< Ermiyaas 46 >

1 Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee sabootaatiif gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
This is the word of the LORD about the nations—the word that came to Jeremiah the prophet
2 Waaʼee Gibxi: Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa, waggaa afuraffaatti ergaan kun gara waraana Faraʼoon Nekkoo mooticha Gibxi kan Nebukadnezar mootichi Baabilon laga Efraaxiis biratti Karkemiishitti moʼate sanaa dhufe:
concerning Egypt and the army of Pharaoh Neco king of Egypt, which was defeated at Carchemish on the Euphrates River by Nebuchadnezzar king of Babylon in the fourth year of Jehoiakim the son of Josiah king of Judah:
3 “Gaachana keessan xinnaa fi guddaa qopheeffadhaatii lolaaf baʼaa!
“Deploy your shields, small and large; advance for battle!
4 Fardeen feʼadhaa; isaan yaabbadhaas! Qoobii sibiilaa kaaʼadhaatii iddoo iddoo keessan qabadhaa. Eeboo keessan qaradhaa; qomee sibiilaa illee uffadhaa!
Harness the horses; mount the steeds; take your positions with helmets on! Polish your spears; put on armor!
5 Ani maal argaan jira? Isaan naʼanii jiru; dugda duubatti deebiʼaa jiru; gootonni isaanii moʼatamaniiru. Isaan utuu of duuba hin milʼatin ariitiin baqatu; qixa hundaanuu gooliitu jira” jedha Waaqayyo.
Why am I seeing this? They are terrified, they are retreating; their warriors are defeated, they flee in haste without looking back; terror is on every side!”
6 “Fiigaan baqachuu hin dandaʼu; yookaan namni jabaan jalaa hin baʼu. Isaan karaa kaabaatiin Laga Efraaxiis biratti guggufatanii kukkufu.
“The swift cannot flee, and the warrior cannot escape! In the north by the River Euphrates they stumble and fall.
7 “Kan akka Abbayyaa, akka laga bishaan isaa cabsee yaaʼuu ol kaʼu kun eenyu?
Who is this, rising like the Nile, like rivers whose waters churn?
8 Gibxi akkuma Abbayyaa, akkuma laga bishaan isaa cabsee yaaʼuutti ol kaati. Isheenis, ‘Ani ol kaʼee lafa nan haguuga; magaalaawwanii fi saba isaanii nan balleessa’ jetti.
Egypt rises like the Nile, and its waters churn like rivers, boasting, ‘I will rise and cover the earth; I will destroy the cities and their people.’
9 Yaa fardeen, isin garmaamaa! Yaa gaariiwwan, isinis guulaa! Yaa gootota Itoophiyaatii fi Fuuxi warri gaachana baattan, yaa namoota Luudi warri iddaa qabattan kaʼaatii fuula duratti qajeelaa.
Advance, O horses! Race furiously, O chariots! Let the warriors come forth— Cush and Put carrying their shields, men of Lydia drawing the bow.
10 Guyyaan sun garuu guyyaa Gooftaa, kan Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, guyyaa haaloo baʼuu, kan inni itti diinota isaa haaloo baafatuu dha. Goraadeen hamma quufutti, hamma dheebuu dhiigaan baʼutti nyaata. Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu biyya kaabaa keessatti, Laga Efraaxiis biratti aarsaa dhiʼeessaatii.
For that day belongs to the Lord GOD of Hosts, a day of vengeance against His foes. The sword will devour until it is satisfied, until it is quenched with their blood. For the Lord GOD of Hosts will hold a sacrifice in the land of the north by the River Euphrates.
11 “Yaa Gibxi durba qulqullittii, Giliʼaaditti ol baʼiitii qoricha fudhadhu. Ati akkasumaan qoricha hedduutti fayyadamta; garuu hin fayyitu.
Go up to Gilead for balm, O Virgin Daughter of Egypt! In vain you try many remedies, but for you there is no healing.
12 Saboonni qaanii kee ni dhagaʼu; booʼichi kee lafa guuta. Goonni tokko goota kaanitti gufata; isaan lamaanuu wal qabatanii kufu.”
The nations have heard of your shame, and your outcry fills the earth, because warrior stumbles over warrior and both of them have fallen together.”
13 “Dubbiin Waaqayyo akka Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Gibxi dhaʼu Ermiyaas raajichatti dubbate kanaa dha:
This is the word that the LORD spoke to Jeremiah the prophet about the coming of Nebuchadnezzar king of Babylon to strike the land of Egypt:
14 “Waan kana Gibxi keessatti dubbadhu; Migdoolittis labsi; Memfiisii fi Tahiphaanhees keessatti illee akkana jedhaa labsaa: ‘Goraadeen warra naannoo keessan jiru ni fixaatii isin iddoo iddoo keessan qabadhaatii qophaaʼaa.’
“Announce it in Egypt, and proclaim it in Migdol; proclaim it in Memphis and Tahpanhes: ‘Take your positions and prepare yourself, for the sword devours those around you.’
