< Ermiyaas 18 >

1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
The word which came to Jeremiah from Jehovah, saying,
2 “Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima.”
Arise, and go down to the potter's house, and there I will cause thee to hear my words.
3 Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture.
Then I went down to the potter's house, and, behold, he was making a work on the wheels.
4 Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.
And when the vessel that he made of the clay was marred in the hand of the potter, he made it another vessel again, as seemed good to the potter to make it.
5 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Then the word of Jehovah came to me, saying,
6 “Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha Waaqayyo. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.
O house of Israel, cannot I do with you as this potter? says Jehovah. Behold, as the clay in the potter's hand, so are ye in my hand, O house of Israel.
7 Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti,
At that instant I shall speak concerning a nation, and concerning a kingdom, to pluck up and to break down and to destroy it,
8 yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa.
if that nation, concerning which I have spoken, turns from their evil, I will relent of the evil that I thought to do to them.
9 Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse,
And at that instant I shall speak concerning a nation, and concerning a kingdom, to build and to plant it,
10 yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.
if they do that which is evil in my sight, that they obey not my voice, then I will relent of the good with which I said I would benefit them.
11 “Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’
Now therefore, speak to the men of Judah, and to the inhabitants of Jerusalem, saying, Thus says Jehovah: Behold, I frame evil against you, and devise a device against you. Return ye now everyone from his evil way, and amend your ways and your doings.
12 Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’”
But they say, It is in vain. For we will walk after our own devices, and we will do everyone according to the stubbornness of his evil heart.
13 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Mee saboota keessa iyyaafadhaa: Eenyutu takkumaa waan akkanaa dhagaʼee beeka? Israaʼel Durbi Qulqullittiin waan suukaneessaa tokko hojjetteerti.
Therefore thus says Jehovah: Ask ye now among the nations, Who has heard such things? The virgin of Israel has done a very horrible thing.
14 Cabbiin Libaanoon takkumaa ededa kattaa isaa irraa badee beekaa? Bishaan isaa diilallaaʼaan burqaa fagootii dhufu sun takkumaa citee beekaa?
Shall the snow of Lebanon fail from the rock of the field? Or shall the cold waters that flow down from afar be dried up?
15 Sabni koo garuu na irraanfateera; isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen karaawwan isaanii irrattii fi daandiiwwan durii irratti isaan gufachiisaniif ixaana aarsu. Isaan karaa hin tolfamne irra daandii qalʼoo irra isaan deemsisaniiru.
For my people have forgotten me. They have burned incense to false gods. And they have been made to stumble in their ways, in the ancient paths, to walk in bypaths, in a way not cast up,
16 Biyyi isaanii ni ona; bara baraanis biyya qoosaa taʼa; warri achiin darban hundi ni naʼu; mataa isaaniis ni raasu.
to make their land an astonishment, and a perpetual hissing, everyone who passes by it shall be astonished, and shake his head.
17 Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu, ani fuula diinota isaanii duratti isaan nan bittinneessa; bara badiisa isaanii keessa, ani dugda koo malee fuula koo isaanitti hin argisiisu.
I will scatter them as with an east wind before the enemy. I will show them the back, and not the face, in the day of their calamity.
18 “Jarris, ‘Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo raajota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu’” jedhan.
Then they said, Come, and let us devise devices against Jeremiah. For the law shall not perish from the priest, nor counsel from the wise, nor the word from the prophet. Come, and let us smite him with the tongue, and let us not give heed to any of his words.
19 Yaa Waaqayyo, na dhaggeeffadhu; waan warri na himatan jedhanis dhagaʼi!
Give heed to me, O Jehovah, and hearken to the voice of those who contend with me.
20 Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa? Isaan garuu boolla anaaf qotaniiru. Ani akkan dheekkamsa kee isaan irraa deebisuuf fuula kee dura dhaabadhee iddoo isaanii buʼee dubbadhe yaadadhu.
Shall evil be recompensed for good? For they have dug a pit for my soul. Remember how I stood before thee to speak good for them, to turn away thy wrath from them.
21 Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni; jara immoo dabarsii humna goraadeetti kenni. Niitota isaanii jalaa ijoollee fi dhirsoonni haa dhuman; dhiironni isaanii haa ajjeefaman; dargaggoonni isaanii immoo lola keessatti goraadeedhaan haa qalaman.
Therefore deliver up their sons to the famine, and give them over to the power of the sword, and let their wives become childless, and widows, and let their men be slain of death, and their young men smitten of the sword in battle.
22 Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti, iyyi mana isaaniitii haa dhagaʼamu; isaan na qabuuf boolla qotanii, miilla kootiifis kiyyoo kaaʼaniiruutii.
Let a cry be heard from their houses when thou shall bring a troop suddenly upon them, for they have dug a pit to take me, and hid snares for my feet.
23 Yaa Waaqayyo, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf malatan hunda ni beekta. Yakka isaanii hin dhiisiniif; yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqin. Isaan fuula kee duratti lafatti haa gataman; yeroo dheekkamtuttis isaan adabi.
Yet, Jehovah, thou know all their counsel against me to kill me. Do not forgive their iniquity, nor blot out their sin from thy sight, but let them be overthrown before thee. Deal thou with them in the time of thine anger.

< Ermiyaas 18 >