< Ermiyaas 38 >

1 Shefaaxiyaa ilmi Mataan, Gedaaliyaas ilmi Phaashihuur, Yuukaal ilmi Shelemiyaatii fi Phaashihuur ilmi Malkiyaa waan Ermiyaas akkana jedhee saba hundatti hime dhagaʼan;
Now Shephatiah son of Mattan, Gedaliah son of Pashhur, Jucal son of Shelemiah, and Pashhur son of Malchijah heard that Jeremiah had been telling all the people:
2 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeen, beelaan yookaan dhaʼichaan ni duʼa; namni gara Baabilonotaatti baqatu kam iyyuu garuu ni jiraata. Inni lubbuu isaatiin ni baʼa; ni jiraatas.’
“This is what the LORD says: Whoever stays in this city will die by sword and famine and plague, but whoever surrenders to the Chaldeans will live; he will retain his life like a spoil of war, and he will live.
3 Waaqayyo akkana jedha: ‘Magaalaan kun dhugumaan dabarfamtee harka waraana mootii Baabilonitti ni kennamti; innis ishee qabata.’”
This is what the LORD says: This city will surely be delivered into the hands of the army of the king of Babylon, and he will capture it.”
4 Kana irratti qondaaltonni sun mootichaan akkana jedhan; “Namichi kun ajjeefamuu qaba. Inni waan isaanitti dubbatuun loltoota magaalaa kana keessatti hafanii fi namoota hunda onnee dhabsiisa. Namichi kun saba kanaaf badiisa malee waan gaarii hin hawwu.”
Then the officials said to the king, “This man ought to die, for he is discouraging the warriors who remain in this city, as well as all the people, by speaking such words to them; this man is not seeking the well-being of these people, but their ruin.”
5 Zedeqiyaa Mootichi immoo, “Inni harkuma keessan keessa jira; mootiin isiniin mormee homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise.
“Here he is,” replied King Zedekiah. “He is in your hands, since the king can do nothing to stop you.”
6 Kanaafuu isaan Ermiyaasin fuudhanii boolla bishaanii kan Malkiyaa ilma mootichaa keessa buusan; boolli bishaanii sunis oobdii eegumsaa keessa ture. Isaan funyoodhaan Ermiyaasin boolla sana keessa buusan; boolli sun dhoqqee malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee keessa dhidhime.
So they took Jeremiah and dropped him into the cistern of Malchiah, the king’s son, which was in the courtyard of the guard. They lowered Jeremiah with ropes into the cistern, which had no water but only mud, and Jeremiah sank down into the mud.
7 Garuu Ebeed-Melek qondaalli Itoophiyaa kan masaraa mootii keessa ture sun akka isaan Ermiyaasin boolla bishaanii keessa buusan dhagaʼe. Utuma mootichi Karra Beniyaam bira taaʼee jiruus,
Now Ebed-melech the Cushite, a court official in the royal palace, heard that Jeremiah had been put into the cistern. While the king was sitting at the Gate of Benjamin,
8 Ebeed-Melek masaraadhaa baʼee dhaqee akkana isaan jedhe;
Ebed-melech went out from the king’s palace and said to the king,
9 “Yaa gooftaa koo mooticha, jarri kun waan Ermiyaas raajicha godhan hundaan waan hamaa hojjetaniiru. Isaan akka inni beelaan duʼuuf yeroo buddeenni tokko iyyuu magaalaa keessa hin jirretti boolla bishaanii keessa isa buusan.”
“My lord the king, these men have acted wickedly in all that they have done to Jeremiah the prophet. They have dropped him into the cistern, where he will starve to death, for there is no more bread in the city.”
10 Mootichis ergasii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan, “Nama soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii utuu inni hin duʼin Ermiyaas raajicha boolla bishaanii keessaa baasi” jedhee ajaje.
So the king commanded Ebed-melech the Cushite, “Take thirty men from here with you and pull Jeremiah the prophet out of the cistern before he dies.”
11 Kanaafuu Ebeed-Melek namoota sana fudhatee gara kutaa mankuusaa masaraa mootichaa keessaatiin jala jiru sanaa dhaqe. Innis darsaa fi wayyaa moofaa achii fudhatee funyoon gara boolla bishaaniitti Ermiyaasiif gad buuse.
Then Ebed-melech took the men with him and went to the king’s palace, to a place below the storehouse. From there he took old rags and worn-out clothes and lowered them with ropes to Jeremiah in the cistern.
12 Ebeed-Melek namichi Itoophiyaa sunis Ermiyaasiin, “Akka funyoon si hin luqqisneef darsaa fi wayyaa moofaa bobaa kee jala kaaʼadhu” jedhe. Ermiyaasis akkasuma godhe;
Ebed-melech the Cushite cried out to Jeremiah, “Put these worn-out rags and clothes under your arms to pad the ropes.” Jeremiah did so,
13 isaanis funyoo sanaan ol harkisanii boolla bishaanii keessaa isa baasan. Ermiyaasis oobdii eegumsaa keessa ture.
and they pulled him up with the ropes and lifted him out of the cistern. And Jeremiah remained in the courtyard of the guard.
14 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasitti nama ergee gara balbala sadaffaa mana qulqullummaa Waaqayyootti isa fichisiise. Mootichis Ermiyaasiin, “Ani waa sin gaafadha; ati waan tokko illee na hin dhoksin” jedhe.
