< Ermiyaas 22 >
1 Waaqayyo akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi;
Bwana asema hivi, “Nenda kwenye nyumba ya mfalme wa Yuda, utangaze neno hili huko.
2 ‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
Ukaseme, 'Ewe Mfalme wa Yuda, wewe aliyeketi kiti cha Daudi, usikilize neno la Bwana. Nisikilizeni, enyi watumishi wake, na ninyi, watu wake mnaokuja kwa malango haya.
3 Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.
Bwana asema hivi, “Fanya haki na uadilifu, na mtu yeyote ambaye ameibiwa-muokoeni kutoka mkononi mwa mshindani. Usimtendee mabaya mgeni yeyote katika nchi yako, au yatima au mjane. Usifanye vurugu au kumwaga damu isiyo na hatia mahali hapa.
4 Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu.
Kwa kuwa mkifanya mambo hayo, basi wafalme wanaoketi kiti cha Daudi wataingia milango ya nyumba hii wakiendesha gari na farasi, yeye, watumishi wake, na watu wake!
5 Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha Waaqayyo.’”
Lakini ikiwa hamsikilizi maneno haya kutoka kwangu ambayo nimeyasema-hili ndilo tamko la Bwana-basi nyumba hii ya kifalme itaharibiwa.'”
6 Waaqayyo waaʼee masaraa mootii Yihuudaa akkana jedhaatii: “Ati akka Giliʼaad, akka fiixee Libaanoon naaf taate iyyuu, ani dhugumaan akka gammoojjii, akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee sin taasisa.
Kwa maana Bwana asema hivi juu ya nyumba ya mfalme wa Yuda, “Wewe uko kama Gileadi, au kama kilele cha Lebanoni kwangu. Hata hivyo nitakugeuza kuwa jangwa, katika miji isiyo na wenyeji.
7 Ani balleessitoota tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa qabatan, sitti nan erga; isaanis birbirsa kee filatamaa ni ciru; ibiddattis ni naqu.
Kwa kuwa nimewaagiza waharibifu kuja juu yenu! Watu wenye silaha zao watakata mierezi yako iliyo bora na kuiacha kuanguka kwenye moto.
8 “Namoonni biyya hedduus yommuu magaalaa kana biraan darbanitti, ‘Waaqayyo maaliif magaalaa guddaa kanatti waan akkanaa fide?’ jedhanii wal gaafatu.
Kisha mataifa mengi yatapita kwenye mji huu. Kila mtu atamwambia yule anayefuata, “Mbona Bwana amefanya hivi kwa jiji hili kuu?”
9 Isaanis, ‘Sababii isaan kakuu Waaqayyo Waaqa isaanii dhiisanii waaqota biraa waaqeffatanii tajaajilaniifii dha’ jedhanii deebisu.”
Na mwingine atajibu, “Kwa sababu waliiacha agano la Bwana, Mungu wao, wakainama kwa miungu mingine, wakaiabudu.”
10 Isin nama duʼeef hin booʼinaa yookaan hin gaddinaa; qooda kanaa nama boojiʼameef hiqqifadhaa booʼaa; inni lammata hin deebiʼu yookaan biyya itti dhalate hin arguutii.
Usilie kwa ajili ya aliyekufa. Usiomboleze kwa ajili yake. Lakini mlilie mtu yeyote anayeingia kifungoni, kwa maana hatarudi tena kuiona nchi aliyozaliwa.'
11 Waaqayyo waaʼee Shaluum ilma Yosiyaas kan qooda abbaa isaa mootii Yihuudaa taʼee garuu iddoo kanaa deeme sanaa akkana jedhaatii: “Inni gonkumaa hin deebiʼu.
Maana Bwana asema hivi juu ya Yehoahazi, mwana wa Yosia, mfalme wa Yuda, aliyekuwa mfalme badala ya Yosia babaye, 'ametoka mahali hapa, wala hatarudi.
12 Inni iddoo boojiʼamee itti geeffame sanatti duʼa; biyya kanas lammaffaa hin argu.”
Atakufa huko mahali ambapo walimchukua mateka, na hataiona tena nchi hii.'
13 “Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif akkasumaan hojjechiifachuudhaan mana isaa karaa qajeelaa hin taʼiniin, kutaa isaa kan mana gubbaa immoo karaa sirrii hin taʼiniin ijaarratuuf wayyoo.
Ole mtu yeyote anayejenga nyumba yake kwa uovu na vyumba vyake vya juu katika udhalimu; ambao wengine hufanya kazi, lakini hawalipwi.
14 Inni, ‘Ani masaraa guddaa tokko, kutaa mana gubbaa balʼaa isaa wajjin ofii kootiif nan ijaarradha’ jedha. Kanaafuu inni foddaawwan itti baasee muka birbirsaatiin bareechee halluu diimaadhaan miidhagsa.
Ole mtu yeyote atakayesema, 'Nitajenga nyumba ndefu na vyumba vya juu vipana, na hujenga madirisha mapana, na kuta zenye mwerezi, na huipaka rangi nyekundu.'
15 “Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa? Abbaan kee nyaataa dhugaatii hin qabu turee? Inni waan qajeelaa fi haqa hojjete; kanaafuu wanni hundinuu ni qajeeleef.
Je, hii ndiyo inakufanya uwe mfalme mzuri, kwamba unataka kuwa na mbao za mwerezi? Je baba yako hakula na kunywa, lakini lakini alifanya hukumu na haki? Kisha mambo yakawa mazuri kwa ajili yake.
16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme; kanaafuu wanni hundi ni qajeeleef. Na beekuu jechuun kanuma mitii?” jedha Waaqayyo.
