< Ermiyaas 34 >

1 Yeroo Nebukadnezar mootichi Baabiloniitii fi loltoonni isaa hundi, mootummoonnii fi saboonni biyya inni bulchu keessa jiraatan hundi Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee hunda lolaa turanitti dubbiin akkana jedhu tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe;
Yayinda Nebukadnezzar sarkin Babilon da dukan sojojinsa da kuma dukan mulkokinsa da mutanen masarautar da yake mulki suna yaƙi da Urushalima da dukan garuruwan da suke kewaye, sai wannan magana ta zo wa Irmiya daga wurin Ubangiji cewa,
2 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Gara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ishee guba.
“Ga abin da Ubangiji, Allah na Isra’ila, yana cewa ka tafi wurin Zedekiya sarkin Yahuda ka faɗa masa, ‘Ga abin da Ubangiji yana cewa, ina gab da ba da wannan birni ga sarkin Babilon, zai kuwa ƙone ta.
3 Ati dhugumaan qabamtee dabarfamtee isatti kennamta malee harka isaa jalaa hin miliqxu. Mootii Baabilon ijuma keetiin ni argita; innis kallattiin si wajjin ni dubbata. Atis Baabilonitti ni geeffamta.
Ba za ka tsere daga hannunsa ba amma tabbatacce za a kama ka a kuma ba da kai gare shi. Za ka ga sarkin Babilon da idanunka, zai kuwa yi magana da kai fuska da fuska. Za ka kuwa tafi Babilon.
4 “‘Taʼus yaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo waaʼee kee akkana jedha: Ati goraadeen hin duutu;
“‘Duk da haka ka ji alkawarin Ubangiji, ya Zedekiya sarkin Yahuda. Ga abin da Ubangiji yake cewa game da kai. Ba za ka mutu ta takobi ba;
5 garuu nagumaan duuta. Namoonni akkuma ulfina awwaala abbootii keetii mootota siin duraatiif ibidda qabsiisan sana ulfina keetiif ibidda qabsiisanii, “Wayyoo yaa Gooftaa!” jedhanii booʼu. Ani mataan koo dubbii kana dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo.’”
za ka mutu cikin salama. Yadda mutane suka ƙuna wutar jana’iza don girmama kakanninka, sarakunan da suka riga ka, haka za su ƙuna wuta don girmama da kuma makokinka suna cewa, “Kaito, ya maigida!” Ni kaina na yi wannan alkawari, in ji Ubangiji.’”
6 Ermiyaas raajichi Yerusaalem keessatti waan kana hunda Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti hime;
Sa’an nan annabi Irmiya ya faɗi dukan wannan wa Zedekiya sarkin Yahuda, a Urushalima,
7 yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa jechuunis Laakkiishii fi Azeeqaa lolaa turan. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban keessaa kanneen hafan isaanuma kana qofa turaniitii.
yayinda sojojin sarkin Babilon suna yaƙi da Urushalima da sauran garuruwan Yahuda waɗanda suka ragu, Lakish da Azeka. Waɗannan su ne birane masu katanga kaɗai a Yahuda.
8 Erga Zedeqiyaa mootichi bilisummaa garbootaa labsuuf jedhee uummata Yerusaalem keessa jiraatu hunda wajjin kakuu galee booddee dubbiin tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe.
Maganar ta zo wa Irmiya daga Ubangiji bayan Sarki Zedekiya ya yi yarjejjeniya da duka mutane a Urushalima ya yi shelar’yanci wa bayi.
9 Tokkoon tokkoo namaa garba isaa dhiiraa dubartii sanyii Ibrootaa taʼan bilisa baasuu qaba ture; namni kam iyyuu Yihuudii sanyii isaa taʼe tokko garbummaa keessatti hambisuu hin qabu.
Kowa ya’yantar da bayinsa da suke Ibraniyawa, maza da mata; kada kowa ya riƙe bawa wanda yake mutumin Yahuda.
10 Kanaafuu qondaaltonnii fi namoonni kakuu sana seenan hundi garboota isaanii dhiirotaa dubartii bilisa baasuu fi akka siʼachis isaan hin garboomfanne walii galan. Isaanis tole jedhanii jara bilisa baasan.
Saboda haka dukan fadawa da mutane suka yi yarjejjeniyar cewa za su’yantar da bayinsu maza da mata ba za su kuwa ƙara riƙe su bayi ba. Suka yarda, suka kuma sake su.
11 Ergasii garuu yaada isaanii geeddaratanii garboota bilisa baasanii turan sana deebifatanii amma illee garboomfatan.
Amma daga baya suka canja ra’ayoyinsu suka maido bayinsu suka kuma sāke bautar da su.
