< Ermiyaas 26 >
1 Jalqaba bara mootummaa Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa sanaatti dubbiin kun Waaqayyo biraa dhufe:
Mwanzoni mwa utawala wa Yehoyakimu mwana wa Yosia mfalme wa Yuda, neno hili lilikuja kutoka kwa Bwana:
2 “Waaqayyo akkana jedha: Oobdii mana Waaqayyoo keessa dhaabadhuutii namoota magaalaawwan Yihuudaa keessaa baʼanii mana Waaqayyoo keessatti waaqeffachuu dhufan hundatti dubbadhu. Waan ani si ajaju hunda itti himi; jecha tokko illee hin hambisin.
“Hili ndilo Bwana asemalo: Simama katika ua wa nyumba ya Bwana na useme na watu wote wa miji ya Yuda wanaokuja kuabudu katika nyumba ya Bwana. Waambie kila kitu nitakachokuamuru, usipunguze neno.
3 Tarii isaan dhagaʼanii tokkoon tokkoon namaa karaa isaa hamaa sana irraa ni deebiʼa taʼa. Anis gaabbee badiisa sababii hammina isaaniitiif isaanitti fiduuf yaadaa ture sana nan hambisa.
Huenda watasikiliza, na kila mmoja akageuka kutoka njia yake mbaya. Kisha nitawahurumia na kuacha kuwaletea maafa niliyokuwa ninapanga kwa sababu ya maovu waliyofanya.
4 Atis akkana jedhiin; Waaqayyo akkana jedha; ‘Yoo isin na dhagaʼuu diddanii, seera koo kan ani fuula keessan dura kaaʼe sana duukaa buʼuu baattan,
Waambie, ‘Hili ndilo asemalo Bwana: Ikiwa hamtanisikiliza na kuifuata sheria yangu ambayo nimeiweka mbele yenu,
5 amma illee yoo isin dubbii tajaajiltoota koo raajota ani utuma isin dhagaʼuu diddanuu ammumaa amma isinitti erge sanaa illee dhaggeeffachuu baattan,
nanyi ikiwa hamtayasikiliza maneno ya watumishi wangu manabii, ambao nimewatuma kwenu tena na tena (ijapokuwa hamkuwasikiliza),
6 ani mana kana akkuma Shiiloo, magaalaa kana immoo saboota lafaa hunda keessatti waan abaarsaa nan godha.’”
ndipo nitaifanya nyumba hii kama Shilo na mji huu kuwa kitu cha kulaaniwa na mataifa yote ya dunia.’”
7 Luboonni, raajonnii fi sabni hundi Ermiyaasii dubbii kana mana Waaqayyoo keessatti dubbatu dhagaʼan.
Makuhani, manabii na watu wote wakamsikia Yeremia akiyasema maneno haya ndani ya nyumba ya Bwana.
8 Garuu akkuma Ermiyaas waan Waaqayyo akka inni dubbatuuf isa ajaje hunda namoota hundatti, himee raawwateen luboonni, raajonnii fi namoonni hundi isa qabanii akkana jedhaniin; “Ati duʼuu qabda!
Lakini mara tu Yeremia alipomaliza kuwaambia watu kila kitu Bwana alichomwamuru kukisema, basi makuhani, manabii na watu wote walimkamata wakisema, “Ni lazima ufe!
9 Ati maaliif akka manni kun akkuma Shiiloo taʼuu fi akka magaalaan kunis onee duwwaa hafu maqaa Waaqayyootiin raajii dubbatta?” Namoonni hundis mana Waaqayyoo keessatti Ermiyaasin marsan.
Kwa nini unatoa unabii katika jina la Bwana kwamba nyumba hii itakuwa kama Shilo na mji huu utakuwa ukiwa na kuachwa tupu?” Nao watu wote wakamkusanyikia na kumzunguka Yeremia ndani ya nyumba ya Bwana.
10 Qondaaltonni Yihuudaa yommuu waan kana dhagaʼanitti mana Mootii keessaa gara mana Waaqayyootti ol baʼanii balbala karra Haaraa kan mana Waaqayyoo dura tataaʼan.
Maafisa wa Yuda waliposikia kuhusu mambo haya, wakapanda kutoka jumba la kifalme, wakaenda katika nyumba ya Bwana na kushika nafasi zao kwenye ingilio la Lango Jipya la nyumba ya Bwana.
11 Kana irratti luboonnii fi raajonni sun qondaaltotaa fi namoota hundaan, “Waan namichi kun magaalaa kana irratti raajii dubbateef duuti isatti muramuu qaba. Isin waan kana gurruma keessaniin dhageessaniirtu!” jedhan.
Kisha makuhani na manabii wakawaambia maafisa pamoja na watu wote, “Mtu huyu anastahili ahukumiwe kifo kwa sababu ametoa unabii mbaya dhidi ya mji huu. Mmesikia kwa masikio yenu wenyewe!”
12 Ermiyaas qondaaltota hundaa fi namoota hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo akka ani waan isin dhageessan kana hunda mana kanaa fi magaalaa kana irratti raajii dubbadhuuf na erge.
Kisha Yeremia akawaambia maafisa wote na watu wote: “Bwana amenituma kutoa unabii dhidi ya nyumba hii na mji huu mambo yote mliyoyasikia.
13 Kanaafuu isin amma karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; Waaqayyo Waaqa keessaniif illee ajajamaa. Yoos Waaqayyo gaabbee balaa isinitti fiduuf yaade sana ni dhiisa.
