< Ermiyaas 48 >

1 Waaʼee Moʼaab: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii. Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti; daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus.
Of Moab. "Thus says the LORD of hosts, the God of Israel: 'Woe to Nebo, because it is about to be destroyed; Kiriathaim will be put to shame, it will be taken captive. The fortress is put to shame and broken down.
2 Moʼaab siʼachi hin jajamtu; namoonni Heshboon keessatti, ‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’ jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu. Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista; goraadeen si ariʼaatii.
The praise of Moab is no more; in Heshbon they have devised evil against her: "Come, and let us cut her off from being a nation." You also, Madmen, shall be brought to silence: the sword shall pursue you.
3 Iyya Hooronaayimii dhufu, iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa!
The sound of a cry from Horonaim, "destruction and great calamity."
4 Moʼaab ni cabdi; ijoolleen ishees ni booʼu.
Moab is destroyed; her little ones have caused a cry to be heard.
5 Isaan akka malee booʼaa, Luuhiitiitti ol baʼu; karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irratti iyya badiisaa dhagaʼu.
For by the ascent of Luhith with continual weeping shall they go up; for at the descent of Horonaim they have heard the distress of the cry of destruction.
6 Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa; akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.
"Flee, save your lives, and be like a shrub in the wilderness."
7 Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif, boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu; Kemooshis luboota isaatii fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama.
For, because you have trusted in your works and in your treasures, you also shall be taken: and Chemosh shall go forth into captivity, his priests and his officials together.
8 Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa; magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu. Sababii Waaqayyo dubbateef sululli ni bada; dirreenis ni barbadeeffama.
The destroyer shall come on every city, and no city shall escape; the valley also shall perish, and the plain shall be destroyed; as the LORD has spoken.
9 Moʼaabitti soogidda firfirsi; isheen ni baddiitii; magaalaawwan ishees nama isaan keessa jiraatu dhabanii onu.
Give wings to Moab, that she may fly and get her away: and her cities shall become a desolation, without any to dwell in them.'
10 “Namni garaa hirʼuudhaan hojii Waaqayyoo hojjetu abaaramaa haa taʼu! Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu!
Cursed is he who does the work of the LORD negligently; and cursed is he who keeps back his sword from blood.
11 “Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafe kan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminii ijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte; boojiʼamtees hin fudhatamne. Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti; urgaan ishees hin geeddaramne.
'Moab has been at ease from his youth, and he has settled on his lees, and has not been emptied from vessel to vessel, neither has he gone into captivity: therefore his taste remains in him, and his scent is not changed.
12 Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasan ergu tokko ni dhufa. Isaanis gad ishee naqu; okkotee ishee duwwaa hambisanii gaanii ishee cabsu” jedha Waaqayyo.
Therefore look, the days come,' says the LORD, 'that I will send to him those who pour off, and they shall pour him off; and they shall empty his vessels, and break their bottles in pieces.
13 “Yoos akkuma manni Israaʼel yeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sana Moʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa.
Moab shall be ashamed of Chemosh, as the house of Israel was ashamed of Bethel their confidence.
14 “Isin akkamiin ‘Nu gootota; nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?
How can you say, "We are mighty men, and valiant men for the war?"
15 Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu; dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu” jedha Mootichi maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun.
Moab is laid waste, and they are gone up into his cities, and his chosen young men are gone down to the slaughter,' says the King, whose name is the LORD of hosts.
16 “Kufaatiin Moʼaab gaʼeera; badiisni ishees dafee ni dhufa.
The calamity of Moab is near to come, and his affliction hurries fast.
17 Warri naannoo ishee jiraatan hundi, warri maqaa ishee beektan hundi ‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe! Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii.
All you who are around him, bemoan him, and all you who know his name; say, "How is the strong staff broken, the beautiful rod."
18 “Yaa jiraattuu Diiboon, ulfina kee irraa gad buʼiitii lafa goggogaa irra taaʼi! Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufee magaalaawwan kee kanneen dallaa jabaan marfaman ni diigaatii.
You daughter who dwells in Dibon, come down from your glory, and sit in thirst; for the destroyer of Moab has come up against you, he has destroyed your strongholds.
19 Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu, karaa cina dhaabadhuutii ilaali. Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu; ‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu.
Inhabitant of Aroer, stand by the way, and watch: ask him who flees, and her who escapes; say, "What has been done?"
20 Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti. Wawwaadhuu booʼi! Arnoon biratti akka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.
"Moab is disappointed; for it is broken down: wail and cry; tell it by the Arnon, that Moab is laid waste."
21 Murtiin dirree ol kaʼaatti: Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti,
Judgment has come on the plain country, on Holon, and on Jahzah, and on Mephaath,
22 Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti,
and on Dibon, and on Nebo, and on Beth Diblathaim,
23 Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti,
and on Kiriathaim, and on Beth Gamul, and on Beth Meon,
24 Keriiyoottii fi Bozraatti, magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fi dhiʼoo jiran hundatti dhufeera.
and on Kerioth, and on Bozrah, and on all the cities of the land of Moab, far or near.
25 Gaanfi Moʼaab irraa murameera; irreen ishees caccabeera” jedha Waaqayyo.
The horn of Moab is cut off, and his arm is broken,' says the LORD.
