< Ermiyaas 23 >

1 “Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!” jedha Waaqayyo.
“Ole wao wachungaji wanaoharibu na kutawanya kondoo wa malisho yangu!” asema Bwana.
2 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: “Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida” jedha Waaqayyo.
Kwa hiyo hili ndilo Bwana, Mungu wa Israeli, analowaambia wachungaji wanaowachunga watu wangu: “Kwa sababu mmelitawanya kundi langu na kuwafukuzia mbali, wala hamkuwatunza, basi mimi nitawaadhibu kwa ajili ya uovu mliofanya,” asema Bwana.
3 “Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus.
“Mimi mwenyewe nitayakusanya mabaki ya kundi langu kutoka nchi zote ambazo nimewafukuzia, nami nitawarudisha katika malisho yao, mahali ambapo watazaa na kuongezeka idadi yao.
4 Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu” jedha Waaqayyo.
Nitaweka wachungaji juu yao ambao watawachunga, nao hawataogopa tena au kutishwa, wala hatapotea hata mmoja,” asema Bwana.
5 “Barri ani itti Daawitiif damee qajeelaa tokko, mootii ogummaadhaan bulchuu fi waan sirrii fi qajeelaa taʼe biyya kana keessatti hojjetu tokko kaasu ni dhufa” jedha Waaqayyo.
Bwana asema, “Siku zinakuja, nitakapomwinulia Daudi Tawi lenye haki, Mfalme atakayetawala kwa hekima, na kutenda lililo haki na sawa katika nchi.
6 Bara isaa keessa Yihuudaan ni fayya; Israaʼelis nagaan jiraata; maqaan inni ittiin waamamus: Waaqayyo Qajeelummaa Keenya jedhama.
Katika siku zake, Yuda ataokolewa na Israeli ataishi salama. Hili ndilo jina atakaloitwa: Bwana Haki Yetu.
7 “Kanaafuu barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼeloota Gibxii baasee fide sanaa’ hin jenne tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo;
“Hivyo basi, siku zinakuja, wakati ambapo watu hawatasema tena, ‘Hakika kama Bwana aishivyo, aliyewapandisha Waisraeli kutoka Misri,’
8 “Isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya Kaabaatii fi biyyoota itti isaan ariʼee ture hunda keessaa sanyiiwwan Israaʼel baasee fide sanaa’ jedhu. Ergasiis isaan biyya ofii isaanii keessa ni jiraatu.”
bali watasema, ‘Hakika kama Bwana aishivyo, aliyewatoa wazao wa Israeli kutoka nchi ya kaskazini na nchi zote alizokuwa amewafukuzia,’ asema Bwana. Ndipo wataishi katika nchi yao wenyewe.”
9 Waaʼee raajotaa, onneen koo na keessatti cabeera, lafeen koo hundi ni hollata; sababii Waaqayyootii fi sababii dubbii isaa qulqulluu sanaatiif ani akkuma nama machaaʼee akka nama daadhii wayiniitiin moʼatamee nan taʼe.
Kuhusu manabii: Moyo wangu umevunjika ndani yangu; mifupa yangu yote inatetemeka. Nimekuwa kama mtu aliyelewa, kama mtu aliyelemewa na divai, kwa sababu ya Bwana na maneno yake matakatifu.
10 Biyyattiin ejjitootaan guutamteerti, sababii abaarsaatiif biyyattiin ni boossi; kaloon gammoojjii keessaas ni goga. Raajonni karaa hamaa duukaa buʼu; aangoo isaaniittis karaa malee fayyadamu.
Nchi imejaa wazinzi; kwa sababu ya laana, nchi imekauka na malisho yaliyoko nyikani yamekauka. Mwenendo wa manabii ni mbaya na mamlaka yao si ya haki.
11 “Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan; ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera” jedha Waaqayyo.
“Nabii na kuhani wote si wacha Mungu; hata hekaluni mwangu ninaona uovu wao,” asema Bwana.
12 “Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa; isaan dukkanatti gad darbatamu; achittis ni kufu. Bara isaan adabaman keessa, ani badiisa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
“Kwa hiyo mapito yao yatakuwa utelezi, watafukuziwa mbali gizani na huko wataanguka. Nitaleta maafa juu yao katika mwaka wa kuadhibiwa kwao,” asema Bwana.
13 “Raajota Samaariyaa gidduutti, ani waan jibbisiisaa kana argeera: Isaan maqaa Baʼaaliin raajanii saba koo Israaʼelin karaa irraa jalʼisan.
