< Ermiyaas 29 >
1 Dubbiin xalayaa kan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara maanguddoota namoota boojiʼaman gidduutti hafaniittii fi lubootatti, raajotattii fi warra Nebukadnezar Yerusaalemii boojiʼee Baabilonitti geesse kaan hundatti erge sanaa kanaa dha.
Yeremiya anatumiza kalata kuchokera ku Yerusalemu kupita kwa akuluakulu amene anali ku ukapolo, ndiponso kwa ansembe, aneneri pamodzi ndi anthu onse amene Nebukadinezara anawatenga ku Yerusalemu kupita nawo ku ukapolo ku Babuloni.
2 Kunis erga Yehooyaakiin mootichii fi haati isaa mootittiin, xuʼaashiiwwan, dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, ogeeyyii hojii mukaatii fi tumtuuwwan Yerusaalemii boojiʼamanii deemanii booddee taʼe.
Zimenezi zinachitika mfumu Yekoniya, amayi a mfumu, nduna za mfumu ndiponso atsogoleri a ku Yuda ndi a ku Yerusalemu, anthu aluso ndi amisiri atatengedwa ku Yerusalemu kupita ku ukapolo.
3 Innis xalayaa sana harka Eleʼaasaa ilma Shaafaaniittii fi Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti erge sanaatti kenne. Xalayaan sunis akkana jedha:
Yeremiya anapatsira kalatayo Eleasa mwana wa Safani ndi Gemariya mwana wa Hilikiya, amene Zedekiya mfumu ya Yuda anawatumiza kwa Mfumu Nebukadinezara ku Babuloni. Mʼkalatamo analembamo kuti:
4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha:
Anthu onse amene anatengedwa ukapolo kuchokera ku Yerusalemu kupita ku Babuloni, Yehova akuwawuza kuti,
5 “Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
“Mangani nyumba ndipo muzikhalamo. Limani minda ndipo mudye zipatso zake.
6 Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa.
Kwatirani ndipo mubereke ana aamuna ndi aakazi. Ana anu aamuna muwasankhire akazi ndipo muwasankhire amuna ana anu aakaziwo, kuti nawonso abale ana aamuna ndi aakazi. Muchulukane kumeneko. Chiwerengero chanu chisachepe.
7 Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf Waaqayyoon kadhadhaa.”
Ndiponso muzifunafuna mtendere ndi ubwino wa mzinda umene ndinakupirikitsirani ku ukapoloko. Muzipempherera mzindawo kwa Yehova, kuti zikuyendereni bwino.”
8 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: “Raajotaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa.
Inde, Yehova Wamphamvuzonse, Mulungu wa Israeli akunena kuti, “Musalole kuti aneneri ndi owombeza amene ali pakati panu akunyengeni. Musamvere maloto awo.
9 Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine” jedha Waaqayyo.
Iwo akunenera zabodza kwa inu mʼdzina langa ngakhale Ine sindinawatume,” akutero Yehova.
10 Waaqayyo akkana jedha: “Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha.
Yehova akuti, “Zaka 70 za ku Babuloni zikadzatha, ndidzabwera kudzakuchitirani zabwino zonse zimene ndinakulonjezani zija, ndipo ndidzakubwezerani ku malo ano.
11 Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.
Pakuti Ine ndikudziwa zimene ndinakukonzerani,” akutero Yehova, “ndimalingalira zabwino zokhazokha za inu osati zoyipa, ayi. Ndimalingalira zinthu zokupatsani chiyembekezo chenicheni pa za mʼtsogolo.
12 “Isinis na waammattu; dhuftaniis na kadhattu; anis isin nan dhagaʼa.
Nthawi imeneyo mudzandiyitana, ndi kunditama mopemba ndipo ndidzakumverani.
13 Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
Mudzandifunafuna ndipo mudzandipeza. Mukadzandifuna ndi mtima wanu wonse
14 Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida” jedha Waaqayyo. “Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida” jedha Waaqayyo.
mudzandipezadi,” akutero Yehova, “ndipo ndidzakubwezerani zabwino zanu. Ndidzakusonkhanitsani kuchokera ku mayiko onse ndi kumalo konse kumene munali,” akutero Yehova, “ndipo ndidzakubweretsani kumalo kumene munali ndisanakuchotseni kukupititsani ku ukapolo.”
