< Ermiyaas 17 >

1 “Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera; qara dhagaatiinis gabatee garaa isaanii irrattii fi gaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera.
“Dhambi ya Yuda imeandikwa kwa kalamu ya chuma yenye ncha ya almasi. Imechongwa kwenye kibao cha mioyo yao na kwenye pembe za madhabahu zako.
2 Ijoolleen isaanii iyyuu iddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraa kanneen mukkeen lalisaa cinaatii fi gaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan.
Watoto wao wanakumbuka madhabahu zao na miti yao ya Ashera kwa miti ya majani kwenye milima mirefu.
3 Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiif tulluu koo kan biyya keessaa, qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hunda iddoo ol kaʼaa kee wajjin dabarsee boojuuf nan kenna.
Mlima wangu katika nchi ya wazi na mali yako yote pamoja na hazina zako zote, nitakupa kama nyara kwa wengine. Hiyo ndiyo thamani ya maeneo yako ya juu na dhambi iliyo katika maeneo yako yote.
4 Ati dogoggora mataa keetiitiin dhaala ani siif kenne ni dhabda. Ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa; ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii; innis bara baraan ni bobaʼa.”
Utapoteza urithi niliokupa. Nitakutumikisha kwa adui zako katika nchi ambayo hujui, kwa maana umewasha moto katika ghadhabu yangu, ambao utakawaka milele.”
5 Waaqayyo akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha.
Bwana asema, “Mtu anayemtegemea mwanadamu amelaaniwa; amfanyaye mwanadamu kuwa nguvu yake na kugeuza moyo wake mbali na Bwana.
6 Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa; yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu. Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.
Kwa maana atakuwa kama msitu mdogo katika Araba na hawezi kuona kitu kizuri kikija. Atakaa katika maeneo ya mawe jangwani, nchi isiyokuwa na wakazi.
7 “Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.
Lakini mtu anayemtegemea Bwana amebarikiwa, kwa kuwa Bwana ndiye tumaini lake.
8 Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”
Kwa maana atakuwa kama mmea karibu na maji kando ya mto; mizizi yake itaenea. Hawezi kuona joto likija, kwa kuwa majani yake yatakuwa mabichi. Kisha mwaka wa ukame hawezi kuwa na wasiwasi, wala hataacha kuzalisha matunda.
9 Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
Moyo ni mdanganyifu zaidi kuliko kitu kingine chochote. Una mgonjwa; ni nani anayeweza kuelewa?
10 “Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”
Mimi ni Bwana, ninayechunguza akili, ambaye hujaribu viuno. Ninampa kila mtu kulingana na njia zake, kulingana na matunda ya matendo yake.
11 Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.
kama Kware akusanyaye mayai asiyotaga. Mtu anaweza kuwa tajiri kwa udhalimu, lakini wakati nusu ya siku zake ukipita, utajiri huo utamuacha, na mwishowe atakuwa mpumbavu.”
12 Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun, iddoo qulqullummaa keenyaa ti.
“Mahali pa hekalu letu ni kiti cha enzi cha utukufu, kilichoinuliwa tangu mwanzo.
13 Yaa Waaqayyo, abdii Israaʼel, warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu. Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru; isaan Waaqayyoon burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii.
Bwana ni tumaini la Israeli. Wote ambao wanakuacha watakuwa na aibu. Wale walio katika nchi ambao wanageuka kutoka kwako watauliwa. Kwa maana wamwacha Bwana, chemchemi ya maji yaliyo hai.
14 Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa; na oolchi, anis nan oolfama; kan ani jajadhu sumaatii.
Niponye, Bwana, na mimi nitaponywa! Niokoe mimi, nami nitaokolewa. Kwa maana wewe ndio wimbo wangu wa sifa.
15 Isaan ittuma fufanii, “Dubbiin Waaqayyoo eessa jira? Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu.
Tazama, wananiambia, 'Neno la Bwana liko wapi? Hebu lije!'
16 Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine; ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta. Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira.
Mimi sikuwahi kuacha kuwa mchungaji nyuma yako. Sikuitamani siku ya maafa. Unajua yaliyotoka mdomoni mwangu. Yalifanyika mbele ya uwepo wako.
17 Ati na hin rifachiisin; guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti.
Usiwe sababu ya hofu kwangu. Wewe ni kimbilio langu siku ya msiba.
