< Ermiyaas 14 >
1 Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
Hili ndilo neno la Bwana kwa Yeremia kuhusu ukame:
2 “Yihuudaan ni boossi; magaalaawwan ishees gad deebiʼaa jiru; isaan biyyattiidhaaf ni wawwaatu; iyyi tokkos Yerusaalemii dhagaʼamaa jira.
“Yuda anaomboleza, miji yake inayodhoofika; wanaomboleza kwa ajili ya nchi, nacho kilio kinapanda kutoka Yerusalemu.
3 Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu; isaanis gara boolla bishaanii dhaqu; garuu bishaan hin argatan. Isaan okkotee isaanii duwwaa qabatanii deebiʼu; isaan qaanaʼanii abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
Wakuu wanawatuma watumishi wao maji; wanakwenda visimani lakini humo hakuna maji. Wanarudi na vyombo bila maji; wakiwa na hofu na kukata tamaa, wanafunika vichwa vyao.
4 Sababii biyyattii keessaa bokkaan dhabameef lafti ni babbaqaqxe; qonnaan bultoonnis abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
Ardhi imepasuka nyufa kwa sababu hakuna mvua katika nchi; wakulima wana hofu na wanafunika vichwa vyao.
5 Sababii margi hin jirreef, borofni bakkee iyyuu ilmoo ishee kan reefuu dhalatte gattee deemti.
Hata kulungu mashambani anamwacha mtoto wake aliyezaliwa wakati huo huo kwa sababu hakuna majani.
6 Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii akkuma waangotaa arganu; sababii waan dheedan dhabaniif iji isaanii waa arguu dadhabe.”
Punda-mwitu wanasimama juu ya miinuko iliyo kame na kutweta kama mbweha; macho yao yanakosa nguvu za kuona kwa ajili ya kukosa malisho.”
7 Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu ati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi. Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera; nu cubbuu sitti hojjenneerra.
Ingawa dhambi zetu zinashuhudia juu yetu, Ee Bwana, tenda jambo kwa ajili ya jina lako. Kwa kuwa kukengeuka kwetu ni kukubwa, nasi tumetenda dhambi dhidi yako.
8 Yaa abdii Israaʼel, Fayyisaa ishee kan yeroo rakkinaa, ati maaliif akkuma kara deemtuu halkan tokko qofa bultuu biyyattii keessatti akkuma keessummaa taata?
Ee Tumaini la Israeli, Mwokozi wake wakati wa taabu, kwa nini unakuwa kama mgeni katika nchi, kama msafiri anayekaa kwa usiku mmoja tu?
9 Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo, akkuma loltuu nama oolchuu hin dandeenye tokkoo taata? Yaa Waaqayyo, ati nu gidduu jirta; nu maqaa keetiin waamamna; ati nu hin gatin.
Mbona unakuwa kama mtu aliyeshtukizwa, kama shujaa asiye na uwezo wa kuokoa? Wewe uko katikati yetu, Ee Bwana, nasi tunaitwa kwa jina lako; usituache!
10 Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha: “Isaan jooruu jaallatu; miilla isaanii hin ittifatan. Kanaafuu Waaqayyo isaanitti hin gammadu; inni amma hammina isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.”
Hili ndilo Bwana asemalo kuhusu watu hawa: “Wanapenda sana kutangatanga, hawaizuii miguu yao. Hivyo Bwana hawakubali; sasa ataukumbuka uovu wao na kuwaadhibu kwa ajili ya dhambi zao.”
11 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin.
Kisha Bwana akaniambia, “Usiombe kwa ajili ya mafanikio ya watu hawa.
12 Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”
Ingawa wanafunga, sitasikiliza kilio chao; hata wakitoa dhabihu za kuteketezwa na dhabihu za nafaka, sitazikubali. Badala yake, nitawaangamiza kwa upanga, njaa na tauni.”
13 Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”
Lakini nikasema, “Aa, Bwana Mwenyezi, manabii wanaendelea kuwaambia, ‘Hamtaona upanga wala kukabiliwa na njaa. Naam, nitawapa amani ya kudumu mahali hapa.’”
14 Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu.
Ndipo Bwana akaniambia, “Manabii wanatabiri uongo kwa jina langu. Sikuwatuma, wala sikuwaweka, wala sikusema nao. Wanawatabiria maono ya uongo, maaguzi, maono ya sanamu zisizofaa kitu, na madanganyo ya mawazo yao wenyewe.
15 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.
Kwa hiyo, hili ndilo Bwana asemalo kuhusu manabii wanaotabiri kwa jina langu: Mimi sikuwatuma, lakini wanasema, ‘Hakuna upanga wala njaa itakayoigusa nchi hii.’ Manabii hao hao watakufa kwa upanga na njaa.
16 Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
Nao watu hao wanaowatabiria watatupwa nje katika barabara za Yerusalemu kwa sababu ya njaa na upanga. Hapatakuwepo yeyote wa kuwazika wao au wake zao, wana wao au binti zao. Nitawamwagia maafa wanayostahili.
17 “Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu: “‘Iji koo halkanii fi guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaan haa lolaasu; intalli, Durbi Qulqullittiin saba kootii akka malee madooftee dhaʼicha hamaadhaan dhaʼamte.
“Nena nao neno hili: “‘Macho yangu na yatiririkwe na machozi usiku na mchana bila kukoma; kwa kuwa binti yangu aliye bikira, yaani watu wangu, amepata jeraha baya, pigo la kuangamiza.
18 Ani yoon baadiyyaa dhaqe, warra goraadeedhaan dhuman nan arga; yoon magaalaa seene immoo, warra beelaan dhuman nan arga. Raajonnii fi luboonni biyya hin beekne keessa jooru.’”
Kama nikienda mashambani, ninaona wale waliouawa kwa upanga; kama nikienda mjini, ninaona maangamizi ya njaa. Nabii na kuhani kwa pamoja wamekwenda katika nchi wasiyoijua.’”
19 Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa? Xiyooniinis ni tuffattaa? Ati maaliif akka nu fayyuu hin dandeenyeef nu miita? Nu nagaa abdanne; garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; nu yeroo fayyinaa abdanne; garuu raafama qofatu jira.
Je, umemkataa Yuda kabisa? Umemchukia Sayuni kabisa? Kwa nini umetuumiza hata hatuwezi kuponyeka? Tulitarajia amani, lakini hakuna jema lililotujia; tulitarajia wakati wa kupona lakini kuna hofu kuu tu.
20 Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fi yakka abbootii keenyaa ni beekna; nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra.
Ee Bwana, tunatambua uovu wetu na kosa la baba zetu; kweli tumetenda dhambi dhidi yako.
21 Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin; teessoo kee ulfina qabeessa sanas hin qaanessin. Kakuu nu wajjin galte sana yaadadhu; isas hin cabsin.
Kwa ajili ya jina lako usituchukie kabisa; usikidharau kiti chako cha enzi kilichotukuka. Kumbuka agano lako nasi na usilivunje.
22 Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa? Samiiwwan mataan isaanii iyyuu tiifuu gad erguu? Yaa Waaqayyo Waaqni keenya suma mitii? Kanaafuu abdiin keenya suma; situ waan kana hunda hojjetaatii.
Je, kuna sanamu yoyote isiyofaa kitu ya mataifa iwezayo kuleta mvua? Je, anga peke yake zaweza kutoa mvua? La hasha, ni wewe peke yako, Ee Bwana, Mungu wetu. Kwa hiyo tumaini letu liko kwako, kwa kuwa wewe ndiwe ufanyaye haya yote.