< Ermiyaas 15 >

1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yoo Musee fi Saamuʼeel fuula koo dura dhaabatan iyyuu garaan koo gara saba kanaatti hin deebiʼu. Fuula koo duraa isaan ariʼi! Isaan haa deeman!
Sai Ubangiji ya ce mini, “Ko da Musa da Sama’ila za su tsaya a gabana, zuciyata ba za tă komo ga mutanen nan ba. Ka kore su daga gabana! Su tafi!
2 Yoo isaan, ‘Eessa dhaqna?’ jedhanii si gaafatan immoo akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Namni duʼaaf ramadame gara duʼaa, namni goraadeedhaaf ramadame gara goraadee, namni beelaaf ramadame gara beelaa, namni boojuudhaaf ramadame immoo gara boojuu dhaqa.’
In kuma suka tambaye ka, ‘Ina za mu tafi?’ Sai ka faɗa musu, ‘Ga abin da Ubangiji yana cewa, “‘Waɗanda aka ƙaddara ga mutuwa, ga mutuwa za su; waɗanda aka ƙaddara ga takobi, ga takobi za su; waɗanda aka ƙaddara ga yunwa, ga yunwa za su; waɗanda aka ƙaddara ga zaman bauta, ga zaman bauta za su.’
3 “Ani waan isaan balleessu gosa afur isaanitti nan erga” jedha Waaqayyo. “Akka isaan ajjeesuuf goraadee, akka isaan harkisaniif saroota, akka isaan nyaatanii fixaniif immoo allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaa isaanitti nan erga.
“Zan aika musu da iri masu hallakarwa guda huɗu,” in ji Ubangiji, “takobi zai kashe, karnuka za su kwashe, tsuntsaye da namun jeji kuma su cinye su kuma hallaka.
4 Ani sababii Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootichi Yihuudaa Yerusaalem keessatti hojjete waan sanaatiif fuula mootummoota lafa irraa hunda duratti jibbamtoota isaan nan godha.
Zan sa su zama abin ƙyama ga dukan mulkokin duniya saboda abin da Manasse ɗan Hezekiya sarkin Yahuda ya aikata a Urushalima.
5 “Yaa Yerusaalem, eenyutu garaa siif laafa? Eenyutu siif booʼa? Eenyutu si dubbisuuf sitti gora?
“Wa zai ji tausayinki, ya Urushalima? Wa zai yi makoki dominki? Wa zai dakata ya tambayi lafiyarki?
6 Ati na dhiifteerta; ittuma fuftees duubatti deebiʼaa jirta” jedha Waaqayyo. “Kanaafuu ani harka koo sitti hiixadhee sin balleessa; ani siʼachi siif naʼuu hin dandaʼu.
Kin ƙi ni,” in ji Ubangiji. “Ki ci gaba da ja da baya. Ta haka zan ɗibiya hannuwana a kanki in hallaka ki; ba zan ƙara nuna miki jinƙai ba.
7 Ani karrawwan magaalaa biyyattii duratti, qorbiidhaan qilleensatti isaan nan kenna. Ani saba kootti gaddaa fi badiisa nan fida; isaan karaa isaanii irraa hin deebineetii.
Zan sheƙe ki da abin sheƙewa a ƙofofin birnin ƙasar. Zan kawo baƙin ciki da hallaka a kan mutanena, gama ba su canja hanyoyinsu ba.
8 Ani haadhota hiyyeessaa isaanii cirracha galaanaa caalaa nan baayʼisa. Ani haadhota dargaggoota isaaniitti, guyyuma saafaadhaan waan isaan balleessu tokko nan fida; ani goolii fi naasuu akkuma tasaa isaanitti nan gadhiisa.
Zan ƙara yawan gwaurayensu su fi yashin teku yawa. Da tsakar rana zan kawo mai hallakarwa a kan iyaye mata na samarinsu; farat ɗaya zan kawo musu wahala da razana.
9 Haati ilmaan torbaa gaggabdee hafuura dhumaa baafatti. Aduun ishee guyyuma adiidhaan dhiiti; isheenis salphattee namaa gad taati. Ani hambaawwan isaanii fuula diinota isaanii duratti goraadeef dabarsee nan kenna” jedha Waaqayyo.
Mahaifiya’ya’ya bakwai za tă suma ta ja numfashinta na ƙarshe. Ranarta zai fāɗi tun lokacin bai yi ba; za tă sha kunya a kuma wulaƙanta ta. Zan sa a kashe raguwa da takobi a gaban abokan gābansu,” in ji Ubangiji.