“Miongoni mwa manabii wa Samaria nililiona jambo la kuchukiza: Walitabiri kwa Baali na kuwapotosha Israeli watu wangu.
14 Raajota Yerusaalem gidduutti ani waan nama suukaneessu tokko argeera; isaan ni ejju; sobaan jiraatus. Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef isaan harka jalʼootaa jajjabeessu. Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom; sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti.”
Nako miongoni mwa manabii wa Yerusalemu nimeona jambo baya sana: Wanafanya uzinzi na kuenenda katika uongo. Wanatia nguvu mikono ya watenda mabaya, kwa ajili hiyo hakuna yeyote anayeachana na uovu wake. Wote wako kama Sodoma kwangu; watu na Yerusalemu wako kama Gomora.”
15 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee raajotaa akkana jedha: “Sababii raajota Yerusaalemiif, waan xuraaʼummaan biyyattii keessa guuteef ani akka isaan nyaata hadhaaʼaa nyaatanii bishaan summaaʼes dhugan nan godha.”
Kwa hiyo, hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote asemalo kuhusu manabii: “Nitawafanya wale chakula kichungu na kunywa maji yaliyotiwa sumu, kwa sababu kutokana na manabii wa Yerusalemu kutokumcha Mungu kumeenea katika nchi yote.”
16 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Waan raajonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa; isaan abdii sobaatiin isin guutu. Isaan utuu afaan Waaqayyootii hin taʼin mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu; yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu.
Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote asemalo: “Msisikilize wanachowatabiria manabii, wanawajaza matumaini ya uongo. Wanasema maono kutoka akili zao wenyewe, hayatoki katika kinywa cha Bwana.
17 Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin, ‘Waaqayyo akkana jedha: isin nagaa ni qabaattu’ jedhu. Warra mata jabina yaada ofii isaanii duukaa buʼan hundaan immoo, ‘Hamaan isin hin argatu’ jedhu.
Huendelea kuwaambia wale wanaonidharau mimi, ‘Bwana asema: Mtakuwa na amani.’ Kwa wale wote wafuatao ugumu wa mioyo yao, wao husema, ‘Hakuna dhara litakalowapata.’
18 Garuu isaan keessaa namni dubbii isaa arguuf yookaan dhagaʼuuf waldaa Waaqayyoo keessa dhaabate eenyu? Namni dubbii isaatiif gurra kennee dhagaʼe eenyu?
Lakini ni yupi miongoni mwao aliyesimama katika baraza la Bwana ili kuona au kusikia neno lake? Ni nani aliyesikiliza na kusikia neno lake?
19 Kunoo bubbeen Waaqayyoo, dheekkamsaan ni buʼa; bubbeen hamaanis mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
Tazama, dhoruba ya Bwana itapasuka kwa ghadhabu, kisulisuli kitazunguka na kuanguka vichwani vya waovu.
20 Dheekkamsi Waaqayyoo hamma inni kaayyoo yaada garaa isaa guutumaan guutuutti raawwatutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana akka gaariitti ni hubattu.
Hasira ya Bwana haitageuka mpaka amelitimiza kusudi la moyo wake. Siku zijazo mtalifahamu kwa wazi.
21 Ani raajota kanneen hin ergine; isaan garuu ergaa ofii isaanii qabatanii fiiganiiru; ani isaanitti hin dubbanne; isaan garuu raajii dubbataniiru.
Mimi sikuwatuma manabii hawa, lakini bado wamekimbia wakitangaza ujumbe wao. Mimi sikusema nao, lakini wametabiri.
22 Isaan utuu waldaa koo keessa dhaabatanii jiraatanii silaa dubbii koo saba kootti labsanii, karaa isaanii jalʼaa sanaa fi hojii isaanii hamaa sana irraa isaan deebisu ture.
Lakini kama wangesimama barazani mwangu, wangetangaza maneno yangu kwa watu wangu, nao wangewageuza kutoka njia zao mbaya na kutoka matendo yao maovu.”
23 “Ani Waaqa fagootis malee Waaqa dhiʼoo qofaa?” jedha Waaqayyo.
“Je, mimi ni Mungu aliyeko hapa karibu tu,” Bwana asema, “wala si Mungu aliyeko pia mbali?
24 “Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?” jedha Waaqayyo. “Ani samii fi lafa illee nan guuta mitii?” jedha Waaqayyo.
Je, mtu yeyote aweza kujificha mahali pa siri ili nisiweze kumwona?” Bwana asema. “Je, mimi sikuijaza mbingu na nchi?” Bwana asema.
25 “Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu.
