< Ermiyaas 32 >

1 Bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudhannaffaatti bara mootummaa Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti, dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe.
The word that came to Jeremiah from the Lord in the tenth year of Zedekiah, the king of Judah. The same is the eighteenth year of Nebuchadnezzar.
2 Yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemin marsanii turan; Ermiyaas raajichi immoo masaraa mootii Yihuudaa keessatti oobdii eegumsaa keessatti itti cufamee ture.
It was then that the army of the king of Babylon besieged Jerusalem. And Jeremiah, the prophet, was confined to the atrium of the prison, which was in the house of the king of Judah.
3 Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa akkana jedheenii isa hiisisee ture; “Ati maaliif akkana jettee raajii dubbatta? ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ni qabata.
For Zedekiah, the king of Judah, had confined him, saying: “Why do you make predictions, saying: ‘Thus says the Lord: Behold, I will give this city into the hand of the king of Babylon, and he will capture it?
4 Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa dabarfamee mootii Baabilonitti ni kennama malee harka warra Baabilon jalaa hin baʼu; fuula mootichaa dura dhaabatees isa wajjin dubbata; ija isaatiinis isa ni arga.
And Zedekiah, the king of Judah, will not escape from the hand of the Chaldeans. Instead, he will be delivered into the hands of the king of Babylon. And he will speak to him, mouth to mouth, and he will see him, eye to eye.
5 Innis Zedeqiyaa gara Baabilonitti geessa; Zedeqiyaan hamma ani isa Yaadadhutti achuma tura, jedha Waaqayyo. Isin yoo Baabilonota loltan hin milkooftan.’”
And he will lead Zedekiah to Babylon. And he will be there until I visit him, says the Lord. So then, if you contend against the Chaldeans, you will have no success.’”
6 Ermiyaas akkana jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
And Jeremiah said: “The word of the Lord came to me, saying:
7 Hananiʼeel ilmi eessuma keetii ilmi Shaluum si bira dhufee, ‘Ati sababii lafa kana bitachuuf mirga aantummaa qabduuf lafa qotiisaa koo kan Anaatoot keessaa sana bitadhu’ siin jedha.
Behold, Hanamel, the son of Shallum, your cousin, will come to you, saying: ‘Buy for yourself my field, which is in Anathoth. For it is your right, as next of kin, to buy it.’
8 “Ergasii akkuma Waaqayyo dubbate sana Hananiʼeel durbiin koo gara oobdii eegumsaatti na bira dhufee, ‘Lafa koo kan biyya Beniyaam keessa Anaatoot jiru sana bitadhu. Waan mirgi furuutii fi dhuunfachuu kan kee taʼeef ati ofii keetii bitadhu’ jedhe. “Kana irratti ani akka wanni kun dubbii Waaqayyoo ture nan beeke;
And in accord with the word of the Lord, Hanamel, the son of my uncle, came to me, to the entrance of the prison, and he said to me: ‘Take possession of my field, which is in Anathoth in the land of Benjamin. For the right of inheritance is yours, and as the next of kin you may possess it.’ Then I understood that this was the word of the Lord.
9 kanaafuu ani lafa qotiisaa Anaatoot jiru sana durbii koo Hananiʼeel irraa bitadhee meetii saqilii kudha torba safaree kenneef.
And I bought the field, which is in Anathoth, from Hanamel, the son of my uncle. And I weighed out the money to him, seven small coins and ten pieces of silver.
10 Anis walii galtee sana mallatteessee, chaappaa itti godhee, dhuga baatota waamee meetii sana madaaliitti safareef.
And I wrote it in a book and signed it, and I summoned witnesses. And I weighed out the silver on a scale.
11 Walii galtee bittaa fi gurgurtaa jechuunis garagalchaa chaappaa qabu kan akka seeraa fi barteetti hojjetamee fi kan chaappaa hin qabnee illee nan fudhadhe;
And I received the signed deed of possession, and the stipulations, and the ratifications, with the exterior seals.
12 geessees fuula durbii koo Hananiʼeelii fi fuula dhuga baatota walii galtee sana irratti mallatteessaniitii fi fuula Yihuudoota oobdii eegumsaa keessa tataaʼaa turan hundaa duratti Baaruk ilma Neeriyaa ilma Mahiseyaatti kenne.
And I gave the deed of possession to Baruch, the son of Neriah, the son of Mahseiah, in the sight of Hanamel, the son of my uncle, in the sight of the witnesses who had been recorded in the book of the purchase, and in the sight of all the Jews who were sitting in the atrium of the prison.
13 “Anis fuuluma isaanii duratti qajeelcha kana Baarukiif kenne;
And I instructed Baruch, in their sight, saying:
14 ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: walii galtee bittaa fi gurgurtaa kan chaappaa qabuu fi kan chaappaa hin qabne fuudhiitii akka isaan bara dheeraa turuu dandaʼaniif lachuu okkotee suphee keessa kaaʼi.
Thus says the Lord of hosts, the God of Israel: ‘Take these writings, this sealed deed of purchase, and this deed which is open, and place them in an earthen vessel, so that they will be preserved for many days.’
