< Ermiyaas 34 >

1 Yeroo Nebukadnezar mootichi Baabiloniitii fi loltoonni isaa hundi, mootummoonnii fi saboonni biyya inni bulchu keessa jiraatan hundi Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee hunda lolaa turanitti dubbiin akkana jedhu tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe;
The word which came to Jeremiah from Jehovah, when Nebuchadnezzar, king of Babylon, and all his army, and all the kingdoms of the earth that were under his dominion, and all the nations, made war against Jerusalem, and against all the cities thereof, saying: —
2 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Gara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ishee guba.
Thus saith Jehovah, the God of Israel: Go and speak to Zedekiah, the king of Judah, and say to him, Thus saith Jehovah: Behold, I will give this city into the hand of the king of Babylon, and he shall burn it with fire.
3 Ati dhugumaan qabamtee dabarfamtee isatti kennamta malee harka isaa jalaa hin miliqxu. Mootii Baabilon ijuma keetiin ni argita; innis kallattiin si wajjin ni dubbata. Atis Baabilonitti ni geeffamta.
And thou shalt not escape out of his hand, but shalt surely be taken and delivered into his hand; and thine eyes shall behold the eyes of the king of Babylon, and he shall speak with thee mouth to mouth, and thou shalt go to Babylon.
4 “‘Taʼus yaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo waaʼee kee akkana jedha: Ati goraadeen hin duutu;
Yet hear the word of Jehovah, O Zedekiah, king of Judah! Thus saith Jehovah concerning thee: Thou shalt not die by the sword;
5 garuu nagumaan duuta. Namoonni akkuma ulfina awwaala abbootii keetii mootota siin duraatiif ibidda qabsiisan sana ulfina keetiif ibidda qabsiisanii, “Wayyoo yaa Gooftaa!” jedhanii booʼu. Ani mataan koo dubbii kana dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo.’”
in peace shalt thou die; and according to the burnings of thy fathers, the former kings, who were before thee, so shall they burn for thee; and they shall lament for thee, saying, “Ah, lord!” for I have spoken the word, saith Jehovah.
6 Ermiyaas raajichi Yerusaalem keessatti waan kana hunda Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti hime;
And Jeremiah the prophet spake all these words to Zedekiah, king of Judah, at Jerusalem.
7 yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa jechuunis Laakkiishii fi Azeeqaa lolaa turan. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban keessaa kanneen hafan isaanuma kana qofa turaniitii.
And the army of the king of Babylon fought against Jerusalem, and against all the cities of Judah that were left, against Lachish, and against Azekah; for these fortified cities remained of the cities of Judah.
8 Erga Zedeqiyaa mootichi bilisummaa garbootaa labsuuf jedhee uummata Yerusaalem keessa jiraatu hunda wajjin kakuu galee booddee dubbiin tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe.
The word which came to Jeremiah from Jehovah, after King Zedekiah had made a covenant with all the people that were at Jerusalem, to proclaim liberty to them,
9 Tokkoon tokkoo namaa garba isaa dhiiraa dubartii sanyii Ibrootaa taʼan bilisa baasuu qaba ture; namni kam iyyuu Yihuudii sanyii isaa taʼe tokko garbummaa keessatti hambisuu hin qabu.
that every one should let his man-servant or his maid-servant, being a Hebrew or Hebrewess, go free, that no one should retain his brother, a Jew, in servitude.
10 Kanaafuu qondaaltonnii fi namoonni kakuu sana seenan hundi garboota isaanii dhiirotaa dubartii bilisa baasuu fi akka siʼachis isaan hin garboomfanne walii galan. Isaanis tole jedhanii jara bilisa baasan.
And all the princes, and all the people, who had entered into covenant to let every one his man-servant and every one his maid-servant go free, and retain them in servitude no longer, obeyed; they obeyed, and let them go.
11 Ergasii garuu yaada isaanii geeddaratanii garboota bilisa baasanii turan sana deebifatanii amma illee garboomfatan.
But they returned afterwards, and took back the men-servants and the maid-servants whom they had let go free, and brought them into subjection as men-servants and as maid-servants.
