< Ermiyaas 30 >
1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
Ga maganar da ta zo wa Irmiya daga Ubangiji.
2 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti dubbadhe hunda kitaabatti barreessi.
“Ga abin da Ubangiji, Allah na Isra’ila, yana cewa, ‘Ka rubuta a cikin littafi dukan maganganun da na yi maka.
3 Barri tokko ni dhufa’ jedha Waaqayyo; ‘Innis yeroo ani itti saba koo Israaʼelii fi Yihuudaa boojuudhaa deebisee biyya ani akka isaan dhaalaniif abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan galchuu dha,’ jedha Waaqayyo.”
Kwanaki suna zuwa,’ in ji Ubangiji, ‘sa’ad da zan komo da mutanena Isra’ila da Yahuda daga bauta in kuma maido da su ga ƙasar da na ba wa kakanninsu mallaka,’ in ji Ubangiji.”
4 Dubbiin Waaqayyo waaʼee Israaʼelii fi Yihuudaa dubbate kanaa dha:
Ga kalmomin Ubangiji da ya yi game da Isra’ila da Yahuda,
5 “Waaqayyo akkana jedha: “‘Iyyi sodaa ni dhagaʼama; kun raafama malee nagaa miti.
“Ga abin da Ubangiji yana cewa, “‘Ana jin kukan tsoro, razana, ba salama ba.
6 Mee iyyaafadhaa ilaalaa: Dhiirri tokko daʼuu ni dandaʼaa? Yoos ani maaliifan dhiira hunda isaa akkuma dubartii ciniinsifattuu, harka isaa garaa ofii isaa irra kaaʼatee, fuulli isaas akka malee gurraachaʼe arga ree?
Ku tambaya ku ji. Namiji zai iya haifi’ya’ya? To, me ya sa kuke ganin kowane mai ƙarfi da hannuwansa a kwankwaso kamar mace mai naƙuda, kowace fuska ta koma fari?
7 Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa! Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu. Guyyaan sun Yaaqoobiif yeroo rakkinaa taʼa; inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa.
Kaito, gama wannan rana za tă zama mai girma! Babu kamar ta. Zai zama lokacin wahala wa Yaƙub, amma za a cece shi daga cikinta.
8 “‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Ani morma isaanii irraa waanjoo nan cabsa; hidhaa isaanii illee nan kukkuta; ergasii namoonni biyya ormaa isaan hin garboomfatan.
“‘A wannan rana,’ in ji Ubangiji Maɗaukaki, ‘Zan karya karkiya daga wuyansu zan kuma cire musu kangi; baƙi ba za su ƙara bautar da su ba.
9 Qooda kanaa isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii isa ani isaaniif kaasu ni tajaajilu.
A maimakon haka, za su bauta wa Ubangiji Allahnsu Dawuda sarkinsu kuwa, wanda na tayar musu.
10 “‘Kanaafuu yaa tajaajilaa koo Yaaqoob, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel hin rifatin’ jedha Waaqayyo. ‘Ani dhugumaan biyya fagootii sin baasa, sanyiiwwan kee immoo biyya isaan boojiʼamanii itti geeffamanii nan baasa. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
“‘Saboda haka kada ka ji tsoro, ya Yaƙub bawana; kada ka karai, ya Isra’ila,’ in ji Ubangiji. ‘Tabbatacce zan cece ka daga wuri mai nesa, zuriyarka daga ƙasar zaman bautansu. Yaƙub zai sami salama da zaman lafiya, kuma ba wanda zai sa ya ji tsoro.
11 Ani si baasuuf si wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo; ‘Ani sabootan gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti barbadeessu iyyuu siʼi garuu guutumaan guutuutti hin barbadeessu. Ani karaa sirrii taʼeen sin adaba; utuu si hin adabin akkasumatti si hin dhiisu.’
Ina tare da kai zan kuma cece ka,’ in ji Ubangiji. ‘Ko da yake na hallakar da dukan al’umma gaba ɗaya a inda na warwatsa ku, ba zan hallaka ku gaba ɗaya ba. Zan hore ku amma da adalci kaɗai; ba zan ƙyale ku ku tafi gaba ɗaya ba hukunci ba.’
12 “Waaqayyo akkana jedha: “‘Madaan kee hin fayyu; miidhamni kee waldhaansa hin qabu.
“Ga abin da Ubangiji yana cewa, “‘Mikinku marar warkewa ne, raunin da kuka ji ya sha ƙarfin warkarwa.
13 Namni siif falmu tokko iyyuu hin jiru; madaa keetiif qorichi hin jiru; ati hin fayyitu.
Babu wanda zai yi roƙo saboda damuwarku, ba magani domin mikinku babu warkarwa dominku.
