< Ermiyaas 31 >
1 “Yeroo sanatti” jedha Waaqayyo, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
“A lokacin nan, zan zama Allah na dukan kabilan Isra’ila, za su kuma zama mutanena,” in ji Ubangiji.
2 Waaqayyo akkana jedha: “Namoonni goraadee irraa hafan gammoojjii keessatti fudhatama ni argatu; anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “Mutanen da suka tsere wa takobi za su sami tagomashi a hamada; zan zo don in ba da hutu ga Isra’ila.”
3 Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.
Ubangiji ya bayyana mana a dā, yana cewa, “Na ƙaunace ku da madawwamiyar ƙauna; na janye ku da ƙauna marar iyaka.
4 Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara; atis deebitee ni ijaaramta. Ati amma illee dibbee kee fudhattee warra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.
Zan sāke gina ki za ki kuwa sāke ginuwa, ya Budurwar Isra’ila. Za ki kuma ɗauki ganganki ki fita don ki yi rawa da masu farin ciki.
5 Ati amma illee gaarran Samaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta; qotee bulaanis wayinii dhaabbatee ija isaa ni nyaata.
Za ki sāke dasa gonakin inabi a kan tussan Samariya; manoma za su yi shuka a kansu su kuma ji daɗin amfaninsu.
6 Guyyaa itti eegdonni gaarran Efreem irra dhaabatanii, ‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti ol baanaa’ jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”
Za a yi ranar da matsara za su tā da murya a kan tuddan Efraim su ce, ‘Ku zo, bari mu haura Sihiyona, zuwa wurin Ubangiji Allahnmu.’”
7 Waaqayyo akkana jedha: “Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa; hangafa sabootaatiif ililchaa. Galata keessan dhageessisaatii, ‘Yaa Waaqayyo saba kee, hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “Ku rera don farin ciki wa Yaƙub; ku yi sowa don al’ummai da suke nesa. Ka sa a ji yabanku, ku kuma ce, ‘Ya Ubangiji ka ceci mutanenka, raguwar Isra’ila.’
8 Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida; handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba. Isaan keessattis jaamotaa fi naafota, haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama; saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.
Ga shi, zan kawo su daga ƙasar arewa in tattara su daga iyakar duniya. A cikinsu makafi da guragu za su kasance, mata masu ciki da matan da suke naƙuda; jama’a mai yawan gaske za su komo.
9 Isaanis booʼaa dhufu; yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu. Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef, ani qarqara burqaa bishaanii irra, daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.
Za su zo da kuka; za su yi addu’a yayinda nake komo da su. Zan bishe su kusa da rafuffukan ruwa a miƙaƙƙiyar hanya inda ba za su yi tuntuɓe ba, domin ni ne mahaifin Isra’ila, Efraim kuma ɗan farina ne.
10 “Yaa saboota, dubbii Waaqayyo dhagaʼaa; isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabee akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatii biyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.
“Ku ji maganar Ubangiji, ya al’ummai; ku yi shelarta a gaban teku masu nesa cewa, ‘Shi wanda ya watsar da Isra’ila zai tattara su zai kuma lura da garkensa kamar makiyayi.’
11 Waaqayyo Yaaqoobin fureera, warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.
Gama Ubangiji zai fanshi Yaƙub zai cece su daga hannun waɗanda suka fi su ƙarfi.
12 Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu; isaan arjummaa Waaqayyootti jechuunis midhaanitti, daadhii wayinii haaraa fi zayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu. Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa; isaan siʼachi hin gaddan.
Za su zo su yi sowa don farin ciki a ƙwanƙolin Sihiyona; za su yi farin ciki cikin yalwar Ubangiji hatsi, sabon ruwan inabi da mai,’ya’yan garken tumaki da na shanu. Za su zama kamar gonar da aka yi wa banruwa, ba za su ƙara yin baƙin ciki ba.
13 Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu; dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu. Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara; qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.
