< Ermiyaas 27 >
1 Jalqaba bara Zedeqiyaa ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe:
In the beginning of the reign of Zedekiah, the son of Josiah, king of Judah, came this word to Jeremiah from Jehovah.
2 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Teephaa fi danqaraadhaan waanjoo tolchiitii morma keetti kaaʼadhu.
Thus said Jehovah to me: Make thee bands and yokes, and put them upon thy neck,
3 Ergasii karaa ergamoota Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa bira gara Yerusaalem dhufaniitiin gara mootii Edoom, mootii Moʼaab, mootii Amoon, mootii Xiiroosii fi mootii Siidoonaatti dhaamsa ergi.
and send them to the king of Edom, and to the king of Moab, and to the king of the children of Ammon, and to the king of Tyre, and to the king of Zidon, by the hands of the messengers that are come to Jerusalem, to Zedekiah, king of Judah.
4 Gooftota isaaniitiif dhaamsa kana dabarsii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; “Waan kana gooftota keessanitti himaa.
And command them to say to their masters, Thus saith Jehovah of hosts, the God of Israel: Thus shall ye say to your masters:
5 Ani humna koo guddaa fi irree koo diriirfameen lafa, uummata isheetii fi bineensota ishee irra jiraatan uumeera; abbaa fedheef illee nan kenna.
The earth, and the men and the beasts which are upon the earth, have I made by my great power and my outstretched arm, and I give it to whomsoever it seemeth meet to me.
6 Ani amma biyyoota keessan hunda harka garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabiloniitti dabarsee nan kenna. Akka bineensonni bosonaa iyyuu isa jalatti bulan nan godha.
And now I give all these lands into the hand of Nebuchadnezzar, the king of Babylon, my servant; the beasts of the field also I give him to serve him.
7 Hamma guyyaan biyya isaa gaʼutti saboonni hundi isa, ilmaan isaatii fi ilmaan ilmaan isaa tajaajilu; ergasii immoo saboonni hedduunii fi mootonni gurguddaan isa garboomfatu.
And all nations shall serve him, and his son, and his son's son, until the time of his land, even his, shall come, and then shall many nations and great kings make him their servant.
8 “‘“Garuu yoo sabni yookaan mootummaan kam iyyuu Nebukadnezar mooticha Baabilon hin tajaajille yookaan yoo morma isaa waanjoo mootichaatiif gad hin qabanne ani hamman harkuma isaatiin isaan balleessutti saba sana goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba, jedha Waaqayyo.
And the nation and the kingdom that will not serve him, Nebuchadnezzar, the king of Babylon, and put their neck under the yoke of the king of Babylon, —with the sword and with famine and with pestilence will I punish that nation, saith Jehovah, until I have consumed them by his hand.
9 Kanaafuu isin raajota keessan, ilaaltota keessan, warra abjuu isiniif hiikan, eker dubbistoota keessanii fi falfaltoota keessan kanneen, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa.
Therefore hearken ye not to your prophets, and your diviners, and your dreamers, your soothsayers, and your sorcerers, who say to you, Ye shall not serve the king of Babylon.
10 Isaan akka isin biyya keessan keessaa buqqifamtanii fagaattaniif soba isiniif raaju; anis ariʼee isin nan baasa; isinis ni baddu.
For they prophesy a lie to you, to remove you far from your land, and that I should drive you out, and that ye should perish.
11 Garuu yoo sabni kam iyyuu morma isaa waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabatee isa tajaajile, ani akka sabni sun biyya ofii isaa keessatti hafee lafa qotatee achi jiraatu nan dhiisa, jedha Waaqayyo.”’”
But the nations that bring their neck under the yoke of the king of Babylon, and serve him, those will I let remain still in their own land, saith Jehovah, and they shall till it, and dwell therein.
12 Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti ergaadhuma kana nan hime. Akkanan jedheen; “Morma keessan waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabadhaa; isaa fi saba isaa tajaajilaa; isinis ni jiraattu.
