< Ermiyaas 20 >

1 Phaashihuur lubichi, ilmi Imeerii inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti bulchaa hangafa ture sun yommuu Ermiyaasii waan kana raaju dhagaʼetti,
Ɛberɛ a Imer a ɔyɛ Awurade asɔredan mu adwumayɛfoɔ so panin babarima ɔsɔfoɔ Pashur tee sɛ Yeremia rehyɛ nkɔm fa saa nneɛma yi ho no,
2 akka Ermiyaas raajichi tumamee Karra Beniyaam isa ol aanu kan mana Waaqayyoo biratti argamu sana keessatti miilli isaa jirma lama gidduu galee hidhamu godhe.
ɔmaa wɔboroo Yeremia, na wɔbɔɔ no dua mu wɔ Benyamin Atifi Ɛpono a ɛwɔ Awurade asɔredan no mu hɔ.
3 Ermiyaasis guyyaa itti aanu yeroo Phaashihuur jirma lamaan gidduudhaa isa baasetti akkana jedheen; “Maqaan Waaqayyo siif baase Maagormiisaabiib malee Phaashihuur miti.
Adeɛ kyeeɛ a, Pashur sanee no no, Yeremia ka kyerɛɛ no sɛ, “Awurade din a ɔde ama wo no nyɛ Pashur na mmom Magormisabib.
4 Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Ani akka ati ofii keetii fi michoota keetti sodaachisaa taatu sin godha; yeroo isaan goraadee diinota isaaniitiin dhuman ijuma keetiin argita. Ani Yihuudaa hunda dabarsee mootii Baabiloniitti nan kenna; innis Baabilonitti isaan geessa yookaan goraadeedhaan isaan fixa.
Na sei na Awurade seɛ: ‘Mɛma wo ho ayɛ hu ama wʼankasa ne wo nnamfonom nyinaa, wʼankasa de wʼani bɛhunu sɛ wɔtotɔ wɔ wɔn atamfoɔ akofena ano. Mede Yuda nyinaa bɛma Babiloniahene na wasoa wɔn akɔ Babilonia anaasɛ ɔde akofena bɛkunkum wɔn.
5 Ani qabeenya magaalaa kanaa hunda jechuunis oomisha ishee hunda, waan gatii guddaa qabu hundaa fi badhaadhummaa mootota Yihuudaa hunda dabarsee diinota isaaniitti nan kenna. Isaanis boojiʼanii fudhatanii Baabilonitti isaan geessan.
Mede kuropɔn yi ahodeɛ nyinaa bɛma wɔn atamfoɔ; nʼadwumayɛ so aba, ne nneɛma a ɛsom bo ne Yuda ahemfo akoradeɛ nyinaa. Wɔbɛfa no sɛ afodeɛ akɔ Babilonia.
6 Yaa Phaashihuur ati, warri mana kee jiraatan hundis boojiʼamtanii Baabilonitti geeffamtu. Atii fi michoota kee warri ati raajii sobaa dubbatteef hundi achitti duutanii awwaalamtu.’”
Na wo Pashur, ne wo fiefoɔ nyinaa bɛkɔ nnommumfa mu wɔ Babilonia. Ɛhɔ na wo ne wo nnamfonom a wohyɛɛ wɔn nkɔmtorɔ no nyinaa bɛwuwu na wɔasie mo.’”
7 Yaa Waaqayyo, ati na gowwoomsite; anis nan gowwoomfame; ati humnaan na caaltee na moʼatte. Ani guyyaa guutuu waan kolfaa nan taʼe; namni hundis natti qoosa.
Ao, Awurade, woadaadaa me; na mapene so ama woadaadaa. Wɔtwee me da mu nyinaa; na obiara sere me.
8 Ani yeroon dubbadhu hunda nan iyya; “Goolii, badiisa” jedhees nan labsa. Kanaafuu dubbiin Waaqayyo guyyaa guutuu arrabsoo fi tuffii natti fide.
Ɛberɛ biara a mɛkasa no, meteam pae mu ka akakabensɛm ne ɔsɛeɛ. Enti Awurade asɛm de ahohora ne nsopa abrɛ me da mu nyinaa.
