< Ermiyaas 25 >
1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessaa waggaa afuraffaatti jechuunis bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti dubbiin waaʼee saba Yihuudaa hundaatiif gara Ermiyaas dhufe kanaa dha.
Yehova anayankhula ndi Yeremiya za anthu onse a ku Yuda mʼchaka chachinayi cha ufumu wa Yehoyakimu mwana wa Yosiya mfumu ya ku Yuda, chimene chinali chaka choyamba cha ufumu wa Nebukadinezara mfumu ya ku Babuloni.
2 Kanaafuu Ermiyaas raajichi saba Yihuudaa hundaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundaan akkana jedhe:
Choncho mneneri Yeremiya anawuza anthu onse a ku Yuda pamodzi ndi onse amene amakhala mu Yerusalemu kuti:
3 Waggaa kudha sadaffaa bara mootummaa Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma guyyaa harʼaatti jechuunis waggaa digdamii sadii guutuu dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufeera; anis irra deddeebiʼee isinitti himeera; isin garuu hin dhaggeeffanne.
Kwa zaka 23, kuyambira chaka cha 13 cha ufumu wa Yosiya mwana wa Amoni mfumu ya ku Yuda mpaka lero lino, Yehova wakhala akundipatsa mauthenga ake ndipo ine ndakhala ndikuyankhula ndi inu kawirikawiri, koma inu simunamvere.
4 Yoo Waaqayyo raajota isaa tajaajiltoota hunda ammumaa amma isinitti erge iyyuu, isin hin dhaggeeffanne yookaan xiyyeeffannaa tokko iyyuu hin kennineef.
Ndipo ngakhale Yehova kawirikawiri wakhala akukutumizirani atumiki ake onse, aneneri, inuyo simunamvere kapena kutchera khutu.
5 Isaanis akkana jedhan; “Egaa tokkoon tokkoon keessan karaa keessan jalʼaa fi hojii keessan hamaa sana irraa deebiʼaa; yoos isin biyya Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif bara baraan kenne keessa jiraachuu ni dandeessu.
Aneneriwo ankanena kuti, “Ngati aliyense wa inu abwerere, kusiya njira zake zoyipa ndi machitidwe ake oyipa, ndiye kuti mudzakhala mʼdziko limene Yehova anapereka kwa makolo anu kwamuyaya.
6 Isaan tajaajiluu fi isaan waaqeffachuuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na hin kakaasinaa. Yoos ani isin hin miidhu.”
Musatsatire milungu ina nʼkuyitumikira ndi kuyipembedza. Musapute mkwiyo wanga ndi mafano amene mwapanga ndi manja anu. Mukatero Ine sindidzakuwonongani.
7 “Isin garuu na hin dhaggeeffanne; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftan; mataa keessanittis miidhaa fiddan” jedha Waaqayyo.
“Koma inu simunandimvere,” akutero Yehova, “ndipo munaputa mkwiyo wanga ndi mafano amene munapanga ndi manja anu. Choncho munadziwononga nokha.”
8 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhe: “Sababii isin dubbii kootiif hin ajajaminiif,
Nʼchifukwa chake Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Chifukwa simunamvere mawu anga,
9 ani saboota biyya kaabaa hundaa fi garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabilon walitti qabee biyya kanatti, jiraattota isheettii fi saboota naannoo ishee jiraatan hundatti nan kaasa; guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; waan qaanii, waan tuffiitii fi waan bara baraan one isaan nan godha” jedha Waaqayyo.
ndidzayitana mafuko onse akumpoto, pamodzi ndi mtumiki wanga Nebukadinezara mfumu ya ku Babuloni,” akutero Yehova, “ndipo adzathira nkhondo dziko lino ndi anthu ake pamodzi ndi mitundu yonse ya anthu ozungulira dzikoli. Ndidzawawononga kwathunthu ndi kuwasandutsa chinthu chochititsa mantha ndi chonyozeka, mpaka muyaya.
10 “Ani sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa sagalee dhagaa daakuutii fi ifa ibsaa isaan keessaa nan balleessa.
Ndidzathetsa mfuwu wachimwemwe ndi wachisangalalo, mawu a mkwati ndi mkwatibwi, phokoso la mphero ndi kuwala kwa nyale.
11 Biyyi kun guutuun barbadooftee onti; saboonni kunneenis waggaa torbaatama mooticha Baabiloniitiif garboomu.
Dziko lonse lidzakhala bwinja ndi chipululu, ndipo mitundu ina idzatumikira mfumu ya ku Babuloni kwa 70.
12 “Garuu erga waggaan torbaatamni sun dhumee booddee ani mooticha Baabiloniitii fi saba isaa, biyya Baabilonotaas sababii yakka isaaniitiif nan adaba; biyyattiis bara baraan nan onsa” jedha Waaqayyo.
“Koma zaka 70 zikadzatha, ndidzalanga mfumu ya ku Babuloni pamodzi ndi anthu ake, chifukwa cha zolakwa zawo,” akutero Yehova, “ndipo dziko lawo lidzakhala chipululu mpaka muyaya.
