< Ermiyaas 2 >

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
2 “Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi: “Waaqayyo akkana jedha: “‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa, akka ati akkuma misirrittiitti na jaallattee lafa gammoojjii keessa, lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute nan yaadadha.
“Tafi ka yi shela a kunnuwar Urushalima cewa, “‘Na tuna da amincin ƙuruciyarki, yadda kamar amarya kika ƙaunace ni kika kuma bi ni cikin hamada, cikin ƙasar da ba a yi shuka ba.
3 Israaʼel kan Waaqayyoof qulqulloofte sun, mataa midhaan isaa turte; warri ishee nyaatan hundis akka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture; badiisnis isaanitti dhufe’” jedha Waaqayyo.
Isra’ila tsattsarka ce ga Ubangiji, nunan fari na girbinsa; dukan waɗanda suka cinye ta an same su da laifi, masifa kuwa ta same su,’” in ji Ubangiji.
4 Yaa mana Yaaqoob, isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
Ka saurari maganar Ubangiji, ya gidan Yaƙub, dukanku zuriyar gidan Isra’ila.
5 Waaqayyo akkana jedha: “Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatan balleessaa maalii narratti arganiitii? Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼanii isaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan.
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “Wane laifi ne kakanninku sun same ni da shi, da suka tsaya nesa da ni? Sun bi gumakan banza su kansu suka kuma zama banza da kansu.
6 Isaanis, ‘Waaqayyo inni Gibxii nu baasee, gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan, lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaan lafa hongee fi dukkanaa, biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fi keessa hin jiraanne keessaan dabarsee nu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.
Ba su yi tambaya, ‘Ina Ubangiji, wanda ya fitar da su daga Masar ya bishe su cikin jeji cikin hamada da kwazazzabai ƙasa mai fări da kuma duhu, ƙasar da ba kowa mai ratsa ta ba kowa kuma mai zama a cikinta?’
7 Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniif gara lafa gabbataatti isin fideera. Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan; handhuuraa koos akka jibbamu gootan.
Na kawo ku zuwa ƙasa mai albarka don ku ci amfaninta da abubuwa masu yalwar da take bayarwa. Amma kuka zo kuka ƙazantar da ƙasata kuka kuma mai da gādona abin ƙyama.
8 Luboonnis, ‘Waaqayyo eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne. Warri seera wajjin oolanis na hin beekne; bulchitoonni natti fincilan; raajonnis waaqota faayidaa hin qabne duukaa buʼanii maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan.
Firistoci ba su yi tambaya, ‘Ina Ubangiji ba.’ Waɗanda suke amfani da doka ba su san ni ba; shugabanni suka yi mini tawaye. Annabawa suka yi annabci ta wurin Ba’al, suna bin gumakan banza.
9 “Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba” jedha Waaqayyo. “Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha.
“Saboda haka ina sāke tuhumarku,” in ji Ubangiji. “Zan kuma tuhumi’ya’ya’ya’yanku.
10 Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa; gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa; yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa.
Ku ƙetare zuwa tsibiran Kittim ku gani, ku aika zuwa Kedar ku duba da kyau; ku ga ko an taɓa yin wani abu haka.
11 Yoo isaan waaqota taʼuu baatan iyyuu sabni tokko takkumaa waaqota isaa geeddaree beekaa? Uummanni koo garuu ulfina isaa waaqota tolfamoo faayidaa hin qabneen geeddareera.
Akwai wata al’ummar da ta canja allolinta? (Duk da haka su ba alloli ba ne sam.) Amma mutanena sun musayar da ɗaukakarsu da gumakan banza.
12 Yaa samiiwwan, waan kana dinqifadhaa; naasuu guddaadhaanis holladhaa” jedha Waaqayyo.
Ku girgiza saboda wannan, ya sammai, ku kuma razana don tsoro mai girma,” in ji Ubangiji.
13 “Uummanni koo cubbuu lama hojjete: Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii boolla bishaanii ofii isaanii, boolla bishaanii baqaqaa bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.