15 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; biyya kana keessatti manneen, lafa qotiisaa fi iddoon dhaabaa wayinii amma illee ni bitamu.’
For thus says the Lord of hosts, the God of Israel: ‘Houses, and fields, and vineyards will be possessed still, in this land.’
16 “Anis erga walii galtee bittaa fi gurgurtaa sana Baaruk ilma Neeriyaatti kennee booddee akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe:
And after I had delivered the deed of possession to Baruch, the son of Neri, I prayed to the Lord, saying:
17 “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
Alas, alas, alas, O Lord God! Behold, you have made heaven and earth, by your great strength and by your outstretched arm. No word is difficult for you.
18 Ati namoota kumaatamatti jaalala ni argisiifta; garuu sababii cubbuu abbootiitiif jettee ijoollee isaanii kanneen isaan booddee illee ni adabda. Yaa Waaqa guddaa fi humna qabeessa maqaan kee Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu dha;
You act with mercy a thousand-fold, but you repay the iniquity of the fathers into the sinews of their sons after them. The Lord of hosts is your name: most strong, great, and powerful!
19 kaayyoon kee guddaa dha; hojiin kees jabaa dha. Iji kee karaa namaa hunda ilaala; ati tokkoo tokkoo namaatiif gatii karaa isaatii fi hojii isaatiif malu kennita.
You are great in counsel and incomprehensible in thought. Your eyes are open upon all the ways of the sons of Adam, so that you may repay each one according to his ways and according to the fruit of his intentions.
20 Ati Gibxi keessatti mallattoo fi dinqii hojjettee hamma harʼaatti illee Israaʼelii fi sanyii namaa hunda keessatti waan kana ittuma fuftee maqaa hamma ammaatti qabdu kana argatte.
You caused signs and portents in the land of Egypt, and in Israel, and among men, even until this day. And you have made a name for yourself, just as in this day.
21 Saba kee Israaʼeliin mallattoo fi dinqiidhaan, harka humna qabeessaan, irree diriirfamaa fi haala akka malee nama sodaachisuun Gibxi keessaa baafte.
And you have led your people Israel away from the land of Egypt, with signs and portents, and with a robust hand and an outstretched arm, and with great terror.
22 Biyya aannanii fi damma baasu kan ati abbootii isaaniitiif kennuuf kakatte kana isaaniif kennite.
And you have given them this land, which you swore, to their fathers, that you would give to them, a land flowing with milk and honey.
23 Isaanis biyyattii seenanii dhaalan; garuu siif hin ajajamne yookaan seera kee duukaa hin buune. Waan ati akka isaan hojjetan ajajjes hin hojjenne. Kanaafuu ati badiisa kana hunda isaanitti fidde.
And they entered it and possessed it. But they did not obey your voice, and they did not walk in your law. And they did not do all of the things that you commanded them to do. And so, all of these evils have happened to them.
24 “Kunoo magaalaa fudhachuuf tuullaan biyyoo itti marfameera. Sababii goraadee, beelaatii fi dhaʼichaatiif magaalaan kun Baabilonota amma isa lolaa jiranitti dabarfamee ni kennama. Wanni ati dubbatte sun akkuma ati amma argitu kana fiixaan baʼeera.
Behold, fortifications were built against the city, so as to capture it. And the city was given into the hands of the Chaldeans, who fight against it, before the face of the sword, and of famine, and of pestilence. And what you have spoken has occurred, just as you yourself discern.
25 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati yoo magaalattiin kun dabarfamtee Baabilonotatti kennamte iyyuu ‘Meetiidhaan lafa qotiisaa bitadhuutii bittaa fi gurgurtaa isaa illee ragaa qabaachisi’ naan jetta.”
So why, O Lord God, are you saying to me: ‘Buy a field with money, and summon witnesses,’ while the city is being given into the hands of the Chaldeans?”
26 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
And the word of the Lord came to Jeremiah, saying:
27 “Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa?
“Behold, I am the Lord God; I am above all flesh. Can any word be difficult for me?
28 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee Baabilonotaa fi Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kennuuf jira; innis ishee ni qabata.
Therefore, thus says the Lord: Behold, I will deliver this city into the hands of the Chaldeans, and into the hands of the king of Babylon, and they will capture it.
29 Baabilononni magaalaa kana lolaa jiran kunneen magaalattii seenanii ibidda itti qabsiisu; isaanis manneen namoonni bantii isaanii irratti Baʼaaliif ixaana aarsuu fi waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan sana illee walumaan ni gubu.
And the Chaldeans fighting against this city will advance, and set fire to it, and burn it, along with the houses on whose roofs they were offering sacrifice to Baal and were pouring out libations to strange gods, so that they provoked me to wrath.
30 “Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa ijoollummaa isaaniitii jalqabanii fuula koo duratti waan hamaa malee homaa hin hojjenne; dhugumaan sabni Israaʼel waan harkuma isaaniitiin hojjetaniin dheekkamsaaf na kakaasan malee homaa hin hojjenne, jedha Waaqayyo.