15 Gootonni kee maaliif kufanii diriiru? Sababii Waaqayyo gad isaan qabuuf isaan dhaabachuu hin dandaʼan.
Why have your warriors been laid low? They cannot stand, for the LORD has thrust them down.
16 Isaan ammumaa amma gufatu; wal irrattis kukkufu. Isaanis, ‘Kaʼaa goraadee cunqursaa jalaa baanee gara saba keenyaattii fi biyya itti dhalannetti ni deebinaa’ waliin jedhu.
They continue to stumble; indeed, they have fallen over one another. They say, ‘Get up! Let us return to our people and to the land of our birth, away from the sword of the oppressor.’
17 Isaan achitti, ‘Faraʼoon mootichi Gibxi waca qofa; inni carraa ofii isaa dhabeera’ jedhanii iyyu.
There they will cry out: ‘Pharaoh king of Egypt was all noise; he has let the appointed time pass him by.’
18 “Dhugaa ana jiraataa” jedha mootichi inni maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun “kan gaarran keessaa Taaboor fakkaatu, inni galaana cinatti Qarmeloosin fakkaatu tokko ni dhufa.
As surely as I live, declares the King, whose name is the LORD of Hosts, there will come one who is like Tabor among the mountains and like Carmel by the sea.
19 Ati kan Gibxi keessa jiraattu, waan qabdu walitti qabadhuutii baqaaf qophaaʼi; Memfiis ontee diigamtee jiraattota malee haftiitii.
Pack your bags for exile, O daughter dwelling in Egypt! For Memphis will be laid waste, destroyed and uninhabited.
20 “Gibxi goromsa bareedduu dha; garuu qarxaasaan biyya kaabaatii isheetti ni dhufa.
Egypt is a beautiful heifer, but a gadfly from the north is coming against her.
21 Loltoonni isheen kiraadhaan bitattee gidduu ishee jiranis akkuma jiboota cocoomanii ti. Sababii guyyaan badiisaa, yeroon itti isaan adabaman isaanitti dhufeef isaanis garagalanii walumaan ni baqatu; iddoo isaanii dhaabatanii of irraa deebisuu hin dandaʼan.
Even the mercenaries among her are like fattened calves. They too will turn back; together they will flee, they will not stand their ground, for the day of calamity is coming upon them— the time of their punishment.
22 Gibxi yeroo diinni isheetti dhufutti akkuma bofa waa baqatuu siiqsiti; isaan akkuma namoota muka muraniitti qottoo qabatanii isheetti dhufu.
Egypt will hiss like a fleeing serpent, for the enemy will advance in force; with axes they will come against her like woodsmen cutting down trees.
23 Yoo inni hamma fedhe gobbate iyyuu, isaan bosona ishee ciranii balleessu” jedha Waaqayyo. “Isaan hawwaannisa caalaa baayʼatu; lakkaaʼamuus hin dandaʼan.
They will chop down her forest, declares the LORD, dense though it may be, for they are more numerous than locusts; they cannot be counted.
24 Intalli Gibxi ni qaaneffamti; dabarfamtees namoota kaabaatti ni kennamti.”
The Daughter of Egypt will be put to shame; she will be delivered into the hands of the people of the north.”
25 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani Aamoon Waaqa Tebesitti, Faraʼoonitti, Gibxittii fi Waaqa isheetti, mootota isheettii fi warra Faraʼoonin amanatanitti adabbii nan fida.
The LORD of Hosts, the God of Israel, says: “Behold, I am about to punish Amon god of Thebes, along with Pharaoh, Egypt with her gods and kings, and those who trust in Pharaoh.
26 Ani dabarsee warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanitti, jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonittii fi qondaaltota isaatti isaan kenna. Ergasii garuu Gibxi akkuma durii lafa namni keessa jiraatu ni taati” jedha Waaqayyo.
I will deliver them into the hands of those who seek their lives—of Nebuchadnezzar king of Babylon and his officers. But after this, Egypt will be inhabited as in days of old, declares the LORD.
27 “Yaa Yaaqoob tajaajilaa ko, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel atis hin naʼin. Ani lafa fagootii sin baasa; sanyii kee immoo biyya isaan itti boojiʼamanii nan fida. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
But you, O Jacob My servant, do not be afraid, and do not be dismayed, O Israel. For I will surely save you out of a distant place, your descendants from the land of their captivity! Jacob will return to quiet and ease, with no one to make him afraid.
28 Yaa Yaaqoob garbicha ko, ati hin sodaatin; anis si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo. “Ani yoo saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti balleesse iyyuu ani guutumaan guutuutti si hin balleessu. Ani sin adaba; garuu qajeelummaa qofaan; akka ati utuu hin adabaminuu gad dhiifamtu hin godhu.”
And you, My servant Jacob, do not be afraid, declares the LORD, for I am with you. Though I will completely destroy all the nations to which I have banished you, I will not completely destroy you. Yet I will discipline you justly, and will by no means leave you unpunished.”

< Ermiyaas 46 >