“Mutanena sun aikata zunubai guda biyu. Sun rabu da ni, ni da nake maɓulɓular ruwan rai, sun kuma haƙa tankunan ruwansu, tankuna ruwan da suka fashe da ba za su iya riƙe ruwa ba.
14 Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee? Yoos inni maaliif boojiʼame ree?
Isra’ila bawa ne, bawa ne ta wurin haihuwa? Me ya sa ya zama ganima?
15 Leenconni aadaniiru; isattis gururiʼaniiru. Isaan biyya isaa onsaniiru; magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru.
Zakoki sun yi ruri; sun yi masa ruri. Sun lalatar da ƙasarsa; an ƙone garuruwansa aka kuma watse daga ciki.
16 Akkasumas namoonni Memfiisii fi Tahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru.
Haka ma, mutanen Memfis da Tafanes sun aske rawanin kanka
17 Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti, Waaqayyoon Waaqa kee dhiisuudhaan waan kana ofitti fiddeerta mitii?
Ba kai ne ba ka jawo wa kanka ba ta wurin rabuwa da Ubangiji Allahnka sa’ad da ya bi da kai a hanya?
18 Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jettee biyya Gibxi dhaqxa? Maaliifis bishaan laga Efraaxiis dhuguuf jettee Asoor dhaqxa?
To, me ya sa za ka Masar don shan ruwa daga Shihor? Kuma me ya sa za ka Assuriya don shan ruwa daga Kogi?
19 Hamminni kee si adaba; duubatti deebiʼuun kees si ifata. Ati Waaqayyoon Waaqa kee dhiiftee na sodaachuu diduun kee hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
Muguntarka za tă hukunta ka; jan bayanka zai tsawata maka. Sai ka lura ka kuma gane yaya mugu da kuma ɗaci suke a gare ka sa’ad da ka rabu da Ubangiji Allahnka kuma ba ka tsorona,” in ji Ubangiji Maɗaukaki.
20 “Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera; hidhaa kees sirraa kukkuteera. Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette! Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkootti tulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fi mukkeen lalisoo hunda jala ciifte.
“Tun da daɗewa ka karya karkiyarka ka kuma tsintsinke sarƙoƙinka; sai ka ce, ‘Ba zan bauta maka ba!’ Tabbatacce, a kan kowane tudu mai tsayi da kuma a ƙarƙashin kowane ɗanyen itace ka kwanta kamar karuwa.
21 Ani garuu muka wayinii filatamaa, kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee si dhaabbadheen ture. Yoos ati akkamitti wayinii diidaa taatee natti geeddaramte ree?
Na shuka ka kamar zaɓaɓɓen inabi iri mai kyau da kuma wanda za a dogara a kai. Yaya kuma ka juya kana gāba da ni ka lalace, ka zama inabin jeji?
22 Ati yoo daaraadhaan dhiqattee saamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu, xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira” jedha Waaqayyo Gooftaan.
Ko da yake ka wanke kanka da sabulu ka yi amfani da sabulu mai yawa, duk da haka har yanzu tabon laifinka yana nan a gabana,” in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
23 “Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne; Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa? Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu; waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu. Ati gaala dhalaa asii fi achi fiigduu dha;
“Yaya za ka ce, ‘Ban ƙazantu ba; ban bi Ba’al ba’? Duba yadda ka yi a cikin kwari; ka ga abin da ka yi. Kai kamar makwaɗaciyar raƙuma ce mai zafin gudu kana gudu nan da can,
24 harree diidaa kan gammoojjii barattee fedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko, maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa? Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu; inni yeroo gaanaatti ishee argata.
kamar jakar jejin da ta saba da hamada, mai busar iska cikin son barbaranta sa’ad da take son barbara wa zai iya hana ta? Jakin da yake nemanta, ba ya bukatar wahalar da kansa; a lokacin barbara za a same ta.
25 Miilla kee kophee malee deemuu irraa, laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu. Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha! Ani waaqota ormaa nan jaalladha; isaan faanas nan buʼa’ jette.
