< Ermiyaas 45 >

1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas raajichi Baarukitti himes kanaa dha:
以下是耶肋米亞先知對乃黎雅的兒子巴路克說的話:他在猶大王約史雅的兒子約雅金第四年,由耶肋米亞口授,在卷冊上記錄了這些話:「
2 “Yaa Baaruk, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana siin jedha:
上主,以色列的天主論及你,巴路克,這樣說:
3 ati, ‘Anaaf wayyoo! Waaqayyo dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette.
你曾說:我多麼可憐! 因為上主在我的愁苦上還加添痛苦;我呻吟憔悴,得不到安寧!
4 Waaqayyo akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Waaqayyo akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa.
你應這樣對他說:上主這樣說:看! 我拆毀的,是我所建造的;我拔除的,是我所栽培的;我要打擊全地,
5 Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Waaqayyo.’”
你還有什麼大事可為自己請求;不必請求了。看,我給一切血肉招來災禍──上主的斷語──至於你,不論你到什麼地方去,我必賜你獲得性命,如獲勝利品。」

< Ermiyaas 45 >