Alihukumu maneno ya masikini na mhitaji. Ilikuwa vizuri. Je, huku siko kunijua mimi? - hili ni tamko la Bwana.
17 Iji keetii fi garaan kee garuu buʼaa karaa hin maliniin argamu irra, dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra, cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera.
Lakini hakuna kitu machoni na moyoni mwako isipokuwa wasiwasi kwa faida yako isiyo ya haki na kwa kumwaga damu isiyo na hatia, kwa ukandamizaji kuwatendea jeuri wengine.
18 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha: “Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa obboleessa koo! Anaaf wayyoo, yaa obboleettii koo!’ jedhanii hin booʼaniif. Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa gooftaa koo! Anaaf wayyoo yaa ulfina isaa!’ jedhanii hin booʼaniif.
Kwa hiyo Bwana asema hivi juu ya Yehoyakimu, mwana wa Yosia, mfalme wa Yuda. Hawatamwomboleza wakisema 'ole, ndugu yangu! au 'Ole, dada yangu!' Hawataomboleza kwa kusema 'Ole, bwana! ' au 'ole, utukufu!'
19 Inni awwaala harree argata, jechuunis lafa irra harkifamee karrawwan Yerusaalem keessaa gad baafamee gatama.”
Atazikwa maziko ya punda, ataburuzwa mbali na kutupwa nje ya milango ya Yerusalemu.
20 “Libaanoonitti ol baʼii iyyi; sagaleen kee Baashaan keessatti haa dhagaʼamu; Abaariim keessaas iyyi; michoonni kee hundi barbadeeffamaniiruutii.
Panda milima ya Lebanoni piga kelele. Paza sauti yako Bashani. Piga kelele kutoka kwenye milima ya Abarimu, kwa maana marafiki zako wote wataharibiwa.
21 Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture; ati garuu, ‘Ani hin dhaggeeffadhu!’ jette. Kun ijoollummaa keetii jalqabee amala kee ture; ati naaf hin ajajamne.
Nilinena nawe wakati ulioko salama, lakini ukasema, 'Sitasikia.' Hii ilikuwa desturi yako tangu ujana wako, kwani hukusikiliza sauti yangu.
22 Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka; michoonni kees ni boojiʼamu. Sababii hammina kee hundaatiif ati ni qaanofta; ni salphattas.
Upepo utawalisha wachungaji wako wote, na marafiki zako watakwenda kufungwa. Hakika wewe utakuwa na aibu na kufadhaika kwa matendo yako yote mabaya.
23 Ati kan Libaanoon keessa jiraattu, kan muka birbirsaatiin mana ijaarrattu, yeroo dhiphinni si qabee akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo miixattutti ati akkam aadda!
Wewe mfalme, wewe ambaye huishi katika Nyumba ya Msitu wa Lebanoni, wewe aliyefanya kiota kati ya mierezi, utakuwa na hali ya kuhurumiwa utakapopata utungu kama wakati wa kuzaa.”
24 “Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe” jedha Waaqayyo; “Yaa Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa, ilma Yehooyaaqiim, yoo ati qubeelaa chaappaa harka koo mirgaa taatee illee ani baaseen si gata.
“Kama mimi niishivyo-hili ndilo tamko la Bwana-hata kama wewe, Konia, mwana wa Yehoyakimu, mfalme wa Yuda, ulikuwa alama ya mkono wangu wa kulia, ningekuangusha.
25 Ani warra lubbuu kee galaafachuu barbaadanitti, warra ati sodaattu jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi Baabilonotatti dabarsee sin kenna.
Kwa kuwa nimewatia mikono ya wale wanaotaka uhai wenu na kwenye mkono wa wale ambao mnawaogopa, hata mkononi mwa Nebukadreza, mfalme wa Babeli na Wakaldayo.
26 Ani siʼii fi haadha si deesse biyya biraatti, biyya tokkoon keessan iyyuu itti hin dhalatinitti isin nan darbadhaa; isin lachuu achitti duutu.
Nitawatupa wewe na mama yako aliyekuzaa katika nchi nyingine, nchi ambayo hujazaliwa, na huko utakufa.
27 Isin biyya itti deebiʼuu hawwitanitti gonkumaa hin deebitan.”
Na kuhusu eneo hili ambalo watataka kurudi, hawatarudi hapa.
28 Yehooyaakiin kun nama akkuma okkotee cabaa tuffatame, miʼa namni tokko iyyuu hin barbaanneedhaa? Ijoolleen isaatii fi inni maaliif darbatamanii biyya hin beeknetti gatamani?
Je! Hiki ni chombo kilichodharauliwa na kilichopasuka? Je, Konia ni chombo kilichodharauliwa? Kwa nini wamemtupa yeye na wazao wake, kumpeleka katika nchi wasiyoijua?
29 Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa, dubbii Waaqayyoo dhagaʼi!
Ee Ardhi, Ardhi, Ardhi! Sikieni neno la Bwana!
30 Waaqayyo akkana jedha: “Namicha kana akka nama ijoollee hin qabne tokkootti, akka nama bara jireenya isaa keessa hin milkoofne tokkootti galmeessaa; sanyii isaa keessaa namni tokko iyyuu hin milkaaʼu, namni tokko iyyuu teessoo Daawit irra hin taaʼu, yookaan siʼachi Yihuudaa hin bulchuutii.”
Bwana asema hivi, 'Andika juu ya mtu huyu Konia Yeye hatakuwa na mtoto. Hatafanikiwa wakati wa siku zake, wala hakuna hata mmoja kati ya uzao wake atakayefanikiwa au kuketi tena kwenye kiti cha Daudi na kutawala juu ya Yuda.'”