< Ermiyaas 19 >

1 Waaqayyo akkana jedha; “Dhaqiitii suphee dhooftuu irraa okkotee suphee bitadhu. Maanguddoota sabaatii fi luboota keessaa namoota muraasa fudhadhuutii,
Yehova anandiwuza kuti, “Pita ukagule mʼphika wadothi kwa munthu wowumba. Utenge akuluakulu ena a anthuwa ndi ansembe
2 gara Sulula Ben Hinoomitti kan balbala karra qiraacii biraa sana dhaqi. Achittis dubbii ani sitti himu labsi;
ndipo mupite ku Chigwa cha Hinomu chimene chili pafupi ndi pa chipata cha mapale. Pamenepo ukalengeze mawu amene ndikakuwuze.
3 akkanas jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaatii fi saba Yerusaalem dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani balaa gurra nama waan sana dhagaʼu hundatti hin tolle tokko iddoo kanatti nan fida.
Ukanene kuti, ‘Imvani mawu a Yehova, inu mafumu a ku Yuda ndi anthu a ku Yerusalemu. Yehova Wamphamvuzonse, Mulungu wa Israeli, akuti: Tamverani! Ine ndibweretsa mavuto pa malo pano mwakuti aliyense amene adzamve adzadzidzimuka.
4 Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru.
Pakuti anthu andikana Ine ndipo ayipitsa malo ano. Afukiza lubani pa malo ano kwa milungu imene iwo ngakhale makolo awo ngakhalenso mafumu a ku Yuda sanayidziwe. Iwo adzaza malowa ndi magazi a anthu osalakwa.
5 Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha.
Amanga nsanja zopembedzerapo Baala, kuperekapo ana awo kuti akhale nsembe zopsereza kwa Baala, chinthu chimene Ine sindinalamule kapena kuchiyankhula, ngakhalenso kuchiganizira.
6 Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha Waaqayyo.
Nʼchifukwa chake taonani, masiku akubwera, akutero Yehova, pamene anthu sadzatchulanso malo ano kuti Tofeti kapena Chigwa cha Hinomu, koma Chophera anthu.
7 “‘Ani iddoo kanatti karoora Yihuudaatii fi karoora Yerusaalem nan diiga; akka isaan fuula diinota isaanii duratti, harka warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadaniitti goraadeedhaan dhuman nan godha; reeffa isaanii immoo allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna.
“‘Pamalo pano ndidzasokoneza maganizo a anthu a ku Yuda ndi a ku Yerusalemu. Ndidzachititsa kuti adani awo awaphe ku nkhondo. Ndidzawakanthitsa kwa anthu amene akuwazonda. Mitembo yawo ndidzayipereka kwa mbalame za mlengalenga ndi zirombo za kutchire kuti ikhale chakudya chawo.
8 Ani magaalaa kana onsee waan sodaa fi qoosaa nan godha; kan achiin darbu hundi sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
Mzinda uno ndidzawusakaza ndi kuwusandutsa chinthu chochititsa mantha ndi chonyansa. Onse odutsamo adzadabwa ndi kupukusa mitu yawo chifukwa cha kuwonongeka kwake.
9 Ani akka isaan foon ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii nyaatan nan godha; isaanis yeroo diinonni isaanii kanneen lubbuu isaanii galaafachuu barbaadan sun marsanii isaan dhiphisanitti foon walii isaanii nyaatu.’
Adani awo adzawuzinga mzindawo kufuna kuwapha motero kuti anthu a mʼkatimo adzafika pomadyana wina ndi mnzake. Adzadya ana awo aamuna ndi ana awo aakazi.’
10 “Ergasii okkotee sana fuula warra si wajjin deemanii duratti cabsiitii
“Tsono iwe udzaphwanye mtsukowo anthu amene udzapite nawowo akuona,
11 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Akkuma okkoteen suphee dhooftuu kun erga caccabee booddee deebiʼee haaromfamuu hin dandeenye sana ani saba kanaa fi magaalaa kana nan caccabsa; sababii iddoon itti nama awwaalan biraa hin jirreef namoonni Toofetitti reeffa awwaalu.
ndipo ukawawuze kuti, ‘Yehova Wamphamvuzonse akuti, Ine ndidzaphwanya dziko lino ndi mzinda uno ngati momwe wowumba amaphwanyira mbiya yake ndipo sangathe kuyikonzanso. Adzayika anthu akufa ku Tofeti chifukwa padzasowa malo ena owayika.
12 Ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti waan kana nan fida, jedha Waaqayyo. Magaalaa kanas akkuma Toofet nan godha.
Umu ndi mmene ndidzachitire ndi malo ano pamodzi ndi anthu okhalamo, akutero Yehova. Ndidzasandutsa mzindawu kukhala ngati Tofeti.
13 Manneen Yerusaalem keessaatii fi manneen mootota Yihuudaa jechuunis manneen jarri bantii isaanii irratti urjiiwwan samii hundaaf ixaana aarsanii waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafatan sun hundi akkuma iddoo Toofet kanaa ni xureeffamu.’”
Nyumba za mu Yerusalemu ndi za mafumu a ku Yuda ndidzazisandutsa ngati za ku Tofeti chifukwa ndi nyumba zimene pa madenga ake ankafukiza lubani kwa zolengedwa zamlengalenga ndi kuthira nsembe zachakumwa kwa milungu ina.’”
14 Ermiyaasis ergasii Toofet iddoo Waaqayyo akka inni achitti raajii dubbatuuf itti isa erge sanaa deebiʼee oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa dhaabatee saba hundaan akkana jedhe;
Kenaka Yeremiya anabwerako ku Tofeti, kumene Yehova anamutuma kuti akanenere, nakayimirira mʼbwalo la Nyumba ya Yehova ndi kuwawuza anthu kuti,
15 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Mee dhaggeeffadhaa! Sababii isaan mata jabeeyyii taʼanii dubbii koo dhagaʼuu didaniif balaa ani isaanitti labsee ture hunda magaalaa kanaa fi gandoota naannoo ishee jiranitti nan fida.’”
“Yehova Wamphamvuzonse, Mulungu wa Israeli, akuti, ‘Tamverani! Ine ndidzabweretsa masautso amene ndinanena aja pa mzinda uno ndi pa mizinda yozungulira, chifukwa anthu ake ndi nkhutukumve ndipo sanamvere mawu anga.’”

< Ermiyaas 19 >