< Ermiyaas 42 >
1 Ergasii ajajjoonni waraanaa hundi Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi Yezaaniyaa ilma Hooshaʼiyaa dabalatee, namni hundi, xinnaa guddaan dhufanii
And all the leaders of the warriors, and Johanan, the son of Kareah, and Azariah, the son of Hoshaiah, and the rest of the common people, from the least even to the greatest, drew near.
2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan; “Maaloo kadhaa keenya dhagaʼiitii hambaa kana hundaaf Waaqayyo Waaqa kee kadhadhu. Nu dur baayʼee turre; amma garuu akkuma ati argitu kana nu nama muraasa qofattu hafe.
And they said to Jeremiah the prophet: “Let our supplication fall before your sight. And pray for us to the Lord your God, on behalf of this entire remnant. For few out of many have been left behind, just as your eyes behold us.
3 Akka Waaqayyo Waaqni kee gara nu dhaquu qabnuu fi waan nu gochuu qabnu nutti himuuf nuu kadhadhu.”
And so, may the Lord your God announce to us the way that we must travel, and the word that we must accomplish.”
4 Ermiyaas raajichis, “Ani isin dhagaʼeera; akkuma isin na gaafattan sana ani dhugumaan Waaqayyo Waaqa keessan nan kadhadha. Waan Waaqayyo dubbatu hundas isinitti nan hima; waan tokko illees isin hin dhoksu” jedhee deebise.
Then Jeremiah, the prophet, said to them: “I have listened. Behold, I will pray to the Lord your God according to your words. And whatever word he will respond to me, I will declare to you. And I will conceal nothing from you.”
5 Jarris Ermiyaasiin akkana jedhan; “Yoo nu akkuma Waaqayyo Waaqni kee akka ati nutti himtuuf si erge sana gochuu baanne Waaqayyo mataan isaa dhuga baatuu dhugaatii fi amanamaa nutti haa taʼu.
And they said to Jeremiah: “May the Lord be the witness between us of truth and fidelity, if we do not act according to whatever word the Lord your God will send by you to us.
6 Akka yeroo nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaatiif ajajamnutti wanni hundi nutti toluuf yoo wanni sun jaallatamaa yookaan jibbamaa taʼe illee nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaa kan itti si erganne sanaatiif ni ajajamna.”
Whether it is for good or for harm, we will obey the voice of the Lord our God, to whom we are sending you. So may it be well with us, when we heed the voice of the Lord our God.”
7 Dubbiin Waaqayyoos guyyaa kudhan booddee gara Ermiyaas dhufe.
Then, when ten days had been completed, the word of the Lord came to Jeremiah.
8 Kanaafuu inni Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa wajjin turan hunda, akkasumas nama xinnaa guddaa hunda walitti waame.
And he called Johanan, the son of Kareah, and all the leaders of warriors who were with him, and all the people, from the least even to the greatest.
9 Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni isin akka ani iyyata keessan itti isinii dhiʼeessuuf itti na ergitan sun akkana jedha:
And he said to them: “Thus says the Lord, the God of Israel, to whom you have sent me, so that I may present your petitions in his sight:
10 ‘Yoo biyya kana keessa turtan, ani isinan ijaara malee isin hin diigu; ani isinan dhaaba malee isin hin buqqisu; ani badiisa isinitti fide sanaaf gaabbeeraatii.
If you dwell quietly in this land, I will build you up, and I will not tear you down. I will plant you, and I will not uproot you. For now I have been appeased by the harm that I have done to you.
11 Mootii Baabilon isa amma sodaattan kana hin sodaatinaa. Ani isin baraaree harka isaatii isin baasuuf isin wajjin jiraatii. Isa hin sodaatinaa, jedha Waaqayyo.
Do not be afraid before the face of the king of Babylon, whom you have dreaded with great fear. Do not dread him, says the Lord. For I am with you, so that I may accomplish your salvation, and so that I may rescue you from his hand.
