< Ermiyaas 40 >

1 Erga Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Raamaatti gad isa dhiisee booddee dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Ajajaan sun isaa boojiʼamtoota Yerusaalemii fi Yihuudaadhaa boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffamaa turan hunda gidduutti foncaan hidhamee jiru Ermiyaasin arge.
耶利米鎖在耶路撒冷和猶大被擄到巴比倫的人中,護衛長尼布撒拉旦將他從拉瑪釋放以後,耶和華的話臨到耶利米。
2 Ajajaan eegumsaa sunis yommuu Ermiyaasin argetti akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni kee badiisa kana iddoo kanatti labseera.
護衛長將耶利米叫來,對他說:「耶和華-你的上帝曾說要降這禍與此地。
3 Waaqayyo amma iyyuu waan kana fideera; inni akkuma dubbate sana godheera. Sababii isin Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf hin ajajaminiif wanni kun hundi taʼe.
耶和華使這禍臨到,照他所說的行了;因為你們得罪耶和華,沒有聽從他的話,所以這事臨到你們。
4 Ani garuu harʼa foncaa harka keetii sirraa hiikeera. Ati yoo na wajjin Baabilon dhaquu feete kottu; anis sin kunuunsaa; yoo fedhuu baatte garuu hin dhufin. Kunoo biyyattiin guutumaan guutuutti fuula kee dura jirti; iddoo jaallatte dhaqi.”
現在我解開你手上的鍊子,你若看與我同往巴比倫去好,就可以去,我必厚待你;你若看與我同往巴比倫去不好,就不必去。看哪,全地在你面前,你以為哪裏美好,哪裏合宜,只管上那裏去吧!」
5 Taʼus utuu Ermiyaas of irra hin deebiʼin Nebuzaradaan itti dabalee, “Gara Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam isa mootichi Baabilon magaalaawwan Yihuudaa irratti muude sanaa deebiʼiitii isa wajjin saba keessa jiraadhu, yookaan iddoo jaallatte kam iyyuu dhaqi” jedheen. Akkasiin ajajaan eegumsaa sun galaa fi kennaa kenneefii gad isa dhiise.
耶利米還沒有回去,護衛長說:「你可以回到沙番的孫子亞希甘的兒子基大利那裏去;現在巴比倫王立他作猶大城邑的省長。你可以在他那裏住在民中,不然,你看哪裏合宜就可以上那裏去。」於是護衛長送他糧食和禮物,釋放他去了。
6 Kanaafuu Ermiyaas gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kan Miisphaa jiraatu sanaa dhaqee isa wajjin saba biyya sanatti hafe gidduu jiraate.
耶利米就到米斯巴見亞希甘的兒子基大利,在他那裏住在境內剩下的民中。
7 Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii kanneen hamma yeroo sanaatti ala turan yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam sana bulchaa kutaa biyyaa godhee muudee fi akka inni dhiiraa dubartii fi ijoollee hiyyeeyyii kanneen boojiʼamanii gara Baabilonitti hin geeffamin irratti itti gaafatama kenneef dhagaʼanitti,
在田野的一切軍長和屬他們的人聽見巴比倫王立了亞希甘的兒子基大利作境內的省長,並將沒有擄到巴比倫的男人、婦女、孩童,和境內極窮的人全交給他。
8 Gedaaliyaas bira gara Miisphaa dhufan. Isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaanii fi Yoonaataan ilmaan Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti, ilmaan Eefayi namicha Netoof sanaatii fi Yezaaniyaa ilma namicha Maʼakaat, akkasumas namoota isaanii turan.
於是軍長尼探雅的兒子以實瑪利,加利亞的兩個兒子約哈難和約拿單,單戶篾的兒子西萊雅,並尼陀法人以斐的眾子,瑪迦人的兒子耶撒尼亞和屬他們的人,都到米斯巴見基大利。
9 Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam akkana jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate; “Baabilonota tajaajiluu hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii.
沙番的孫子亞希甘的兒子基大利向他們和屬他們的人起誓說:「不要怕服事迦勒底人,只管住在這地,服事巴比倫王,就可以得福。
10 Ani mataan koo fuula Baabilonota gara keenya dhufanii duratti iddoo keessan buʼuuf Miisphaa keessa nan tura; isin garuu wayinii, ija bonaatii fi zayitii walitti qabaatii gombisaatti naqadhaa; magaalaawwan qabattan keessas jiraadhaa.”
至於我,我要住在米斯巴,伺候那到我們這裏來的迦勒底人;只是你們當積蓄酒、油,和夏天的果子,收在器皿裏,住在你們所佔的城邑中。」
11 Yihuudoonni Moʼaab, Amoon, Edoomii fi biyyoota biraa hunda keessa jiraatan hundi yommuu akka mootiin Baabilon Yihuudaa keessatti hambaa hambisee fi akka inni Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam bulchaa godhee isaan irratti muude dhagaʼanitti,
在摩押地和亞捫人中,在以東地和各國的一切猶大人,聽見巴比倫王留下些猶大人,並立沙番的孫子亞希甘的兒子基大利管理他們。
12 hundi isaanii biyyoota itti bittinnaaʼan hunda keessaa baʼanii Yihuudaatti deebiʼanii Miisphaatti Gedaaliyaas bira dhufan. Isaanis wayinii fi ija bonaa baayʼee walitti qabatan.
這一切猶大人就從所趕到的各處回來,到猶大地米斯巴的基大利那裏,又積蓄了許多的酒,並夏天的果子。
13 Yeroo kanatti Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota ala turanii hundi Gedaaliyaas bira Miisphaa dhaqanii,
加利亞的兒子約哈難和在田野的一切軍長來到米斯巴見基大利,
14 akkana jedhaniin; “Ati akka mootiin Amoonotaa Baʼaaliis jedhamu sun si ajjeesuuf jedhee, Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa erge hin beektuu?” Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu isaan hin amanne.
對他說:「亞捫人的王巴利斯打發尼探雅的兒子以實瑪利來要你的命,你知道嗎?」亞希甘的兒子基大利卻不信他們的話。
15 Kana irratti Yoohaanaan ilmi Qaareyaa Miisphaa keessatti Gedaaliyaasin kophaatti baasee akkana jedheen; “Akka ani dhaqee Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa sana ajjeesu naa eeyyami; namni tokko iyyuu waan kana hin beeku. Inni maaliif si ajjeesee akka Yihuudoonni naannoo keetti walitti qabaman hundi bittinneeffamanii hambaan Yihuudaas barbadaaʼu godha?”
加利亞的兒子約哈難在米斯巴私下對基大利說:「求你容我去殺尼探雅的兒子以實瑪利,必無人知道。何必讓他要你的命,使聚集到你這裏來的猶大人都分散,以致猶大剩下的人都滅亡呢?」
16 Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu, Yoohaanaan ilma Qaareyaatiin, “Ati waan akkasii hin hojjetin! Wanni ati waaʼee Ishmaaʼeel dubbattu kun dhugaa mitii” jedhe.
亞希甘的兒子基大利對加利亞的兒子約哈難說:「你不可行這事,你所論以實瑪利的話是假的。」

< Ermiyaas 40 >