< Ermiyaas 31 >

1 “Yeroo sanatti” jedha Waaqayyo, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
At the same time, saith the Lord, will I be the God for all the families of Israel, and they shall be unto me for a people.
2 Waaqayyo akkana jedha: “Namoonni goraadee irraa hafan gammoojjii keessatti fudhatama ni argatu; anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”
Thus hath said the Lord, The people of those that are escaped of the sword found grace in the wilderness, —even Israel, when it went to find rest.
3 Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.
“From afar is the Lord appeared unto me,” [saying, ] Yea, with an everlasting love have I loved thee; therefore have I guided thee with loving-kindness.
4 Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara; atis deebitee ni ijaaramta. Ati amma illee dibbee kee fudhattee warra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.
Yet again will I build thee up, and thou shalt be built, O virgin of Israel: yet again shalt thou adorn thy timbrels, and go forth in the dances of those that make merry.
5 Ati amma illee gaarran Samaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta; qotee bulaanis wayinii dhaabbatee ija isaa ni nyaata.
Yet again shalt thou plant vineyards upon the mountains of Samaria: the planters shall plant, and shall redeem the fruit.
6 Guyyaa itti eegdonni gaarran Efreem irra dhaabatanii, ‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti ol baanaa’ jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”
For there cometh a day, that the watchers call out upon the mountain of Ephraim, Arise ye, and let us go up to Zion unto the Lord our God.
7 Waaqayyo akkana jedha: “Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa; hangafa sabootaatiif ililchaa. Galata keessan dhageessisaatii, ‘Yaa Waaqayyo saba kee, hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.
For thus hath said the Lord, Sing for Jacob with joy, and shout at the head of the nations: publish ye, praise ye, and say, The Lord hath helped thy people, the remnant of Israel.
8 Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida; handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba. Isaan keessattis jaamotaa fi naafota, haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama; saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.
Behold, I will bring them from the north country, and I will gather them from the farthest ends of the earth, among them the blind and the lame, the pregnant woman and she that travaileth with child together: a great assembly shall they return hither.
9 Isaanis booʼaa dhufu; yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu. Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef, ani qarqara burqaa bishaanii irra, daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.
With weeping shall they come, and with supplications will I bring them in: I will lead them by brooks of water in a straight way, whereon they shall not stumble; for I am become a father to Israel, and Ephraim is my first-born.
10 “Yaa saboota, dubbii Waaqayyo dhagaʼaa; isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabee akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatii biyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.
Hear the word of the Lord, O ye nations, and tell it in the isles afar off, and say, He that scattereth Israel will gather him, and keep him, as a shepherd his flock.
11 Waaqayyo Yaaqoobin fureera, warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.
For the Lord hath ransomed Jacob, and redeemed him out of the hand of one stronger than he.
12 Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu; isaan arjummaa Waaqayyootti jechuunis midhaanitti, daadhii wayinii haaraa fi zayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu. Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa; isaan siʼachi hin gaddan.
And they shall come and sing on the height of Zion, and shall come together as a stream to the goodness of the Lord, for wheat, and for wine, and for oil, and for the young of the flocks and of the herds, and their soul shall be as a well-watered garden; and they shall not farther experience grief any more.
13 Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu; dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu. Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara; qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.
Then shall the virgin rejoice in the dance, and youth and old men together: and I will change their mourning into gladness, and I will comfort them, and make them rejoice from their sorrow.
14 Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa; sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,” jedha Waaqayyo.
And I will satiate the soul of the priests with fatness, and my people shall be satisfied with my goodness, saith the Lord.
15 Waaqayyo akkana jedha: “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
Thus hath said the Lord, A voice is heard in Ramah, groaning, weeping, and bitter lamentation; Rachel is weeping for her children: she refuseth to be comforted for her children because they are not [here].
16 Waaqayyo akkana jedha: “Sagalee kee booʼicha irraa, ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu; hojiin kee ni badhaafamaatii” jedha Waaqayyo. “Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.
Thus hath said the Lord, Refrain thy voice from weeping, and thy eyes from tears; for there is a reward for thy work, saith the Lord, and they shall return from the land of the enemy.
17 Kanaafuu galgalli kee abdii qaba” jedha Waaqayyo. Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.
And there is hope for [thee in] thy future, saith the Lord, and thy children shall return to their own borders.
18 “Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera: ‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamin tokkootti na adabdeerta; anis adabameera. Ati sababii Waaqayyo Waaqa koo taateef, na deebisi; anis nan deebiʼa.
I have indeed heard Ephraim bemoaning himself, “Thou hast chastised me, and I was chastised, as an untamed calf; cause me to return, and I will return; for thou art the Lord my God.
