< Ermiyaas 21 >

1 Yeroo Zedeqiyaa Mootichi Phaashihuur ilma Malkiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaasitti ergetti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Jarri ergamanis akkana jedhan;
Det Ord, som kom til Jeremias fra Herren, der Kong Zedekias sendte Paskur, Malkias's Søn, og Zefanja, Maasejas Søn, Præsten, til ham og lod sige:
2 “Sababii Nebukadnezar mootichi Baabilon nu waraanaa jiruuf Waaqayyoon nuu gaafadhu. Tarii Waaqayyo akkuma duraan godhe sana hojiiwwan dinqii nuuf hojjetee akka mootichi nurraa deebiʼu ni godha taʼaatii.”
Adspørg dog Herren for os; thi Nebukadnezar, Kongen af Babel, fører Krig imod os; maaske Herren dog vilde gøre imod os efter alle sine underlige Gerninger, saa at denne maatte drage bort fra os.
3 Ermiyaas garuu akkana isaaniin jedhe; “Zedeqiyaadhaan akkana jedhaa;
Og Jeremias sagde til dem: Saaledes skulle I sige til Zedekias:
4 ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani miʼoota waraanaa harka keessan jiran, kanneen isin ittiin mootii Baabilonii fi Baabilonota isin marsanii dallaan ala jiran loluuf itti fayyadamtan kana isinitti nan garagalcha. Anis magaalaa kana keessatti isaan walitti nan qaba.
Saa sagde Herren, Israels Gud: Se, jeg vender de Krigsvaaben, som ere i eders Hænder, og med hvilke I uden for Muren stride imod Kongen af Babel og Kaldæerne, som belejre eder, og samler dem midt i denne Stad.
5 Ani mataan koo harka diriirfamee fi irree jabaadhaan, aarii bobaʼuu fi dheekkamsa guddaadhaan waraana isinitti nan bana.
Og jeg vil stride imod eder med en udrakt Haand og med en stærk Arm, og med Vrede og med Harme og med stor Fortørnelse.
6 Ani waan magaalaa kana keessa jiraatu jechuunis namaa fi horii nan dhaʼa; isaanis dhaʼicha hamaadhaan dhumu.
Og jeg vil slaa denne Stads Indbyggere, baade Menneskene og Dyrene; de skulle dø ved en stor Pest.
7 Anis ergasii, jedha Waaqayyo, Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi jiraattota magaalaa kanaa kanneen dhaʼicha jalaa, goraadee fi beela jalaa baʼan Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi diinota isaanii kanneen lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti dabarsee nan kenna. Mootichis goraadeedhaan isaan fixa; inni isaaniif hin hilu yookaan hin naʼuuf yookaan garaa hin laafuuf.’
Og derefter, siger Herren, vil jeg give Judas Konge, Zedekias, og hans Tjenere og Folket og dem, som i denne Stad ere blevne tilovers fra Pesten, fra Sværdet og fra Hungeren, i Nebukadnezar, Kongen af Babels Haand og i deres Fjenders Haand og i deres Haand, som søge efter deres Liv; og han skal slaa dem med skarpe Sværd, han skal ikke spare dem og ikke skaane dem og ikke vise Medlidenhed.
8 “Amma illee akkana jedhii saba kanatti himi; Waaqayyo akkana jedha: ‘kunoo, ani karaa jireenyaatii fi karaa duʼaa fuula keessan dura nan kaaʼa.
Og du skal sige til dette Folk: Saa siger Herren: Se, jeg lægger for eders Ansigt Livets Vej og Dødens Vej.
9 Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeedhaan, beelaan yookaan dhaʼichaan duʼa. Namni gad baʼee Baabilonota isin marsanii jiranitti harka kennatu kam iyyuu garuu ni jiraata; lubbuu isaas ni oolfata.
Den, som bliver i denne Stad, skal dø ved Sværdet og ved Hungeren og ved Pesten: Men den, som drager ud og gaar over til Kaldæerne, som belejre eder, skal blive i Live og have sit Liv som Bytte.
10 Ani magaalaa kanaaf waan gaarii gochuuf utuu hin taʼin ishee miidhuuf kutadheera, jedha Waaqayyo. Isheenis dabarfamtee harka mootii Baabilonitti ni kennamti; inni immoo ibiddaan ishee barbadeessa.’
Thi jeg har vendt mit Ansigt imod denne Stad til det onde og ikke til det gode, siger Herren; den skal gives i Kongen af Babels Haand, og han skal opbrænde den med Ild.
11 “Akkasumas mana mootii Yihuudaatiin akkana jedhi; ‘Isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa;
Og om Judas Konges Hus hører Herrens Ord.
12 Yaa mana Daawit, Waaqayyo akkana jedha: “‘Ganama hunda murtii qajeelaa kennaa; nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa; yoo kanaa achii sababii jalʼina isin hojjettaniitiif dheekkamsi koo buʼee akkuma ibiddaa bobaʼa; namni isa dhaamsu tokko iyyuu hin jiraatu.
Davids Hus! saa siger Herren: Holder Ret om Morgenen, og redder den, som er bleven til Rov, af Voldsmandens Haand, paa det min Vrede ikke skal fare ud som en Ild og brænde, saa at ingen skal kunne udslukke den, for eders Idrætters Ondskabs Skyld!
13 Yaa ishee sulula kanaan ol dirree kattaa qabu irra jiraattu, ani sitti kaʼeen jira, jedha Waaqayyo; isin warri, “Eenyuttu nutti dhufuu dandaʼa? Eenyutus daʼannoo keenya seenuu dandaʼa?” jettan,
Se, jeg kommer til dig, du Beboer af Dalen, af. Klippen paa Sletten! siger Herren; I, som sige: Hvo vil stige ned til os, og hvo vil komme ind i vore Boliger?
14 ani akkuma hojii keessaniif malutti isinan adaba, jedha Waaqayyo. Ani ibidda waan naannoo keessan jiru hunda barbadeessu bosona keessanitti nan qabsiisa.’”
Og jeg vil hjemsøge eder efter eders Idrætters Frugt, siger Herren, og antænde en Ild i dens Skov, og den skal fortære alting trindt omkring den.

< Ermiyaas 21 >