< Ermiyaas 13 >

1 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu mudhii keetti hidhadhu; garuu bishaan hin tuqsiisin.”
Thus says the Lord, Go and procure for yourself a linen girdle, and put it about your loins, and let it not be put in water.
2 Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti sabbata bitadhee mudhii kootti nan hidhadhe.
So I procured the girdle according to the word of the Lord, and put it about my loins.
3 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee yeroo lammaffaa gara koo dhufe:
And the word of the Lord came to me, saying,
4 “Sabbata bitattee mudhiitti hidhatte sana fuudhiitii gara Laga Efraaxiis dhaqi; sabbata sanas baqaqaa kattaa keessa dhoksi.”
Take the girdle that is upon your loins, and arise, and go to the Euphrates, and hide it there in a hole of the rock.
5 Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti dhaqee sabbata sana Laga Efraaxiis bira nan dhokse.
So I went, and hid it by the Euphrates, as the Lord commanded me.
6 Bultii hedduu booddee Waaqayyo, “Amma gara Efraaxiis dhaqiitii sabbata ani akka ati achitti dhoksitu si ajaje sana fudhadhu” naan jedhe.
And it came to pass after many days, that the Lord said to me, Arise, go to the Euphrates, and take thence the girdle, which I commanded you to hide there.
7 Kanaafuu ani gara Efraaxiis dhaqee sabbata sana iddoon itti dhoksee ture sanaa qotee baasee nan fudhadhe; sabbanni sun garuu yeroo sanatti ciccitee guutumaan guutuutti horoomaa baʼee ture.
So I went to the river Euphrates, and dug, and took the girdle out of the place where I [had] buried it: and, behold, it was rotten, utterly good for nothing.
8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
And the word of the Lord came to me, saying, Thus says the Lord,
9 “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani haaluma wal fakkaatuun of tuulummaa Yihuudaatii fi of tuulummaa Yerusaalem guddaa sana nan balleessa.
Thus will I mar the pride of Juda, and the pride of Jerusalem;
10 Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa.
[even] this great pride [of the men] that will not listen to my words, and have gone after strange gods, to serve them, and to worship them: and they shall be as this girdle, which can be used for nothing.
11 Akkuma sabbanni tokko mudhii namaatti hidhamu sana anis akka isaan saba, maqaa, galataa fi ulfina naa taʼaniif guutummaa mana Israaʼelii fi guutummaa mana Yihuudaa ofitti maxxanseen ture. Isaan garuu na hin dhaggeeffanne’ jedha Waaqayyo.
For as a girdle cleaves about the loins of a man, so have I caused to cleave to myself the house of Israel, and the whole house of Juda; that they might be to me a famous people, and a praise, and a glory: but they did not listen to me.
12 “Ati akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qaba.’ Yoo isaan, ‘Nu akka qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qabu hin beeknuu?’ siin jedhan,
And you shall say to this people, Every bottle shall be filled with wine: and it shall come to pass, if they shall say to you, Shall we not certainly know that every bottle shall be filled with wine? that you shall say to them,
13 ati akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani namoota biyya kana keessa jiraatan hunda, mootota teessoo Daawit irra taaʼan, luboota, raajotaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda machiidhaan nan guuta.
Thus says the Lord, Behold, I [will] fill the inhabitants of this land, and their kings the sons of David that sit upon their throne, and the priests, and the prophets, and Juda and all the dwellers in Jerusalem, with strong drink.
14 Ani tokkoo tokkoo isaanii walittin buusa; abbootii fi ilmaanis akkasuma walitti nan buusa, jedha Waaqayyo. Ani isaan nan balleessa malee isaaniif hin naʼu yookaan isaaniif hin araaramu yookaan garaa hin laafuuf.’”
And I will scatter them a man and his brother, and their fathers and their sons together: I will not have compassion, says the Lord, and I will not spare, neither will I pity [to save them] from destruction.
15 Dhagaʼaa; qalbeeffadhaas; of hin tuulinaa; Waaqayyo dubbateeraatii.
Hear you, and give ear, and be not proud: for the Lord has spoken.