19 Ani ergan duubatti deebiʼee booddee, qalbii jijjiirradheera; ani ergan hubadhee booddee, qoma koo nan dhaʼe. Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf, nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’
Surely after my returning, I repent; and after I am made conscious [by punishment], I smite upon my thigh: I am ashamed, yea, I am confounded, because I bear the disgrace of my youth.”
20 Efreem ilma koo jaallatamaa, mucaa ani itti gammadu mitii? Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu amma illee isa nan yaadadha. Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada; garaas nan laafaaf” jedha Waaqayyo.
Is not Ephraim a dear son unto me? or a child that I dandle? for whenever I speak of him, I do earnestly remember him again: therefore are my inward parts moved for him; I will surely have mercy upon him, saith the Lord.
21 “Ati mallattoo daandii dhaabbadhu; waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu. Karaa irra deemtu, daandii guddaa sana hubadhu. Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi; magaalaawwan keetti deebiʼi.
Set thyself up waymarks, place thyself pillars; direct thy heart toward the highway, the way which thou didst go: return, O virgin of Israel, return to these thy cities.
22 Yaa intala hin amanamne, ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta? Waaqayyo waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma; dubartiin dhiira marsiti.”
How long wilt thou roam about, O thou backsliding daughter? for the Lord hath created a new thing on the earth, The woman will go about [seeking for] the husband.
23 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu.
Thus hath said the Lord of hosts, the God of Israel, Yet again shall they say this word in the land of Judah and in the cities thereof, when I will bring back again their captivity, —May the Lord bless thee, O habitation of righteousness, O holy mountain.
24 Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu.
And there shall dwell therein Judah, and in all his cities together, husbandmen, and they that move about with the flocks.
25 Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”
For I have satiated the weary soul, and every grieving soul have I gratified.
26 Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.
For this did I awake, and looked about, and my sleep was sweet unto me.
27 “Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo.
Behold, days are coming, saith the Lord, when I will sow the house of Israel and the house of Judah with the seed of man; and with the seed of cattle.
28 “Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo.
And it shall come to pass, that just as I have watched over them, to pluck up, and to pull down, and to overthrow, and to destroy, and to do harm: so will I watch over them, to build up, and to plant, saith the Lord.
29 “Bara sana keessa namoonni lammata, “‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan ilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.
In those days shall they not say any more, The fathers have eaten sour grapes, and the children's teeth are set on edge;
30 Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.
But every one shall die for his own iniquity: every man that eateth the sour grapes—his teeth shall be set on edge.
31 “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis kakuu haaraa galu ni dhufa,” jedha Waaqayyo.
Behold, days are coming, saith the Lord, when I will make with the house of Israel, and with the house of Judah, a new covenant;
32 “Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale, kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu isaan cabsan sanaan tokko miti” jedha Waaqayyo.
Not like the covenant that I made with their fathers on the day that I took hold of them by the hand to bring them out of the land of Egypt; which my covenant they have broken, although I was become their husband, saith the Lord;
33 “Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo. “Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo taʼu.
But this is the covenant that I will make with the house of Israel, after those days, saith the Lord, I place my law in their inward parts, and upon their heart will I write it; and I will be unto them for a God, and they shall be unto me for a people.
34 Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha Waaqayyo. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
And they shall not teach any more every man his neighbor, and every man his brother, saying, Know the Lord; for they all shall know me, from the least of them even unto their greatest, saith the Lord; for I will forgive their iniquity, and their sin will I not remember any more.
35 Waaqayyo akkana jedha; inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu, inni akka isaan halkaniin ibsaniif, jiʼaa fi urjiiwwan ajaju, inni akka dambaliin isaa huursuuf galaana raasu sun maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
Thus hath said the Lord, who bestoweth the sun for a light by day, the ordinances of the moon and of the stars for a light by night, who stirreth up the sea that its waves roar—The Lord of hosts is his name:
36 “Yoo seerri kun fuula koo duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel, fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa” jedha Waaqayyo.
If these ordinances ever depart from before me, saith the Lord, then also shall the seed of Israel cease from being a nation before me during all time.
37 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa ani sanyii Israaʼel hunda sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata” jedha Waaqayyo.
Thus hath said the Lord, If the heavens can be measured above, and the foundations of the earth searched out beneath: then also will I reject all the seed of Israel, for all that they have done, saith the Lord.
38 Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa.
Behold, days are coming, saith the Lord, when the city shall be built up to the Lord from the tower of Chananel unto the corner-gate.
39 Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama.
And the measuring-line shall yet again go forth opposite it over the hill Gareb, and shall take a turn to Go'ath.
40 Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”
And the whole valley of the dead bodies, and of the ashes, and all fields as far as the brook Kidron, unto the corner of the horse-gate toward the east, shall be holy unto the Lord: it shall not be plucked up, nor overthrown any more to eternity.

< Ermiyaas 31 >