< Ermiyaas 16 >
1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
耶和華的話又臨到我說:
2 “Ati iddoo kanatti niitii fuutee ilmaan yookaan intallan hin dhalchin.”
「你在這地方不可娶妻,生兒養女。
3 Waaqayyo waaʼee ilmaanii fi intallan iddoo kanatti dhalatanii, waaʼee dubartoota haadhota isaanii taʼaniitii fi waaʼee dhiirota abbootii isaanii taʼanii akkana jedhaatii:
因為論到在這地方所生的兒女,又論到在這國中生養他們的父母,耶和華如此說:
4 “Isaan dhukkuba nama ajjeesuun dhumu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼu malee booʼicha hin argatan; hin awwaalamanis. Isaan goraadee fi beelaan dhumu. Reeffi isaaniis allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa.”
他們必死得甚苦,無人哀哭,必不得葬埋,必在地上像糞土,必被刀劍和饑荒滅絕;他們的屍首必給空中的飛鳥和地上的野獸作食物。」
5 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Ati mana booʼichaa hin seenin yookaan dhaqxee hin booʼin yookaan isaan hin jajjabeessin; ani eebba koo, jaalala kootii fi gara laafina koo saba kana irraa fudhadheeraatii” jedha Waaqayyo.
耶和華如此說:「不要進入喪家,不要去哀哭,也不要為他們悲傷,因我已將我的平安、慈愛、憐憫從這百姓奪去了。這是耶和華說的。
6 “Namni xinnaa fi guddaan biyya kana keessatti ni duʼa. Isaan hin awwaalaman yookaan booʼicha hin argatan; namni tokko iyyuu isaaniif jedhee of hin murmuru yookaan mataa hin haaddatu.
連大帶小,都必在這地死亡,不得葬埋。人必不為他們哀哭,不用刀劃身,也不使頭光禿。
7 Namni tokko iyyuu warra namni irraa duʼe jajjabeessuuf jedhee nyaata hin geessuuf; yookaan namni tokko iyyuu nama abbaan yookaan haati jalaa duute jajjabeessuuf jedhee dhugaatii hin geessu.
他們有喪事,人必不為他們擘餅,因死人安慰他們;他們喪父喪母,人也不給他們一杯酒安慰他們。
8 “Mana cidhi jiru hin seenin; nyaachuu fi dhuguuf jettees isaan wajjin hin taaʼin.
你不可進入宴樂的家,與他們同坐吃喝。
9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: Ani ija keessan durattii fi bara keessan keessa sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa iddoo kanaa nan balleessa.
因為萬軍之耶和華-以色列的上帝如此說:你們還活着的日子在你們眼前,我必使歡喜和快樂的聲音,新郎和新婦的聲音,從這地方止息了。
10 “Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘Waaqayyo maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? Waaqayyo Waaqa keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti,
「你將這一切的話指示這百姓。他們問你說:『耶和華為甚麼說,要降這大災禍攻擊我們呢?我們有甚麼罪孽呢?我們向耶和華-我們的上帝犯了甚麼罪呢?』
11 akkana isaaniin jedhi; ‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii waaqota kaan duukaa buʼanii isaan tajaajilanii fi isaan waaqeffataniif’ jedha Waaqayyo; ‘isaan na dhiisan; seera koos hin eegne.
你就對他們說:『耶和華說:因為你們列祖離棄我,隨從別神,事奉敬拜,不遵守我的律法,
12 Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii.
而且你們行惡比你們列祖更甚;因為各人隨從自己頑梗的惡心行事,甚至不聽從我,
13 Kanaafuu ani biyya kana keessaa isin baasee, biyya isin yookaan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata; isinis achitti halkanii guyyaa waaqota biraa tajaajiltu; ani isiniif hin naʼuutii.’
所以我必將你們從這地趕出,直趕到你們和你們列祖素不認識的地。你們在那裏必晝夜事奉別神,因為我必不向你們施恩。』」
14 “Taʼus” jedha Waaqayyo, “barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa, isa biyya Gibxii Israaʼeloota baase sanaa’ jedhanii hin kakanne ni dhufa,
耶和華說:「日子將到,人必不再指着那領以色列人從埃及地上來之永生的耶和華起誓,
15 isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya kaabaatii fi biyyoota itti isaan bittinneesse hunda keessaa baasee fide sanaa’ ni jedhu. Ani biyya abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan nan deebisaatii.
卻要指着那領以色列人從北方之地,並趕他們到的各國上來之永生的耶和華起誓,並且我要領他們再入我從前賜給他們列祖之地。」
16 “Amma immoo ani akka isaan qurxummii qabdoota hedduu fidaniif namoota nan erga” jedha Waaqayyo; “isaanis jara ni qabu. Ergasii ani akka isaan adamsitoota hedduu fidaniif namoota nan erga; isaanis tulluu hundaa fi gaara hunda irra, baqaqaa kattaa hunda keessas jara ni adamsu.
耶和華說:「我要召許多打魚的把以色列人打上來,然後我要召許多打獵的,從各山上、各岡上、各石穴中獵取他們。
17 Iji koo karaa isaanii hunda irra jira; isaanis na duraa hin dhokatan; cubbuun isaaniis ija koo duraa hin dhokfamu.
因我的眼目察看他們的一切行為;他們不能在我面前遮掩,他們的罪孽也不能在我眼前隱藏。
18 Sababii isaan fakkiiwwan isaanii lubbuu dhabeeyyii faayidaa hin qabne sanaan biyya koo xureessanii, waaqota isaanii jibbisiisoo sanaanis handhuuraa koo guutaniif ani gatii hamminaa fi lubbuu isaaniitiif malu harka lama nan baasaaf.”
我先要加倍報應他們的罪孽和罪惡;因為他們用可憎之屍玷污我的地土,又用可厭之物充滿我的產業。」
19 Yaa Waaqayyo, jabina kootii fi daʼannoo ko, daʼoo koo kan yeroo rakkinaa, ormoonni handaara lafaatii gara kee dhufanii akkana jedhu, “Abbootiin keenya waaqota sobaa, waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen waan gaarii tokko illee isaaniif hin goone sana malee homaa hin dhaalle.
耶和華啊,你是我的力量, 是我的保障; 在苦難之日是我的避難所。 列國人必從地極來到你這裏, 說:我們列祖所承受的, 不過是虛假,是虛空無益之物。
20 Namoonni ofii isaaniitiif waaqota ni tolfatuu? Eeyyee, garuu isaan waaqota miti!”
人豈可為自己製造神呢? 其實這不是神。
21 “Kanaafuu ani isaan nan barsiisa; yeroo kanatti ani humna koo fi jabina koo isaan nan barsiisa. Yoos isaan akka maqaan koo Waaqayyo taʼe ni beeku.
耶和華說:「我要使他們知道,就是這一次使他們知道我的手和我的能力。他們就知道我的名是耶和華了。」