18 Warri na adamsan haa qaaneffaman; ana garuu qaanii irraa na oolchi; isaan haa rifatan; ana garuu rifaatii irraa na eegi. Guyyaa badiisaa isaanitti fidi; badiisa dachaatiin isaan balleessi.
Waaibike watu wanaoniudhi, lakini nisiaibike mimi. Wataogopa, lakini usiache nifadhaike. Tuma siku ya maafa dhidi yao na kuwaangamiza maradufu.”
19 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii karra uummataa karaa mootonni Yihuudaa ittiin seenanii baʼan dura dhaabadhu; akkasumas karrawwan Yerusaalem kaan hunda dura dhaabadhu.
Bwana akaniambia hivi: “Nenda ukasimame katika lango la watu ambako wafalme wa Yuda wanaingia na kutoka, basi katika malango mengine yote ya Yerusalemu.
20 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaa, sabni Yihuudaa hundii fi namoonni Yerusaalem keessa jiraattan kanneen karra kanaan ol galtan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
Uwaambie, 'Sikieni neno la Bwana, wafalme wa Yuda, na ninyi watu wote wa Yuda, na kila mtu wa Yerusalemu atakayeingia kwa njia ya malango haya.
21 Waaqayyo akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa.
Bwana asema hivi: “Jihadharini kwa ajili ya maisha yenu na msichukue mzigo siku ya sabato ili muilete katika malango ya Yerusalemu.
22 Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa.
Wala msilete mzigo nje ya nyumba zenu siku ya sabato. Msifanye kazi yoyote, lakini muitenge siku ya Sabato, kama nilivyowaagiza wazee wako kufanya.'”
23 Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan.
Hawakusikiliza wala kutaega masikio yao, lakini walifanya shingo zao kuwa ngumu ili wasinisikilize wala kukubali maonyo.
24 Waaqayyo akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan,
Itatokea kwamba ikiwa mtanisikiliza kweli-hili ndilo tamko la Bwana-na msilete mzigo kwenye malango ya jiji hili siku ya sabato lakini badala yake mkatenga siku ya sabato kwa Bwana na msifanye kazi yoyote juu yake -
25 mootonni teessoo Daawit irra taaʼan qondaaltota isaanii wajjin karrawwan magaalaa kanaatiin ol seenu. Isaanis qondaaltota isaanii wajjin gaariiwwanii fi fardeen yaabbatanii namoota Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan wajjin ni dhufu; magaalaan kunis magaalaa namni bara baraan keessa jiraatu ni taʼa.
basi wafalme, wakuu, na wale wanaokaa kiti cha Daudi wataingia malango ya mji huu kwa magari na farasi, wao na viongozi wao, watu wa Yuda na wenyeji wa Yerusalemu. Na mji huu utakaa milele.
26 Namoonnis magaalaawwan Yihuudaatii fi gandoota naannoo Yerusaalemiitii, biyya Beniyaamiitii fi biyya gaara keessaatii, biyya gaaraatii fi Negeebii aarsaa gubamuu fi qalma, aarsaa midhaanii, ixaanaa fi aarsaa galataa fidanii gara mana Waaqayyoo ni dhufu.
Watakuja kutoka miji ya Yuda na kutoka pande zote za Yerusalemu, kutoka nchi ya Benyamini na visiwa vya chini, kutoka milimani na kutoka kaskazini, wakileta sadaka za kuteketezwa, dhabihu, sadaka za nafaka na ubani, sadaka za shukrani kwenye nyumba ya Bwana.
27 Yoo isin guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eeguuf jettanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko iyyuu baattanii karrawwan Yerusaalemiin ol seenuu dhiisuudhaan anaaf ajajamuu baattan garuu ani ibidda hin dhaamne tokko karrawwan Yerusaalemitti nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoowwan Yerusaalem gubee barbadeessa.’”
Lakini ikiwa hamtasikiliza-kutakasa siku ya Sabato, kutochukua mizigo nzito, wala msiingie milango ya Yerusalemu siku ya sabato, nitawasha moto katika malango yake, nao utaangamiza majumba kuteketeza ngome za Yerusalemu, na hauwezi kuzimika.

< Ermiyaas 17 >