< Ermiyaas 1 >

1 Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti.
کلام ارمیا ابن حلقیا از کاهنانی که درعناتوت در زمین بنیامین بودند.۱
2 Dubbiin Waaqayyoo bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe;
که کلام خداوند در ایام یوشیا ابن آمون پادشاه یهودا درسال سیزدهم از سلطنت او بر وی نازل شد.۲
3 akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.
و درایام یهویاقیم بن یوشیا پادشاه یهودا تا آخر سال یازدهم صدقیا ابن یوشیا پادشاه یهودا نازل می‌شد تا زمانی که اورشلیم در ماه پنجم به اسیری برده شد.۳
4 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
پس کلام خداوند بر من نازل شده، گفت:۴
5 “Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”
«قبل از آنکه تو را در شکم صورت بندم تو راشناختم و قبل از بیرون آمدنت از رحم تو راتقدیس نمودم و تو را نبی امت‌ها قرار دادم.»۵
6 Anis, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha” nan jedhe.
پس گفتم: «آه‌ای خداوند یهوه اینک من تکلم کردن را نمی دانم چونکه طفل هستم.»۶
7 Waaqayyo garuu akkana naan jedhe; “Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda.
اماخداوند مرا گفت: «مگو من طفل هستم، زیرا هرجایی که تو را بفرستم خواهی رفت و بهر‌چه تورا امر فرمایم تکلم خواهی نمود.۷
8 Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo.
از ایشان مترس زیرا خداوند می‌گوید: من با تو هستم و تورا رهایی خواهم داد.»۸
9 Ergasiis Waaqayyo harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; “Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera.
آنگاه خداوند دست خود را دراز کرده، دهان مرا لمس کرد و خداوندبه من گفت: «اینک کلام خود را در دهان تو نهادم.۹
10 Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.”
بدان که تو را امروز بر امت‌ها و ممالک مبعوث کردم تا از ریشه برکنی و منهدم سازی و هلاک کنی و خراب نمایی و بنا نمایی و غرس کنی.»۱۰
11 Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, “Ermiyaas, ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Damee muka lawuzii arguuttin jira” jedhe.
پس کلام خداوند بر من نازل شده، گفت: «ای ارمیا چه می‌بینی؟ گفتم: «شاخه‌ای از درخت بادام می‌بینم.»۱۱
12 Waaqayyo immoo, “Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii” naan jedhe.
خداوند مرا گفت: «نیکو دیدی زیرا که من بر کلام خود دیده بانی می‌کنم تا آن رابه انجام رسانم.»۱۲
13 Dubbiin Waaqayyoo amma illee gara koo dhufee, “Ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga” jedhe.
پس کلام خداوند بار دیگر به من رسیده، گفت: «چه چیز می‌بینی؟» گفتم: «دیگی جوشنده می‌بینم که رویش از طرف شمال است.»۱۳
14 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa.
و خداوند مرا گفت: «بلایی از طرف شمال بر جمیع سکنه این زمین منبسط خواهدشد.۱۴
15 Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama” jedha Waaqayyo. “Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem dura teessoowwan isaanii ni dhaabbatu; isaan dallaawwan naannoo ishee hundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu.
زیرا خداوند می‌گوید اینک من جمیع قبایل ممالک شمالی را خواهم خواند و ایشان آمده، هر کس کرسی خود را در دهنه دروازه اورشلیم و بر تمامی حصارهایش گرداگرد و به ضد تمامی شهرهای یهودا برپا خواهد داشت.۱۵
16 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraaf ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniif ani saba kootti murtii nan labsa.
و بر ایشان احکام خود را درباره همه شرارتشان جاری خواهم ساخت چونکه مرا ترک کردند و برای خدایان غیر بخور‌سوزانیدند واعمال دستهای خود را سجده نمودند.۱۶
17 “Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa.
پس توکمر خود را ببند و برخاسته، هر‌آنچه را من به توامر فرمایم به ایشان بگو و از ایشان هراسان مباش، مبادا تو را پیش روی ایشان مشوش سازم.۱۷
18 Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera.
زیرااینک من تو را امروز شهر حصاردار و ستون آهنین و حصارهای برنجین به ضد تمامی زمین برای پادشاهان یهودا و سروران و کاهنانش و قوم زمین ساختم.۱۸
19 Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.
و ایشان با تو جنگ خواهند کرداما بر تو غالب نخواهند آمد، زیرا خداوند می گوید: من با تو هستم و تو را رهایی خواهم داد.»۱۹

< Ermiyaas 1 >