’Yan mata za su yi rawa su kuma yi murna, haka ma samari da tsofaffi. Zan mai da makokinsu farin ciki; zan ta’azantar da su in kuma sa su yi farin ciki a maimakon baƙin ciki.
14 Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa; sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,” jedha Waaqayyo.
Zan ƙosar da firistoci da yalwa, mutanena kuma za su cika da yalwa,” in ji Ubangiji.
15 Waaqayyo akkana jedha: “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “An ji murya daga Rama, makoki da kuka mai zafi, Rahila tana kuka domin’ya’yanta ta kuma ƙi a ta’azantar da ita domin’ya’yanta ba su.”
16 Waaqayyo akkana jedha: “Sagalee kee booʼicha irraa, ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu; hojiin kee ni badhaafamaatii” jedha Waaqayyo. “Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “Hana muryarki kuka da kuma idanunki hawaye, gama za a sāka wa aikinki,” in ji Ubangiji. “Za su komo daga ƙasar abokin gāba.
17 Kanaafuu galgalli kee abdii qaba” jedha Waaqayyo. Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.
Saboda haka akwai sa zuciya domin nan gaba,” in ji Ubangiji. “’Ya’yanki za su komo ƙasarsu.
18 “Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera: ‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamin tokkootti na adabdeerta; anis adabameera. Ati sababii Waaqayyo Waaqa koo taateef, na deebisi; anis nan deebiʼa.
“Tabbatacce na ji gurnanin Efraim yana cewa, ‘Ka hore ni kamar ɗan maraƙi mai ƙin ji, na kuwa horu. Ka mayar da ni, zan kuwa dawo, domin kai ne Ubangiji Allahna.
19 Ani ergan duubatti deebiʼee booddee, qalbii jijjiirradheera; ani ergan hubadhee booddee, qoma koo nan dhaʼe. Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf, nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’
Bayan na kauce, sai na tuba; bayan na gane, sai na sunkuyar da kaina. Na ji kunya da ƙasƙanci domin ina ɗauke da kunyar ƙuruciyata.’
20 Efreem ilma koo jaallatamaa, mucaa ani itti gammadu mitii? Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu amma illee isa nan yaadadha. Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada; garaas nan laafaaf” jedha Waaqayyo.
Efraim ba ƙaunataccen ɗana ba ne, ɗan da nake jin daɗinsa? Ko da yake sau da dama ina maganar gāba a kansa, duk da haka nakan tuna da shi. Saboda haka zuciyata tana marmarinsa; ina da jinƙai mai girma dominsa,” in ji Ubangiji.
21 “Ati mallattoo daandii dhaabbadhu; waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu. Karaa irra deemtu, daandii guddaa sana hubadhu. Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi; magaalaawwan keetti deebiʼi.
“Ki kafa alamun hanya; ki sa shaidun bishewa. Ki lura da babbar hanya da kyau, hanyar da kika bi. Ki komo, ya Budurwar Isra’ila, ki komo zuwa garuruwanki.
22 Yaa intala hin amanamne, ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta? Waaqayyo waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma; dubartiin dhiira marsiti.”
Har yaushe za ki yi ta yawo, Ya’ya marar aminci? Ubangiji zai ƙirƙiro sabon abu a duniya mace za tă kewaye namiji.”
23 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu.
Ga abin da Ubangiji Maɗaukaki, Allah na Isra’ila yana cewa, “Sa’ad da na komo da su daga bauta mutane a ƙasar Yahuda da cikin garuruwanta za su sāke yi amfani da waɗannan kalmomi. ‘Ubangiji ya albarkace ka, ya mazauni mai adalci, ya tsarkakan dutse.’
24 Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu.
Mutane za su zauna tare a Yahuda da dukan garuruwansa, manoma da waɗanda suke yawo da garkunansu.
25 Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”
Zan wartsake waɗanda suka gaji in kuma ƙosar da waɗanda ransu ya yi yaushi.”
26 Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.
A kan wannan na farka na duba kewaye. Barcina ya yi mini daɗi.
