< Ermiyaas 18 >

1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
Hili ndilo neno lililomjia Yeremia kutoka kwa Bwana:
2 “Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima.”
“Shuka uende mpaka nyumba ya mfinyanzi, nami huko nitakupa ujumbe wangu.”
3 Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture.
Kwa hiyo nikashuka mpaka kwenye nyumba ya mfinyanzi, nikamkuta akifinyanga kwa gurudumu lake.
4 Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.
Lakini chombo alichokuwa akikifinyanga kutokana na udongo kilivunjika mikononi mwake, hivyo mfinyanzi akakifanya kuwa chombo kingine, umbo jingine kama vile ilivyoonekana vyema kwake yeye.
5 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Kisha neno la Bwana likanijia kusema:
6 “Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha Waaqayyo. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.
“Ee nyumba ya Israeli, je, siwezi kuwafanyia kama huyu mfinyanzi afanyavyo?” asema Bwana. “Kama vile udongo ulivyo katika mikono ya mfinyanzi, ndivyo mlivyo katika mkono wangu, ee nyumba ya Israeli.
7 Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti,
Ikiwa wakati wowote nikitangaza kuwa taifa au ufalme utangʼolewa, utaangushwa na kuangamizwa,
8 yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa.
ikiwa lile taifa nililolionya litatubia uovu wake, ndipo nitakapokuwa na huruma, wala sitawapiga kwa maafa niliyokuwa nimewakusudia.
9 Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse,
Ikiwa wakati mwingine nitatangaza kuwa taifa ama utawala ujengwe na kuwekwa wakfu,
10 yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.
ikiwa utafanya maovu mbele zangu na hukunitii, ndipo nitakapoghairi makusudio yangu mema niliyokuwa nimeyakusudia.
11 “Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’
“Basi kwa hiyo waambie watu wa Yuda na wale waishio Yerusalemu, ‘Hili ndilo asemalo Bwana: Tazama! Ninaandaa maafa kwa ajili yenu, nami ninabuni mabaya dhidi yenu. Kwa hiyo geukeni kutoka njia zenu mbaya, kila mmoja wenu, tengenezeni njia zenu na matendo yenu.’
12 Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’”
Lakini wao watajibu, ‘Hakuna faida. Tutaendelea na mipango yetu wenyewe, kila mmoja wetu atafuata ukaidi wa moyo wake mbaya.’”
13 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Mee saboota keessa iyyaafadhaa: Eenyutu takkumaa waan akkanaa dhagaʼee beeka? Israaʼel Durbi Qulqullittiin waan suukaneessaa tokko hojjetteerti.
Kwa hiyo hili ndilo asemalo Bwana: “Ulizia miongoni mwa mataifa: Ni nani alishasikia jambo kama hili? Jambo la kutisha sana limefanywa na Bikira Israeli.
14 Cabbiin Libaanoon takkumaa ededa kattaa isaa irraa badee beekaa? Bishaan isaa diilallaaʼaan burqaa fagootii dhufu sun takkumaa citee beekaa?
Je, barafu ya Lebanoni iliwahi kutoweka kwenye miteremko yake ya mawe wakati wowote? Je, maji yake baridi yatokayo katika vyanzo vilivyo mbali yaliwahi kukoma kutiririka wakati wowote?
15 Sabni koo garuu na irraanfateera; isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen karaawwan isaanii irrattii fi daandiiwwan durii irratti isaan gufachiisaniif ixaana aarsu. Isaan karaa hin tolfamne irra daandii qalʼoo irra isaan deemsisaniiru.
Lakini watu wangu wamenisahau mimi, wanafukizia uvumba sanamu zisizofaa kitu, zilizowafanya wajikwae katika njia zao na katika mapito ya zamani. Zimewafanya wapite kwenye vichochoro na kwenye barabara ambazo hazikujengwa.
16 Biyyi isaanii ni ona; bara baraanis biyya qoosaa taʼa; warri achiin darban hundi ni naʼu; mataa isaaniis ni raasu.
Nchi yao itaharibiwa, itakuwa kitu cha kudharauliwa daima; wote wapitao karibu nayo watashangaa na kutikisa vichwa vyao.
17 Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu, ani fuula diinota isaanii duratti isaan nan bittinneessa; bara badiisa isaanii keessa, ani dugda koo malee fuula koo isaanitti hin argisiisu.
Kama upepo utokao mashariki, nitawatawanya mbele ya adui zao; nitawapa kisogo wala sio uso, katika siku ya maafa yao.”
18 “Jarris, ‘Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo raajota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu’” jedhan.
Wakasema, “Njooni, tutunge hila dhidi ya Yeremia; kwa kuwa kufundisha sheria kwa kuhani hakutapotea, wala shauri litokalo kwa mwenye hekima, wala neno la manabii. Hivyo njooni, tumshambulie kwa ndimi zetu na tusijali chochote asemacho.”
19 Yaa Waaqayyo, na dhaggeeffadhu; waan warri na himatan jedhanis dhagaʼi!
Nisikilize, Ee Bwana, sikia wanayosema washtaki wangu!
20 Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa? Isaan garuu boolla anaaf qotaniiru. Ani akkan dheekkamsa kee isaan irraa deebisuuf fuula kee dura dhaabadhee iddoo isaanii buʼee dubbadhe yaadadhu.
Je, mema yalipwe kwa mabaya? Lakini wao wamenichimbia shimo. Kumbuka kwamba nilisimama mbele yako na kunena mema kwa ajili yao, ili wewe ugeuze hasira yako kali mbali nao.
21 Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni; jara immoo dabarsii humna goraadeetti kenni. Niitota isaanii jalaa ijoollee fi dhirsoonni haa dhuman; dhiironni isaanii haa ajjeefaman; dargaggoonni isaanii immoo lola keessatti goraadeedhaan haa qalaman.
Kwa hiyo uwaache watoto wao waone njaa; uwaache wauawe kwa makali ya upanga. Wake zao wasiwe na watoto, na wawe wajane; waume wao wauawe, nao vijana wao waume wachinjwe kwa upanga vitani.
22 Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti, iyyi mana isaaniitii haa dhagaʼamu; isaan na qabuuf boolla qotanii, miilla kootiifis kiyyoo kaaʼaniiruutii.
Kilio na kisikike kutoka kwenye nyumba zao ghafula uwaletapo adui dhidi yao, kwa kuwa wamechimba shimo ili kunikamata na wameitegea miguu yangu mitego.
23 Yaa Waaqayyo, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf malatan hunda ni beekta. Yakka isaanii hin dhiisiniif; yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqin. Isaan fuula kee duratti lafatti haa gataman; yeroo dheekkamtuttis isaan adabi.
Lakini unajua, Ee Bwana, hila zao zote za kuniua. Usiyasamehe makosa yao wala usifute dhambi zao mbele za macho yako. Wao na waangamizwe mbele zako; uwashughulikie wakati wa hasira yako.

< Ermiyaas 18 >