< Ermiyaas 30 >

1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
Palavra que veio do SENHOR a Jeremias, dizendo:
2 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti dubbadhe hunda kitaabatti barreessi.
Assim diz o SENHOR Deus de Israel, dizendo: Escreve para ti em um livro todas as palavras que tenho te falado;
3 Barri tokko ni dhufa’ jedha Waaqayyo; ‘Innis yeroo ani itti saba koo Israaʼelii fi Yihuudaa boojuudhaa deebisee biyya ani akka isaan dhaalaniif abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan galchuu dha,’ jedha Waaqayyo.”
Porque eis que vêm dias, diz o SENHOR, em que restaurarei o meu povo, Israel e Judá, de seus infortúnios, diz o SENHOR, e os trarei de volta à terra que dei a seus pais, e a possuirão.
4 Dubbiin Waaqayyo waaʼee Israaʼelii fi Yihuudaa dubbate kanaa dha:
E estas são as palavras que o SENHOR falou quanto a Israel e a Judá;
5 “Waaqayyo akkana jedha: “‘Iyyi sodaa ni dhagaʼama; kun raafama malee nagaa miti.
Porque assim diz o SENHOR: Ouvimos voz de tremor; há temor, e não paz.
6 Mee iyyaafadhaa ilaalaa: Dhiirri tokko daʼuu ni dandaʼaa? Yoos ani maaliifan dhiira hunda isaa akkuma dubartii ciniinsifattuu, harka isaa garaa ofii isaa irra kaaʼatee, fuulli isaas akka malee gurraachaʼe arga ree?
Perguntai pois, e olhai se o homem dá à luz; então por que vejo que todo homem [com] as mãos sobre seus lombos, como [se fosse] mulher de parto? E [por que] todos os rostos ficaram pálidos?
7 Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa! Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu. Guyyaan sun Yaaqoobiif yeroo rakkinaa taʼa; inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa.
Ai! Pois aquele dia é tão grande, que não houve outro semelhante; é tempo de angústia para Jacó; porém será livrado dela.
8 “‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Ani morma isaanii irraa waanjoo nan cabsa; hidhaa isaanii illee nan kukkuta; ergasii namoonni biyya ormaa isaan hin garboomfatan.
Pois será naquele dia, diz o SENHOR dos exércitos, que eu quebrarei seu jugo de teu pescoço, e romperei tuas amarras; e estrangeiros nunca mais se servirão dele.
9 Qooda kanaa isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii isa ani isaaniif kaasu ni tajaajilu.
Em vez disso servirão ao SENHOR, seu Deus, e a Davi, seu rei, o qual lhes levantarei.
10 “‘Kanaafuu yaa tajaajilaa koo Yaaqoob, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel hin rifatin’ jedha Waaqayyo. ‘Ani dhugumaan biyya fagootii sin baasa, sanyiiwwan kee immoo biyya isaan boojiʼamanii itti geeffamanii nan baasa. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
Tu pois, servo meu Jacó, não temas, diz o SENHOR, nem te espantes, ó Israel; porque eis que te salvarei de longe, e a tua descendência da terra do seu cativeiro; e Jacó voltará, descansará e sossegará, e não haverá quem [o] atemorize.
11 Ani si baasuuf si wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo; ‘Ani sabootan gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti barbadeessu iyyuu siʼi garuu guutumaan guutuutti hin barbadeessu. Ani karaa sirrii taʼeen sin adaba; utuu si hin adabin akkasumatti si hin dhiisu.’
Pois estou contigo, diz o SENHOR, para te salvar; e pois exterminarei todas as nações entre a quais te espalhei; porém eu não exterminarei, mas te castigarei com moderação, e não te deixarei impune.
12 “Waaqayyo akkana jedha: “‘Madaan kee hin fayyu; miidhamni kee waldhaansa hin qabu.
Porque assim diz o SENHOR: Teu quebrantamento é incurável, tua ferida é grave.
13 Namni siif falmu tokko iyyuu hin jiru; madaa keetiif qorichi hin jiru; ati hin fayyitu.
Não há quem julgue tua causa quanto a [tua] enfermidade; não há para ti remédios que curem.
