< Ermiyaas 1 >

1 Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti.
Maneno ya Yeremia mwana wa Hilkia, mmoja wa makuhani katika mji wa Anathothi, katika nchi ya Benyamini.
2 Dubbiin Waaqayyoo bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe;
Neno la Bwana lilimjia katika mwaka wa kumi na tatu wa utawala wa Yosia mwana wa Amoni mfalme wa Yuda,
3 akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.
na pia wakati wa utawala wa Yehoyakimu mwana wa Yosia mfalme wa Yuda, mpaka mwezi wa tano wa mwaka wa kumi na moja wa utawala wa Sedekia mwana wa Yosia mfalme wa Yuda, wakati watu wa Yerusalemu walipopelekwa uhamishoni.
4 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Neno la Bwana lilinijia, kusema,
5 “Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”
“Kabla sijakuumba ndani ya tumbo la mama yako, nilikujua; kabla hujazaliwa nilikutenga kwa kazi maalum; nilikuweka uwe nabii kwa mataifa.”
6 Anis, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha” nan jedhe.
Nami nikasema, “Aa, Bwana Mwenyezi, sijui kusema, kwani mimi ni mtoto mdogo tu.”
7 Waaqayyo garuu akkana naan jedhe; “Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda.
Lakini Bwana akaniambia, “Usiseme, ‘Mimi ni mtoto mdogo tu.’ Utaenda popote nitakapokutuma na kunena lolote nitakalokuagiza.
8 Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo.
Usiwaogope, kwa maana niko pamoja nawe nikuokoe,” asema Bwana.
9 Ergasiis Waaqayyo harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; “Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera.
Kisha Bwana akaunyoosha mkono wake na kugusa kinywa changu, akaniambia, “Sasa nimeyaweka maneno yangu kinywani mwako.
10 Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.”
Tazama, leo nimekuweka juu ya mataifa na falme ili kungʼoa na kubomoa, kuharibu na kuangamiza, kujenga na kupanda.”
11 Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, “Ermiyaas, ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Damee muka lawuzii arguuttin jira” jedhe.
Neno la Bwana likanijia kusema, “Je, Yeremia unaona nini?” Nami nikajibu, “Naona tawi la mti wa mlozi.”
12 Waaqayyo immoo, “Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii” naan jedhe.
Bwana akaniambia, “Umeona vyema kwa maana ninaliangalia neno langu ili kuona kwamba limetimizwa.”
13 Dubbiin Waaqayyoo amma illee gara koo dhufee, “Ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga” jedhe.
Neno la Bwana likanijia tena, “Unaona nini?” Nikajibu, “Naona chungu kinachochemka, kikiwa kimeinama kutoka kaskazini.”
14 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa.
Bwana akaniambia, “Kutoka kaskazini maafa yatamwagwa kwa wote waishio katika nchi.
15 Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama” jedha Waaqayyo. “Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem dura teessoowwan isaanii ni dhaabbatu; isaan dallaawwan naannoo ishee hundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu.
Nitawaita watu wote wa falme za kaskazini,” asema Bwana. “Wafalme wao watakuja na kuweka viti vyao vya enzi katika maingilio ya malango ya Yerusalemu, watakuja dhidi ya kuta zake zote zinazouzunguka, na dhidi ya miji yote ya Yuda.
16 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraaf ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniif ani saba kootti murtii nan labsa.
Nitatoa hukumu zangu kwa watu wangu kwa sababu ya uovu wao wa kuniacha mimi, kwa kufukiza uvumba kwa miungu mingine na kuabudu kile ambacho mikono yao imekitengeneza.
17 “Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa.
“Jiandae! Simama useme chochote nitakachokuamuru. Usiwaogope, la sivyo nitakufanya uwaogope wao.
18 Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera.
Leo nimekufanya mji wenye ngome, nguzo ya chuma, na ukuta wa shaba ili kusimama dhidi ya nchi yote: dhidi ya wafalme wa Yuda, maafisa wake, makuhani wake na watu wa nchi hiyo.
19 Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.
Watapigana nawe lakini hawatakushinda, kwa kuwa niko pamoja nawe, nami nitakuokoa,” asema Bwana.

< Ermiyaas 1 >