12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
Sai maganar Ubangiji ta zo wa Irmiya cewa,
13 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani yeroon Gibxii biyya garbummaatii isaan baasetti abbootii keessan wajjin akkana jedhee kakuu gale;
“Ga abin da Ubangiji, Allah na Isra’ila, yana cewa na yi alkawari da kakanni-kakanninku sa’ad da na fitar da su daga Masar, daga ƙasar bauta. Na ce,
14 ‘Tokkoon tokkoon keessan waggaa torba torbatti nama sanyii Ibrootaa kan isinitti of gurgure kam iyyuu bilisa baasuu qabdu. Erga inni waggaa jaʼa isin tajaajilee booddee isin gad isa dhiisuu qabdu.’ Abbootiin keessan garuu na hin dhageenye; gurras naa hin kennine.
‘A kowace shekara ta bakwai dole kowannenku yă’yantar da duk wani ɗan’uwa mutumin Ibraniyawa wanda aka sayar masa. Bayan ya yi muku hidima shekaru shida, dole ku bar shi yă tafi’yantacce.’ Amma kakanninku ba su saurare ni ba, ba su ji ni ba.
15 Isin immoo dhiʼoo kana qalbii jijjiirrattanii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe gootaniirtu: Tokkoon tokkoon keessanis lammiiwwan keessaniif bilisummaa labsitaniirtu. Mana Maqaa kootiin waamamu keessatti fuula koo duratti kakuu galtaniirtu.
Bai daɗe ba da kuka tuba, kuka kuma yi abin da yake mai kyau a idona. Kowannenku ya yi shelar’yanci ga ɗan’uwansa. Kun ma yi yarjejjeniya a gabana a gidan da ake kira da Sunana.
16 Amma garuu garagaltanii maqaa koo xureessitan; tokkoon tokkoon keessan garboota dhiiraa dubartii isin akka isaan gara fedhan deemaniif bilisa baaftanii turtan sana deebiftanii fudhattaniirtu. Akka isaan ammas garboota keessan taʼaniif isaan dirqamsiiftaniirtu.
Amma yanzu kun juya kun kuma ɓata sunana; kowannenku ya mayar da bayi maza da matan da kuka’yantar su tafi inda suka ga dama. Kun sāke tilasta su su zama bayinku.
17 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Isin naaf hin ajajamne; lammiiwwan keessaniifis bilisummaa hin labsine. Kanaafuu ani amma, ‘Bilisummaa isinii nan labsa’ jedha Waaqayyo; ‘Bilisummaan’ kunis bilisummaa goraadeedhaan, dhaʼichaa fi beelaan dhumuu ti. Ani fuula mootummoota lafaa hundaa durattis akka isin jibbamtan nan godha.
“Saboda haka, ga abin da Ubangiji yana cewa, kun yi mini rashin biyayya; ba ku yi shelar’yanci don’yan’uwanku ba. Saboda haka yanzu na yi muku shelar’yanci in ji Ubangiji,’yanci ga mutuwa ta takobi, annoba da kuma yunwa. Zan sa ku zama abin ƙyama ga sauran mulkokin duniya.
18 Warra kakuu koo cabsanii walii galtee kakuu fuula koo duratti godhan sanaa hin eegin immoo akkuma jabbii isaan iddoo lamatti qoodanii gidduu isaanii baʼanii darban sanaa nan godha.
Mutanen da suka keta alkawarina da ba su cika sharuɗan alkawarin da suka yi a gabana ba, zan yi da su kamar ɗan maraƙin da suka yanka biyu suka bi ta tsakiyarsa.
19 Dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, qondaaltota mana murtii, lubootaa fi uummata biyyattii kanneen jabbii gargar qoodame sana gidduu baʼanii darban hunda,
Shugabannin Yahuda da Urushalima, fadawa, firistoci da kuma dukan mutanen ƙasar waɗanda suka bi tsakanin ɗan maraƙin da aka yanka,
20 dabarsee diinota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti nan kenna. Reeffi isaanii allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.
zan ba da su ga abokan gābansu waɗanda suke neman ransu. Gawawwakinsu za su zama abincin tsuntsayen sararin sama da na namun jeji.
21 “Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatii fi qondaaltota isaa dabarsee diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti, loltoota mootii Baabilon kanneen isin loluu irraa deebiʼanitti nan kenna.
“Zan ba da Zedekiya sarkin Yahuda da fadawansa ga abokan gābansu waɗanda suke neman ransu, ga sojojin sarkin Babilon, waɗanda suke janye daga gare ku.
22 Ani ajaja kennee, gara magaalaa kanaatti deebisee isaan nan fida jedha Waaqayyo. Isaanis ishee ni lolu; qabataniis ibiddaan ishee gubu. Anis akka namni tokko iyyuu keessa hin jiraanneef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”
Zan yi umarni, in ji Ubangiji, zan kuma komo da su wannan birni. Za su kuwa yi yaƙi da ita, su ƙwace ta su kuma ƙone ta. Zan kuma mai da garuruwan Yahuda kufai don kada wani ya zauna a can.”

< Ermiyaas 34 >