< Ermiyaas 36 >

1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe:
And these are the words of the book which Jeremias sent from Jerusalem to the elders of the captivity, and to the priests, and to the false prophets, even an epistle to Babylon for the captivity, and to all the people;
2 “Kitaaba maramaa fudhadhuutii dubbii ani bara mootummaa Yosiyaasii jalqabee hamma ammaatti waaʼee Israaʼelii fi waaʼee Yihuudaa, waaʼee saboota kaan hundaas sitti dubbadhe sana hunda irratti barreessi.
(after the departure of Jechonias the king and the queen, and the eunuchs, and every freeman, and bondman, and artificer, out of Jerusalem; )
3 Tarii sabni Yihuudaa yeroo waaʼee badiisa ani isaanitti fiduuf yaade hundaa dhagaʼanitti tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; yoos ani hammina isaaniitii fi cubbuu isaanii nan dhiisaaf.”
by the hand of Eleasan son of Saphan, and Gamarias son of Chelcias, (whom Sedekias king of Juda sent to the king of Babylon to Babylon) saying,
4 Ermiyaasis Baaruk ilma Neeriyaa waame; Baaruk immoo dubbii Waaqayyo dubbate sana Ermiyaas irraa dhagaʼee kitaaba maramaa irratti barreesse.
Thus said the Lord God of Israel concerning the captivity which I caused to be carried away from Jerusalem;
5 Ermiyaas akkana jedhee Baarukin ajaje; “Ani mana Waaqayyoo seenuu dhowwameera.
Build you houses, and inhabit [them]; and plant gardens, and eat the fruits thereof;
6 Kanaafuu ati guyyaa soomaa tokko mana Waaqayyoo dhaqiitii dubbii Waaqayyoo kan narraa dhageessee barreessite sana kitaaba maramaa irraa sabaaf dubbisi. Namoota Yihuudaa warra magaalaawwan isaanii irraa dhufan hundaaf dubbii sana dubbisi.
and take you wives, and beget sons and daughters; and take wives for your sons, and give your daughters to husbands, and be multiplied, and be not diminished.
7 Tarii isaan kadhannaa isaanii fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeeffatanii tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; aarii fi dheekkamsi Waaqayyo saba kana irratti labse guddadhaatii.”
And seek the peace of the land into which I have carried you captive, and you shall pray to the Lord for the people: for in its peace you shall [have] peace.
8 Baaruk ilmi Neeriyaas waan Ermiyaas raajichi isatti hime hunda ni hojjete; mana Waaqayyoo keessattis kitaaba maramaa sana irraa dubbii Waaqayyoo dubbise.
For thus says the Lord; Let not the false prophets that are among you persuade you, and let not your diviners persuade you, and listen not to your dreams which you dream.
9 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaasi mootii Yihuudaa ture keessa jiʼa saglaffaa waggaa shanaffaatti guyyaan fuula Waaqayyo duratti sooman tokko saba Yerusaalem keessa jiraatuu fi warra magaalaawwan Yihuudaatii dhufan hundaaf ni labsame.
For they prophesy to you unrighteous [words] in my name; and I sent them not.
10 Baarukis kutaa Gemaariyaa ilma Shaafaan barreessaa sanaa kan oobdii ol aanaa keessa balbala mana qulqullummaa, kan Karra Haaraa jedhamu biraa sana keessa dhaabatee saba mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture hundaaf dubbii Ermiyaas sana kitaaba maramaa irraa dubbise.
For thus said the Lord; When seventy years shall be on the point of being accomplished at Babylon, I will visit you, and will confirm my words to you, to bring back your people to this place.
11 Miikiyaas ilmi Gemaariyaa ilma Shaafaan yeroo dubbii Waaqayyoo hunda kitaaba maramaa irraa dhagaʼetti,
And I will devise for you a device of peace, and not evil, to bestow upon you these [good things].
12 gara kutaa barreessaa kan masaraa mootummaa keessaa, iddoo qondaaltonni hundi tataaʼaa turanitti gad buʼe; isaanis Eliishaamaa barreessaa, Delaayaa ilma Shemaaʼiyaa, Elnaataan ilma Akboor, Gemaariyaa ilma Shaafaan, Zedeqiyaas ilma Hanaaniyaatii fi qondaaltota biraa hundaa dha.
And do you pray to me, and I will listen to you: and do you earnestly seek me, and you shall find me;
13 Miikiyaas waan yeroo Baaruk kitaaba maramaa irraa uummataaf dubbisetti dhagaʼe sana hunda isaaniitti hime.
for you shall seek me with your whole heart.
14 Qondaaltonni hundis akka inni Baarukiin, “Kitaaba maramaa uummataaf dubbifte sana fidii kottu” jedhuuf Yehuudii ilma Naataaniyaa, ilma Shelemiyaa, ilma Kuushii ergan. Kanaafuu Baaruk ilmi Neeriyaa kitaaba maramaa sana harkatti qabatee gara isaanii dhaqe.
And I will appear to you:
15 Jarris, “Maaloo, taaʼiitii kitaabicha nuu dubbisi” jedhaniin. Kanaafuu Baaruk kitaaba sana isaaniif dubbise.
whereas you said, The Lord has appointed for us prophets in Babylon:
16 Isaanis yommuu dubbii kana hunda dhagaʼanitti sodaadhaan wal ilaalanii Baarukiin, “Nu waan kana hunda mootichatti himuu qabna” jedhan.
