< Ermiyaas 22 >
1 Waaqayyo akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi;
耶和华如此说:“你下到犹大王的宫中,在那里说这话,
2 ‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
说:‘坐大卫宝座的犹大王啊,你和你的臣仆,并进入城门的百姓,都当听耶和华的话。
3 Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.
耶和华如此说:你们要施行公平和公义,拯救被抢夺的脱离欺压人的手,不可亏负寄居的和孤儿寡妇,不可以强暴待他们,在这地方也不可流无辜人的血。
4 Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu.
你们若认真行这事,就必有坐大卫宝座的君王和他的臣仆百姓,或坐车或骑马,从这城的各门进入。
5 Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha Waaqayyo.’”
你们若不听这些话,耶和华说:我指着自己起誓,这城必变为荒场。’
6 Waaqayyo waaʼee masaraa mootii Yihuudaa akkana jedhaatii: “Ati akka Giliʼaad, akka fiixee Libaanoon naaf taate iyyuu, ani dhugumaan akka gammoojjii, akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee sin taasisa.
耶和华论到犹大王的家如此说: 我看你如基列, 如黎巴嫩顶; 然而,我必使你变为旷野, 为无人居住的城邑。
7 Ani balleessitoota tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa qabatan, sitti nan erga; isaanis birbirsa kee filatamaa ni ciru; ibiddattis ni naqu.
我要预备行毁灭的人, 各拿器械攻击你; 他们要砍下你佳美的香柏树, 扔在火中。
8 “Namoonni biyya hedduus yommuu magaalaa kana biraan darbanitti, ‘Waaqayyo maaliif magaalaa guddaa kanatti waan akkanaa fide?’ jedhanii wal gaafatu.
“许多国的民要经过这城,各人对邻舍说:‘耶和华为何向这大城如此行呢?’
9 Isaanis, ‘Sababii isaan kakuu Waaqayyo Waaqa isaanii dhiisanii waaqota biraa waaqeffatanii tajaajilaniifii dha’ jedhanii deebisu.”
他们必回答说:‘是因离弃了耶和华—他们 神的约,事奉敬拜别神。’”
10 Isin nama duʼeef hin booʼinaa yookaan hin gaddinaa; qooda kanaa nama boojiʼameef hiqqifadhaa booʼaa; inni lammata hin deebiʼu yookaan biyya itti dhalate hin arguutii.
不要为死人哭号; 不要为他悲伤, 却要为离家出外的人大大哭号; 因为他不得再回来, 也不得再见他的本国。
11 Waaqayyo waaʼee Shaluum ilma Yosiyaas kan qooda abbaa isaa mootii Yihuudaa taʼee garuu iddoo kanaa deeme sanaa akkana jedhaatii: “Inni gonkumaa hin deebiʼu.
因为耶和华论到从这地方出去的犹大王约西亚的儿子沙龙,就是接续他父亲约西亚作王的,这样说:“他必不得再回到这里来,
12 Inni iddoo boojiʼamee itti geeffame sanatti duʼa; biyya kanas lammaffaa hin argu.”
却要死在被掳去的地方,必不得再见这地。”
13 “Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif akkasumaan hojjechiifachuudhaan mana isaa karaa qajeelaa hin taʼiniin, kutaa isaa kan mana gubbaa immoo karaa sirrii hin taʼiniin ijaarratuuf wayyoo.
那行不义盖房、行不公造楼、 白白使用人的手工不给工价的有祸了!
14 Inni, ‘Ani masaraa guddaa tokko, kutaa mana gubbaa balʼaa isaa wajjin ofii kootiif nan ijaarradha’ jedha. Kanaafuu inni foddaawwan itti baasee muka birbirsaatiin bareechee halluu diimaadhaan miidhagsa.
他说:我要为自己盖广大的房、宽敞的楼, 为自己开窗户。 这楼房的护墙板是香柏木的, 楼房是丹色油漆的。
15 “Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa? Abbaan kee nyaataa dhugaatii hin qabu turee? Inni waan qajeelaa fi haqa hojjete; kanaafuu wanni hundinuu ni qajeeleef.
难道你作王是在乎造香柏木楼房争胜吗? 你的父亲岂不是也吃也喝、 也施行公平和公义吗? 那时他得了福乐。
16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme; kanaafuu wanni hundi ni qajeeleef. Na beekuu jechuun kanuma mitii?” jedha Waaqayyo.
