< Ermiyaas 25 >

1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessaa waggaa afuraffaatti jechuunis bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti dubbiin waaʼee saba Yihuudaa hundaatiif gara Ermiyaas dhufe kanaa dha.
הדבר אשר היה על ירמיהו על כל עם יהודה בשנה הרבעית ליהויקים בן יאשיהו מלך יהודה היא השנה הראשנית לנבוכדראצר מלך בבל׃
2 Kanaafuu Ermiyaas raajichi saba Yihuudaa hundaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundaan akkana jedhe:
אשר דבר ירמיהו הנביא על כל עם יהודה ואל כל ישבי ירושלם לאמר׃
3 Waggaa kudha sadaffaa bara mootummaa Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma guyyaa harʼaatti jechuunis waggaa digdamii sadii guutuu dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufeera; anis irra deddeebiʼee isinitti himeera; isin garuu hin dhaggeeffanne.
מן שלש עשרה שנה ליאשיהו בן אמון מלך יהודה ועד היום הזה זה שלש ועשרים שנה היה דבר יהוה אלי ואדבר אליכם אשכים ודבר ולא שמעתם׃
4 Yoo Waaqayyo raajota isaa tajaajiltoota hunda ammumaa amma isinitti erge iyyuu, isin hin dhaggeeffanne yookaan xiyyeeffannaa tokko iyyuu hin kennineef.
ושלח יהוה אליכם את כל עבדיו הנבאים השכם ושלח ולא שמעתם ולא הטיתם את אזנכם לשמע׃
5 Isaanis akkana jedhan; “Egaa tokkoon tokkoon keessan karaa keessan jalʼaa fi hojii keessan hamaa sana irraa deebiʼaa; yoos isin biyya Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif bara baraan kenne keessa jiraachuu ni dandeessu.
לאמר שובו נא איש מדרכו הרעה ומרע מעלליכם ושבו על האדמה אשר נתן יהוה לכם ולאבותיכם למן עולם ועד עולם׃
6 Isaan tajaajiluu fi isaan waaqeffachuuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na hin kakaasinaa. Yoos ani isin hin miidhu.”
ואל תלכו אחרי אלהים אחרים לעבדם ולהשתחות להם ולא תכעיסו אותי במעשה ידיכם ולא ארע לכם׃
7 “Isin garuu na hin dhaggeeffanne; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftan; mataa keessanittis miidhaa fiddan” jedha Waaqayyo.
ולא שמעתם אלי נאם יהוה למען הכעסוני במעשה ידיכם לרע לכם׃
8 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhe: “Sababii isin dubbii kootiif hin ajajaminiif,
לכן כה אמר יהוה צבאות יען אשר לא שמעתם את דברי׃
9 ani saboota biyya kaabaa hundaa fi garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabilon walitti qabee biyya kanatti, jiraattota isheettii fi saboota naannoo ishee jiraatan hundatti nan kaasa; guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; waan qaanii, waan tuffiitii fi waan bara baraan one isaan nan godha” jedha Waaqayyo.
הנני שלח ולקחתי את כל משפחות צפון נאם יהוה ואל נבוכדראצר מלך בבל עבדי והבאתים על הארץ הזאת ועל ישביה ועל כל הגוים האלה סביב והחרמתים ושמתים לשמה ולשרקה ולחרבות עולם׃
10 “Ani sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa sagalee dhagaa daakuutii fi ifa ibsaa isaan keessaa nan balleessa.
והאבדתי מהם קול ששון וקול שמחה קול חתן וקול כלה קול רחים ואור נר׃
11 Biyyi kun guutuun barbadooftee onti; saboonni kunneenis waggaa torbaatama mooticha Baabiloniitiif garboomu.
והיתה כל הארץ הזאת לחרבה לשמה ועבדו הגוים האלה את מלך בבל שבעים שנה׃
12 “Garuu erga waggaan torbaatamni sun dhumee booddee ani mooticha Baabiloniitii fi saba isaa, biyya Baabilonotaas sababii yakka isaaniitiif nan adaba; biyyattiis bara baraan nan onsa” jedha Waaqayyo.