Kada ka yi gudu har ƙafafunka su zama ba takalma maƙogwaronka kuma ya bushe. Amma sai ka ce, ‘Ba amfani! Ina ƙaunar baƙin alloli kuma dole in bi su.’
26 “Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sana manni Israaʼel ni salphifama; isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii ni salphifamu.
“Kamar yadda akan kunyatar da ɓarawo sa’ad da aka kama shi, haka gidan Isra’ila zai sha kunya, su, sarakunansu da shugabanninsu, firistocinsu da kuma annabawansu.
27 Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’ dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu. Isaan dugda isaanii malee fuula isaanii natti hin deebifanneetii; taʼus isaan yeroo rakkatanitti, ‘Kottuu nu baasi!’ jedhu.
Kuna ce wa itace, ‘Kai ne mahaifina,’ ga dutse kuma, ‘Kai ne ka haife ni.’ Sun juye mini bayansu ba fuskokinsu ba; duk da haka sa’ad da suna cikin wahala, sukan ce, ‘Zo ka cece mu!’
28 Waaqonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru? Isaan yoo si baasuu dandaʼan mee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan! Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sana waaqota hedduu qabdaatii.
To ina allolin da kuka yi wa kanku? Bari su zo in suna iya cetonku sa’ad da kuke cikin wahala! Gama kuna da alloli masu yawa kamar yadda kuke da garuruwa, ya Yahuda.
29 “Isin maaliif na himattu? Isin hundinuu natti finciltaniirtu” jedha Waaqayyo.
“Me ya sa kuke tuhumana? Dukanku kun yi mini tawaye,” in ji Ubangiji.
30 “Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe; isaan sirreeffama fudhachuu didan. Goraadeen keessan akkuma leenca beelaʼe tokkootti raajota keessan fixxe.
“A banza na hukunta mutanenku; ba su yi gyara ba. Takobinku ya cinye annabawanku kamar zaki mai jin yunwa.
31 “Isin dhaloonni ammaa dubbii Waaqayyoo qalbeeffadhaa: “Ani Israaʼeliif gammoojjii yookaan biyya dukkana hamaan turee? Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya; siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha?
“Ku na wannan zamani, ku saurari maganar Ubangiji. “Na zama wa Isra’ila hamada ne ko ƙasa mai babban duhu? Me ya sa mutanena suke cewa, ‘Muna da’yanci mu yi ta yawo; ba za mu ƙara zuwa wurinka ba’?
32 Durbi tokko faaya ishee, misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii? Sabni koo garuu, guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera.
Budurwa za tă manta da kayan adonta amarya ta manta da kayan adon aurenta? Duk da haka mutanena sun manta da ni, kwanaki ba iyaka.
33 Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha! Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta.
Kuna da azanci sosai a bin masoya! Kai, ko mafiya muni cikin mata tana iya koya daga hanyoyinku.
34 Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu, dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee wayyaa kee irratti ni argama. Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu
A rigunanku mutane kan sami jinin matalauta marasa laifi, ko da yake ba ku kama su suna fasawa su shiga ba. Duk da haka
35 ati, ‘Ani balleessaa hin qabu; inni natti hin dheekkamu’ jetta. Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.
kuna cewa, ‘Ba ni da laifi; ba ya fushi da ni.’ Amma zan zartar da hukunci a kanku domin kun ce, ‘Ban yi zunubi ba.’
36 Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan, asii fi achi deemuu baayʼifta? Akkuma Asoor si qaanessite sana Gibxis si qaanessiti.
Don me kuke yawo da yawa haka, kuna ta canjin hanyoyinku? Masar za tă kunyata ku yadda kuka sha kunya a wurin Assuriya.
37 Ati mataa kee qabattee, iddoo sanaa baata; Waaqayyo warra ati itti irkatte tuffateeraatii; ati isaaniin hin milkooftu.
Za ku kuma bar wurin da hannuwanku a kanku, gama Ubangiji ya ƙi waɗanda kuka amince da su; ba za ku zama abin taimako a gare su ba.

< Ermiyaas 2 >