他为困苦和穷乏人伸冤, 那时就得了福乐。 认识我不在乎此吗? 这是耶和华说的。
17 Iji keetii fi garaan kee garuu buʼaa karaa hin maliniin argamu irra, dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra, cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera.
惟有你的眼和你的心专顾贪婪, 流无辜人的血, 行欺压和强暴。
18 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha: “Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa obboleessa koo! Anaaf wayyoo, yaa obboleettii koo!’ jedhanii hin booʼaniif. Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa gooftaa koo! Anaaf wayyoo yaa ulfina isaa!’ jedhanii hin booʼaniif.
所以,耶和华论到犹大王约西亚的儿子约雅敬如此说: 人必不为他举哀说: 哀哉!我的哥哥; 或说:哀哉!我的姐姐; 也不为他举哀说: 哀哉!我的主; 或说:哀哉!我主的荣华。
19 Inni awwaala harree argata, jechuunis lafa irra harkifamee karrawwan Yerusaalem keessaa gad baafamee gatama.”
他被埋葬,好像埋驴一样, 要拉出去扔在耶路撒冷的城门之外。
20 “Libaanoonitti ol baʼii iyyi; sagaleen kee Baashaan keessatti haa dhagaʼamu; Abaariim keessaas iyyi; michoonni kee hundi barbadeeffamaniiruutii.
你要上黎巴嫩哀号, 在巴珊扬声, 从亚巴琳哀号, 因为你所亲爱的都毁灭了。
21 Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture; ati garuu, ‘Ani hin dhaggeeffadhu!’ jette. Kun ijoollummaa keetii jalqabee amala kee ture; ati naaf hin ajajamne.
你兴盛的时候,我对你说话; 你却说:我不听。 你自幼年以来总是这样, 不听从我的话。
22 Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka; michoonni kees ni boojiʼamu. Sababii hammina kee hundaatiif ati ni qaanofta; ni salphattas.
你的牧人要被风吞吃, 你所亲爱的必被掳去; 那时你必因你一切的恶抱愧蒙羞。
23 Ati kan Libaanoon keessa jiraattu, kan muka birbirsaatiin mana ijaarrattu, yeroo dhiphinni si qabee akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo miixattutti ati akkam aadda!
你这住黎巴嫩、在香柏树上搭窝的, 有痛苦临到你, 好像疼痛临到产难的妇人, 那时你何等可怜!
24 “Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe” jedha Waaqayyo; “Yaa Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa, ilma Yehooyaaqiim, yoo ati qubeelaa chaappaa harka koo mirgaa taatee illee ani baaseen si gata.
耶和华说:“犹大王约雅敬的儿子哥尼雅,虽是我右手上带印的戒指,我凭我的永生起誓,也必将你从其上摘下来,
25 Ani warra lubbuu kee galaafachuu barbaadanitti, warra ati sodaattu jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi Baabilonotatti dabarsee sin kenna.
并且我必将你交给寻索你命的人和你所惧怕的人手中,就是巴比伦王尼布甲尼撒和迦勒底人的手中。
26 Ani siʼii fi haadha si deesse biyya biraatti, biyya tokkoon keessan iyyuu itti hin dhalatinitti isin nan darbadhaa; isin lachuu achitti duutu.
我也必将你和生你的母亲赶到别国,并不是你们生的地方;你们必死在那里,
27 Isin biyya itti deebiʼuu hawwitanitti gonkumaa hin deebitan.”
但心中甚想归回之地,必不得归回。”
28 Yehooyaakiin kun nama akkuma okkotee cabaa tuffatame, miʼa namni tokko iyyuu hin barbaanneedhaa? Ijoolleen isaatii fi inni maaliif darbatamanii biyya hin beeknetti gatamani?
哥尼雅这人是被轻看、破坏的器皿吗? 是无人喜爱的器皿吗? 他和他的后裔为何被赶到不认识之地呢?
29 Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa, dubbii Waaqayyoo dhagaʼi!
地啊,地啊,地啊,当听耶和华的话!
30 Waaqayyo akkana jedha: “Namicha kana akka nama ijoollee hin qabne tokkootti, akka nama bara jireenya isaa keessa hin milkoofne tokkootti galmeessaa; sanyii isaa keessaa namni tokko iyyuu hin milkaaʼu, namni tokko iyyuu teessoo Daawit irra hin taaʼu, yookaan siʼachi Yihuudaa hin bulchuutii.”
耶和华如此说: 要写明这人算为无子, 是平生不得亨通的; 因为他后裔中再无一人得亨通, 能坐在大卫的宝座上治理犹大。