatiidhaan ishee macheessaa. Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu; waan qoosaas haa taatu.
Mnywesheni, maana alitenda kwa kiburi kinyume changu, Yahwe. Basi Moabu anapiga makofi kwa machukizo kwa matapiko yake mwenyewe, hivyo amekuwa pia kitu cha kuchekesha.
27 Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree? Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hunda tuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuuf isheen hattoota gidduutti qabamtee?
Maana Israeli hakuwa kitu cha kuchekesha kwako? Alionekana miongoni mwa wezi, kwamba ulitikisa kichwa chako kwake mara ulipoongea juu yake?
28 Isin warri Moʼaab keessa jiraattan, magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa. Akkuma gugee mana ishee afaan holqaatti ijaarrattuu taʼa.
Jitengeni na miji na kuweka kambi katika minuko, enyi watu wa Moabu. Kuwa kama njiwa anayeatamia juu ya mlango wa tundu katika miamba.
29 “Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee, of tuuluu fi of jajuu ishee, of bokoksuu ishee dhageenyeerra.
Tumesikia juu ya kiburi cha Moabu - majivuno yake, maringo, kiburi, utukufu binafsi na kujiinua moyoni.
30 Ani addaggummaa Moʼaab beeka; garuu faayidaa hin qabaatu” jedha Waaqayyo; “Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf”
Hili ni tamko la Yahwe - mimi mwenyewe najua maneno yake ya ukaidi, yasiyosaidia chochote, kama matendo yake.
31 Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha; Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa; ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.
Hivyo nitavumisha maombolezo kwa ajili ya Moabu, na nitapiga kelele katika uzuni kwa ajili ya Moabu. Nitaomboleza kwa ajili ya watu wa Kir Hereshi.
32 Yaa muka wayinii Sibimaa, ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa. Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte; isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti. Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi hurbuu wayinii keetii irra buʼeera.
Nitalia zaidi kwa ajili yenu kuliko nilivyofanya kwa Yazeri, mzabibu wa Sibma! Matawi yako yalipita katika Bahari ya Chumvi na kufika hata Yazeri. Mwaribu ameshambulia matunda yenu ya kiangazi na mzabibu wenu.
33 Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera. Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera; namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu. Wacni yoo jiraatee illee inni waca gammachuu miti.
Hivyo sherehe na furaha vimeondolewa kutoka miti ya matunda na nchi ya Moabu. Nimekomesha mvinyo kutoka mashinikizo yao. Hawatakanyaga kwa kelele za furaha. Kelele yoyote haitakuwa kelele ya furaha.
34 “Sababii bishaan Niimriim gogeef, sagaleen iyya isaanii ol kaʼee, Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti, Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti ni dhagaʼama ture.
Kutoka kelele huko Heshiboni hata kufika Eleale, sauti yao inasikika hata Yahazi, kutoka Soari hata Horonaimu na Eglathi Shelishiya, hata maji ya Nimrimu yamekauka.
35 Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti aarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsan Moʼaab keessaa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
Maana nitamkomesha kila mtu katika Moabu atoaye sadaka mahali pa juu na kuteketeza uvumba kwa miungu yake - asema Yahwe.
36 “Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa; akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa. Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.
Hivyo moyo wangu unamwombolezea Moabu kama zomari. Moyo wangu unaomboleza kama zomari kwa ajili ya watu wa Kir Heresi. Utajiri walioupata umekwisha.
37 Mataan hundinuu haadamee hareedni hundinuu cirameera; harki hundinuu muramee mudhiin hundis wayyaa gaddaatiin hidhameera.
Maana kila kichwa kina upaa na kila kidevu kimenyolewa. Chale zipo katika kila mkono, na nguo za magunia katika viuno vyao.
38 Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneetti Moʼaabin caccabseef bantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessa booʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru” jedha Waaqayyo.
Maombolezo yapo kila mahali, juu ya kila paa la nyumba ya Moabu na katika masoko ya Moabu. Kwa maana nimeivunja Moabu kama chungu kisichotakiwa tena - asema Yahwe.
39 “Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu! Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte! Moʼaab waan kolfaa taatee, warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti.”
Jinsi gani imeharibiwa! Jinsi wanavyopiga kelele katika maombolezo yao! Moabu ameigeuza kwa aibu! Hivyo Moabu atakuwa kitu cha kuchekwa na kitisho kwa wote wanaomzunguka.”
40 Waaqayyo akkana jedha: “Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira.
Maana Yahwe asema hivi, “Tazama, adui atakuja akiruka kama tai, akieneza mabawa yake juu ya Moabu.
41 Keriiyooti ni qabamti; daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu. Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaab akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
Keriothi umetekwa, na ngome zake zimekamatwa. Maana siku hiyo myoyo ya askari wa Moabu itakuwa kama mioyo ya wanawake katika uchungu wa kujifungua.
42 Moʼaab sababii Waaqayyoon tuffatteef barbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa.
Hivyo Moabu utaharibiwa kama watu, kwa kuwa walijivuna kinyume changu, Yahwe.
43 Yaa saba Moʼaab sodaan, boollii fi kiyyoon si eeggata” jedha Waaqayyo.
Hofu na shimo, na mtego vinakujia, watu wa Moabu - asema Yahwe.
44 “Namni sodaa sana duraa baqatu kam iyyuu boolla keessa buʼa; namni boolla sana keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama; ani Moʼaabitti waggaa adabamuu ishee nan fidaatii” jedha Waaqayyo.
Kila akimbiaye kwa sababu ya hofu ataanguka shimoni, na kila atokaye shimoni atanaswa na mtego, maana nitayaleta haya juu yao katika mwaka wa kisasi changu dhidi yao - asema Yahwe.
45 “Baqattoonni waan taʼan dhabanii gaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu; Heshboon keessaa ibiddi tokko, Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii; inni adda Moʼaab guba, buqqee mataa of tuultotaas ni guba.
Wakimbiao watasimama katika kivuli cha Heshboni bila nguvu, maana moto utatoka Heshboni, miale kutoka katikati ya Sihoni. Utateketeza paji la uso wa Moabu na juu ya vichwa vya watu wenye majivuno.
46 Yaa Moʼaab siif wayyoo! Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera; Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru; intallan kees boojiʼamaniiru.
Ole wako, Moabu! watu wa Kemoshi wameangamizwa, Kwa maana wana wako wamechukuliwa kama mateka na binti zako matekani.
47 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo. Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma.
Lakini nitazirejesha siku njema za Moabu katika siku zijazo - asema Yahwe.” Hukumu ya Moabu inaishia hapa.

< Ermiyaas 48 >