< Ermiyaas 16 >
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Kisha neno la Bwana likanijia:
2 “Ati iddoo kanatti niitii fuutee ilmaan yookaan intallan hin dhalchin.”
“Kamwe usioe na kuwa na wana wala binti mahali hapa.”
3 Waaqayyo waaʼee ilmaanii fi intallan iddoo kanatti dhalatanii, waaʼee dubartoota haadhota isaanii taʼaniitii fi waaʼee dhiirota abbootii isaanii taʼanii akkana jedhaatii:
Kwa maana hili ndilo asemalo Bwana kuhusu wana na binti wazaliwao katika nchi hii, na kuhusu wale wanawake ambao ni mama zao, na wale wanaume ambao ni baba zao:
4 “Isaan dhukkuba nama ajjeesuun dhumu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼu malee booʼicha hin argatan; hin awwaalamanis. Isaan goraadee fi beelaan dhumu. Reeffi isaaniis allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa.”
“Watakufa kwa magonjwa ya kufisha. Hawataombolezewa wala kuzikwa, lakini watakuwa kama mavi yaliyosambaa juu ya ardhi. Watakufa kwa upanga na kwa njaa, nazo maiti zao zitakuwa chakula cha ndege wa angani, na cha wanyama wa nchi.”
5 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Ati mana booʼichaa hin seenin yookaan dhaqxee hin booʼin yookaan isaan hin jajjabeessin; ani eebba koo, jaalala kootii fi gara laafina koo saba kana irraa fudhadheeraatii” jedha Waaqayyo.
Kwa kuwa hili ndilo asemalo Bwana: “Usiingie katika nyumba ambayo kuna chakula cha matanga, usiende kuwaombolezea wala kuwahurumia, kwa sababu nimeziondoa baraka zangu, upendo wangu na huruma zangu kutoka kwa watu hawa,” asema Bwana.
6 “Namni xinnaa fi guddaan biyya kana keessatti ni duʼa. Isaan hin awwaalaman yookaan booʼicha hin argatan; namni tokko iyyuu isaaniif jedhee of hin murmuru yookaan mataa hin haaddatu.
“Wakubwa na wadogo watakufa katika nchi hii. Hawatazikwa wala kuombolezewa, na hakuna atakayejikatakata au kunyoa nywele za kichwa chake kwa ajili yao.
7 Namni tokko iyyuu warra namni irraa duʼe jajjabeessuuf jedhee nyaata hin geessuuf; yookaan namni tokko iyyuu nama abbaan yookaan haati jalaa duute jajjabeessuuf jedhee dhugaatii hin geessu.
Hakuna yeyote atakayewapa chakula ili kuwafariji wale waombolezao kwa ajili ya wale waliokufa, hata akiwa amefiwa na baba au mama, wala hakuna yeyote atakayewapa kinywaji ili kuwafariji.
8 “Mana cidhi jiru hin seenin; nyaachuu fi dhuguuf jettees isaan wajjin hin taaʼin.
“Usiingie katika nyumba ambayo kuna karamu, na kuketi humo ili kula na kunywa.
9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: Ani ija keessan durattii fi bara keessan keessa sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa iddoo kanaa nan balleessa.
Kwa kuwa hili ndilo asemalo Bwana Mwenye Nguvu Zote, aliye Mungu wa Israeli: ‘Mbele ya macho yako na katika siku zako, nitakomesha sauti zote za shangwe na za furaha, na pia sauti za bibi arusi na bwana arusi mahali hapa.’
10 “Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘Waaqayyo maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? Waaqayyo Waaqa keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti,
“Utakapowaambia watu hawa mambo haya yote na wakakuuliza, ‘Kwa nini Bwana ameamuru maafa makubwa kama haya dhidi yetu? Tumefanya kosa gani? Tumetenda dhambi gani dhidi ya Bwana, Mungu wetu?’
11 akkana isaaniin jedhi; ‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii waaqota kaan duukaa buʼanii isaan tajaajilanii fi isaan waaqeffataniif’ jedha Waaqayyo; ‘isaan na dhiisan; seera koos hin eegne.
Basi waambie, ‘Ni kwa sababu baba zenu waliniacha mimi, wakafuata miungu mingine ili kuitumikia na kuiabudu. Waliniacha mimi na hawakuishika sheria yangu,’ asema Bwana.
12 Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii.