Then King Zedekiah sent for Jeremiah the prophet and received him at the third entrance to the house of the LORD. “I am going to ask you something,” said the king to Jeremiah. “Do not hide anything from me.”
15 Ermiyaasis Zedeqiyaadhaan, “Yoo ani deebii siif kenne, ati na hin ajjeeftuu? Yoo ani si gorse iyyuu ati na hin dhageessu” jedhe.
“If I tell you,” Jeremiah replied, “you will surely put me to death. And even if I give you advice, you will not listen to me.”
16 Zedeqiyaa Mootichi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jireenya nuu kenne sanaa ani si hin ajjeesu; warra lubbuu kee balleessuu barbaadanittis dabarsee si hin kennu” jedhee kakuu kana dhoksaatti Ermiyaasiif kakate.
But King Zedekiah swore secretly to Jeremiah, “As surely as the LORD lives, who has given us this life, I will not kill you, nor will I deliver you into the hands of these men who are seeking your life.”
17 Kana irratti Ermiyaas deebisee Zedeqiyaadhaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni, inni Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennatte lubbuun kee duʼa ni oolfamti; magaalaan kunis hin gubamtu; atii fi maatiin kee ni jiraattu.
Then Jeremiah said to Zedekiah, “This is what the LORD God of Hosts, the God of Israel, says: ‘If you indeed surrender to the officers of the king of Babylon, then you will live, this city will not be burned down, and you and your household will survive.
18 Garuu yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennachuu baatte magaalaan kun dabarfamtee Baabilonotatti ni kennamti; isaanis ishee gubu; ati mataan kee iyyuu isaan jalaa hin baatu.’”
But if you do not surrender to the officers of the king of Babylon, then this city will be delivered into the hands of the Chaldeans. They will burn it down, and you yourself will not escape their grasp.’”
19 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasiin, “Ani Yihuudoota Baabilonotatti galan nan sodaadha; Baabilononni dabarsanii isaanitti na kennanii isaan immoo natti taphatuutii” jedhe.
But King Zedekiah said to Jeremiah, “I am afraid of the Jews who have deserted to the Chaldeans, for the Chaldeans may deliver me into their hands to abuse me.”
20 Ermiyaasis akkana jedhee deebise; “Isaan dabarsanii si hin kennan; ati waan ani sitti himu gochuudhaan Waaqayyoof ajajami. Yoos ati milkooftee lubbuun kees duʼa oolfamti.
“They will not hand you over,” Jeremiah replied. “Obey the voice of the LORD in what I am telling you, that it may go well with you and you may live.
21 Garuu yoo ati harka kennachuu didde, Waaqayyo waan kana naa ibseera:
But if you refuse to surrender, this is the word that the LORD has shown me:
22 Dubartoonni mana mootii Yihuudaa keessatti hafan hundi gara qondaaltota mootii Baabilonitti geeffamu. Dubartoonni sunis akkana jedhu: “‘Michoonni kee kanneen ati amanatte sun, si gowwoomsanii; si moʼatan. Miilli kee dhoqqee keessa lixe; michoonni kees si dhiisanii deeman.’
All the women who remain in the palace of the king of Judah will be brought out to the officials of the king of Babylon, and those women will say: ‘They misled you and overcame you— those trusted friends of yours. Your feet sank into the mire, and they deserted you.’
23 “Niitonni keetii fi ijoolleen kee hundi Baabilonotatti geeffamu. Ati mataan kee iyyuu mootii Baabiloniin qabamta malee isaan harkaa hin baatu; magaalaan kunis ni gubamti.”
All your wives and children will be brought out to the Chaldeans. And you yourself will not escape their grasp, for you will be seized by the king of Babylon, and this city will be burned down.”
24 Zedeqiyaan Ermiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii nu amma dubbanne kana namni tokko iyyuu hin beekin; yoo kanaa achii ati ni duutaa.
Then Zedekiah warned Jeremiah, “Do not let anyone know about this conversation, or you will die.
25 Yoo qondaaltonni akka ani si wajjin haasaʼe dhagaʼanii si bira dhufanii, ‘Waan ati mootiidhaan jettee fi waan mootiin siin jedhe nutti himi; nu hin dhoksin; yoo kanaa achii nu si ajjeefnaa’ siin jedhan,
If the officials hear that I have spoken with you, and they come and demand of you, ‘Tell us what you said to the king and what he said to you; do not hide it from us, or we will kill you,’
26 ‘Ani akka inni gara mana Yoonaataanitti deebisee na ergee anis achitti hin duuneef mooticha kadhachaa ture’ jedhiin.”
then tell them, ‘I was presenting to the king my petition that he not return me to the house of Jonathan to die there.’”
27 Ergasii qondaaltonni hundi dhufanii Ermiyaasin gaafatan; innis waan mootichi akka inni dubbatu isa ajaje hunda isaanitti hime. Sababii namni waan inni mooticha wajjin dubbate dhagaʼe tokko iyyuu hin turiniif, jarri waan kana caalaa homaa isatti hin dubbanne.
When all the officials came to Jeremiah and questioned him, he relayed to them the exact words the king had commanded him to say. So they said no more to him, for no one had overheard the conversation.
28 Ermiyaasis hamma gaafa Yerusaalem qabamteetti oobdii eegumsaa sana keessa ture.
And Jeremiah remained in the courtyard of the guard until the day Jerusalem was captured.

< Ermiyaas 38 >