< Ermiyaas 43 >
1 Erga Ermiyaas dubbii Waaqayyo Waaqa isaanii kan Waaqayyo akka inni nama hundatti himuuf isa erge sana dubbatee fixee booddee,
耶利米向众百姓说完了耶和华—他们 神的一切话,就是耶和华—他们 神差遣他去所说的一切话。
2 Azaariyaa ilmi Hooshaʼiyaa, Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi namoonni of tuulan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; “Ati ni sobda! Waaqayyo Waaqni keenya akka ati, ‘Isin achi jiraachuuf jettanii biyya Gibxi dhaquu hin qabdan’ jettuuf si hin ergine.
何沙雅的儿子亚撒利雅和加利亚的儿子约哈难,并一切狂傲的人,就对耶利米说:“你说谎言!耶和华—我们的 神并没有差遣你来说:‘你们不可进入埃及,在那里寄居。’
3 Baaruk ilmi Neeriyaa garuu akka ati akka isaan nu fixaniif yookaan boojiʼanii Baabilonitti nu geessaniif dabarsitee harka Baabilonotaatti nu kennituuf si kakaasaa jira.”
这是尼利亚的儿子巴录挑唆你害我们,要将我们交在迦勒底人的手中,使我们有被杀的,有被掳到巴比伦去的。”
4 Kanaafuu Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundii fi sabni hundi ajaja Waaqayyo akka isaan biyya Yihuudaa turaniif kenneef sana didan.
于是加利亚的儿子约哈难和一切军长,并众百姓,不听从耶和华的话住在犹大地。
5 Qooda kanaa Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundi hambaa Yihuudaa kanneen biyyoota itti bibittinneeffaman hunda keessaa deebiʼanii biyya Yihuudaa keessa jiraachuuf dhufan hunda fudhatanii deeman.
加利亚的儿子约哈难和一切军长却将所剩下的犹大人,就是从被赶到各国回来在犹大地寄居的男人、妇女、孩童,和众公主,并护卫长尼布撒拉旦所留在沙番的孙子亚希甘的儿子基大利那里的众人,与先知耶利米,以及尼利亚的儿子巴录,
6 Akkasumas dhiiraa dubartii, ijoollee fi intallan mootii kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan, Ermiyaas raajichaa fi Baaruk ilma Neeriyaa biratti dhiise sana hunda fudhatanii deeman.
7 Isaanis akkasiin Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan biyya Gibxitti galanii hamma Tahiphaanhees keessa lixan.
都带入埃及地,到了答比匿。这是因他们不听从耶和华的话。
8 Tahiphaanheesittis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
在答比匿,耶和华的话临到耶利米说:
9 “Dhagaa gurguddaa guuriitii balbala masaraa Faraʼoon kan Tahiphaanhees jiru sanaa biratti utuma Yihuudoonni ilaalanuu afaa suphee keessatti awwaali.
“你在犹大人眼前要用手拿几块大石头,藏在砌砖的灰泥中,就是在答比匿法老的宫门那里,
10 Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani tajaajilaa koo Nebukadnezar mooticha Baabilonitti nama ergee nan waama; teessoo isaa illee dhagaa asitti awwaale kana irra nan dhaaba; innis dunkaana mootummaa ofii isaa isa irratti ni diriirfata.
对他们说:‘万军之耶和华—以色列的 神如此说:我必召我的仆人巴比伦王尼布甲尼撒来。在所藏的石头上我要安置他的宝座;他必将光华的宝帐支搭在其上。
11 Inni dhufee Gibxin ni lola; warra duʼaaf ramadamanitti duʼa, warra boojuuf ramadamanitti boojuu, warra goraadeef ramadamanitti goraadee ni fida.
他要来攻击埃及地,定为死亡的,必致死亡;定为掳掠的,必被掳掠;定为刀杀的,必交刀杀。
12 Inni manneen waaqeffannaa waaqota Gibxitti ibidda qabsiisa; manneen waaqeffannaa isaanii gubee waaqota isaanii tolfamoo illee boojiʼa. Akkuma Tikeen tokko wayyaa marxifattu sana innis biyya Gibxi marxifatee nagumaanis achii deema.
我要在埃及神的庙中使火着起,巴比伦王要将庙宇焚烧,神像掳去;他要得埃及地,好像牧人披上外衣,从那里安然而去。
13 Inni achuma galma waaqeffannaa aduu biyya Gibxi keessatti utuboota waaqeffannaa caccabsee galma waaqeffannaa waaqota Gibxii illee ni guba.’”
他必打碎埃及地伯·示麦的柱像,用火焚烧埃及神的庙宇。’”