13 “Ani waanan biyyattii irratti dubbadhe hunda, waan kitaaba kana keessatti barreeffamee fi waan Ermiyaas saboota hundatti raajii dubbate hunda biyya sanatti nan fida.
Ndidzachita zinthu zonse zimene ndinayankhula zotsutsa dzikolo, zonse zimene zalembedwa mʼbuku lino, ndiponso zonse zimene Yeremiya analosera zotsutsa anthu amenewa.
14 Isaan mataan isaanii iyyuu saboota hedduu fi mootota gurguddoof ni garboomu; anis akkuma hojii isaaniittii fi akkuma hojii harka isaaniitti gatii isaaniif malu nan kennaaf.”
Iwo eni adzakhala akapolo a anthu a mitundu yochuluka ndi mafumu amphamvu. Ndidzawabwezera molingana ndi zochita zawo ndi ntchito za manja awo.”
15 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana naan jedhe: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa kootiitiin guutame kana ana harkaa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hunda obaasi.
Yehova, Mulungu wa Israeli, anandiwuza kuti, “Tenga chikho ichi chodzaza ndi vinyo wa ukali wanga, ndipo ukamwetse anthu a mitundu yonse kumene ndikukutuma.
16 Isaanis yeroo isa dhuganitti ni gatantaru; sababii goraadee ani isaan gidduutti ergu sanaatiifis ni maraatu.”
Akadzamwa adzayamba kudzandira ndi kuchita misala chifukwa cha nkhondo imene ndikuyitumiza pakati pawo.”
17 Kanaafuu ani xoofoo sana harka Waaqayyootii fuudhee akka saboonni inni itti na erge hundi dhugan nan godhe:
Choncho ine ndinatenga chikhocho mʼdzanja la Yehova ndipo ndinamwetsa mitundu yonse ya anthu kumene Iye ananditumako:
18 Kunis akka Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa, mootonnii fi qondaaltonni ishee akkuma harʼa taʼanii jiran kana barbadeeffamanii waan salphinaa, waan tuffiitii fi waan abaarsaa taʼaniifii dha;
Anandituma ku Yerusalemu ndi ku mizinda ya Yuda, kwa mafumu ake ndi nduna zake kuti ndikawasandutse ngati bwinja ndi chinthu chochititsa mantha ndi chonyozeka ndiponso chotembereredwa, monga mmene alili lero lino.
19 Faraʼoon mootichi Gibxi, tajaajiltoonni isaa, qondaaltonni isaatii fi sabni isaa hundi,
Ananditumanso kwa Farao, mfumu ya ku Igupto, kwa atumiki ake, nduna zake ndi kwa anthu ake onse,
20 namoonni biyya ormaa kanneen achi jiran hundi, mootonni Uuzi hundi, mootonni Filisxeemotaa hundi jechuunis warri Eqroon, warri Gaazaa, warri Ashqaloonii fi sabni Ashdooditti hafee hundi,
ndi kwa anthu ena onse a mitundu yachilendo; mafumu onse a ku Uzi; mafumu onse a Afilisti, a ku Asikeloni, ku Gaza, ku Ekroni ndiponso kwa anthu a ku chigwa chotsala cha Asidodi;
21 Edoom, Moʼaabii fi Amoon,
Edomu, Mowabu ndi Amoni.
22 mootonni Xiiroosii fi Siidoonaa hundi, mootonni biyyoota qarqara galaanaa warri galaana gama jiraatan,
Ananditumanso kwa mafumu onse a ku Turo ndi ku Sidoni; kwa mafumu a kutsidya la nyanja;
23 Dedaan, Teemaan, Buuzii fi warri biyya fagoo jiraatan hundi,
ku Dedani, ku Tema, ku Buzi ndi kwa onse ometa chamʼmbali.
24 mootonni Arabaa hundii fi mootonni Namoota Ormaa kanneen gammoojjii keessa jiraatan hundi,
Ananditumanso kwa mafumu onse a ku Arabiya ndi mafumu onse a anthu achilendo amene amakhala mʼchipululu.
25 mootonni Zimrii, kan Eelaamii fi kan Meedee hundi,
Anandituma kwa mafumu onse a ku Zimuri, Elamu ndi Mediya;
26 mootonni biyyoota Kaabaa kanneen dhiʼoo fi fagoo, wal duraa duubaan jechuunis mootonni lafa irra jiran hundi daadhii sana dhuganiiru. Hunda isaanii booddee immoo mootiin Sheeshaakiis ni dhuga.
ndiponso kwa mafumu onse a kumpoto, akufupi ndi kutali omwe, mafumu onse a dziko lapansi. Ndipo potsiriza pake, idzamwenso ndi mfumu Sesaki.
27 “Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel sun akkana jedha: Sababii goraadee ani isin gidduutti erguu sanaatiifis dhugaa, machaaʼaa, hoqqisaa; akka lammata ol hin kaaneefis kukkufaa.’