‘Lakini ninyi mmetenda uovu zaidi kuliko baba zenu. Tazama jinsi ambavyo kila mmoja wenu anafuata ukaidi wa moyo wake mbaya, badala ya kunitii mimi.
13 Kanaafuu ani biyya kana keessaa isin baasee, biyya isin yookaan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata; isinis achitti halkanii guyyaa waaqota biraa tajaajiltu; ani isiniif hin naʼuutii.’
Kwa hiyo nitawaondoa katika nchi hii na kuwatupa katika nchi ambayo ninyi wala baba zenu hamkuijua, nako huko mtaitumikia miungu mingine usiku na mchana, kwa maana sitawapa fadhili zangu huko.’
14 “Taʼus” jedha Waaqayyo, “barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa, isa biyya Gibxii Israaʼeloota baase sanaa’ jedhanii hin kakanne ni dhufa,
“Hata hivyo, siku zinakuja,” asema Bwana, “wakati ambapo watu hawatasema tena, ‘Hakika kama Bwana aishivyo, aliyewapandisha Waisraeli kutoka Misri,’
15 isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya kaabaatii fi biyyoota itti isaan bittinneesse hunda keessaa baasee fide sanaa’ ni jedhu. Ani biyya abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan nan deebisaatii.
bali watasema, ‘Hakika kama Bwana aishivyo, aliyewatoa wana wa Israeli kutoka nchi ya kaskazini na nchi zote alizokuwa amewafukuzia.’ Maana nitawarudisha katika nchi niliyowapa baba zao.
16 “Amma immoo ani akka isaan qurxummii qabdoota hedduu fidaniif namoota nan erga” jedha Waaqayyo; “isaanis jara ni qabu. Ergasii ani akka isaan adamsitoota hedduu fidaniif namoota nan erga; isaanis tulluu hundaa fi gaara hunda irra, baqaqaa kattaa hunda keessas jara ni adamsu.
“Lakini sasa nitawaagiza wavuvi wengi,” asema Bwana, “nao watawavua. Baada ya hilo, nitawaagizia wawindaji wengi, nao watawawinda kwenye kila mlima na kilima, na katika nyufa za miamba.
17 Iji koo karaa isaanii hunda irra jira; isaanis na duraa hin dhokatan; cubbuun isaaniis ija koo duraa hin dhokfamu.
Macho yangu yanaziona njia zao zote, hazikufichika kwangu, wala dhambi yao haikusitirika.
18 Sababii isaan fakkiiwwan isaanii lubbuu dhabeeyyii faayidaa hin qabne sanaan biyya koo xureessanii, waaqota isaanii jibbisiisoo sanaanis handhuuraa koo guutaniif ani gatii hamminaa fi lubbuu isaaniitiif malu harka lama nan baasaaf.”
Nitawalipiza maradufu kwa ajili ya uovu wao na dhambi yao, kwa sababu wameinajisi nchi yangu kwa maumbo yasiyo na uhai ya vinyago vyao vibaya, na kuujaza urithi wangu na sanamu za kuchukiza.”
19 Yaa Waaqayyo, jabina kootii fi daʼannoo ko, daʼoo koo kan yeroo rakkinaa, ormoonni handaara lafaatii gara kee dhufanii akkana jedhu, “Abbootiin keenya waaqota sobaa, waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen waan gaarii tokko illee isaaniif hin goone sana malee homaa hin dhaalle.
Ee Bwana, nguvu zangu na ngome yangu, kimbilio langu wakati wa taabu, kwako mataifa yatakujia kutoka miisho ya dunia na kusema, “Baba zetu hawakuwa na chochote zaidi ya miungu ya uongo, sanamu zisizofaa kitu ambazo hazikuwafaidia lolote.
20 Namoonni ofii isaaniitiif waaqota ni tolfatuu? Eeyyee, garuu isaan waaqota miti!”
Je, watu hujitengenezea miungu yao wenyewe? Naam, lakini hao si miungu!”
21 “Kanaafuu ani isaan nan barsiisa; yeroo kanatti ani humna koo fi jabina koo isaan nan barsiisa. Yoos isaan akka maqaan koo Waaqayyo taʼe ni beeku.
“Kwa hiyo nitawafundisha: wakati huu nitawafundisha nguvu zangu na uwezo wangu. Ndipo watakapojua kuwa Jina langu ndimi Bwana.