< Ermiyaas 19 >

1 Waaqayyo akkana jedha; “Dhaqiitii suphee dhooftuu irraa okkotee suphee bitadhu. Maanguddoota sabaatii fi luboota keessaa namoota muraasa fudhadhuutii,
This is what the LORD says: “Go and buy a clay jar from a potter. Take some of the elders of the people and leaders of the priests,
2 gara Sulula Ben Hinoomitti kan balbala karra qiraacii biraa sana dhaqi. Achittis dubbii ani sitti himu labsi;
and go out to the Valley of Ben-hinnom near the entrance of the Potsherd Gate. Proclaim there the words I speak to you,
3 akkanas jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaatii fi saba Yerusaalem dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani balaa gurra nama waan sana dhagaʼu hundatti hin tolle tokko iddoo kanatti nan fida.
saying, ‘Hear the word of the LORD, O kings of Judah and residents of Jerusalem. This is what the LORD of Hosts, the God of Israel, says: I am going to bring such disaster on this place that the ears of all who hear of it will ring,
4 Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru.
because they have abandoned Me and made this a foreign place. They have burned incense in this place to other gods that neither they nor their fathers nor the kings of Judah have ever known. They have filled this place with the blood of the innocent.
5 Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha.
They have built high places to Baal on which to burn their children in the fire as offerings to Baal—something I never commanded or mentioned, nor did it even enter My mind.
6 Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha Waaqayyo.
So behold, the days are coming, declares the LORD, when this place will no longer be called Topheth or the Valley of Ben-hinnom, but the Valley of Slaughter.
7 “‘Ani iddoo kanatti karoora Yihuudaatii fi karoora Yerusaalem nan diiga; akka isaan fuula diinota isaanii duratti, harka warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadaniitti goraadeedhaan dhuman nan godha; reeffa isaanii immoo allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna.
And in this place I will ruin the plans of Judah and Jerusalem. I will make them fall by the sword before their enemies, by the hands of those who seek their lives, and I will give their carcasses as food to the birds of the air and the beasts of the earth.
8 Ani magaalaa kana onsee waan sodaa fi qoosaa nan godha; kan achiin darbu hundi sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
I will make this city a desolation and an object of scorn. All who pass by will be appalled and will scoff at all her wounds.
9 Ani akka isaan foon ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii nyaatan nan godha; isaanis yeroo diinonni isaanii kanneen lubbuu isaanii galaafachuu barbaadan sun marsanii isaan dhiphisanitti foon walii isaanii nyaatu.’
I will make them eat the flesh of their sons and daughters, and they will eat one another’s flesh in the siege and distress inflicted on them by their enemies who seek their lives.’
10 “Ergasii okkotee sana fuula warra si wajjin deemanii duratti cabsiitii
Then you are to shatter the jar in the presence of the men who accompany you,
11 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Akkuma okkoteen suphee dhooftuu kun erga caccabee booddee deebiʼee haaromfamuu hin dandeenye sana ani saba kanaa fi magaalaa kana nan caccabsa; sababii iddoon itti nama awwaalan biraa hin jirreef namoonni Toofetitti reeffa awwaalu.
and you are to proclaim to them that this is what the LORD of Hosts says: I will shatter this nation and this city, like one shatters a potter’s jar that can never again be repaired. They will bury the dead in Topheth until there is no more room to bury them.
12 Ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti waan kana nan fida, jedha Waaqayyo. Magaalaa kanas akkuma Toofet nan godha.
This is what I will do to this place and to its residents, declares the LORD. I will make this city like Topheth.
13 Manneen Yerusaalem keessaatii fi manneen mootota Yihuudaa jechuunis manneen jarri bantii isaanii irratti urjiiwwan samii hundaaf ixaana aarsanii waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafatan sun hundi akkuma iddoo Toofet kanaa ni xureeffamu.’”
The houses of Jerusalem and the houses of the kings of Judah will be defiled like that place, Topheth—all the houses on whose rooftops they burned incense to all the host of heaven and poured out drink offerings to other gods.”
14 Ermiyaasis ergasii Toofet iddoo Waaqayyo akka inni achitti raajii dubbatuuf itti isa erge sanaa deebiʼee oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa dhaabatee saba hundaan akkana jedhe;
Then Jeremiah returned from Topheth, where the LORD had sent him to prophesy, and he stood in the courtyard of the house of the LORD and proclaimed to all the people,
15 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Mee dhaggeeffadhaa! Sababii isaan mata jabeeyyii taʼanii dubbii koo dhagaʼuu didaniif balaa ani isaanitti labsee ture hunda magaalaa kanaa fi gandoota naannoo ishee jiranitti nan fida.’”
“This is what the LORD of Hosts, the God of Israel, says: ‘Behold, I am about to bring on this city and on all the villages around it every disaster I have pronounced against them, because they have stiffened their necks so as not to heed My words.’”

< Ermiyaas 19 >