15 Sababii isin, “Waaqayyo Baabilon keessatti raajota nuu kaaseera” jettaniif
Inu mumati, “Yehova watiwutsira aneneri athu ku Babuloni,”
16 Waaqayyo waaʼee mootii teessoo Daawit irra taaʼuutii fi waaʼee namoota magaalaa kana keessatti hafan hundaa, firoota keessan kanneen isin wajjin boojiʼamanii Baabilonitti hin geeffaminii akkana jedha;
koma zimene Yehova akunena za mfumu imene ikukhala pa mpando waufumu wa Davide pamodzi ndi anthu onse amene anatsala mu mzinda muno, abale anu amene sanapite nanu ku ukapolo ndi izi,
17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga; akka isaan akkuma ija harbuu kan tortoree namni nyaachuu hin dandeenyee taʼanis isaan nan godha.
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Ndidzawapha ndi nkhondo, njala ndi mliri ndipo ndidzawasandutsa ngati nkhuyu zowola kwambiri, zosati nʼkudya.
18 Ani goraadee, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan ariʼa; akka isaan saboota ani itti isaan ariʼe hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan sodaachisaa, waan tuffiitii fi waan fafaa taʼaniif ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti jibbisiisoo isaan nan godha.
Ndidzawalondola ndi lupanga, njala ndi mliri ndipo ndidzawasandutsa chinthu chonyansa kwa anthu amayiko onse a pa dziko lapansi. Adzakhala otembereredwa, ochititsa mantha, onyozeka ndiponso ochitidwa chipongwe pakati pa anthu a mitundu yonse kumene ndawapirikitsirako.
19 Isaan dubbii koo, dubbii ani ammumaa amma karaa tajaajiltoota koo raajotaatiin isaanitti erge hin dhaggeeffanneetii” jedhan Waaqayyo. “Isin warri boojiʼamtanis akkasuma hin dhaggeeffanne” jedha Waaqayyo.
Zidzatero chifukwa sanamvere mawu anga amene ndinkawatumizira kudzera mwa atumiki anga, aneneri. Ngakhale inu amene muli ku ukapolo simunamverenso,” akutero Yehova.
20 Kanaafuu isin boojiʼamtoonni ani Yerusaalemii baasee gara Baabilonitti erge hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
Choncho, imvani mawu a Yehova, inu akapolo nonse amene ndinakuchotsani mu Yerusalemu ndi kukupititsani ku Babuloni.
21 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee Ahaab ilma Qolaayaatii fi waaʼee Maʼaseyaa ilma Zedeqiyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatan sanaa akkana jedha: “Ani dabarsee Nebukadnezar mooticha Baabilonitti isaan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan fixa.
Yehova Wamphamvuzonse, Mulungu wa Israeli akuti zokhudza Ahabu mwana wa Kolaya ndi Zedekiya mwana wa Maseya, amene akulosera zabodza kwa inu mʼdzina langa: “Taonani ndidzawapereka kwa Nebukadinezara mfumu ya ku Babuloni, ndipo adzawapha inu mukupenya.
22 Sababii isaaniitiifis boojiʼamtoonni Yihuudaa warri biyya Baabilon jiraatan, ‘Waaqayyo akka Zedeqiyaatii fi akka Ahaab warra Nebukadnezar mootichi Baabilon ibiddaan gube sanaa si haa godhu!’ jedhanii wal abaaru.
Chifukwa cha anthu awiriwo, akapolo onse ochokera ku Yuda amene ali ku Babuloni adzagwiritsa ntchito mawu awa potemberera: ‘Yehova achite nawe monga mmene anachitira ndi Zedekiya ndi Ahabu, amene mfumu ya ku Babuloni inawatentha.’
23 Isaan waan akka malee hamaa taʼe Israaʼel keessatti hojjetaniiruutii; isaan niitota ollaa isaanii wajjin ejjaniiru; waan ani akka isaan hojjetan isaanitti hin himin hojjechuudhaan maqaa kootiin soba dubbataniiru; ani waan kana nan beeka; dhugaa illee nan baʼa” jedha Waaqayyo.