והיה כמלאות שבעים שנה אפקד על מלך בבל ועל הגוי ההוא נאם יהוה את עונם ועל ארץ כשדים ושמתי אתו לשממות עולם׃
13 “Ani waanan biyyattii irratti dubbadhe hunda, waan kitaaba kana keessatti barreeffamee fi waan Ermiyaas saboota hundatti raajii dubbate hunda biyya sanatti nan fida.
והבאיתי על הארץ ההיא את כל דברי אשר דברתי עליה את כל הכתוב בספר הזה אשר נבא ירמיהו על כל הגוים׃
14 Isaan mataan isaanii iyyuu saboota hedduu fi mootota gurguddoof ni garboomu; anis akkuma hojii isaaniittii fi akkuma hojii harka isaaniitti gatii isaaniif malu nan kennaaf.”
כי עבדו בם גם המה גוים רבים ומלכים גדולים ושלמתי להם כפעלם וכמעשה ידיהם׃
15 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana naan jedhe: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa kootiitiin guutame kana ana harkaa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hunda obaasi.
כי כה אמר יהוה אלהי ישראל אלי קח את כוס היין החמה הזאת מידי והשקיתה אתו את כל הגוים אשר אנכי שלח אותך אליהם׃
16 Isaanis yeroo isa dhuganitti ni gatantaru; sababii goraadee ani isaan gidduutti ergu sanaatiifis ni maraatu.”
ושתו והתגעשו והתהללו מפני החרב אשר אנכי שלח בינתם׃
17 Kanaafuu ani xoofoo sana harka Waaqayyootii fuudhee akka saboonni inni itti na erge hundi dhugan nan godhe:
ואקח את הכוס מיד יהוה ואשקה את כל הגוים אשר שלחני יהוה אליהם׃
18 Kunis akka Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa, mootonnii fi qondaaltonni ishee akkuma harʼa taʼanii jiran kana barbadeeffamanii waan salphinaa, waan tuffiitii fi waan abaarsaa taʼaniifii dha;
את ירושלם ואת ערי יהודה ואת מלכיה את שריה לתת אתם לחרבה לשמה לשרקה ולקללה כיום הזה׃
19 Faraʼoon mootichi Gibxi, tajaajiltoonni isaa, qondaaltonni isaatii fi sabni isaa hundi,
את פרעה מלך מצרים ואת עבדיו ואת שריו ואת כל עמו׃
20 namoonni biyya ormaa kanneen achi jiran hundi, mootonni Uuzi hundi, mootonni Filisxeemotaa hundi jechuunis warri Eqroon, warri Gaazaa, warri Ashqaloonii fi sabni Ashdooditti hafee hundi,
ואת כל הערב ואת כל מלכי ארץ העוץ ואת כל מלכי ארץ פלשתים ואת אשקלון ואת עזה ואת עקרון ואת שארית אשדוד׃
21 Edoom, Moʼaabii fi Amoon,
את אדום ואת מואב ואת בני עמון׃
22 mootonni Xiiroosii fi Siidoonaa hundi, mootonni biyyoota qarqara galaanaa warri galaana gama jiraatan,
ואת כל מלכי צר ואת כל מלכי צידון ואת מלכי האי אשר בעבר הים׃
23 Dedaan, Teemaan, Buuzii fi warri biyya fagoo jiraatan hundi,
ואת דדן ואת תימא ואת בוז ואת כל קצוצי פאה׃
24 mootonni Arabaa hundii fi mootonni Namoota Ormaa kanneen gammoojjii keessa jiraatan hundi,
ואת כל מלכי ערב ואת כל מלכי הערב השכנים במדבר׃
25 mootonni Zimrii, kan Eelaamii fi kan Meedee hundi,
ואת כל מלכי זמרי ואת כל מלכי עילם ואת כל מלכי מדי׃
26 mootonni biyyoota Kaabaa kanneen dhiʼoo fi fagoo, wal duraa duubaan jechuunis mootonni lafa irra jiran hundi daadhii sana dhuganiiru. Hunda isaanii booddee immoo mootiin Sheeshaakiis ni dhuga.
