< Ermiyaas 37 >

1 Nebukadnezar mootichi Baabilon Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mootii Yihuudaa taasise; innis iddoo Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim buʼee mootii taʼe.
約西亞的兒子西底家代替約雅敬的兒子哥尼雅為王,是巴比倫王尼布甲尼撒立在猶大地作王的。
2 Garuu inni yookaan tajaajiltoonni isaa yookaan sabni biyya sanaa dubbii Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaatiin dubbate sana hin qalbeeffanne.
但西底家和他的臣僕,並國中的百姓,都不聽從耶和華藉先知耶利米所說的話。
3 Taʼus Zedeqiyaa mootichi, “Maaloo Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu” jedhee Yehuukal ilma Shelemiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaas raajichaatti erge.
西底家王打發示利米雅的兒子猶甲和祭司瑪西雅的兒子西番雅去見先知耶利米,說:「求你為我們禱告耶和華-我們的上帝。」
4 Ermiyaas waan yeroo sanatti mana hidhaatti hin galfaminiif sodaa malee saba gidduu ni deddeebiʼa ture.
那時耶利米在民中出入,因為他們還沒有把他囚在監裏。
5 Loltoonni Faraʼoon Gibxii baʼanii turan; Baabilononni Yerusaalemin marsanii turanis yommuu waan kana dhagaʼanitti Yerusaalemin dhiisanii baʼan.
法老的軍隊已經從埃及出來,那圍困耶路撒冷的迦勒底人聽見他們的風聲,就拔營離開耶路撒冷去了。
6 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
耶和華的話臨到先知耶利米說:
7 “Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Mooticha Yihuudaa isa akka isin waa na gaafattaniif isin erge sanaan akkana jedhaa; ‘Loltoonni Faraʼoon kanneen isin gargaaruuf dhufan sun gara biyya isaanii, gara Gibxitti ni deebiʼu.
「耶和華-以色列的上帝如此說:猶大王打發你們來求問我,你們要如此對他說:『那出來幫助你們法老的軍隊必回埃及本國去。
8 Ergasii Baabilononni deebiʼanii magaalaa kana ni dhaʼu; ni qabatu; ni gubus.’
迦勒底人必再來攻打這城,並要攻取,用火焚燒。
9 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Baabilononni dhugumaan nu dhiisanii deemu’ jettanii yaaduudhaan of hin gowwoomsinaa; isaan hin deemaniitii!
耶和華如此說:你們不要自欺說「迦勒底人必定離開我們」,因為他們必不離開。
10 Utuu isin loltoota Baabilonotaa kanneen isin lolaa jiran kana hunda moʼattanii warri madaaʼan qofti dunkaana isaanii keessatti hafanii iyyuu isaan gad baʼanii magaalaa kana ni gubu.”
你們即便殺敗了與你們爭戰的迦勒底全軍,但剩下受傷的人也必各人從帳棚裏起來,用火焚燒這城。』」
11 Erga loltoonni Baabilonotaa sababii waraana Faraʼooniif jedhanii Yerusaalemin dhiisanii baʼanii as,
迦勒底的軍隊因怕法老的軍隊,拔營離開耶路撒冷的時候,
12 Ermiyaas saba achi jiraatu keessaa qooda qabeenyaa kan isa gaʼu argachuuf jedhee Yerusaalemii kaʼee biyya Beniyaam dhaqe.
耶利米就雜在民中出離耶路撒冷,要往便雅憫地去,在那裏得自己的地業。
13 Garuu yeroo inni karra Beniyaam bira gaʼetti Yiriyaan ilmi Shelemiyaa, ilmi Hanaaniyaa itti gaafatamaan eegumsaa sun, “Ati gara Baabilonotaatti sokkaa jirta!” jedhee Ermiyaas raajicha qabee hidhe.
他到了便雅憫門那裏,有守門官名叫伊利雅,是哈拿尼亞的孫子、示利米雅的兒子,他就拿住先知耶利米,說:「你是投降迦勒底人哪!」
14 Ermiyaas immoo, “Kun dhugaa miti! Ani gara Baabilonotaatti sokkuutti hin jiru” jedhe. Yiriyaan garuu isa dhagaʼuu dide; qooda kanaa Ermiyaasin qabee qondaaltotatti dhiʼeesse.
耶利米說:「你這是謊話,我並不是投降迦勒底人。」伊利雅不聽他的話,就拿住他,解到首領那裏。
15 Isaanis Ermiyaasitti aaranii isa tuman; mana Yoonaataan barreessaa sanaa kan mana hidhaa godhatan sana keessatti isa hidhan.
首領惱怒耶利米,就打了他,將他囚在文士約拿單的房屋中,因為他們以這房屋當作監牢。
16 Ermiyaasis kutaa mana boollaa keessa buufame; achis yeroo dheeraa ture.
耶利米來到獄中,進入牢房,在那裏囚了多日。
17 Ergasii Zedeqiyaa Mootichi nama itti ergee gara masaraa ofii isaatti isa fichisiise. Achittis kophaatti baasee, “Dubbiin Waaqayyo biraa dhufe tokko iyyuu jiraa?” jedhee isa gaafate. Ermiyaasis, “Eeyyee; ati dabarfamtee mootii Baabiloniitti ni kennamta” jedhee deebise.
西底家王打發人提出他來,在自己的宮內私下問他說:「從耶和華有甚麼話臨到沒有?」耶利米說:「有!」又說:「你必交在巴比倫王手中。」
18 Ergasiis Ermiyaas, Zedeqiyaas mootichaan akkana jedhe; “Ani sitti yookaan qondaaltota keetti yookaan saba kanatti balleessaa maalii hojjennaan isin mana hidhaa keessa na buuftan?
耶利米又對西底家王說:「我在甚麼事上得罪你,或你的臣僕,或這百姓,你竟將我囚在監裏呢?
19 Raajonni kee warri, ‘Mootiin Baabilon siʼi yookaan biyya kana hin lollu’ jedhanii raajii siif dubbatan sun eessa jiru?
對你們預言巴比倫王必不來攻擊你們和這地的先知,現今在哪裏呢?
20 Amma garuu gooftaa koo yaa mootichaa, maaloo na dhagaʼi. Ani iyyata koo fuula kee duratti nan dhiʼeeffadhaatii, mana Yoonaataan barreessaa sanaatti deebiftee na hin ergin; yoo ati na ergite ani achumatti duʼaatii.”
主-我的王啊,求你現在垂聽,准我在你面前的懇求:不要使我回到文士約拿單的房屋中,免得我死在那裏。」
21 Kana irratti Zedeqiyaa Mootichi akka Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa kaaʼamuu fi akka isaan hamma buddeenni magaalaa sanaa dhumutti guyyaa guyyaatti buddeena tokko tokko warra buddeena tolchan irraa fuudhanii isaaf kennan ajaje. Akkasiin Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa ture.
於是,西底家王下令,他們就把耶利米交在護衛兵的院中,每天從餅舖街取一個餅給他,直到城中的餅用盡了。這樣,耶利米仍在護衛兵的院中。

< Ermiyaas 37 >