For the sons of Israel and the sons of Judah, from their youth, have continually done evil in my eyes. The sons of Israel, even until now, have been provoking me with the work of their hands, says the Lord.
31 Magaalattiin kun gaafa ijaaramtee jalqabdee hamma ammaatti akka ani fuula koo duraa ishee balleessuuf na aarsitee dheekkamsaaf na kakaaste.
For this city has been a cause of fury and indignation to me, from the day when they built it, until this day, in which it will be taken away from my sight,
32 Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa jechuunis isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii, namoonni Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem hammina hojjetan hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniiru.
because of all the wickedness of the sons of Israel and the sons of Judah, which they have done, provoking me to wrath, they and their kings, their leaders and their priests and their prophets, the men of Judah and the inhabitants of Jerusalem.
33 Isaan fuula isaanii dhiisanii dugda isaanii natti garagalfatan; yoo ani ammumaa amma isaan barsiise iyyuu isaan na hin dhaggeeffanne yookaan qajeelfama kootiin hin geeddaramne.
And they have turned their backs to me, and not their faces. And though I taught them and instructed them, rising at first light, they were not willing to listen, so that they would receive discipline.
34 Isaan waaqota isaanii balfamoo sana mana Maqaa kootiin waamamu keessa dhaabatanii manicha xureessan.
And they have placed their idols in the house where my name is invoked, so that they defiled it.
35 Isaanis ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii Moolekiif dhiʼeessuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti Baʼaaliif iddoo sagadaa ijaaran; ani garuu akka isaan waan jibbisiisaa akkanaa hojjetanii Yihuudaa illee cubbuu hojjechiisan gonkumaa isaan hin ajajne yookaan wanni kun qalbii koo keessa illee hin turre.
And they have built the exalted places of Baal, which are in the valley of the son of Hinnom, so that they may initiate their sons and their daughters into Molech, though I did not command, nor did it enter into my heart, that they should do this abomination, and so lead Judah into sin.
36 “Ati waaʼee magaalattii kanaa, ‘Isheen goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan dabarfamtee mooticha Baabilonitti kennamti’ jetta; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha:
And now, because of these things, thus says the Lord, the God of Israel, to this city, about which you say that it will be delivered into the hands of the king of Babylon by the sword, and by famine, and by pestilence:
37 Ani dhugumaan biyyoota ani aarii koo sodaachisaa fi dheekkamsa koo guddaadhaan itti isaan ariʼe hunda keessaa walitti isaan nan qaba; iddoo kanattis isaan deebisee nagaan isaan jiraachisa.
Behold, I will gather them together from all the lands to which I have cast them out in my fury, and in my wrath, and in my great indignation. And I will lead them back to this place, and I will cause them to live in confidence.
38 Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
And they will be my people, and I will be their God.
39 Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna.
And I will give to them one heart and one way, so that they may fear me all their days, and so that it may be well with them, and with their sons after them.
40 Ani kakuu bara baraa isaan wajjin nan gala; akka isaan gonkumaa narraa hin garagalleef ani waan gaarii isaaniif gochuu hin dhiisu; akka isaan na sodaataniifis isaan nan kakaasa.
And I will form an everlasting covenant with them, and I will not cease to do good for them. And I will put my fear into their heart, so that they do not withdraw from me.
41 Ani waan gaarii isaaniif gochuutti nan gammada; garaa koo fi lubbuu koo guutuudhaan, amanamummaadhaanis biyya kana keessa isaan nan dhaaba.
And I will rejoice over them, while I do good for them. And I will plant them in this land, in truth, with my whole heart and with my whole soul.
42 “Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuman badiisa guddaa kana hunda saba kanatti fide sana waan gaarii waadaa isaaniif seene sana hunda nan kennaaf.
For thus says the Lord: Just as I have led over this people all this great evil, so will I lead over them all the good that I am speaking to them now.
43 Biyya isin, ‘Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru; isheen dabarfamtee Baabilonotatti kennamteertiitii’ jettanii waaʼee ishee dubbattan kana keessatti lafti qotiisaa amma illee ni bitama.
And fields will be possessed in this land, about which you say that it is desolate because there remains neither man nor beast, and because it has been given into the hands of the Chaldeans.
44 Biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalem keessatti, magaalaawwan Yihuudaatii fi magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, magaalaawwan gaarran dhiʼaatii fi kan Negeeb keessatti lafti qotiisaa meetiidhaan ni bitama; walii galteen bittaa gurgurtaa isaas mallatteeffamee chaappaan itti godhamee dhuga baatotaan ni rageeffama; ani boojuu isaanii iddoo duriitti nan deebisaatii, jedha Waaqayyo.”
Fields will be bought for money, and deeds will be written and signed, and witnesses will be summoned, in the land of Benjamin and all around Jerusalem, in the cities of Judah, and in the cities on the mountains, and in the cities on the plains, and in the cities that are toward the south. For I will convert their captivity, says the Lord.”

< Ermiyaas 32 >