ואת כל מלכי הצפון הקרבים והרחקים איש אל אחיו ואת כל הממלכות הארץ אשר על פני האדמה ומלך ששך ישתה אחריהם׃
27 “Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel sun akkana jedha: Sababii goraadee ani isin gidduutti erguu sanaatiifis dhugaa, machaaʼaa, hoqqisaa; akka lammata ol hin kaaneefis kukkufaa.’
ואמרת אליהם כה אמר יהוה צבאות אלהי ישראל שתו ושכרו וקיו ונפלו ולא תקומו מפני החרב אשר אנכי שלח ביניכם׃
28 Yoo isaan xoofoo kana si harkaa fuudhanii dhuguu didan garuu akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Isin dhuguu qabdu!
והיה כי ימאנו לקחת הכוס מידך לשתות ואמרת אליהם כה אמר יהוה צבאות שתו תשתו׃
29 Kunoo, ani magaalaa Maqaa kootiin waamamutti balaa buusuu jalqabeera; isin immoo utuu hin adabamin haftuu ree? Isin utuu hin adabamin hin haftan; ani warra lafa irra jiraatan hundatti goraadee nan waamaatii, jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.’
כי הנה בעיר אשר נקרא שמי עליה אנכי מחל להרע ואתם הנקה תנקו לא תנקו כי חרב אני קרא על כל ישבי הארץ נאם יהוה צבאות׃
30 “Kanaafuu dubbii kana hunda isaanitti raajiitii akkana jedhiin: “‘Waaqayyo ol gubbaadhaa guunguma; iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa qaqawweessaʼee biyya isaattis guddisee ni guunguma. Inni akkuma warra ija wayinii dhidhiitaniitti warra lafa irra jiraatan hundatti ni lallaba.
ואתה תנבא אליהם את כל הדברים האלה ואמרת אליהם יהוה ממרום ישאג וממעון קדשו יתן קולו שאג ישאג על נוהו הידד כדרכים יענה אל כל ישבי הארץ׃
31 Wacni hamma daarii lafaatti ni dhagaʼama; Waaqayyo sabootatti ni muraatii; inni sanyii namaa hundatti murtii fida; hamoota immoo goraadeedhaan fixa’” jedha Waaqayyo.
בא שאון עד קצה הארץ כי ריב ליהוה בגוים נשפט הוא לכל בשר הרשעים נתנם לחרב נאם יהוה׃
32 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ilaa! Sabaa gara sabaatti balaan babalʼachaa jira; bubbeen hamaan jabaan tokko daarii lafaatii kaʼaa jira.”
כה אמר יהוה צבאות הנה רעה יצאת מגוי אל גוי וסער גדול יעור מירכתי ארץ׃
33 Gaafas warri Waaqayyo fixe handaara lafaa tokkoo hamma kaaniitti firfirfamanii argamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamu malee booʼicha hin argatan yookaan walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
והיו חללי יהוה ביום ההוא מקצה הארץ ועד קצה הארץ לא יספדו ולא יאספו ולא יקברו לדמן על פני האדמה יהיו׃
34 Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas; eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa. Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii; isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu.
הילילו הרעים וזעקו והתפלשו אדירי הצאן כי מלאו ימיכם לטבוח ותפוצותיכם ונפלתם ככלי חמדה׃
35 Tiksoonni iddoo itti baqatan, eegdonni bushaayee immoo iddoo itti miliqan hin qaban.
ואבד מנוס מן הרעים ופליטה מאדירי הצאן׃
36 Iyya tiksootaatii fi wawwaannaa eegdota bushaayee dhagaʼaa! Waaqayyo lafa dheeda isaanii balleessaa jiraatii.
קול צעקת הרעים ויללת אדירי הצאן כי שדד יהוה את מרעיתם׃
37 Sababii dheekkamsa Waaqayyoo jabaa sanaatiif, lafti nagaa qabu ni ona.
ונדמו נאות השלום מפני חרון אף יהוה׃
38 Sababii goraadee cunqursitootaatii fi sababii dheekkamsa Waaqayyoo hamaa sanaatiif, inni akkuma leencaa manʼee isaatii ni baʼa; biyyi isaaniis ni onti.
עזב ככפיר סכו כי היתה ארצם לשמה מפני חרון היונה ומפני חרון אפו׃

< Ermiyaas 25 >