“Ndipo uwawuze kuti, ‘Yehova Wamphamvuzonse, Mulungu wa Israeli akuti: Imwani, ledzerani ndipo musanze, mugwe osadzukanso chifukwa cha nkhondo imene ndikutumiza pakati panu.’
28 Yoo isaan xoofoo kana si harkaa fuudhanii dhuguu didan garuu akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Isin dhuguu qabdu!
Koma ngati akana kutenga chikhocho mʼdzanja lako ndi kumwa, uwawuze kuti, ‘Yehova Wamphamvuzonse akuti: Muyenera kumwa ndithu!’”
29 Kunoo, ani magaalaa Maqaa kootiin waamamutti balaa buusuu jalqabeera; isin immoo utuu hin adabamin haftuu ree? Isin utuu hin adabamin hin haftan; ani warra lafa irra jiraatan hundatti goraadee nan waamaatii, jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.’
Taonani, tsopano ndiyamba kulanga mzinda uno umene umadziwika ndi dzina langa. Kodi inu muganiza kuti simudzalangidwa? Ayi, simudzapulumuka chifukwa ndikutumiza nkhondo pa onse okhala pa dziko lapansi, akutero Yehova Wamphamvuzonse.
30 “Kanaafuu dubbii kana hunda isaanitti raajiitii akkana jedhiin: “‘Waaqayyo ol gubbaadhaa guunguma; iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa qaqawweessaʼee biyya isaattis guddisee ni guunguma. Inni akkuma warra ija wayinii dhidhiitaniitti warra lafa irra jiraatan hundatti ni lallaba.
“Tsopano iwe nenera mawu owatsutsa ndipo uwawuze kuti, “‘Yehova adzabangula kumwamba; mawu ake adzamveka ngati bingu kuchokera ku malo ake opatulika. Adzabangula mwamphamvu kukalipira dziko lake. Iye adzafuwula ngati anthu oponda mphesa, kukalipira onse amene akukhala pa dziko lapansi.
31 Wacni hamma daarii lafaatti ni dhagaʼama; Waaqayyo sabootatti ni muraatii; inni sanyii namaa hundatti murtii fida; hamoota immoo goraadeedhaan fixa’” jedha Waaqayyo.
Phokoso lalikulu lidzamveka mpaka kumalekezero a dziko lonse lapansi, chifukwa Yehova adzazenga mlandu anthu a mitundu yonse; adzaweruza mtundu wonse wa anthu ndipo oyipa adzawapha ndi lupanga,’” akutero Yehova.
32 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ilaa! Sabaa gara sabaatti balaan babalʼachaa jira; bubbeen hamaan jabaan tokko daarii lafaatii kaʼaa jira.”
Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Taonani! Mavuto akuti akachoka pa mtundu wina akukagwa pa mtundu wina; mphepo ya mkuntho ikuyambira ku malekezero a dziko.”
33 Gaafas warri Waaqayyo fixe handaara lafaa tokkoo hamma kaaniitti firfirfamanii argamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamu malee booʼicha hin argatan yookaan walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
Pa tsiku limenelo, onse ophedwa ndi Yehova adzangoti mbwee ponseponse, pa dziko lonse lapansi. Palibe amene adzawalire kapena kusonkhanitsa mitemboyo kuti ikayikidwe mʼmanda, koma idzakhala mbwee ngati ndowe.
34 Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas; eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa. Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii; isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu.
Khetsani misozi ndi kufuwula mwamphamvu, abusa inu; gubudukani pa fumbi, inu atsogoleri a nkhosa. Pakuti nthawi yanu yophedwa yafika; mudzagwa ndi kuphwanyika ngati mbiya yabwino kwambiri.
35 Tiksoonni iddoo itti baqatan, eegdonni bushaayee immoo iddoo itti miliqan hin qaban.
Abusa adzasowa kothawira, atsogoleri a nkhosa adzasowa malo opulumukira.
36 Iyya tiksootaatii fi wawwaannaa eegdota bushaayee dhagaʼaa! Waaqayyo lafa dheeda isaanii balleessaa jiraatii.
Imvani kulira kwa abusa, atsogoleri a nkhosa akulira, chifukwa Yehova akuwononga msipu wawo.
37 Sababii dheekkamsa Waaqayyoo jabaa sanaatiif, lafti nagaa qabu ni ona.
Makola awo a nkhosa amene anali pamtendere adzasanduka bwinja chifukwa cha mkwiyo woopsa wa Yehova.
38 Sababii goraadee cunqursitootaatii fi sababii dheekkamsa Waaqayyoo hamaa sanaatiif, inni akkuma leencaa manʼee isaatii ni baʼa; biyyi isaaniis ni onti.
Ngati mkango, Yehova wasiya phanga lake, pakuti dziko lawo lasanduka chipululu chifukwa cha nkhondo ya owazunza ndiponso chifukwa cha mkwiyo woopsa wa Yehova.