< Ermiyaas 24 >

1 Erga Nebukadnezar mootichi Baabilon Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa ilma Yehooyaaqiimii fi qondaaltota Yihuudaa, ogeeyyii hojii harkaatii fi tumtuuwwan Yihuudaa boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti geessee booddee Waaqayyo ija harbuu guuboo lama fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti na argisiise.
The Lord revealed to me, and behold, two baskets full of figs were set before the temple of the Lord, after Nebuchadnezzar, the king of Babylon, carried away Jeconiah, the son of Jehoiakim, king of Judah, and his leaders, and the craftsmen and engravers of Jerusalem, and led them into Babylon.
2 Guuboon tokko ija harbuu akka malee gaarii kan ijaa duraan bilchaate fakkaatu qaba ture; guuboon kaan immoo ija harbuu akka malee tortoree, sababii tortoruu isaatiif nyaatamuu hin dandeenye qaba ture.
One basket had exceedingly good figs, like the figs usually found early in the season, and the other basket had exceedingly bad figs, which could not be eaten because they were so bad.
3 Waaqayyos, “Yaa Ermiyaas, ati maal argita?” naan jedhe. Anis, “Ija harbuu nan arga; ija gaariin akka malee gaarii dha; inni tortoraan immoo sababii akka malee tortoreef nyaatamuu hin dandaʼu” jedheen deebise.
And the Lord said to me: “What do you see, Jeremiah?” And I said: “Figs: the good figs are very good, and the bad figs are very bad and cannot be eaten because they are so bad.”
4 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
And the word of the Lord came to me, saying:
5 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani boojiʼamtoota Yihuudaa warra ani iddoo kanaa baasee biyya Baabilonotaatti erge sana akkuma ija gaarii kanaatti ija gaariin nan ilaala.
“Thus says the Lord, the God of Israel: Just like these good figs, so will I regard as good the captives of Judah, whom I have sent from this place into the land of the Chaldeans.
6 Ani faayidaa isaaniitiif ija koo isaan irra buufadhee biyya kanatti deebisee isaan nan fida; ani isaanan ijaara malee isaan hin diigu; ani isaanan dhaaba malee isaan hin buqqisu.
And I will set my eyes upon them, so as to be pleased. And I will lead them back into this land. And I will build them up, and I will not tear them down. And I will plant them, and I will not uproot them.
7 Ani akka isaan akka ani Waaqayyo isaanii taʼe beekaniif qalbii nan kennaaf. Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa; isaan garaa guutuudhaan gara kootti ni deebiʼuutii.
And I will give them a heart, so that they may know me, that I am the Lord. And they will be my people, and I will be their God. For they shall return to me with their whole heart.
8 “‘Waaqayyo akkana jedha; ani garuu Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi hambaawwan Yerusaalem kanneen biyya kana keessatti hafanii fi warra Gibxi keessa jiraatan akkuma ija harbuu kan waan akka malee tortoreef namni nyaachuu hin dandeenye sanaatti nan dhiisa.
And just like the very bad figs, which cannot be eaten because they are so bad, thus says the Lord: so will I regard Zedekiah, the king of Judah, and his leaders, and the rest of Jerusalem, those who have remained in this city, and those who are living in the land of Egypt.
9 Ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti balfamoo fi jibbamoo isaan nan godha; iddoo ani itti isaan bittinneessu hundattis tuffatamoo, waan kolfaa, waan qoosaatii fi waan abaarsaa isaan nan godha.
And I will give them over, with upheaval and affliction, to all the kingdoms of the earth: to be a disgrace, and a parable, and a proverb, and a curse in all the places to which I have cast them out.
10 Ani hamma isaan biyya ani isaanii fi abbootii isaaniitiif kenne irraa barbadaaʼanitti goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga.’”
And I will send among them the sword, and famine, and pestilence: until they have been worn away from the land, which I gave to them and to their fathers.”

< Ermiyaas 24 >