< Ermiyaas 17 >

1 “Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera; qara dhagaatiinis gabatee garaa isaanii irrattii fi gaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera.
The sin of Judah is written with a pen of iron, With the point of a diamond is it engraved Upon the tablet of their hearts, Upon the horns of their altars.
2 Ijoolleen isaanii iyyuu iddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraa kanneen mukkeen lalisaa cinaatii fi gaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan.
While their children remember the altars, and the images of Astarte, Near the green trees, And upon the high hills.
3 Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiif tulluu koo kan biyya keessaa, qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hunda iddoo ol kaʼaa kee wajjin dabarsee boojuuf nan kenna.
My mountain in the field! thy substance and all thy treasures will I give up for spoil; Thy high places for sin in all thy borders.
4 Ati dogoggora mataa keetiitiin dhaala ani siif kenne ni dhabda. Ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa; ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii; innis bara baraan ni bobaʼa.”
Thou shalt of thyself cease to possess the inheritance which I gave thee, And I will cause thee to serve thy enemies in a land which thou knowest not; For ye have kindled a fire in my anger, Which shall burn forever.
5 Waaqayyo akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha.
Thus saith Jehovah: Cursed be the man who trusteth in man, And maketh flesh his arm, And whose heart departeth from Jehovah!
6 Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa; yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu. Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.
He shall be like a poor wanderer in the desert, Who seeth not when good cometh, But dwelleth in the parched places of the desert, In a salt land, and uninhabited.
7 “Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.
Blessed is the man who trusteth in Jehovah; Who in Jehovah placeth his hope!
8 Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”
He shall be like a tree planted by the water-side, That spreadeth out her roots by the stream, That feeleth not when the heat cometh, But whose leaf is green; That careth not in the year of drought, Nor ceaseth from yielding fruit.
9 Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
The heart is deceitful above all things; Yea, it is corrupt; who can know it?
10 “Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”
I, Jehovah, search the heart, And try the reins, To give to every man according to his ways, And according to the fruit of his doings.
11 Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.
As the partridge sitteth on eggs which she hath not laid, So is he that getteth riches, and not by right; In the midst of his days shall he leave them, And in his latter end find himself a fool.
12 Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun, iddoo qulqullummaa keenyaa ti.
A glorious, lofty throne from the beginning Hath been the place of our sanctuary.
13 Yaa Waaqayyo, abdii Israaʼel, warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu. Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru; isaan Waaqayyoon burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii.
O thou hope of Israel, Jehovah! All that forsake thee shall be put to shame; Yea, all that depart from me shall be written in dust, Because they have forsaken the fountain of living water, they have forsaken Jehovah.
14 Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa; na oolchi, anis nan oolfama; kan ani jajadhu sumaatii.
Heal me, O Jehovah, and I shall be healed; Save me, and I shall be saved; For thou art my praise!
15 Isaan ittuma fufanii, “Dubbiin Waaqayyoo eessa jira? Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu.
Behold, they say to me, “Where is the word of Jehovah? Let it come to pass!”
16 Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine; ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta. Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira.
I have not refused to follow thee, as thy shepherd, Neither have I desired the day of woe, as thou knowest! That which came from my lips hath been before thine eyes.
17 Ati na hin rifachiisin; guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti.
Be not thou a terror to me, Thou, my refuge in the day of distress! Let my persecutors be confounded, but let not me be confounded!
18 Warri na adamsan haa qaaneffaman; ana garuu qaanii irraa na oolchi; isaan haa rifatan; ana garuu rifaatii irraa na eegi. Guyyaa badiisaa isaanitti fidi; badiisa dachaatiin isaan balleessi.
Let them be dismayed, but let not me be dismayed! Bring upon them the day of calamity, And destroy them with double destruction!
19 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii karra uummataa karaa mootonni Yihuudaa ittiin seenanii baʼan dura dhaabadhu; akkasumas karrawwan Yerusaalem kaan hunda dura dhaabadhu.
Thus said Jehovah to me: Go and stand in the people's gate, Through which the kings of Judah come in and go out, And in all the gates of Jerusalem,
20 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaa, sabni Yihuudaa hundii fi namoonni Yerusaalem keessa jiraattan kanneen karra kanaan ol galtan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
And say to them, Hear the word of Jehovah, ye kings of Judah, All Judah, and all ye who dwell at Jerusalem, Who enter in through these gates!
21 Waaqayyo akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa.
Thus saith Jehovah: Take heed to yourselves, And carry no burden on the sabbath-day, And bring none through the gates of Jerusalem.
22 Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa.
Bear no burden from your houses on the sabbath-day, And do no kind of work; But keep ye holy the sabbath-day, As I commanded your fathers.
23 Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan.
But they hearkened not, nor inclined their ear, But made their necks stiff, and refused to hear, And refused to receive instruction.
24 Waaqayyo akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan,
If ye will now diligently hearken to me, saith Jehovah, And bring no burden through the gates of this city on the sabbath-day, But keep holy the sabbath-day, Doing no work therein,
25 mootonni teessoo Daawit irra taaʼan qondaaltota isaanii wajjin karrawwan magaalaa kanaatiin ol seenu. Isaanis qondaaltota isaanii wajjin gaariiwwanii fi fardeen yaabbatanii namoota Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan wajjin ni dhufu; magaalaan kunis magaalaa namni bara baraan keessa jiraatu ni taʼa.
Then shall enter the gates of this city kings and princes, Who sit upon the throne of David, Riding in chariots and on horses, They and their chieftains, The men of Judah, and the inhabitants of Jerusalem; And this city shall be inhabited forever.
26 Namoonnis magaalaawwan Yihuudaatii fi gandoota naannoo Yerusaalemiitii, biyya Beniyaamiitii fi biyya gaara keessaatii, biyya gaaraatii fi Negeebii aarsaa gubamuu fi qalma, aarsaa midhaanii, ixaanaa fi aarsaa galataa fidanii gara mana Waaqayyoo ni dhufu.
Then from the cities of Judah, and the places around Jerusalem, From the land of Benjamin, and from the plain, From the mountains, and from the South, Shall they come bringing burnt-offerings, and sacrifices, And flour-offerings, and incense, And bringing thank-offerings to the house of Jehovah.
27 Yoo isin guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eeguuf jettanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko iyyuu baattanii karrawwan Yerusaalemiin ol seenuu dhiisuudhaan anaaf ajajamuu baattan garuu ani ibidda hin dhaamne tokko karrawwan Yerusaalemitti nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoowwan Yerusaalem gubee barbadeessa.’”
But if ye will not hearken to me, To keep holy the sabbath-day, And to carry no burden through the gates of Jerusalem on the sabbath-day, Then will I kindle in her gates an unquenchable fire, Which shall devour the palaces of Jerusalem.

< Ermiyaas 17 >