14 Michoonni kee hundi si dagataniiru; isaan dhimma kee hin qaban. Sababii yakki kee akka malee guddaa taʼee cubbuun kees baayʼateef ani akkuma diinaatti si dhaʼee akkuma nama garaa jabaatu tokkoottis si adabeera.
Dukan abokanku sun manta da ku; ba su ƙara kulawa da ku. Na buge ku kamar yadda abokin gāba zai yi na kuma hukunta ku yadda mai mugunta zai yi, domin laifinku da girma yake zunubanku kuma da yawa suke.
15 Ati maaliif madaa keetii fi dhukkuba kee kan hin fayyine sanaaf iyyita? Sababii yakki kee guddatee cubbuun kees baayʼateef, ani wantoota kanneen sitti fideera.
Me ya sa kuke kuka a kan mikinku, wahalarku da ba ta da magani? Domin laifinku da girma yake da kuma zunubanku masu yawa na yi muku waɗannan abubuwa.
16 “‘Warri si nyaatan hundi garuu ni nyaatamu; diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu. Warri qabeenya kee boojiʼan ni boojiʼamu; warri si saaman hundis ni saamamu.
“‘Amma duk wanda ya cinye ku za a cinye shi; dukan abokan gābanku za su tafi zaman bauta. Waɗanda suka washe ku su ma za a washe su; dukan waɗanda suka mai da ku ganima su ma zan mai da su ganima.
17 Ani garuu fayyaa kee siifin deebisa; madaa kees siif nan fayyisa’ jedha Waaqayyo. ‘Ati Xiyoon gatamtuu kan namni tokko iyyuu dhimma ishee hin qabne jedhamteertaatii.’
Amma zan mayar muku da lafiya in kuma warkar da mikinku,’ in ji Ubangiji, ‘domin ana ce da ku yasassu, Sihiyona wadda ba wanda ya kula da ita.’
18 “Waaqayyo akkana jedha: “‘Ani hambaa dunkaana Yaaqoob kan boojiʼamee deebisee nan dhaaba; iddoo jireenya isaaniitiifis garaa nan laafa; magaalattiin idduma diigamte sanatti deebitee ni ijaaramti; masaraanis iddoo isaaf malu ni dhaabata.
“Ga abin da Ubangiji yana cewa, “‘Zan mayar da wadatar tentin Yaƙub in kuma ji tausayin wuraren zamansa; za a sāke gina birnin a kufansa, fadar kuwa za tă tsaya a wurin da ya dace da ita.
19 Faarfannaan galataatii fi sagaleen gammachuu isaan keessaa ni dhagaʼama. Ani isaan nan baayʼisa; isaaniis hin xinnaatan; ani ulfina nan kennaaf; isaanis hin tuffataman.
Daga gare su waƙoƙi za su fito na godiya da kuma sowa ta farin ciki. Zan riɓaɓɓanya su, ba za su kuwa ragu ba; zan kawo musu ɗaukaka, ba kuwa za a ƙasƙanta su ba.
20 Ijoolleen isaanii akka warra jabana durii taʼu; waldaan isaaniis jabaatee fuula koo dura ni dhaabata; ani warra isaan cunqursu hunda nan adaba.
’Ya’yansu za su kasance kamar a kwanakin dā jama’arsu kuma za su kahu a gabana; zan hukunta duk wanda ya zalunce su.
21 Hoogganaan isaanii namuma isaanii taʼa; bulchaan isaanii isaanuma gidduudhaa kaʼa. Ani isa ofitti nan dhiʼeessa; innis natti dhiʼaata; yoo kanaa achii eenyutu natti dhiʼaachuuf ija jabaata?’ jedha Waaqayyo.
Shugabansu zai zama ɗaya daga cikinsu; mai mulkinsu zai taso daga cikinsu. Zan kawo shi kusa zai kuma zo kusa da ni, gama wane ne zai miƙa kansa don yă yi kusa da ni?’ In ji Ubangiji.
22 ‘Akkasiin isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.’”
‘Saboda haka za ku zama mutanena, ni kuwa in zama Allahnku.’”
23 Kunoo, bubbeen Waaqayyoo, inni jabaan dheekkamsaan ni buʼa; bubbeen hamaanis mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
Ga shi, hadarin Ubangiji zai fasu cikin hasala, iskar guguwa mai hurawa a kan kawunan mugaye.
24 Aariin Waaqayyoo, sodaachisaan sun hamma inni kaayyoo yaada isaa guutumaan guutuutti fiixaan baasutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana ni hubattu.
Fushi mai zafi na Ubangiji ba zai kawu ba sai ya cika manufofin zuciyarsa gaba ɗaya. A kwanaki masu zuwa za ku gane wannan.