12 Ani akka inni garaa isinii laafee biyya keessanitti isin deebisuuf garaa isiniif nan laafa.’
And I will give you mercies, and I will take pity on you, and I will cause you to live in your own land.
13 “Garuu yoo isin, ‘Nu biyya kana keessa hin turru’ jettanii akkasiin Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddan,
But if you say: ‘We will not live in this land, nor will we heed the voice of the Lord our God,’
14 amma illee yoo isin, ‘Hin taʼu, nu biyya Gibxi keessa iddoo itti waraana hin argine yookaan malakata hin dhageenye yookaan iddoo itti hin beelofne sana dhaqnee achi jiraanna’ jettan,
saying: ‘Never! Instead, we will travel to the land of Egypt, where we will not see war, and we will not hear the blast of the trumpet, and we will not endure famine. And there we shall live.’
15 egaa yaa hambaa Yihuudaa, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo isin biyya Gibxitti galuu barbaaddanii achi jiraachuu dhaqxan,
Because of this, hear now the word of the Lord, O remnant of Judah: Thus says the Lord of hosts, the God of Israel: If you set your faces so as to advance into Egypt, and if you enter so that you may live there,
16 goraadeen isin sodaattan sun achumatti isin argata; beelli isin sodaattanis hamma Gibxitti isin faana buʼa; isinis achitti dhumtu.
the sword which you dread will overtake you there, in the land of Egypt, and the famine, about which you are anxious, will cling to you in Egypt, and there you shall die.
17 Dhugumaan warri biyya Gibxitti galanii achi qubachuu barbaadan hundi goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan dhumu; isaan keessaa namni badiisa ani isaanitti fidu jalaa baʼu yookaan miliqu tokko iyyuu hin jiru.’
And all the men, who have set their faces so that they may advance to Egypt in order to live there, will die by the sword, and by famine, and by pestilence. None of them will remain, nor will they escape from the face of the evil that I will bring over them.
18 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Akkuma aariin koo fi dheekkamsi koo warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti dhangalaʼe sana, yoo isin biyya Gibxitti galtan dheekkamsi koo isin irratti ni dhangalaʼa. Isinis waan abaarsaa, waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa ni taatu; iddoo kana illee gonkumaa deebitanii hin argitan.’
For thus says the Lord of hosts, the God of Israel: Just as my fury and my indignation has been enflamed over the inhabitants of Jerusalem, so will my indignation be enflamed over you, when you will have entered into Egypt. And so you will be an oath, and an astonishment, and a curse, and a disgrace. And you will never see this place again.
19 “Yaa hambaa Yihuudaa Waaqayyo, ‘Biyya Gibxi hin dhaqinaa’ isiniin jedheera. Waan kana qalbeeffadhaa: Ani harʼa isin akeekkachiisaatii;
This is the word of the Lord concerning you, O remnant of Judah: Do not choose to enter into Egypt, for certainly you understand what I have sworn to you this day.
20 Isin gaafa ‘Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu; waan inni dubbate hundas nutti himi; nus ni ajajamnaaf’ jettanii gara Waaqayyo Waaqa keessanii na ergitan sana balleessaa guddaa hojjettan.
For you have deceived your own souls. For you have sent me to the Lord our God, saying: ‘Pray on our behalf to the Lord our God. And in accord with anything whatsoever that the Lord our God will tell you, announce this to us, and we will do it.’
21 Ani harʼa isinitti himeera; isin garuu waan inni akka ani isinitti himuuf na erge sana hundaan Waaqayyo Waaqa keessaniif hin ajajamne.
And I have announced it to you this day, and you have not heeded the voice of the Lord your God, concerning everything about which he has sent me to you.
22 Kanaafuu isin amma waan kana qalbeeffadhaa: Isin iddoo jiraachuu dhaquu feetan sana keessatti goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumtu.”
Therefore, know with certainty now, that you will die by the sword, and by famine, and by pestilence, in the place which you wish to enter so that you may live there.”