< Ermiyaas 10 >
1 Yaa mana Israaʼel, waan Waaqayyo isiniin jedhu dhagaʼaa.
“Hear the word that Yahweh is announcing to you, house of Israel.
2 Waaqayyo akkana jedha: “Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa; saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuu isin mallattoowwan samii hin sodaatinaa.
Yahweh says this, 'Do not learn the ways of the nations, and do not be dismayed by the signs in the heavens, for the nations are dismayed by these.
3 Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu; isaan bosona keessaa muka muru; ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa.
For the religious customs of these people are worthless. They cut down a tree in the forest, and the craftsman carves the wood.
4 Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu; akka inni hin sochooneef burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu.
Then they decorate it with silver and gold. They strengthen it with hammer and nails so it will not fall over.
5 Waaqonni isaanii tolfamoon akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan; isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu. Sababii isaan nama miidhuu yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef isaan hin sodaatinaa.”
What they make with their hands is like scarecrows in a cucumber field, because they, too, can say nothing, and they have to be carried because they cannot walk. Do not fear them, for they cannot bring about evil, nor are they able to do anything good.'”
6 Yaa Waaqayyo kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; ati guddaa dha; maqaan kees humna guddaa qaba.
There is no one like you, Yahweh. You are great, and your name is great in power.
7 Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne? Kun siif ni malaatii. Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa, mootummoota isaanii hunda keessaas kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru.
Who does not fear you, king of the nations? For this is what you deserve, for there is no one like you among all the wise men of the nations or all their royal kingdoms.
8 Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas; isaan waaqota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu.
They are all the same, they are brutish and stupid, disciples of idols that are nothing but wood.
9 Meetiin tumame Tarshiishii, warqeen immoo Uufaazii fidama. Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan, wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundi halluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru.
They bring hammered silver from Tarshish, and gold from Uphaz made by artificers, the hands of refiners. Their clothes are blue and purple cloth. Their skillful men made all of these things.
10 Waaqayyo garuu Waaqa dhugaa ti; inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.
But Yahweh is the true God. He is the living God and eternal king. The earth quakes at his anger, and the nations cannot endure his anger.
11 “Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’”
You will speak to them like this, “The gods that did not make the heavens and earth will perish from the earth and from under these heavens.”
12 Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
But it was he who made the earth by his power, and he established the world by his wisdom, and by his understanding he stretched out the heavens.
13 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
His voice makes the roar of waters in the heavens, and he brings up the mists from the ends of the earth. He makes lightning for the rain and sends out wind from his storehouse.
14 Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
Every man has become ignorant, without knowledge. Every metalworker is put to shame by his idols. For his cast images are frauds; there is no life in them.
15 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti. Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
They are useless, the work of mockers; they will perish at the time of their punishment.
16 Inni Qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni Uumaa waan hundumaa ti, Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
But God, the portion of Jacob, is not like these, for he is the molder of all things. Israel is the tribe of his inheritance; Yahweh of hosts is his name.
17 Ati kan marfamtee jirtu, biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee walitti qabadhu.
Gather your bundle and leave the land, you people who have been living under the siege.
18 Waaqayyo akkana jedhaatii; “Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatan furguggisee nan baasa; akka isaan dhiphataniifis rakkina isaanitti nan fida.”
For Yahweh says this, “See, I am about to throw the inhabitants of the land out this time. I will cause them distress, and they will find it to be so.”
19 Waan ani miidhameef anaaf wayyoo! Madaan koo kan hin fayyinee dha! Taʼus ani ofii kootiin, “Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba” nan jedhe.
Woe to me! Because of my broken bones, my wound is infected. So I said, “Surely this is agony, but I must bear it.”
20 Dunkaanni koo diigameera; funyoon isaa hundis cicciteera. Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru; isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu, yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru.
My tent is devastated, and all of my tent cords are cut in two. They have taken my children away from me, so they no longer exist. There is no longer anyone to spread out my tent or to raise up my tent curtains.
21 Tiksoonni qalbii hin qaban; Waaqayyonis hin barbaaddatan; kanaafuu isaan hin milkaaʼan; bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru.
For the shepherds are stupid and they do not seek Yahweh; so they have not prospered, and all their flock has been scattered.
22 Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko biyya kaabaatii dhufaa jira! Innis magaalaawwan Yihuudaa onsee iddoo waangoonni jiraatan godha.
The report of news has arrived, “See! It is coming, a great earthquake is coming from the land of the north To make the cities of Judah into ruins, hideouts for jackals.”
23 Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka; namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.
I know, Yahweh, that the way of a man does not come from himself. No person walking directs his own steps.
24 Yaa Waaqayyo dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin, murtii qajeelaadhaan na sirreessi; yoo kanaa achii ati na balleessitaatii.
Discipline me, Yahweh, with justice, not in your anger or you would destroy me.
25 Saboota si hin beeknetti uummata maqaa kee hin waammannetti dheekkamsa kee dhangalaasi. Isaan Yaaqoobin nyaataniiruutii; guutumaan guutuuttis isa nyaatanii; iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru.
Pour your fury on the nations that do not know you and on the families that do not call on your name. For they have devoured Jacob and consumed him so as to completely destroy him and demolish his habitation.