And to Zedekiah, king of Judah, also, spake I according to all these words, and said: Bring your necks under the yoke of the king of Babylon, and serve him and his people, and live.
13 Atii fi sabni kee maaliif goraadee, beelaa fi dhaʼicha Waaqayyo ittiin saba mootii Baabilon hin tajaajille kam iyyuu sodaachiseen duutu?
Why will ye die, thou and thy people, by the sword, by famine, and by pestilence, as Jehovah hath spoken concerning the nation that will not serve the king of Babylon?
14 Dubbii raajota, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhanii hin dhagaʼinaa; isaan raajii sobaa isinitti dubbatuutii.
Therefore hearken not to the prophets, that say to you, Ye shall not serve the king of Babylon; for they prophesy a lie to you.
15 ‘Ani isaan hin ergine’ jedha Waaqayyo. ‘Jarri maqaa kootiin soba raaju. Kanaafuu ani isinii fi raajota isinii raajan illee ariʼee nan baasa; isinis ni baddu.’”
For I have not sent them, saith Jehovah; but they prophesy a lie in my name, that I may drive you out, and that ye may perish, ye and the prophets that prophesy to you.
16 Anis lubootaa fi namoota kana hundaan akkanan jedhe, “Waaqayyo akkana jedha: raajota, ‘Miʼi mana Waaqayyoo ammuma Baabilonii ni deebifama’ jedhan hin dhagaʼinaa. Isaan soba isiniif raaju.
To the priests, also, and to all the people; spake I, saying, Thus saith Jehovah: Hearken not to the words of your prophets who prophesy to you, and say, Behold the vessels of the house of Jehovah shall be brought back from Babylon now shortly; for they prophesy a lie to you.
17 Isin jara hin dhaggeeffatinaa. Mootii Baabilon tajaajilaa; ni jiraattuutii. Magaalaan kun maaliif diigamti?
Hearken ye not to them; serve the king of Babylon, and live! Why should this city become a desolation?
18 Isaan yoo raajota taʼanii fi yoo dubbii Waaqayyoo of keessaa qabaatan mee akka miʼi mana Waaqayyoo kan masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafe sun gara Baabilonitti hin fudhatamneef Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu haa kadhatan.
But if they be indeed prophets, and if the word of Jehovah be with them, let them now make intercession to Jehovah of hosts, that the vessels which are left in the house of Jehovah, and in the house of the king of Judah, and in Jerusalem, may not go to Babylon.
19 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee utubootaa, waaʼee miʼa bishaan itti kuusanii, waaʼee baattuuwwaniitii fi waaʼee miʼoota magaalaa kanatti hafan kanneen biraa akkana jedhaatii;
For thus saith Jehovah of hosts concerning the pillars, and concerning the sea, and concerning the bases, and concerning the residue of the vessels that are let in this city,
20 Nebukadnezar mootiin Baabilon sun gaafa Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sana namoota Yihuudaatii fi Yerusaalem ulfaatoo hunda wajjin Yerusaalemii gara Baabilonitti boojiʼe sana miʼoota kanneen hin fudhanne.
which Nebuchadnezzar, king of Babylon, took not, when he carried away captive Jeconiah, the son of Jehoiakim, king of Judah, from Jerusalem to Babylon, with all the nobles of Judah and Jerusalem;
21 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee miʼoota mana Waaqayyootii fi masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafanii akkana jedha:
yea, thus saith Jehovah of hosts, the God of Israel, concerning the vessels that are left in the house of Jehovah, and in the house of the king of Judah and of Jerusalem:
22 ‘Isaan Baabilonitti ni geeffamu; hamma guyyaan ani isaaniif dhufu gaʼuttis achuma turu’ jedha Waaqayyo. ‘Ergasii ani deebisee iddoo kanatti isaan nan fida.’”
They shall be carried to Babylon, and there shall they be until the day when I shall visit them, saith Jehovah. Then will I bring them up, and restore them to this place.