17 Ergasii isaan Baarukiin, “Mee nutti himi; ati akkamitti waan kana hunda barreessite? Ermiyaasitu sitti himee?” jedhanii gaafatan.
18 Baarukis, “Eeyyee, Ermiyaasitu dubbii kana hunda natti hime; ani immoo qalamiidhaan kitaaba maramaa irratti barreesse” jedhee deebise.
19 Kana irratti qondaaltonni sun Baarukiin, “Atii fi Ermiyaas dhaqaa dhokadhaa. Namni tokko iyyuu iddoo isin jirtan hin beekin” jedhan.
20 Isaanis kitaaba maramaa sana kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessa kaaʼanii mooticha bira gara oobdii dhaqanii waan hunda isatti himan.
21 Mootichis akka inni kitaabicha fiduuf Yihuudii erge; Yehuudiinis kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessaa kitaabicha fidee mootichaa fi qondaaltota isa bira dhaabachaa turan hundaaf dubbise.
Thus says the Lord concerning Achiab, and concerning Sedekias; Behold, I [will] deliver them into the hands of the king of Babylon; and he shall strike them in your sight.
22 Yeroon sun jiʼa saglaffaa ture; mootichis mana itti yeroo gannaa dabarsu keessa taaʼaa ture; ibiddi girgiraa guddaa irratti bobaʼus fuula isaa dura ture.
And they shall make of them a curse in all the captivity of Juda in Babylon, saying, The Lord do to you as he did to Sedekias, and as he did to Achiab, whom the king of Babylon fried in the fire;
23 Yommuu Yehuudiin kitaaba maramaa sana keessaa boʼoo sadii yookaan afur dubbisutti, mootichi hamma kitaabni sun guutumaan guutuutti gubatee dhumutti haaduu barreessaatiin kukkutee girgiraa ibiddaatti darbachaa ture.
because of the iniquity which they wrought in Israel, and [because] they committed adultery with the wives of their fellow-citizens; and spoke a word in my name, which I did not command them [to speak], and I am witness, says the Lord.
24 Taʼu illee mootichii fi tajaajiltoonni isaa kanneen dubbii kana hunda dhagaʼan hundi homaa hin sodaanne yookaan uffata isaanii hin tarsaafne.
And to Samaeas the Aelamite you shall say,
25 Mootichi yoo Elnaataan, Delaayaa fi Gemaariyaan akka inni kitaabicha hin gubneef isa kadhatan iyyuu isaan hin dhageenye.
I sent you not in my name: and to Sophonias the priest the son of Maasaeas say you,
26 Qooda kanaa mootichi akka isaan Baaruk barreessaa sanaa fi Ermiyaas raajicha hidhaniif Yeramiʼeel ilma mootii, Seraayaa ilma Azriiʼeeliitii fi Shelemiyaa ilma Abdiʼeel ajaje. Waaqayyo garuu isaan dhoksee ture.
The Lord has made you priest in the place of Jodae the priest, to be ruler in the house of the Lord over every prophet, and to every madman, and you shall put them in prison, and into the dungeon.
27 Erga mootichi kitaaba maramaa kan Baaruk dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe itti barreesse sana gubee booddee dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
And now therefore have you reviled together Jeremias of Anathoth, who prophesied to you?
28 “Kitaaba maramaa biraa fuudhiitii dubbii kitaabicha duraa kan Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa gube irra ture sana hunda itti barreessi.
Did he not send for this purpose? for in the course of this month he sent to you to Babylon, saying, It is far off: build you houses, and inhabit [them]; and plant gardens, and eat the fruit of them.
29 Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaatiinis akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati kitaaba maramaa sana gubdee, “Ati maaliif akka mootiin Baabilon dhugumaan dhufee biyya kana balleessee namaa fi horii keessaa hobbaasu kitaabicha irratti barreessite?” jettee gaafatte.
And Sophonias read the book in the ears of Jeremias.
30 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa akkana jedha: Inni nama teessoo Daawit irra taaʼu hin qabaatu; reeffi isaas gad darbatamee hoʼa guyyaatii fi qorra halkaniitti ni saaxilama.
Then the word of the Lord came to Jeremias, saying,
31 Ani sababii hammina isaaniitiif isa, ijoollee isaatii fi tajaajiltoota isaa nan adaba; sababii isaan na dhaggeeffachuu didaniif ani balaa isaanittin fida jedhee labse sana hunda isaanitti, namoota Yerusaalem keessa jiraatanii fi namoota Yihuudaatti nan fida.’”
Send to the captivity, saying, Thus says the Lord concerning Samaeas the Aelamite, Since Samaeas has prophesied to you, and I sent him not, and he has made you to trust in iniquity,
32 Ergasii Ermiyaas kitaaba maramaa kan biraa fuudhee Baaruk ilma Neeriyaa barreessaa sanatti kenne; Baarukis akkuma Ermiyaas itti himetti dubbii kitaaba maramaa Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa ibiddaan gube sana irra ture hunda itti barreesse. Dubbiin dubbii kana fakkaattu hedduunis itti dabalameera.
therefore thus says the Lord; Behold, I will visit Samaeas, and his family: and there shall not be a man of them in the midst of you to see the good which I will do to you: they shall not see [it].

< Ermiyaas 36 >