< Ermiyaas 12 >
1 Yaa Waaqayyo yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti ati yeroo hunda qajeelaa dha. Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha; karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa? Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu?
Kullum kai mai adalci ne, ya Ubangiji, sa’ad da na kawo ƙara a gabanka. Duk da haka zan yi magana da kai game da shari’arka. Me ya sa mugaye suke nasara? Me ya sa dukan maciya amana suke zama ba damuwa?
2 Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru; ni guddatu; ijas ni naqatu. Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu; garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta.
Ka dasa su, sun kuwa yi saiwa; sun yi girma suna ba da’ya’ya. Kullum sunanka yana a bakinsu amma kana nesa da zuciyarsu.
3 Taʼus yaa Waaqayyo ati na beekta; na ilaaltees yaada ani siif qabu ni qorta. Akka hoolaa qalamuuf deemuutti harkisii isaan geessi! Guyyaa qalmaatiifis kophaatti isaan baasi!
Duk da haka ka san ni, ya Ubangiji; kana ganina ka kuma gwada tunanina game da kai. Ka ja su kamar tumakin da za a yanka! Ka ware su don ranar yanka!
4 Biyyattiin hamma yoomiitti boossee margi dirree hundis goga? Sababii hammina warra biyyattii keessa jiraataniitii fi sababii namoonni, “Inni waan nurra gaʼaa jiru hin argu” jedhaniif horii fi simbirroonni dhumaniiru.
Har yaushe ƙasar za tă kasance busasshiya ciyawar kowane fili ta bushe? Domin waɗanda suke zaune cikinta mugaye ne, dabbobi da tsuntsaye sun hallaka. Ban da haka ma, mutane suna cewa, “Ba zai ga abin da yake faruwa da mu ba.”
5 “Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga isaan si dadhabsiisanii, fardeen wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa ree? Ati biyya nagaa keessatti erga gufatte, bosona Yordaanos keessatti akkam taata ree?
“In ka yi tsere da mutane a ƙafa suka kuma gajiyar da kai, yaya za ka yi gasa da dawakai? In ka yi tuntuɓe a lafiyayyiyar ƙasa, ƙaƙa za ka yi a kurmin Urdun?
6 Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii, isaan iyyuu si gananiiru; isaan sagalee ol fudhatanii sitti iyyu. Yoo isaan afaan nagaa sitti dubbatan iyyuu, ati isaan hin amanin.
’Yan’uwanka, iyalinka har su ma sun bashe ka; sun tā da kuka mai ƙarfi a kanka. Kada ka amince da su, ko da yake suna faɗa maganganu masu kyau game da kai.
7 “Ani mana koo dhiiseera; handhuuraa koos gateera; ani ishee garaan koo jaallatu sana harka diinota isheetti dabarsee kenneera.
“Zan yashe gidana, in rabu da gādona; Zan ba da wadda nake ƙauna a hannuwan abokan gābanta.
8 Handhuuraan koo akkuma leenca bosonaa natti taateerti. Isheen natti aadde; kanaafuu ani ishee jibbeera.
Gādona ya zama mini kamar zaki a kurmi. Yana mini ruri; saboda haka na ƙi shi.
9 Handhuuraan koo akka allaattii burree kan allaattiiwwan biraa marsanii miidhan tokkoo natti hin taanee? Dhaqaatii bineensota bosonaa hunda walitti qabaa; akka ishee nyaataniifis isaan fidaa.
Ashe, gādona bai zama mini kamar dabbare dabbaren tsuntsu mai cin nama da sauran tsuntsaye masu cin nama suka kewaye shi da faɗa ba? Tafi ka tattaro dukan namun jeji; ka kawo su su ci.
10 Tiksoonni hedduun iddoo dhaabaa wayinii kootii ni balleessu; qooda koos ni dhidhiitu; qooda natti tolus ni onsu.
Makiyaya masu yawa za su lalace gonar inabina su tattake gonata; za su mai da gonata mai kyau kango marar amfani.
11 Isaan isa onsu; inni onee gara kootti iyya; namni dhimma isaa qabus waan hin jirreef lafti guutuun onee hafa.
Za tă zama kango, busasshiya da kuma kango a gabana; ƙasar duka za tă zama kango domin ba wanda ya kula.
12 Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii keessaa hunda irra balleessitoonni ni raamʼisu; goraadeen Waaqayyoo // moggaa biyyattii tokko irraa hamma moggaa kaaniitti ni fixaatii; namni tokko iyyuu hin hafu.
A kan dukan tsaunukan nan na hamada masu hallakarwa za su zo, gama takobin Ubangiji zai ci daga wannan iyaka ƙasa zuwa wancan; ba wanda zai zauna lafiya.
13 Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu; ni dhamaʼu garuu homaa hin argatan. Sababii dheekkamsa Waaqayyoo isa cimaa sanaatiif midhaan galfatanitti ni qaanaʼu.”
Za su shuka alkama, su girbe ƙayayyuwa; za su gajiyar da kansu, ba za su kuwa sami kome ba. Saboda haka ku sha kunyar abin da kuka girbe saboda zafin fushin Ubangiji.”
14 Waaqayyo akkana jedha; “Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa.
Ga abin da Ubangiji yana cewa, “Game da dukan mugayen maƙwabtana waɗanda suka ƙwace gādon da na ba wa mutanena Isra’ila kuwa, zan tumɓuke su daga ƙasashensu zan kuma tumɓuke gidan Yahuda daga cikinsu.
15 Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa.
Amma bayan na tumɓuke su, zan sāke jin tausayi in komo da kowannensu zuwa gādonsa da kuma ƙasarsa.
16 Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu.
In kuma suka koyi al’amuran mutanena sosai suka kuma yi rantsuwa da sunana, suna cewa, ‘Muddin Ubangiji yana raye’ kamar yadda sun taɓa koya wa jama’ata yin rantsuwa da Ba’al, sa’an nan za su kahu a cikin jama’ata.
17 Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha Waaqayyo.
Amma duk al’ummar da ba tă saurara ba, zan tumɓuke ta ɗungum in kuma hallaka ta,” in ji Ubangiji.