< Ermiyaas 45 >
1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas raajichi Baarukitti himes kanaa dha:
Hili ndilo nabii Yeremia alilomwambia Baruku mwana wa Neria katika mwaka wa nne wa utawala wa Yehoyakimu mwana wa Yosia mfalme wa Yuda, baada ya Baruku kuandika katika kitabu maneno ambayo yalitoka kinywani mwa Yeremia wakati ule:
2 “Yaa Baaruk, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana siin jedha:
“Hili ndilo Bwana, Mungu wa Israeli, akuambialo wewe Baruku:
3 ati, ‘Anaaf wayyoo! Waaqayyo dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette.
Ulisema, ‘Ole wangu! Bwana ameongeza huzuni juu ya maumivu yangu, nimechoka kwa kulia kwa uchungu wala sipati pumziko.’”
4 Waaqayyo akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Waaqayyo akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa.
Bwana akasema, “Mwambie hivi: ‘Hili ndilo asemalo Bwana: Nitakibomoa kile nilichokijenga, na kungʼoa kile nilichokipanda katika nchi yote.
5 Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Waaqayyo.’”
Je, utajitafutia mambo makubwa kwa ajili yako mwenyewe? Usiyatafute hayo. Kwa kuwa nitaleta maangamizi juu ya watu wote, asema Bwana, lakini popote utakapokwenda, nitayaokoa maisha yako.’”