27 “Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo.
“Kwanaki suna zuwa,” in ji Ubangiji, “sa’ad da zan kafa gidan Isra’ila da gidan Yahuda da’ya’yan mutane da na dabbobi.
28 “Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo.
Kamar yadda na lura da su don su tumɓuke su kuma rusar, su lalatar, su hallaka su kuma kawo masifa, haka zan lura da su don su gina su kuma dasa,” in ji Ubangiji.
29 “Bara sana keessa namoonni lammata, “‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan ilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.
“A waɗannan kwanaki mutane ba za su ƙara ce, “‘Ubanni suka ci’ya’yan inabi masu tsami, haƙoran’ya’ya suka mutu ba.’
30 Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.
A maimako, kowa zai mutu saboda zunubinsa; duk wanda ya ci’ya’yan inabi masu tsami, haƙoransa ne za su mutu.
31 “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis kakuu haaraa galu ni dhufa,” jedha Waaqayyo.
“Lokaci yana zuwa,” in ji Ubangiji, “sa’ad da zan yi sabon alkawari da gidan Isra’ila da kuma gidan Yahuda.
32 “Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale, kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu isaan cabsan sanaan tokko miti” jedha Waaqayyo.
Ba zai zama kamar alkawarin da na yi da kakanni kakanninsu ba sa’ad da na kama su da hannu na bishe su daga Masar, domin sun take alkawarina, ko da yake na zama miji a gare su,” in ji Ubangiji.
33 “Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo. “Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo taʼu.
“Ga alkawarin da zan yi da gidan Isra’ila bayan wannan lokaci,” in ji Ubangiji. “Zan sa dokata a tunaninsu in kuma rubuta ta a zukatansu. Zan zama Allahnsu, za su kuma zama mutanena.
34 Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha Waaqayyo. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
Mutum ba zai ƙara koya wa maƙwabci ba, ko ya koya wa ɗan’uwansa cewa, ‘Ka san Ubangiji,’ domin duk za su san ni, daga ƙaraminsu har zuwa babba,” in ji Ubangiji. “Gama zan gafarta muguntarsu ba zan kuwa ƙara tuna da zunubansu ba.”
35 Waaqayyo akkana jedha; inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu, inni akka isaan halkaniin ibsaniif, jiʼaa fi urjiiwwan ajaju, inni akka dambaliin isaa huursuuf galaana raasu sun maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
Ga abin da Ubangiji yana cewa, shi da ya kafa rana don tă yi haske a yini shi da ya sa wata da taurari su yi haske da dare, shi da yake dama teku don raƙuman ruwansa su yi ruri Ubangiji Maɗaukaki ne sunansa.
36 “Yoo seerri kun fuula koo duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel, fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa” jedha Waaqayyo.
“In dai wannan kafaffiyar ƙa’ida ta daina aiki a gabana,” in ji Ubangiji, “to, sai zuriyar Isra’ila ta daina zama al’umma a gabana.”
37 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa ani sanyii Israaʼel hunda sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata” jedha Waaqayyo.
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “In a iya auna sammai a kuma bincike tushen duniya a ƙarƙas to, sai in ƙi dukan zuriyar Isra’ila ke nan saboda dukan abin da suka yi,” in ji Ubangiji.
38 Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa.
“Kwanaki suna zuwa,” in ji Ubangiji, “sa’ad da za a sāke gina wannan birni domina daga Hasumiyar Hananel zuwa Ƙofar Kusurwa.
39 Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama.
Ma’auni zai miƙe daga can ya nausa kai tsaye zuwa tudun Gareb sa’an nan ya juya zuwa Gowa.
40 Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”
Dukan kwarin da ake zubar da toka da kuma gawawwaki, da dukan lambatun da suke can har zuwa Kwarin Kidron a gabas zuwa kusurwar Ƙofar Doki, za su zama mai tsarki ga Ubangiji. Ba za a ƙara tumɓuke birnin ko a rushe shi ba.”