Pakuti anthu amenewa achita zoyipa kwambiri mu Israeli; achita chigololo ndi akazi a eni ake ndipo mʼdzina langa ankayankhula zabodza zimene sindinawawuze kuti atero. Ine ndikuzidziwa ndipo ndine mboni ya zimenezi,” akutero Yehova.
24 Shemaaʼiyaa namicha Nehelaamiin akkana jedhi:
Ukamuwuze Semaya wa ku Nehelamu kuti,
25 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ati namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundatti, Sefaaniyaa ilma Maʼaseyaa lubichaattii fi luboota biraa hundatti maqaa keetiin xalayaa ergiteerta. Sefaaniyaanis akkana jetteerta;
“Yehova Wamphamvuzonse, Mulungu wa Israeli akuti: Iwe unatumiza kalata mʼdzina lako kwa anthu onse a mu Yerusalemu, kwa Zefaniya mwana wa wansembe Maseya, ndi kwa ansembe onse. Unalemba mu kalatayo kuti,
26 ‘Waaqayyo akka ati mana Waaqayyoo keessatti itti gaafatamaa taatuuf iddoo Yehooyaadaa luba godhee si muudeera; ati maraatuu raajii dubbatu kam iyyuu miilla isaa jirma gidduu, morma isaa immoo hudhaa sibiilaa keessa galchitee hidhuu qabda.
‘Yehova wakusankha kukhala wansembe mʼmalo mwa Yehoyada kuti ukhale wamkulu woyangʼanira Nyumba ya Yehova. Munthu aliyense wamisala amene akudziyesa kuti ndi mneneri uzimuponya mʼndende ndi kumuveka goli lachitsulo.
27 Yoos ati maaliif Ermiyaas namicha Anaatoot kan gidduu keessanitti raajii dubbatu sana ifachuu dhiifte ree?
Nanga tsono chifukwa chiyani simunamuchitire zimenezi Yeremiya wa ku Anatoti, amene amakhala ngati mneneri pakati panu?
28 Inni akkana jedhee dhaamsa kana gara keenya, gara Baabilonitti ergeera: Barri boojuu ni dheerata. Kanaafuu manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu illee dhaabadhaa ija isaa nyaadhaa.’”
Yeremiyayo watitumizira uthenga uwu kuno ku Babuloni: Ukapolo wanu ukhala wa nthawi yayitali. Choncho mangani nyumba ndipo muzikhalamo; limani minda ndipo mudye zipatso zake.’”
29 Sefaaniyaa lubichis xalayaa sana Ermiyaas raajichaaf dubbise.
Koma wansembe Zefaniya anayiwerenga kalatayo pamaso pa mneneri Yeremiya.
30 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
Ndipo Yehova anawuza Yeremiya kuti,
31 “Ergaa kana boojiʼamtoota hundatti ergi; ‘Waaqayyo waaʼee Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa akkana jedha: Waan Shemaaʼiyaan yoo ani isa erguu baadhe iyyuu raajii isinii dubbatee akka isin soba amanattan godheef
“Tumiza uthenga uwu kwa akapolo onse: ‘Yehova akuti zokhudza Semaya wa ku Nehelamu: Semaya wakuloserani, ngakhale kuti Ine sindinamutume, ndipo wakunyengani kuti muzikhulupirira bodza.
32 Waaqayyo akkana jedha: ani dhugumaan Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa fi sanyii isaa nan adaba. Inni saba kana gidduutti hambaa tokko iyyuu hin qabaatu yookaan waan gaarii ani saba kootiif godhu hin argu; inni na mormuun fincila lallabeeraatii’ jedha Waaqayyo.”
Nʼchifukwa chake Ine Yehova ndikuti: Mʼbanja lakelo sipadzakhala munthu pakati pa mtundu uno wa anthu amene adzaone zinthu zabwino zimene ndidzachitira anthu anga chifukwa analalika zondiwukira,’” akutero Yehova.