12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
Then came the word of Jehovah to Jeremiah from Jehovah, saying,
13 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani yeroon Gibxii biyya garbummaatii isaan baasetti abbootii keessan wajjin akkana jedhee kakuu gale;
Thus saith Jehovah, the God of Israel: I made a covenant with your fathers in the day when I brought them forth out of the land of Egypt, out of the house of bondmen, and said,
14 ‘Tokkoon tokkoon keessan waggaa torba torbatti nama sanyii Ibrootaa kan isinitti of gurgure kam iyyuu bilisa baasuu qabdu. Erga inni waggaa jaʼa isin tajaajilee booddee isin gad isa dhiisuu qabdu.’ Abbootiin keessan garuu na hin dhageenye; gurras naa hin kennine.
“At the end of seven years ye shall let go every man his brother, a Hebrew, who shall have been sold to thee; when he shall have served thee six years, thou shalt let him go free from thee.” But your fathers hearkened not to me, nor inclined their ear.
15 Isin immoo dhiʼoo kana qalbii jijjiirrattanii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe gootaniirtu: Tokkoon tokkoon keessanis lammiiwwan keessaniif bilisummaa labsitaniirtu. Mana Maqaa kootiin waamamu keessatti fuula koo duratti kakuu galtaniirtu.
And when ye had turned at this time, and had done what was right in mine eyes, in proclaiming liberty every one to his neighbor, and had entered into a covenant before me in the house which is called by my name,
16 Amma garuu garagaltanii maqaa koo xureessitan; tokkoon tokkoon keessan garboota dhiiraa dubartii isin akka isaan gara fedhan deemaniif bilisa baaftanii turtan sana deebiftanii fudhattaniirtu. Akka isaan ammas garboota keessan taʼaniif isaan dirqamsiiftaniirtu.
then ye returned and profaned my name, and took back every one his man-servant, and every one his maid-servant, whom he had set at liberty at their pleasure, and brought them into subjection to be men-servants and maid-servants to you.
17 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Isin naaf hin ajajamne; lammiiwwan keessaniifis bilisummaa hin labsine. Kanaafuu ani amma, ‘Bilisummaa isinii nan labsa’ jedha Waaqayyo; ‘Bilisummaan’ kunis bilisummaa goraadeedhaan, dhaʼichaa fi beelaan dhumuu ti. Ani fuula mootummoota lafaa hundaa durattis akka isin jibbamtan nan godha.
Therefore thus saith Jehovah: Ye have not hearkened to me in proclaiming liberty every one to his brother, and every one to his neighbor. Behold, I proclaim a liberty for you, saith Jehovah, to the sword, to pestilence, and to famine, and I will give you up to oppression in all the kingdoms of the earth;
18 Warra kakuu koo cabsanii walii galtee kakuu fuula koo duratti godhan sanaa hin eegin immoo akkuma jabbii isaan iddoo lamatti qoodanii gidduu isaanii baʼanii darban sanaa nan godha.
and I will make the men who have transgressed my covenant, who have not performed the words of the covenant which they made before me, like the calf which they cut in twain, and passed between the parts thereof,
19 Dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, qondaaltota mana murtii, lubootaa fi uummata biyyattii kanneen jabbii gargar qoodame sana gidduu baʼanii darban hunda,
the princes of Judah, and the princes of Jerusalem, the eunuchs, and the priests, and all the people of the land, that passed between the parts of the calf.
20 dabarsee diinota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti nan kenna. Reeffi isaanii allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.
I will give them into the hand of their enemies, and into the hand of them that seek their life; and their dead bodies shall be food for the birds of heaven, and for the beasts of the earth.
21 “Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatii fi qondaaltota isaa dabarsee diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti, loltoota mootii Baabilon kanneen isin loluu irraa deebiʼanitti nan kenna.
And Zedekiah, king of Judah, and his princes, will I give into the hand of their enemies, and into the hand of them that seek their life, even into the hand of the king of Babylon's army, which are gone up from you.
22 Ani ajaja kennee, gara magaalaa kanaatti deebisee isaan nan fida jedha Waaqayyo. Isaanis ishee ni lolu; qabataniis ibiddaan ishee gubu. Anis akka namni tokko iyyuu keessa hin jiraanneef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”
Behold, I will command, saith Jehovah, and cause them to return to this city, and they shall fight against it, and take it, and burn it with fire; and I will make the cities of Judah a desolation without an inhabitant.

< Ermiyaas 34 >