16 Utuu inni dukkana hin fidin, utuu miilli keessan tulluu dukkanaaʼaa jiru irratti hin gufatin Waaqayyo Waaqa keessaniif ulfina kennaa. Isin ifa abdattu; inni garuu ifa sana dimimmisatti deebisee dukkana duudaatti geeddara.
Give glory to the Lord your God, before he cause darkness, and before your feet stumble on the dark mountains, and you shall wait for light, and behold the shadow of death, and they shall be brought into darkness.
17 Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu, sababii of tuulummaa keessaniitiif lubbuun koo dhoksaatti ni boossi; sababii bushaayeen Waaqayyoo boojuun fuudhamaniif iji koo akka malee boossee imimmaan ishee keessaa ni rooba.
But if you will not listen, your soul shall weep in secret because of pride, and your eyes shall pour down tears, because the Lord's flock is sorely bruised.
18 Mootichaa fi haadha mootichaatiin, “Teessoo keessan irraa buʼaa; gonfoon keessan ulfina qabeessi sun mataa keessan irraa ni buʼaatii” jedhi.
Say you to the king and the princes, Humble yourselves, and sit down; for your crown of glory is removed from your head.
19 Magaalaawwan Negeeb ni cufamu; namni isaan banu tokko iyyuu hin jiru. Yihuudaan hundi ni boojiʼamti; guutumaan guutuuttis biyyaa fudhatamti.
The cities toward the south were shut, and there was none to open [them]: Juda is removed [into captivity, ]they have suffered a complete removal.
20 Ija keessan ol fudhadhaatii warra gama kaabaatii dhufaa jiran ilaalaa. Bushaayeen imaanaa sitti kennaman, hoolonni ati ittiin boonte sun eessa jiru?
Lift up your eyes, O Jerusalem, and behold them that come from the north; where is the flock that was given you, the sheep of your glory?
21 Yommuu Waaqayyo warra ati akka isaan michoota siif taʼaniif leenjifte sana sirratti muudutti ati maal jetta? Akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo dhiphinni si hin qabuu?
What will you say when they shall visit you, for you did teach them lessons for rule against yourself; shall not pangs seize you as a woman in travail?
22 Yoo ati, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jettee of gaafatte wanni wandaboon kee sirraa mulqamee dhagni kee salphifameef sababii cubbuu kee baayʼee sanaatiif.
And if you should say in your heart, Therefore have these things happened to me? Because of the abundance of your iniquity have your skirts been discovered, that your heels might be exposed.
23 Namni Itoophiyaa tokko bifa isaa yookaan qeerransi buburrina isaa geeddaruu ni dandaʼaa? Isin warri hammina hojjechuu barattanis waan gaarii hojjechuu hin dandeessan.
If the Ethiopian shall change his skin, or the leopardess her spots, then shall you be able to do good, having learned evil.
24 “Akkuma bubbeen gammoojjii habaqii bittinneessu sana anis isin nan bittinneessa.
So I scattered them as sticks carried by the wind into the wilderness.
25 Sababii ati na irraanfattee waaqota sobaa amanatteef, kun ixaa kee, qooda ani siif safaree dha” jedha Waaqayyo.
Thus is your lot, and the reward of your disobedience to me, says the Lord; as you did forget me, and trust in lies,
26 “Akka qaaniin kee mulʼatuuf ani wandaboo kee fuula keetti ol nan soqola.
I also will expose your skirts upon your face, and your shame shall be seen;
27 Ejjummaa fi himimsuun kee, sagaagalummaan kee kan qaanii hin qabne sunis ni mulʼata! Ani hojii kee jibbisiisaa sana gaarran irraa fi bakkee keessatti argeera. Yaa Yerusaalem, siif wayyoo! Ati hamma yoomiitti xurooftee hafta?”
your adultery also, and your neighing, and the looseness of your fornication: on the hills and in the fields I have seen your abominations. Woe to you, O Jerusalem, for you have not been purified so as to follow me; how long yet [shall it be]?

< Ermiyaas 13 >