26 “Waan isheen Waaqayyotti koorteef dhugaatiidhaan ishee macheessaa. Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu; waan qoosaas haa taatu.
'Make him drunk; for he magnified himself against the LORD: and Moab shall wallow in his vomit, and he also shall be in derision.
27 Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree? Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hunda tuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuuf isheen hattoota gidduutti qabamtee?
For wasn't Israel a derision to you? Was he found among thieves? For as often as you speak of him, you shake your head.
28 Isin warri Moʼaab keessa jiraattan, magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa. Akkuma gugee mana ishee afaan holqaatti ijaarrattuu taʼa.
You inhabitants of Moab, leave the cities, and dwell in the rock; and be like the dove that makes her nest over the mouth of the abyss.
29 “Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee, of tuuluu fi of jajuu ishee, of bokoksuu ishee dhageenyeerra.
We have heard of the pride of Moab--he is very proud--of his pride, and his vanity, and his arrogance, and the haughtiness of his heart.
30 Ani addaggummaa Moʼaab beeka; garuu faayidaa hin qabaatu” jedha Waaqayyo; “Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf”
I know his wrath,' says the LORD, 'that it is nothing; his boastings have worked nothing.
31 Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha; Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa; ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.
therefore I will wail for Moab; yes, I will cry out for all Moab; I will mourn for the men of Kir Heres.
32 Yaa muka wayinii Sibimaa, ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa. Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte; isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti. Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi hurbuu wayinii keetii irra buʼeera.
With more than the weeping of Jazer will I weep for you, vine of Sibmah: your branches passed over the sea, they reached even to Jazer; on your summer fruits and on your vintage the destroyer is fallen.
33 Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera. Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera; namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu. Wacni yoo jiraatee illee inni waca gammachuu miti.
Gladness and joy is taken away from the fruitful field and from the land of Moab; and I have caused wine to cease from the wine presses: none shall tread with shouting; the shouting shall be no shouting.
34 “Sababii bishaan Niimriim gogeef, sagaleen iyya isaanii ol kaʼee, Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti, Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti ni dhagaʼama ture.
From the cry of Heshbon even to Elealeh, even to Jahaz have they uttered their voice, from Zoar even to Horonaim, to Eglath Shelishiyah: for the waters of Nimrim also shall become desolate.
35 Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti aarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsan Moʼaab keessaa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
And I will cause to cease in Moab,' says the LORD, 'the one who offers sacrifice upon the high place, and the one who burns incense to his gods.
36 “Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa; akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa. Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.
Therefore my heart sounds for Moab like pipes, and my heart sounds like pipes for the men of Kir Heres: therefore the abundance that he has gotten is perished.
37 Mataan hundinuu haadamee hareedni hundinuu cirameera; harki hundinuu muramee mudhiin hundis wayyaa gaddaatiin hidhameera.
For every head is bald, and every beard clipped: on all the hands are cuttings, and on the waist sackcloth.
38 Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneetti Moʼaabin caccabseef bantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessa booʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru” jedha Waaqayyo.
On all the housetops of Moab and in its streets there is lamentation every where; for I have broken Moab like a vessel in which none delights,' says the LORD.
39 “Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu! Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte! Moʼaab waan kolfaa taatee, warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti.”
How it is broken down. How they wail. How Moab has turned the back with shame. So shall Moab become a derision and a terror to all who are around him.'
40 Waaqayyo akkana jedha: “Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira.
For thus says the LORD: 'Look, he shall fly as an eagle, and shall spread out his wings against Moab.
41 Keriiyooti ni qabamti; daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu. Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaab akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
Kerioth is taken, and the strongholds are seized, and the heart of the mighty men of Moab at that day shall be as the heart of a woman in her pangs.
42 Moʼaab sababii Waaqayyoon tuffatteef barbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa.
Moab shall be destroyed from being a people, because he has magnified himself against the LORD.
43 Yaa saba Moʼaab sodaan, boollii fi kiyyoon si eeggata” jedha Waaqayyo.
Fear, and the pit, and the snare, are on you, inhabitant of Moab, says the LORD.
44 “Namni sodaa sana duraa baqatu kam iyyuu boolla keessa buʼa; namni boolla sana keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama; ani Moʼaabitti waggaa adabamuu ishee nan fidaatii” jedha Waaqayyo.
He who flees from the fear shall fall into the pit; and he who gets up out of the pit shall be taken in the snare: for I will bring on him, even on Moab, the year of their visitation,' says the LORD.
45 “Baqattoonni waan taʼan dhabanii gaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu; Heshboon keessaa ibiddi tokko, Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii; inni adda Moʼaab guba, buqqee mataa of tuultotaas ni guba.
'Those who fled stand without strength under the shadow of Heshbon; for a fire has gone forth out of Heshbon, and a flame from the city of Sihon, and it has destroyed the forehead of Moab, and the crown of the sons of tumult.
46 Yaa Moʼaab siif wayyoo! Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera; Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru; intallan kees boojiʼamaniiru.
Woe to you, O Moab. The people of Chemosh is undone; for your sons are taken away captive, and your daughters into captivity.
47 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo. Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma.
Yet will I bring back the captivity of Moab in the latter days,' says the LORD. Thus far is the judgment of Moab."

< Ermiyaas 48 >