14 Michoonni kee hundi si dagataniiru; isaan dhimma kee hin qaban. Sababii yakki kee akka malee guddaa taʼee cubbuun kees baayʼateef ani akkuma diinaatti si dhaʼee akkuma nama garaa jabaatu tokkoottis si adabeera.
Todos os teus amantes se esqueceram de ti [e] não te buscam; pois te feri [com] ferida de inimigo, [com] castigo [como] de [alguém] cruel, por causa da grandeza de tua maldade, e da multidão de teus pecados.
15 Ati maaliif madaa keetii fi dhukkuba kee kan hin fayyine sanaaf iyyita? Sababii yakki kee guddatee cubbuun kees baayʼateef, ani wantoota kanneen sitti fideera.
Por que gritas por causa de teu quebrantamento? Tua dor é incurável; [pois] pela grandeza de tua maldade, [e] pela multidão de teus pecados te fiz estas coisas.
16 “‘Warri si nyaatan hundi garuu ni nyaatamu; diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu. Warri qabeenya kee boojiʼan ni boojiʼamu; warri si saaman hundis ni saamamu.
Porém serão devorados todos os que te devoram; e todos os teus adversários, todos eles irão ao cativeiro; e roubados serão os que te roubam, e a todos os que te despojam entregarei para que sejam despojados.
17 Ani garuu fayyaa kee siifin deebisa; madaa kees siif nan fayyisa’ jedha Waaqayyo. ‘Ati Xiyoon gatamtuu kan namni tokko iyyuu dhimma ishee hin qabne jedhamteertaatii.’
Mas eu te farei ter saúde, e sararei tuas feridas, diz o SENHOR; pois te chamaram de rejeitada, [dizendo]: Esta é Sião, a quem ninguém busca.
18 “Waaqayyo akkana jedha: “‘Ani hambaa dunkaana Yaaqoob kan boojiʼamee deebisee nan dhaaba; iddoo jireenya isaaniitiifis garaa nan laafa; magaalattiin idduma diigamte sanatti deebitee ni ijaaramti; masaraanis iddoo isaaf malu ni dhaabata.
Assim diz o SENHOR: Eis que restaurarei as tendas de Jacó de seu infortúnio, e me compadecerei de suas moradas; e a cidade será reedificada de suas ruínas, e o templo será posto no lugar de costume.
19 Faarfannaan galataatii fi sagaleen gammachuu isaan keessaa ni dhagaʼama. Ani isaan nan baayʼisa; isaaniis hin xinnaatan; ani ulfina nan kennaaf; isaanis hin tuffataman.
E sairá deles louvor, e voz dos que estão cheios de alegria; e eu os multiplicarei, e não serão diminuídos; eu os glorificarei, e não serão menosprezados.
20 Ijoolleen isaanii akka warra jabana durii taʼu; waldaan isaaniis jabaatee fuula koo dura ni dhaabata; ani warra isaan cunqursu hunda nan adaba.
E seus filhos serão como no passado; e sua congregação será confirmada diante de mim; e punirei a todos os seus opressores.
21 Hoogganaan isaanii namuma isaanii taʼa; bulchaan isaanii isaanuma gidduudhaa kaʼa. Ani isa ofitti nan dhiʼeessa; innis natti dhiʼaata; yoo kanaa achii eenyutu natti dhiʼaachuuf ija jabaata?’ jedha Waaqayyo.
E seu líder será dele, e seu governador saíra do meio dele; e eu o farei chegar perto, e ele se achegará a mim; pois quem jamais confiou em seu próprio coração para se achegar a mim? diz o SENHOR.
22 ‘Akkasiin isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.’”
E vós sereis meu povo, e eu serei vosso Deus.
23 Kunoo, bubbeen Waaqayyoo, inni jabaan dheekkamsaan ni buʼa; bubbeen hamaanis mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
Eis que a tempestade do SENHOR sai [com] furor, a tempestade impetuosa, que sobre a cabeça dos ímpios cairá.
24 Aariin Waaqayyoo, sodaachisaan sun hamma inni kaayyoo yaada isaa guutumaan guutuutti fiixaan baasutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana ni hubattu.
A ardente ira do SENHOR não retrocederá enquanto não tiver feito e cumprido os pensamentos de seu coração; no fim dos dias entendereis isto.

< Ermiyaas 30 >