< Ermiyaas 47 >

1 Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
在法郎尚未進攻迦薩以前,關於培肋舍特,上主有話傳給耶肋米亞先知說:
2 Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira; bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa. Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru, magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala. Uummanni ni booʼa; warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;
上主這樣說:「看,有水從北方湧來,形成一條氾濫的河流,淹沒大地和地上的一切,首都和其中的居民;人們必要喊叫,大地所有的居民必要哀號。
3 kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii, girrisa gaariiwwan diinaatii fi qaqawweessa goommaa isaaniitiif. Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan; harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.
一聽到他駿馬的鐵蹄聲,轔轔的戰車聲,和隆隆的飛輪聲,為父親的已束手無策,不能再顧及自己的兒子,
4 Filisxeemota hunda balleessuuf hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa gargaaruuf hafan hundas balleessuuf guyyaan sun dhufeeraatii. Waaqayyo Filisxeemota, hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.
因為消滅一切培肋舍特人,和摧毀提洛及漆冬一切殘餘助手的日子來到了,上主要消滅培肋舍特人,加非托爾島的遺民
5 Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti; Ashqaloon ni calʼisti. Yaa hambaa dirree irraa isin hamma yoomiitti of ciccirtu?
迦薩已一片荒涼,阿市刻隆已遭受滅亡;阿納克人的遺民,你們要割傷己身到何時呢﹖
6 “Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo ati hamma yoomiitti hin boqonne? Manʼee keetti deebiʼi; calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.
唉! 上主的刀劍! 到何時纔休息﹖請你入鞘休息安歇罷!
7 Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu, yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti inni akkamitti boqochuu dandaʼa?”
但上主既對它出了命,它怎能休息﹖阿市刻隆和海濱,是他給它指向的地方。

< Ermiyaas 47 >