9 Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼu yookaan siʼachi maqaa isaatiin hin dubbadhu” jedhe, dubbiin isaa onnee koo keessatti akka ibiddaa, akkuma ibidda lafee koo keessatti ukkaamsameera. Ani of keessatti isa qabachuu nan dadhabe; dhuguma iyyuu ani hin dandaʼu.
Sɛ meka sɛ, “Meremmɔ ne din anaa merenkasa wɔ ne din mu” a, nʼasɛm te sɛ ogya wɔ mʼakoma mu, ogya a wɔde ahyɛ me nnompe mu. Mede ahyɛ me mu abrɛ nokorɛm, merentumi.
10 Ani hasaasa, “Karaa hundaan sodaa! Isa balaaleffadhaa! Isa haa balaaleffannu!” jedhu hedduu nan dhagaʼa. Michoonni koo hundi, “Inni ni gowwoomfama taʼa; nus ergasii isa ni moʼanna; haaloo keenya illee ni baafanna” jechaa kufaatii koo eeggatu.
Mete asomusɛm bebree sɛ, “Ehu wɔ baabiara! Montoa no! Momma yɛnkɔtoa no!” Me nnamfonom nyinaa retwɛn sɛ mɛwatiri, na wɔka sɛ, “Ebia wɔbɛdaadaa no; na yɛatumi atɔ ne so were.”
11 Waaqayyo garuu akkuma goota humna qabeessa tokkootti na wajjin jira; kanaafuu warri na adamsan ni gufatu malee hin moʼatan. Isaan baayʼee qaaneffaman; hin milkaaʼaniitii; salphinni isaanii gonkumaa hin irraanfatamu.
Nanso, Awurade ka me ho sɛ dɔmmarima; enti mʼataafoɔ bɛsuntisunti na wɔrentumi nnyina. Wɔbɛdi nkoguo na wɔn anim bɛgu ase pasaa; wɔn werɛ remfiri wɔn nsopa no da.
12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan nama qajeelaa qortu, kan garaa fi yaada namaa keessa argitu, ani falmii koo sitti kennadheeraatii ati yeroo isaanitti haaloo baatu na argisiisi.
Ao, Asafo Awurade! Wo a wɔsɔ ɔteneneeni hwɛ na wopɛɛpɛɛ akoma ne adwene mu, ma menhunu wʼaweretɔ wɔ wɔn so, ɛfiri sɛ mede mʼasɛm dane wo.
13 Waaqayyoof faarfadhaa! Waaqayyoon galateeffadhaa! Inni lubbuu namoota hiyyeeyyii harka hamootaatii ni baasa.
Monto dwom mma Awurade! Monyi Awurade ayɛ! Ɔgye ohiani nkwa firi amumuyɛfoɔ nsam.
14 Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu! Guyyaan haati koo na deesse sunis hin eebbifamin!
Nnome nka da a wɔwoo me! Nhyira mpare ɛda a me maame woo me.
15 Namichi, “Daaʼimni tokko jechuunis ilmi siif dhalatee jira!” jedhee abbaa kootiif oduu fidee akka malee isa gammachiise sun haa abaaramu!
Nnome nka onipa a ɔbɛbɔɔ mʼagya kaseɛ, deɛ ɔmaa nʼani gyeeɛ, na ɔkaa sɛ, “Wɔawo ɔbabarima ama wo!”
16 Namichi sun akkuma magaalaawwan Waaqayyo gara laafina malee garagalchee haa taʼu. Inni ganamaan wawwaannaa, saafaan immoo iyya waraanaa haa dhagaʼu.
Ma saa onipa no nyɛ sɛ nkuro a Awurade tuguiɛ a wannya ahummɔborɔ no. Ma ɔnte osu anɔpa, ne ɔko owigyinaeɛ.
17 Akka haati koo awwaala naa taatuuf, akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuuf inni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii.
Ɛfiri sɛ, wankum me wɔ awotwaa mu amma me maame anyɛ damena amma me.
18 Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguuf jireenya koos qaaniin fixuuf gadameessa keessaa baʼe?
Adɛn koraa na mefirii awotwaa mu pueɛ bɛhunuu ɔhaw ne awerɛhoɔ na mede aniwuo rebɛwie me nkwa nna yi?

< Ermiyaas 20 >