Sasa tengenezeni njia zenu na matendo yenu, na kumtii Bwana Mungu wenu. Ndipo Bwana atawahurumia na kuacha kuleta maafa aliyokuwa ameyatamka dhidi yenu.
14 Ani garuu harkuma keessan keessa nan jira; isin tarkaanfii gaarii fi qajeelaa isinitti fakkaate narratti fudhadhaa.
Lakini kwa habari yangu mimi, niko mikononi mwenu, nifanyieni lolote mnaloona kuwa ni jema na la haki.
15 Garuu isin yoo na ajjeeftan akka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu keessaniin ofitti, magaalaa kanattii fi warra ishee keessa jiraatanitti balaa fiddan beekkadhaa; Waaqayyo dhugumaan akka ani dubbii isin dhageessan kana hunda dubbadhuuf isinitti na ergeeraatii.”
Hata hivyo, jueni kwa hakika, ikiwa mtaniua, mtakuwa mmejipatia dhambi kwa damu isiyo na hatia juu yenu wenyewe, na juu ya mji huu na wote wanaoishi ndani yake, kwa maana ni kweli Bwana amenituma kwenu ili niseme maneno haya yote masikioni mwenu.”
16 Kana irratti qondaaltonnii fi namoonni hundi, lubootaa fi raajotaan, “Namicha kanatti duuti muramuu hin qabu! Inni maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin nutti dubbatee jiraa” jedhan.
Kisha maafisa na watu wote wakawaambia makuhani na manabii, “Mtu huyu asihukumiwe kifo! Amesema nasi katika jina la Bwana, Mungu wetu.”
17 Maanguddoota biyyaa keessaas tokko tokko kaʼanii waldaa sabaa guutuudhaan akkana jedhan;
Baadhi ya wazee wa nchi wakasogea mbele, wakaliambia kusanyiko lote la watu,
18 “Bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa Miikiyaas namni biyya Mooresheet akkana jedhee saba Yihuudaa hundatti raajii dubbate; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “‘Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.’
“Mika Mmoreshethi alitoa unabii katika siku za Hezekia mfalme wa Yuda. Akawaambia watu wote wa Yuda, ‘Hili ndilo asemalo Bwana Mwenye Nguvu Zote: “‘Sayuni italimwa kama shamba, Yerusalemu itakuwa lundo la kokoto, na kilima cha Hekalu kitakuwa kichuguu kilichofunikwa na vichaka.’
19 “Hisqiyaas mootichi Yihuudaa yookaan saba Yihuudaa keessaa namni tokko iyyuu isa ajjeeseeraa? Hisqiyaas Waaqayyoon sodaatee araara isaa hin kadhannee? Waaqayyos gaabbee badiisa isaanitti fiduu yaade sana hin dhiifnee? Nus badiisa hamaa ofitti fiduu geenyeerra!”
Je, Hezekia mfalme wa Yuda au mtu mwingine yeyote katika Yuda alimhukumu Mika kufa? Je, Hezekia hakumcha Bwana na kuhitaji msaada wake? Je, Bwana hakuwahurumia na akaacha kuleta maafa aliyokuwa ametamka dhidi yao? Tunakaribia sana kujiletea maangamizo ya kutisha sisi wenyewe!”
20 Namni maqaa Waaqayyootiin raajii dubbate kan biraa immoo Uuriyaa ilma Shemaaʼiyaa nama biyya Kiriyaati Yeʼaariim ture; innis akkuma Ermiyaas magaalaa kanaa fi biyya kana irratti raajii dubbate.
(Wakati huu, Uria mwana wa Shemaya kutoka mji wa Kiriath-Yearimu alikuwa mtu mwingine aliyetoa unabii kwa jina la Bwana. Alitoa unabii juu ya mambo yaliyofanana na haya dhidi ya mji huu na nchi hii kama alivyofanya Yeremia.
21 Yommuu Yehooyaaqiim mootichi, ajajjoonnii fi qondaaltonni isaa hundi dubbii Uuriyaa dhagaʼanitti mootichi isa ajjeesisuu barbaade; Uuriyaan garuu waan kana dhageenyaan sodaatee gara Gibxitti baqate.
Mfalme Yehoyakimu na wakuu wake wote na maafisa waliposikia maneno yake, mfalme alitafuta kumuua. Lakini Uria alipata habari, na kwa kuogopa akakimbilia Misri.
22 Yehooyaaqiim mootichi garuu Elnaataan ilma Akboor namoota biraa wajjin gara Gibxitti erge.
Hata hivyo, Mfalme Yehoyakimu alimtuma Elnathani mwana wa Akbori huko Misri, pamoja na watu wengine ili kwenda kumkamata Uria.
23 Isaanis Uuriyaa Gibxii fidanii Yehooyaaqiim mootichatti kennan; mootichis goraadeedhaan isa ajjeese; reeffa isaa immoo iddoo namoonni ulfina hin qabne itti awwaalamanitti gate.
Wakamrudisha Uria kutoka Misri na kumpeleka kwa Mfalme Yehoyakimu, ambaye alimuua kwa upanga, na mwili wake kutupwa kwenye eneo la makaburi ya watu wasio na cheo.)
24 Ahiiqaam ilmi Shaafaan garuu Ermiyaasin deeggare; kanaafuu Ermiyaas ajjeefamuuf dabarfamee namootatti hin kennamne.
Zaidi ya hayo, Ahikamu mwana wa Shafani akamuunga mkono Yeremia, kwa hiyo hakutiwa tena mikononi mwa watu ili auawe.