“Nimesikia wanayoyasema manabii, hao wanaotabiri uongo kwa jina langu. Wanasema, ‘Nimeota ndoto! Nimeota ndoto!’
26 Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata?
Mambo haya yataendelea mpaka lini ndani ya mioyo ya hawa manabii wa uongo, ambao hutabiri maono ya uongo ya akili zao wenyewe?
27 Raajonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu.
Wanadhani ndoto wanazoambiana wao kwa wao zitawafanya watu wangu walisahau jina langu, kama baba zao walivyolisahau jina langu kwa kumwabudu Baali.
28 Raajiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?” jedha Waaqayyo.
Mwache nabii aliye na ndoto aseme ndoto yake, lakini yule aliye na neno langu na aliseme kwa uaminifu. Kwa maana jani kavu lina uhusiano gani na ngano?” asema Bwana.
29 “Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha Waaqayyo.
“Je, neno langu si kama moto,” asema Bwana, “na kama nyundo ivunjayo mwamba vipande vipande?
30 “Kanaafuu ani kunoo raajota dubbii koo wal irraa hatan sanaan nan morma” jedha Waaqayyo.
“Kwa hiyo, niko kinyume na manabii wanaoibiana maneno kana kwamba ni yangu,” asema Bwana.
31 “Kunoo ani raajota afaanuma isaaniitiin, ‘Waaqayyo akkana jedha’ jedhaniin nan morma” jedha Waaqayyo.
“Naam, mimi niko kinyume na manabii wanaotikisa ndimi zao wenyewe na kusema, ‘Bwana asema.’
32 “Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma” jedha Waaqayyo, “Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan” jedha Waaqayyo.
Kweli, niko kinyume na hao wanaotabiri ndoto za uongo,” asema Bwana. “Wanazisimulia na kuwapotosha watu wangu kwa uongo wao bila kujali, lakini sikuwatuma wala sikuwaamuru. Hawawafaidi watu hawa hata kidogo,” asema Bwana.
33 “Yoo sabni kun yookaan raajiin tokko yookaan lubni tokko, ‘Baʼaan Waaqayyoo maal?’ jedhee si gaafatutti, ati immoo, ‘Baʼaa maalii? Ani sin gata jedha Waaqayyo’ jedhiin.
“Wakati watu hawa, au nabii, au kuhani watakapokuuliza, ‘Mzigo wa Bwana ni nini?’ wewe utawaambia, ‘Ninyi ndio mzigo. Nami nitawavua kama vazi, asema Bwana.’
34 Yoo raajiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba.
Nabii, kuhani, au mtu yeyote akisema, ‘Huu ndio mzigo wa Bwana,’ nitamwadhibu huyo na nyumba yake.
35 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin Waaqayyo kenne maali?’ Yookaan, ‘Waaqayyo maal dubbata?’ jechuu qaba.
Hivyo mnaambiana kila mmoja na mwenzake, au kwa mtu wa nyumba yao: ‘Bwana amejibu nini?’ au ‘Bwana amesema nini?’
36 Egaa isin lammata, ‘Baʼaa Waaqayyoo,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Waaqa keenyaa, Waaqa jiraataa, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii.
Lakini kamwe msiseme tena, ‘Nina mzigo wa Bwana,’ kwa sababu kila neno la mtu binafsi linakuwa mzigo wake mwenyewe, na hivyo kupotosha maneno ya Mungu aliye hai, Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wetu.
37 Ati ittuma fuftee raajii tokkoon, ‘Deebiin Waaqayyo siif kenne maali?’ Yookaan ‘Waaqayyo maal dubbate?’ jetta.
Hivi ndivyo utakavyoendelea kumuuliza nabii: ‘Bwana amekujibu nini?’ au ‘Je, Bwana amesema nini?’
38 Isin, ‘Baʼaan Waaqayyo kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, Waaqayyo akkana jedha; ani ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu.
Ingawa unadai, ‘Huu ndio mzigo wa Bwana,’ hili ndilo Bwana asemalo: Ulitumia maneno, ‘Huu ndio mzigo wa Bwana,’ hata ingawa nilikuambia kuwa kamwe usiseme, ‘Huu ni mzigo wa Bwana.’
39 Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata.
Kwa hiyo, hakika nitakusahau na kukutupa mbali na uso wangu pamoja na mji niliowapa ninyi na baba zenu.
40 Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida.”
Nitaleta juu yako fedheha ya kudumu: yaani aibu ya kudumu ambayo haitasahaulika.”

< Ermiyaas 23 >