10 Wayyoo yaa haadha ko, kan ana nama biyyattii guutuu loluu fi falmu deesse? Ani hin liqeessine yookaan hin liqeeffanne; namni hundi garuu na abaara.
Kaitona, mahaifiyata, da kika haife ni, mutumin da dukan ƙasa take faɗa take kuma gardama da shi! Ban ba da bashi ko in ci bashi ba, duk da haka kowa yana zagina.
11 Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan kaayyoo gaariidhaaf sin baraara; Ani dhugumaan yeroo rakkinaatii fi gidiraatti, akka diinonni kee si kadhatan nan godha.
Ubangiji ya ce, “Tabbatacce zan cece ka don alheri; tabbatacce zan sa abokan gābanka su yi roƙo gare ka a lokacin masifa da kuma lokacin wahala.
12 “Namni kam iyyuu sibiila, sibiila kaabaa dhufe yookaan naasii cabsuu ni dandaʼaa?
“Mutum zai iya karye ƙarfe ƙarfe daga arewa, ko tagulla?
13 “Sababii cubbuu kee hunda kan biyya kee guutuu keessa jiru sanaatiif ani badhaadhummaa keetii fi qabeenya kee toluma boojuuf nan kenna.
“Dukiyarku da arzikinku zan ba da su ganima, babu tara, saboda duka zunubanku ko’ina a ƙasar.
14 Sababii dheekkamsi koo ibidda ishee gubu qabsiisuuf, ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa.”
Zan bautar da ku ga abokan gābanku a ƙasar da ba ku sani ba, gama fushina zai yi ƙuna kamar wuta da za tă yi ƙuna a kanku.”
15 Yaa Waaqayyo situ beeka; na yaadadhu; na tiksis. Warra na ariʼatan haaloo naaf baʼi. Ati obsa guddaa qabdaatii na hin balleessin; akka ani siif jedhee tuffatamu beeki.
Ka gane, ya Ubangiji; ka tuna da ni ka kuma lura da ni. Ka yi mini ramuwa a kan masu tsananta mini. Cikin jimirinka, kada ka ɗauke ni; ka tuna yadda na sha zagi saboda kai.
16 Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; yaa Waaqayyo, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
Sa’ad da maganganunka suka zo, na cinye su; suka zama abin farin ciki zuciyata kuma ta yi murna, gama ana kirana da sunanka, Ya Ubangiji Allah Maɗaukaki.
17 Ani gonkumaa tuuta fandalaltootaa wajjin hin teenye; gonkumaa isaan wajjin hin gammanne; sababii harki kee narra turee fi sababii ati aariidhaan na guutteef ani kophaa koo nan taaʼe.
Ban taɓa zauna a cikin’yan tawaye ba, ban taɓa yi murna da su ba; na zauna ni kaɗai domin hannunka yana a kaina ka kuma sa na cika da haushi.
18 Rakkinni koo maaliif dhuma dhabe? Madaan koos maaliif fayyuu dide? Ati akka laga nama gowwoomsuu akka burqaa goguus natti taataa?
Me ya sa wahalata ba ta ƙarewa mikina kuma ba ya warkuwa? Za ka zama mini kamar rafi mai yaudara ne, kamar maɓulɓulan da ta kafe ne?
19 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ati qalbii jijjiirratte, ani akka ati na tajaajiltuuf deebisee sin dhaaba; Ati yoo dubbii faayidaa hin qabne dhiiftee dubbii faayidaa qabu dubbatte afaan naaf taata. Sabni kun gara keetti haa deebiʼuu malee ati gara isaaniitti deebiʼuu hin qabdu.
Saboda haka ga abin da Ubangiji yana cewa, “In ka tuba, zan maido da kai don ka bauta mini; in ka ambaci maganganu masu kyau, ba marasa kyau ba, za ka zama kakakina. Bari wannan mutane su juyo gare ka, amma kada ka juye gare su.
20 Ani saba kanaaf dallaa dhagaa, dallaa naasii kan jabeeffamee ijaarame sin taasisa; isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baraaruu fi si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.
Zan mai da kai katanga ga wannan mutane, katanga mai ƙarfi na tagulla; za su yi yaƙi da kai amma ba za su yi nasara a kanka ba, gama ina tare da kai don in kuɓutar in kuma cece ka,” in ji Ubangiji.
21 “Ani harka namoota hamoo jalaa sin baasa; harka warra gara jabeeyyii jalaas sin fura.”
“Zan cece ka daga hannuwan mugaye in ɓamɓare ka daga hannun marasa tausayi.”

< Ermiyaas 15 >